Tamsaasa Kallatti:

Appiin Mirkaneessa Qulqullina Omishaa Raawwii Daldala Itiyoophiyaa Fooyyessa – Dr. Kaasahun Goofee

Caamsaa 13/2018 (ENA): Appiin mirkaneessa qulqullina oomishaa haaraan kun raawwii daldala Itiyoophiyaa ni fooyyessa jedhan Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahun Goofee.

Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Dr. Kaasahun Goofee fi Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii sadarkaalee Itiyoophiyaa Dr. Masarat Baqqalaa sirna eebbaa appii qulqullina oomishaa onlaayiniin mirkaneessu irratti hirmaataniiru.


 

Kanuma waliin Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Dr. Kaasahuun Goofee qulqullina oomishaa fi tajaajilaa mirkaneessuun xiyyeeffannoo mootummaa Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru.

Jijjiirama waggoota darban keessatti sirni daldalaa Itiyoophiyaa ammayyeessuun raawwii bu’a qabeessa ta’een qulqullina olaanaa akka argatu ibsaniiru.

Appiin haaraan qulqullina oomishaa onlaayiniin mirkaneessuus tajaajilaafi qulqullina oomishaa raawwii fooyya’aa ta’een qajeelchuuf akka gargaaru himaniiru.


 

Yeroo ammaa kana tajaajilli hedduun Ministeera Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaatiin karaa dijitaalaa kennamaa akka jirus hubachiisaniiru.

Kunis sirna daldala Itiyoophiyaa ammayyeessuuf gahee olaanaa taphachaa akka jiru ibsaniiru.

Appilikeeshiniin mirkaneessa qulqullina omishaa Inistiitiyuutii sadarkaalee Itiyoophiyaan qopheesse daldala al-ergii fi galtee haalaan akka mijeessuus ibsaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015