Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha. - ENA Afaan Oromoo
Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha.
Caamsaa 12 /2018 (ENA): Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha jedhani Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee.
Yaa’iin Biyyaalessaa mata duree “Birmadummaa Odeeffannoo Bilisummaa Imaammataaf” jedhuun qophaa’e bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad fi hoggantoonni olaanoo mootummaa argamanitti gaggeeffameera.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo konfiraansii kana ifatti banan ergaa dabarsan keessatti odeeffannoon qabeenya tarsiimoo bara kanaa fi mootummaa cimaa ijaaruuf utubaa birmadummaa ijoo ta’uu dubbataniiru.
Odeeffannoon qaamolee biyya biraa irratti hirkate hawwii biyyaalessaa keenya galmaan gahuu waan hin dandeenyeef; Daataa ofii walitti qabuu fi xiinxaluun birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf qabeenya murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee ENAtti akka himanitti, dhaabbati isaanii ragaa istaatistiksii haala hawaasummaa fi dinagdee biyyattii sirritti calaqqisiisu maddisiisaa jira jedhani.
Dhaabbatichi irra caalaa ragaa istaatistiksii ofiisaa maddisiisuudhaan akka bu’uura murteessitootni, karooraa fi tooftaalee misoomaatti fayyadamuu danda’an ta’uus eeraniiru.
Haaromsi diinagdee erga jijjiiramni dhufee galmaa’ee fi saffisi dijiitaalaayizeeshinii biyyattii baay’ee kan nama dinqisiisu ta’uu hubachiisuun, guddinni waliigalaa Itiyoophiyaan agarsiisaa jirtu dandeettii misooma humna namaa fi dandeettii ogeessota ishee haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru.
Yeroo ammaa guddinni hubannoo namtolchee biyyattii keessatti mul’achaa jiru sadarkaa biyyoonni Afriikaa biroo baratanii fakkeessuun danda’amu irra ga’uu ibsaniiru.
Beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii kana fayyadamuun fuula dhugaa biyyattii istaatiksii fi bifa ishee ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaa ta’uus hubachiisaniiru.
Yeroo ammaa gahumsi odeeffannoo funaanuufi xiinxaluu Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa olaanaa ta’uu himaniiru.