Yuunivarsiitiin Haramaayaa Teekinooloojiiwwan Qorannoo Fayyadamummaa Hawaasaa guddisan dagaagsaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yuunivarsiitiin Haramaayaa Teekinooloojiiwwan Qorannoo Fayyadamummaa Hawaasaa guddisan dagaagsaa jira
Caamsaa 20/2018(ENA): Yuunivarsiitiin Haramaayaa Teekinooloojiiwwan qorannoo fayyadamummaa Hawaasaa guddisan dagaagsaa jiraachuu beeksiseera.
Yuunivarsiitichi yaa'ii gamaggama qorannoo fi hirmaannaa hawaasaa waggaa 43ffaa mata duree "kalaqa naannoof mijatuu fi eegumsa ikkooloojii ijaarsa Hawaasaa cimaatiif " jedhuun gaggeessaa jira.
Itti-aanaan Pirezidaantii Qorannoo fi dhimma Hawaasaa Yuunivarsiitichaa Dr. Yisihaaq Yuusuf waltajjicharratti akka himanitti, Yuunivarsiitichi dameewwan qonnaa, Fayyaa, Teeknoolojii, Barnoota, Seeraa, Saayinsii Hawaasaa fi hojiiwwan qorannoo biroo irratti hojjechaa jira jedhani.
Keessattuu barana Yuunivarsiitichi Pirojektoota 116 irratti hojii qorannoo gaggeessaa akka jiru eeranii, isaan keessaa 42 xumuramuu isaanii dubbataniiru.
Hojiiwwan qorannoo fi Teeknoolojii Yuunivarsiitichi baajata birrii biliyoona 1 ol ramadee hojjechaa jiru kunis fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa akka jiru beeksisaniiru.
Yuunivarsiitichi barana teeknoolojiiwwan qonnaa 95 ol qonnaan bulaaf raabsuu isaas ibsaniiru.
Yuunivarsiitichi eegumsaa fi bulchiinsa qabeenya uumamaa ilaalchisee Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Hara Haramaayaa, Addeellee, Dhangaggoo fi suluulawwan biroo irratti hojiiwwan qindaa'oon hojjetamaa jira jedhaniiru.
Gama tajaajilaa fi hirmaannaa hawaasaatiin, lammiilee kuma 150 ol ta'aniif tajaajila seeraa bilisaa kennuu dabalatee damee Fayyaa, Barnootaa fi kanneen biroon hojiiwwan jajjabeessaan hojjetamuu isaanii kaasaniiru.
Waltajjiin gamaggamaa kun hojiiwwan jajjabeessoo Yuunivarsiitichi hojjechaa jiru itti fufsiisuu fi hanqinoota mul'atan furuuf kan gargaaru ta'uun eerameera.
Yaa'ii qorannoo fi hirmaannaa hawaasaa Yuunivarsiitichi yeroo 43ffaaf gaggeessu kanaan firiiwwan qorannoo 32 dhiyaatanii mariin irratti ni taasifama jedhameera.
Yaa'ii guyyoota sadiif qophaa’e kana irratti hayyoonnii fi qorattoonni Yuunivarsiitichaa, Manneen hojii seektaraa, qooda fudhattootaa, akkasumas bakka bu'oonni hawaasaa, Abbootii Gadaa fi Haadholiin Siinqee hirmaachaa jiru.