Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni kun yeroo warra rakkatan gargaarru, tokkummaa fi walooma keenya cimsinudha - Hordoftoota amantaa Islaamaa Harar

Caamsaa 19/2018 (ENA): Ayyaanni Iid al-Adaha (Arafaa) yeroo warra rakkatan gargaarru, tokkummaa fi walooma keenya cimsinu dha jedhan hordoftoonni amantaa islaamaa Harar.

Naannoo Hararitti ayyaanni Iid al-Adahaa Istaadiyeemii Imaam Ahmad Harar keessatti kan kabajame yoo ta’u, pireesidaantiin naannichaa obbo Ordiin Badirii, hooggantoonni olaanoo fi hordoftoonni amantichaa argamaniiru.

Hordoftoonni amantaa islaamaa ENA waliin turtii taasisan, ayyaanicha wal deeggaruun waan qaban warra rakkataniif qooduun akka kabajan ibsaniiru.

Maawaardii Muhiyeddiin akka ibsitutti, ayyaana kana warra rakkatan gargaaruun ayyaaneffanna jetteetti.

Keessumattuu namoota harka qalleeyyii naannoo isaanii gammachiisuun ayyaana kana waliin akka dabarsan dubbatteetti.

Abdulaziz Abdiis akkasuma Iid al-Adahaa wal gargaaruun akkaataa barsiisa Islaamaatiin kabajna jedhaniiru.

Akka dargaggeessi Abdulaziiz jedhutti, innii fi hiriyyoonni isaa daa'imman abbaa fi haadha hin qabne, maanguddootaa fi namoota naannoo sana jiran biroo nyaachisuu fi deeggaruun ayyaana kana dabarsuudhaaf akka jedhan dubbataniiru.

Hordoftuu amantaa islaamaa kan biraa Mustariyaa Aadam akka jedhanitti, ayyaanni kun yeroo namni hundi waliin itti gammadu waan ta’eef maatii fi ollaa isaanii waliin gammachuudhaan akka dabarsan dubbataniiru.

Dargaggoo Huseen Abdii akka jedhutti Iid al-Adahaa ayyaana waliif qooduun, akkasumas tokkummaa cimsuun kabajamudha; Namoota beela'an nyaachisuun, warra daaran daara baasuun, warra rakkatan gargaaruun ayyaana kana akka dabarsu dubbateera.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015