Magaalaa Jimmaatti Dargaggoota carraan hojii mijateefii fayyadamummaan isaanii guddateera - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Jimmaatti Dargaggoota carraan hojii mijateefii fayyadamummaan isaanii guddateera
Caamsaa 20/2018(ENA): Magaalaa Jimmaatti dargaggoonni dameewwan hojii adda addaa irratti bobba'an of bira dabranii lammilee biroof carraa hojii uumuu isaanii ibsan.
Magaalattiitti carraa hojii dargaggootaa bal'isuuf leenjiiwwan qonnaa, teeknoolojii fi daldalaa kennuudhaan, bakkeewwan hojii fi gurgurtaa dhiyeessuu, akkasumas hidhata gabaa uumuu kessatti bu'aawwan abdachiisaan galmaa’a jiru.
Magaalattii keessatti dargaggoonni ENA’f yaada kennan Abdurahiim Naasir akka ibsetti; bulchiinsi magaalichaa carraa hojii isaaf mijeessetti fayyadamee maashinoota daabboo tolchan qulqullina qabaniin oomishee gabaaf dhiyeessaa jira.
Maashinoonni kunniin meeshaalee daabboo tolchuuf alaa galfaman bakka bu'uudhaan sharafa alaa hanbisuu bira darbanii, anniisaa (humna) kan qusatan waan ta'aniif gabaa irratti filatamaa ta'uunsaa ibseera.
Kuni ammoo galii isaa dabaluurra darbee, dargaggoota biroof carraa hojii uumuuf kan gargaare ta'uu eeraniiru.
Haaluma walfakkaatuun, boorsaa ammayyaa fi bu'aalee gogaa oomishanii gabaaf dhiyeessaa kan jiran dargaggoota Darsoollinyi Shimallisii fi Habtaamuu Gaaddisaa ni caqasamu.
Dargaggoonni kunniin akka ibsanitti, bu'aaleen gogaa isaan oomishan bifaaniis ta'ee qulqullinaan fedhii maamiltootaa kan guutan waan ta'aniif gabaa irratti dorgomaa ta'uu danda'aniiru.
Hojii isaanii caalaatti bal'ifachuufis bulchiinsi magaalichaa liqii fi bakka hojii akka mijeesseef dubbataniiru.
Itti gaafatamaan waajjira Carraa hojii Uumuu fi Ogummaa obbo Abdulhamiid Nuuraddiin gama isaaniitiin akka ibsanitti, magaalattii keessatti carraa hojii dargaggootaa bal'isuuf sheedonni hojii fi gurgurtaa hedduun ijaaramaniiru.
Kanaanis bara baajata kana keessatti dargaggoota waldaaleen kuma 3 ol jalatti hammatamanii gurmaa'an kumni 20 fi 160’f carraa hojii uumuuf karoorfamee, karoora kana caalatti raawwachuun dargaggoota kuma 28 fi 500 fayyadamoo gochuun danda'ameera.
Milkaa'ina dargaggootaa caalaatti deeggaruuf dhiyeessiin leenjii fi liqii mijaahuu kan ibsan itti gaafatamaan kun bara baajata kanaatti hanga ammaatti tajaajilli liqii birrii biliyoona 1.5 dhiyaachuu isaa eeraniiru.
Dargaggootaaf carraa hojii bal'isuufis sheedonni kanneen akka maashina bunaa falfalu, daabboo fi buddeena tolchuu, hojii gogaa fi mukaa, akkasumas oomishaalee bakka bu'oo biroo oomishuuf gargaaran kennamuu isaanii dabalanii ibsaniiru.
Dargaggoonni hojiitti galan oomishaalee isaanii gatii madaalawaan hawaasaaf dhiyeessuu bira dabranii, oomishaalee alaa galaman biyya keessatti bakka bu'aa oomishuudhaan sharafa alaa biyyattii qusachuu danda'uu isaaniis obbo Abdulhamiid ibsaniiru.