Tamsaasa Kallatti:

Guyyaa filannoo dhaaba siyaasaa misooma biyyaa fayyadu filachuuf qophiidha

Caamsaa 22/2018 (ENA): Dargaggoonni magaalaa Harar guyyaa filannoo waliigalaa paartii siyaasaa misooma biyyaa fayyadu filachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Dargaggoota magaalichaa keessaa Zayinuu Argaaw mirga heera mootummaatiin kennameef fayyadamuuf kaardii sagalee isaa itti kennu fudhachuu himeera.

Guyyaa filannoo paartii biyyaa fi ummata fayyadu filachuuf qophii ta'uu fi guyyaa sana hawwii guddaan eeggachaa jiraachuu himeera.

Filannoo kana irratti yeroo jalqabaaf hirmaachuu isaa waan ta’eef gammachuu isaa kan ibse dargaggoo Nuraddiin Muhiib paartii siyaasaa misooma biyyaa fayyadu filachuuf qophii ta’uu dubbateera.

Filannoo kana irratti yeroo jalqabaaf hirmaachuu ishee kan ibsite Hanaan Yoonis filannoo 7ffaa dhufu gaggeeffamu irratti sagalee kennuuf gammachuu guddaa akka qabdu ibsiteetti.

Dargaggoo Saalaah Iskindir gama isaatiin, paartii na fayyada jedhee amanu filachuuf mirga dimokraatawaa qabutti fayyadamuuf qophii ta’uu dubbateera.

Guyyaa filannoo buufata filannootti sagalee isaa kennuuf qophii ta’uus ibseera.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015