ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Naannichatti dureeyyiin Invastimentii Qonnaa irratti bobba’an Omisha isaanii gara Alaatti erguun sharafa alaa argamsiisaa jiru
May 9, 2025 7
Caamsaa 01/2017 (TOI)- Naannoo Sidaamaatti dureeyyiin invastimentii Qonnaa irratti bobba’ani Omisha isaanii alaatti erguun sharafa alaa argamsiisaa jiraachuu Komishiniin Investimentii Naannichaa beeksise . Komishinarri komishinii Invastimentii Naannichaa Anchiin Aaluu Asaffaa TOI’f akka ibsanitti Naannichatti dureeyyiin 103 Invastimentii Qonnarratti bobba’aniiru. Isaan keessaa 23 lafa qonnaa hektaara bal’aa irratti omishaa jiraachuu dubbataniiru. Naannichatti Omishawwan Alatti ergaman keessaa Abaaboo fi mi’eessituuwwan ta’uu ibsaniiru. Pirojektiiwwan Invastimenetii Alatti ergaman kan biroon muduraa fi kuduraa, lukkuu, killee alatti erguuf qophii taassisuu isaanii ibsaniiru. Itti gaafataman Babal’insa Invastimentii Magaalaa Hawaasaa obbo Abarraa Lelamoo gama isaaniin dureeyyiin 53 Invastimentii Qonnaa irratti bobba’uun carraa hojii uumuu isaanii ibsaniiru. Abbootiin qabeenyaa kun Omisha gahaa gabaaf dhiheessuun tasgabbii gabaa uumaa jirachuu ibsaniiru. Bulchiinsi Humna namaa dhaabbata kilaaver filaawer Obbo Fu’aad Sheek lafa hektaara 100 irratti Abaaboo misoomsaa jiraachuu dubbataniiru. Misooma abaaboo gara biyyoota Awurooppaa fi biyyoota baha gidduu galeessaatti erguun sharafa alaa argamsiisaa jiraachuu ibsuun, waggaa darbe yuuroo miiliyeena 7 sharafa alaa argamsiisu beeksisaniiru. Dhaabbatichaan carraa hojii kan argatan obbo Habtaamuu degeloo fi aadde selamawwit gebri’eel carraa hojii uumameefiin maatii isaanii bulfachaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhaabbileen daldala Ruusiyaa zoonii dinagdee addaa keessatti hojjechuunsaanii tumsa dinagdee gamlameef faayidaa guddaa qaba-ambaasaaddar Iivgenii Terekhiin
May 9, 2025 15
Caamsaa 01/2017(TOI)- Dhaabbileen daldala Ruusiyaa zoonii dinagdee addaa Itiyoophiyaa keessatti hojjechuunsaanii tumsa dinagdee gamlameef faayidaa guddaa akka qabu Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Ruusiyaa Iivgenii Terekhiin ibsan. Kaampaanonni Ruusiyaa dandeettii gabaa Itiyoophiyaa hubachuun Inarjii, teeknooloojii odeeffannoo fi dameewwn qonnaarratti hojjechuuf fedhii akka qaban ibsaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Ruusiyaa Iivgenii Terekhiin TOI waliin gaaffii fi deebii taasisaniin,Itiyoophiyaan midensa BRICS ta’uunshee misooma dinagdee fi tumsa idil addunyaaf akka gargaaru ibsaniiru. Faayidaa dinagdee alattis shoora seena qabeessa Itiyoophiyaan hariiroo idil addunyaa keessatti qabdu caalaatti kan cimsu ta’uu dubbataniiru. Dureeyyiin Ruusiyaa dandeettii gabaa Itiyoophiyaan qabdu hubachuun Inarjii, teeknooloojii odeeffannoo fi dameewwn qonnaarratti hojjechuuf fedhii akka qaban ibsaniiru. Yeroo dhihootti akka dhugoomus mirkaneessaniiru. Hariiroon dinagdee Ruusiyaa fi Itiyoophiyaa jidduu jiru caalaatti cimaa dhufuu ambaasaaddarichi ibsaniiru. Tumsi dinagdee biyyoota lamaan jidduu jiru cimee itti fufuu ibsanii, baatii 10 jalqabaa bara 2024tti jijjiirraan daldalaa biyyoota lamaan jidduu jiru harka 40 dabaluu dubbataniiru. Ruusiyaa fi Itiyoophiyaan atomootivii oomishuu, misooma Inarjii meeshaalee elektirooniksii, oomishaalee keemikaalaa, nyaata qiqindeessuu, faarmaasiiyutikal fi dijitaal teeknooloojii dabalatee damee addaddaan waliin hojjechaa akka jiran eeraniiru.
Godinichatti beelladoonni kuma 90 caalan talaalamaniiru-waajjiricha
May 9, 2025 11
Caamsaa 01/2017(TOI)- Godina Boorana Bahaatti beelladoonni kuma 90 caalan talaalamuu waajjirri misooma horsiisee bulaa beeksise. Waajjirichatti ogeessi fayyaa beelladaa obbo Bonayyaa Areeroo TOI’tti akka himanitti, dhukkuba beelladaa sababa rooba arfaasaan mudachuu danda’u duruun qolachuuf talaalliin kennamaa jira. Talaalliin kennamu dhukkuba gogaaa fi qeensa beelladaa madeessu, abbaa Sangaa, abbaa Gorbaa, michii sombaa fi dhukkuboota beelladaa kan biroo dursuun qolachuuf akka gargaaru eeraniiru. Duula talaallii kanaan loon gaanfaa dabalatee hoolaa fi re’een kuma 400f akka talaalaman ibsaniiru. Talaallii kanaaf ogeeyyonni fayyaa fi deeggartoonni 600 caalan hojiirra jiraachuu dubbataniiru. Torbee lamaan dhufanitti talaallii kana waliin gahuuf hojjetamaa akka jiru odeeffannoon waajjiricharraa argme ni’eera.
Itiyoophiyaan waliigaltee riijinii daldala bilisaa Afriikaarraa akka fayyadamtu hirmaannaan damee dhuunfaa murteessaadha-Ministeericha
May 9, 2025 13
Caamsaa 01/2017(TOI)- Itiyoophiyaan waliigaltee riijinii daldala bilisaa Afriikaarraa akka fayyadamtu hirmaannaan damee dhuunfaa murteessaa ta’uu Ministeerri daldalaa fi walitti hidhata riijinii beeksise. Itiyoophiyaan waliii galtee riijinii daldla bilisaa Ardii Afriikaa dhihenyatti hojiirra oolchuuf qophii xumuruunshee ibsameera. De’eetaan ministira daldalaa fi walitti hidhata riijinii Yasmiin Wahabrabii TOI’tti akka himanitti, waliigaltichi walabummaa dinagdee Afriikaa si’achiisuun, badhaadhina waloo dhugoomsuu fi walitti makama dinagdee riijinii cimaa uumuuf nidandeessisa. Itiyoophiyaan waliigalticha erga mallatteessitee asitti hojiirra oolmaasaaf qophii ga’aa taasisuushee dubbataniiru. Manni maree ministirootaa fooyyessa taarifaa dhiheenya raggaase dabalatee koreen qindeessa biyyaalessaa hundaa’ee hojiitti galuusaa kaasaniiru. Oomishtummaan qonnaa fi Industirii oomishaan mul’achaa jiru caalaatti akka jabaatu hirmaannaan damee dhuunfaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. A.L.A bara 2010 biyyoonni Afriikaa yaa’ii hooggantoota gamtaa Afriikaa Ruwaandaa Kiigaaliitti taa’an irratti waliigaltee qaxanaa daldala bilisaa Afriikaa mallatteessaniiru. Itiyoophiyaan waliigalticha erga mallatteessitee eegalee qophii taasisaa turteetti.
Hoggansi Naannichaa Sadarkaan jiran Qormaatilee yeroo yerootti isa mudatu darbuun Ijaarsa biyyaa fooyya’aaf qophaa’uu qaba-Obbo Xilahun Kabbadaa
May 9, 2025 18
Caamsaa 01/2017 (TOI)-Hoggansi sadarkaan jiru qormaata yeroo yerootti isa mudatu Injifannoon darbuun ijaarsa biyyaa fooyya’aaf qophaa’uu qaba jechuun bulchaan naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahuun Kabbadaa ibsan. Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti mata duree ‘’yeroo bara giddu galeessaa hubachuu” jedhuun waltajjiin maree hoggansa olaanoo sadarkaa naannootti Magaalaa Walaayittaa Sooddotti gaggeeffamaa jira. Saganticha irratti kan argaman obbo Xilahun nageenya naanichaa eegsisuu fi hojii misoomaa naannichaa itti fufsiisuuf tattaaffii taassifamu keessatti gaheen hoggansaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Imalli jijiiramichaa Qormaatilee hedduu injifachuun milkaa’inaan marfamee ittifufuu kaasuun hoggansi naannoo sadarkaan jiru qormaatilee isa mudatan injifannoon darbuun ijaarsa biyya fooyya’aaf qophaa’uu qaba jechuun xiyyeeffannoo kennaniiru. Jijjiiramichi gama hundaan milkaa’ina fiduun galmaa’an itti fufsiisuun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf gahumsa hoggansaa, kutannoo fi miira tajaajiltummaa hawaasaa yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Siyaasa

Ayyaanni Injifannoo Ruusiyaa 80ffaan Mooskoo ‘Qayyi Addabaabayitti” kabajamaa jira
May 9, 2025 13
Caamsaa 01/2017(TOI)- Ayyaanni Injifannoo 80ffaan gamtaan Sooviyeet duraanii waraana addunyaa lammaffaarratti gonfatte magaalaa Ruusiyaa Mooskoo ‘Qayyi Addabaabayitti” kabajamaa jira. Pirezidaantii RDFI Taayyee Atsqasillaasee dabalatee hooggantoonni biyyoota addunyaa hedduun argamaniiru. Akkaataa odeeffannoo agabaasaan TOI bakkarraa nuun gaheen, ayyaana injifannoo kana ilaalchisuun hiraattonnii kuma hedduutti lakkaa’amanii fi loltoonni hiriiran addababayii kanatti argamaniiru. Agarsiifni loltoonni agarsiisaa jiran ayyaanichi akka dammaqu taasiseera.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Mooskoo Dhaqan
May 8, 2025 136
Ebla 30/2017(TOI) Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee ayyaana Injifannoo Ruusiyaa 80ffaa boru kabajamurratti argamuuf har’a ganama Mooskoo Dhaqaniiru. Waraanni addunyaa lammaffaa dhaabbachuusaatiin keessumaammoo gamtaan Sooviyeet duraanii injifannoo Naazii Jarmanirratti gonfate yaadachuun ayyaana boru magaalaa muummee Ruusiyaa Mooskootti yeroo 80ffaaf kabajamuuf, hooggantoonni addunyaa hedduun ni’argamu jedhameetu eegama. TOI’n bakkarraa akka gabaasetti, hooggantoonni biyyoota Afriikaa hedduun pirezidaantota Chaayinaa fi Ruusitaa dabalatee ayyaana injifannoo kanarratti nihirmaatu. Pirezidaant Tayyee Atsqasillaasee ayyaana Injifannoo Ruusiyaa waggaa 80ffaa cinaatti qaamolee garagaraa waliin marii dippilomaasii gamlamee akkasumas biyyoota hedduu nitaasisu jedhameetu eegama. Odeeffannoowwan akka agarsiisanitti yeroo ammaa hariiroon dippilomaasii dameewwan garagaraa Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa jidduu jiru gabbachaa dhufeera. Biyyoonni lamaan hariiroo tumsa fayyaa, dippilomaasii dinagdee, daldala, Invastimantii fi teeknooloojiin qaban yeroo yerootti guddisaa kan jiran yoo ta’u, kunis waliigaltee fi marii dhiheenya taasifamaniin sanadoonni waliigaltee hedduu (MoUs) waliigalteerra gahamuun niyaadatama. Fakkeenyaaf bara kana jalqaba baatii Sadaasaa 2017 fooramii biizinasii biyyoota lamaanii mata duree “Ruusiyaan fi Itiyoophiyaa tumsaaf yeroo hineegan” jedhuun Finfinneetti taa’ame aanga’oonni biyyoota lamaanii, hawaasni daldalaa fi invataroonni irratti hirmaatanii ture. Pirezidaant Taayyeen WAYITA Mooskoo gahan federeeshinii Ruusiyaatti aanga’aan olaanaan ministeera dhimma alaa Anaatolii Baashkiin simataniiru.
Federeeshiniin dubartoota Itiyoophiyaa ajandaalee walitti qabe komishinii maree biyyaalessaaf kenne
May 7, 2025 145
Ebla 29/2017(TOI)- Federeeshiniin dubartoota Itiyoophiyaa ajandaalee guutummaa biyyattiirraa walitti qabaman komishinii maree biyyaalessaaf kenneera. Pirezidaantiin federeeshinichaa adde Askaalee Lammaa komishinara olaanaa komishinii maree biyyaalessaa piroofeessar Masfin Ar’ayyaaf kennaniiru. Ajandaaleen naannolee fi bulchiinsota magaalaa hundarraa kan walitti qabaman ta’uu ibsaniiru. Komishinariin olaanaa komishinii marii biyyaalessaa piroofeesar Masfin Ar’ayaa, ajandaa bochuun ajandaawwan ijoo ta’anirratti mariin biyyaalessaa akka taasifamu hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Haala Kanaan dhimmoota garaagarummaan irratti uumamerratti haala mijataa waliigalteen itti taasifamu uumuuf hojjecha akka jiru ibsaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Gamtaan Afriikaa fi IGAD nagaa fi tasgabbii fulla’aa Sudaan Kibbaaf deeggarsa akka taasisan ibsan
May 6, 2025 261
Ebla 28/2017(TOI)- Gamtaan Afriikaa fi IGAD carraaqqii nagaa fi tasgabbii fulla’aa Sudaan Kibbaaf taasifamaa jiruuf deeggarsa taasisan akka itti fufan breeksisan. Qooda fudhattoonni Sudaan Kibbaa waliigaltee nageenyaa akka kabajamu kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf IGAD waliin ta’uun Sudaan Kibbaa dhaquun Ebla 28 fi 29 bara 2017 aanga’ootaa fi qaamolee ijoo biyyattii waliin mari’ataniiru. Qaamoleen lamaan dhimmicharratti ibsa kennaniiru. Mariin kun hala siyaasaa fi nageenyaa Sudaan kibbaa akkasumas sadarkaa adeemsi nagaa irra jiru kan ilaallatudha. Akkaataa waliigaltee walitti bu’iinsa dhaabsisuu fi nageenyaa A.L.A bara 2018 mallatteeffameen yeroo cehumsa keessa darbaa jirtutti kan taasifame ta’uu ibsi kun agarsiiseera. Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Maardiit fi aanga’oota mootummaa biroo waliin Juubaatti mari'atame’ra. Ibsi waloo kun qabxiilee marichaa arreesseera. Bu’aalee waliigaltee nageenyaa eegsisuu, maree biyyaalessaa hundi irratti hirmaate gochuu fi waliigalteerra gahuu akkasumas rood maappii cehumsaa yeroo daangeffame keessatti raawwatamu, amanamaa fi ifa ta’e deeggaruu kan jedhan kanneen mariin irratti taasifame keessaayyu. Dandeettii dhaabbilee bulchiinsaa cimsuunis xiyyeeffannoo marichaa isa biraati. Dabalataanis dura taa’aan komishinichaa deeggartoota riijinii fi idil addunyaa, hawaasa dippilomaasii Afriikaa fi biyyoota hedduu kan ofkeessatti qabate bakka bu’oota Tirooyikaa waliin adeemsa cehumsaa Sudaan Kibbaa adeemsa walfakkaataan gaggeessuun haala danda’amurratti mari’atamiiru. #Tajaajila oduu Itiyoophiyaa #TOI#Oromiyaa #GA #IGAD
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira dhimma alaa Israa’eel waliin mari’atan
May 5, 2025 283
Ebla 27/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira dhimma alaa Israa’eel Geediyoon Sa’aar waliin mari’ataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaa daawwachaa kan jiran ministira dhimma alaa Israa’eel waliin hariiroo Itiyoo-Israa’el ilaalchisee marii bu’a qabeessa taasisuusaanii ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin ibsaniiru. Hariiroon biyyoota keenya lamaanii hariiroo seenaa bara dheerraarratti bu’uureffame har’as itti fufeera jedhaniiru. Tumsi keenya har’as dameelee dinagdee, siyaasa, dippilomaasii fi kanneen birootiin cimee itti fufeera jechuun ibsaniiru.
Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa abbootii gootota harkaa fudhate birmaddummaashee eegsisuun dhaloota dhufuuf ceesisuuf dirqama biyyaa bahachaa jira-Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaan
May 5, 2025 237
Ebla 27/2017(TOI)- Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa abbootii gootota harkaa fudhate birmadduushee eegsisuun dhaloota dhufuuf ceesisuuf dirqama biyyaa bahachaa akka jiru daarektarri xiin sammuu raayyaa ittisaa Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaan ibsan. Guyyaan sabboontotaa 84ffaan bakka Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee argamanitti kabajameera. Ittisa biyyaa bakka bu’uun kan dubbatan daarektarri xiin sammuu raayyaa ittisaa Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaansabboonummaan miira jaalala biyyaarraa kan maddudha jedhaniiru. Guyyaan kun kanneen walabummaa fi kabaja biyyaaf aarsaa itti ta’an kan itti yaadataman ta’uu ibsanii, dhaloota har’aafis aarsaa biyyaaf kaffalame ittiin beeksisuu qabna jedhaniiru. Sabboontonni Itiyoophiyaa aarsaa yeroo garagaraa biyyasaanii haleellaarraa qolachuuf kaffalan Afriikaarraa biyya gita hinbitamne qofeettii dhalootaaf dabarsuusaanii ibsaniiru. Gootummaa Itiyoophiyaanotaa durirraa eegalee asgahe itti boonuu fi tiksuu qabna jedhaniiru. Dargaggoon har’aas bakka jiru hundatti cimee hojjetee biyyasaa jijjiiruu akka qabu hubachiisaniiru, Raayyaan ittisa biyyaas duudhaa abbootiisaa dhaalee birmadummaa biyyaa eegsisuun dhalootaaf dabarsuuf dirqama biyyaalessaa bahachaa akka jiru eeraniiru. Hooggantuun biiroo aadaan aartii fi tuurizimii magaalaa Finfinnee Dr. Hiruut Kaasaawu, Finfinneen magaalaa seenaa Itiyoophiyaa ofkeessatti qabatte ta’uu ibsaniiru. Bulchiinsi magaalaa Finfinnee hambaalee kunuunsuu fi galtee itti dabaluun kabajasaanii guutuu waliin kunuunsaa akka jiru beeksisaniiru. Pirezidaantiin waldaa sabboontota gootota Itiyoophiyaa Lij Daani’eel Jootee Masfin, injifannichi ayyaana injifannoo Itiyoophiyaan jabaattee ofdhabde ta’uu dubbataniiru. Injifannichi wayita kabajamu kan darbe yaadachuun qofa osoo hinta’iin hojiilee gurguddoo kana booda jiraniif ittigaafatama dhalootaa bahuun ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Dargaggoonni har’aa hojii nageenyaa fi misoomaarratti tumsuu akka qaban hubachiisaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI #Raayyaa Ittisa Biyyaa

Hawaasummaa
Ijaarsi Istaadiyeemii Adayi Ababaa fi haaromsi Istaadiyeemii Finfinnee hatattamaan akka xumuraman misisteerichi deeggarsaa fi hordoffii cimsuu qaba-Koree dhaabbataa
May 8, 2025 78
Ebla 30/2017(TOI)- Ijaarsi Istaadiyeemii Adayi Ababaa fi haaromsi Istaadiyeemii Finfinnee hatattamaa fi qulqullinaan akka xumuraman misisteerri Aadaa fi Ispoortii deeggarsaa fi hordoffii cimsuu akka qabu mana maree bakka bu’oota ummataatti Koree dhaabbataa fayyaa, misooma hawaasaa fi aadaa fi Ispoortii hubachiise, Koreen dhaabbataa kun raawwii karoora bara 2017 kan baatii sagalii bakka hojjettoonni sektarichaa argamanitti qorateera. Ministirri aadaa fi ispoortii Sahwiit Shaankaa raawwii baatii sagalii ilaalchisuun miseensota koree dhaabbatichaaf ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniin damee Ispoortii, aartii fi hojii harkan hojiin bu’a qabeessi hojjetameera. Ijaarsi Istaadiyeemii Adayi Ababaa fi haaromsi Istaadiyeemii Finfinnee sababa addaddaan addaan citee ture deebi’ee jalqabuu ibsaniiru. Walitti qabduun koree dhaabbataa fayyaa, misooma hawaasummaa, aadaa fi Ispoortii Warqisammuu maammoo gmasaaniin hojiin ministeerichi baatii sagal keessatti raawwate kan jajjabeeffamudha jedhanaiiru. Hojii dirree Ispoortii babal’isuuf hojjetamaa jiran dinqisiifatanii, ijaarsi istaadiyeemii Adayi Ababaa fi haaromsi Istaadiyeemii Finfinnee hatattamaa fi qulqullinaan ijaaramanii akka xumuraman ministeerichi xiyyeeffatee akka hojjetu hubachiisaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI #Oromiyaa
Balaawwan fayyaa hawaasaa yeroo garagaraatti mudataniifdeebii kennuuf dandeettiin uumameera
May 8, 2025 69
Ebla 30/2017(TOI)- Balaawwan fayyaa hawaasaa yeroo garagaraatti mudataniifdeebii kennuuf dandeettiin uumamaa akka jiru ministirri fayyaa D.r Maqdas Dhaabaa ibsan. Inistiitiyuutiin fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa jiddugaleessa to’annoo balaa fayyaa hawaasaa jiddugala ga’oomaa fayyaa hawaasaa akka ta’u sagantaan jalqabsiisaa raawwatameera. Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa sagantaa kanarratti akka jedhanitti, bakka bu’oonni dhaabbata fayyaa addunyaa fi CDC Afrikaan dabalatee hooggantoonni biiroo fayyaa naannolee saganticharratti argamaniiru. Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa wayita kana, jiddugaleessi ga’oomaa ifatti hojii jalqabe sirnoota dursaan akeekkachiisuu, qophii akkaataa deebii kennuu fi deebisanii dhaabuu ofkeessaa qabaachuu ibsaniiru. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa Dr. Masaayi Hayiluu gamasaaniin, inistiitiyuutichi qophii fi dandeettii sadarkaa idil addunyaatti dhukkuba ittisuu dandeessisu akkasumas yaaddoo saaxilummaarratti niqorata. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI #Oromiyaa
Tajaajila si’ataa fi hojmaata Ammayyaa’aaf abbaa waraqaa eenyummaa dijiitaalaa faayidaa ta’uun nibarbaachisa-Dr.Injiinar Nagaash Wageeshoo
May 8, 2025 51
Ebla 30/2017 (TOI)-Hojmaata Ammayyaa fi Tajaajila si’ataa argachuuf abbaa waraqaa eenyummaa biyyoolessaa Dijitaala Faayidaa ta’uun barbaachisadha jechuun Itti Aanaan Pirezidaantii Naannoo Uummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dr.Injiinar Nagaash Wogeeshoo dubbatan. Waltajjiin jalqabsiisa Sagantaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaa naannichaa Magaalaa Mizan Amaanitti gaggeeffamameera. Saganticha irratti argamuun ergaa kan dabarsan Itti Aanaan Pirezidaantii Naannoo uummattoota kibba lixa Itiyoophiyaa Dr.Injiinar Nagaash Wageeshoo dhimmi waraqaa Eenyummaa dijitaalaawaa dhimma bu’uuraa ta’uu dubbataniiru. Haala jireenya salphisuuf hojmaata ammayyaa’aa fi tajaajila Si’ataa argachuuf abbaa waraqaan eenyummaa Dijitalaa Faayidaa ta’uun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Lammiileen Eenyummaan isaanii akka Addunyaatti akka beekamu gochuurra darbee, tajaajiloota adda addaa salphaatti akka argatan kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Hojmaata to’annaa fi iftoominaa, ittigaafatamummaa jiru diriirsuuf hunduu abbaa waraqaa eenymmaa dijiitalaa ta’uu akka qabu ergaa isaanii dabarsaniiru.
Yaa’iin nagaa, waloomaa fi misoomaa idil addunyaa Finfinneetti nitaa’ama
May 8, 2025 58
Ebla 30/2017(TOI)- Yaa’iin nagaa, waloomaa fi misoomaa idil addunyaa sadaffaan Caamsaa 5 amma 6 bara 2017tti Finfinneetti akka taa’amu gumiin dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa beeksise. Barreessaan walii gala gumichaa Liqa Tiguhaan Qesiis Taagaayi Taaddalaa taatee kana ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Gumiin nagaa fi waloomaa idil addunyaa kun dhaabbilee Foramii Intarfeezii G20, gamtaa Afriikaa fi dhaabbilee garagaraa gamtaa Afriikaa jala jiran waliin tumsaan kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Abbootiin olaanoo gumichaa, gaggeessitoonni amantaa idil addunyaa,hayyoonni, gaggeessitoonni dhaabbilee mootummaa fi mit mootummaa sadarkaa ardii fi idil addunyaa jiranii fi kannee biroo nihirmaatu. Dabalataanis yaa’ichi galmoota misoomaa fulla’aa mootummoota gamtoomanii, ajandaa Afriikaa 2063 fi yaa’ii 2025 hooggantootaa biyyoota miseensa garee 20 Fulbaana dhufu Afriikaa Kibbaatti taa’amu irratti akka xiyyeeffatu ibsaniiru. Yaa;iin kun yaa’ii biyyoota miseensa garee 20 dursee kan taa’amu yoo ta’u, yaadonni yaa’ii kanarraa argaman walgahii biyyoota miseensaaf akka dhihaatu dubbataniiru. Nagaa cimsuu, eegumsa mirga namoomaa, jijjiirama haala qilleensaa, eegumsa qabeenya uumamaa, barnootaa fi ajandaawwan misoomaa biroorratti mari’achuun biyyoota miseensa garee 20’f nidhihaata, Ameerikaa Kaabaa, Awurooppaa, Isiyaa, Afriikaa fi biyyoota addunyaa biroorraa hooggantoonni dhaabbilee amantaa, gaggeessitoonni aadaa, namoonni dhageettii qabanii fi hayyoonni 80 caalan nihirmaatu jedhaniiru.
Diinagdee
Naannichatti dureeyyiin Invastimentii Qonnaa irratti bobba’an Omisha isaanii gara Alaatti erguun sharafa alaa argamsiisaa jiru
May 9, 2025 7
Caamsaa 01/2017 (TOI)- Naannoo Sidaamaatti dureeyyiin invastimentii Qonnaa irratti bobba’ani Omisha isaanii alaatti erguun sharafa alaa argamsiisaa jiraachuu Komishiniin Investimentii Naannichaa beeksise . Komishinarri komishinii Invastimentii Naannichaa Anchiin Aaluu Asaffaa TOI’f akka ibsanitti Naannichatti dureeyyiin 103 Invastimentii Qonnarratti bobba’aniiru. Isaan keessaa 23 lafa qonnaa hektaara bal’aa irratti omishaa jiraachuu dubbataniiru. Naannichatti Omishawwan Alatti ergaman keessaa Abaaboo fi mi’eessituuwwan ta’uu ibsaniiru. Pirojektiiwwan Invastimenetii Alatti ergaman kan biroon muduraa fi kuduraa, lukkuu, killee alatti erguuf qophii taassisuu isaanii ibsaniiru. Itti gaafataman Babal’insa Invastimentii Magaalaa Hawaasaa obbo Abarraa Lelamoo gama isaaniin dureeyyiin 53 Invastimentii Qonnaa irratti bobba’uun carraa hojii uumuu isaanii ibsaniiru. Abbootiin qabeenyaa kun Omisha gahaa gabaaf dhiheessuun tasgabbii gabaa uumaa jirachuu ibsaniiru. Bulchiinsi Humna namaa dhaabbata kilaaver filaawer Obbo Fu’aad Sheek lafa hektaara 100 irratti Abaaboo misoomsaa jiraachuu dubbataniiru. Misooma abaaboo gara biyyoota Awurooppaa fi biyyoota baha gidduu galeessaatti erguun sharafa alaa argamsiisaa jiraachuu ibsuun, waggaa darbe yuuroo miiliyeena 7 sharafa alaa argamsiisu beeksisaniiru. Dhaabbatichaan carraa hojii kan argatan obbo Habtaamuu degeloo fi aadde selamawwit gebri’eel carraa hojii uumameefiin maatii isaanii bulfachaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhaabbileen daldala Ruusiyaa zoonii dinagdee addaa keessatti hojjechuunsaanii tumsa dinagdee gamlameef faayidaa guddaa qaba-ambaasaaddar Iivgenii Terekhiin
May 9, 2025 15
Caamsaa 01/2017(TOI)- Dhaabbileen daldala Ruusiyaa zoonii dinagdee addaa Itiyoophiyaa keessatti hojjechuunsaanii tumsa dinagdee gamlameef faayidaa guddaa akka qabu Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Ruusiyaa Iivgenii Terekhiin ibsan. Kaampaanonni Ruusiyaa dandeettii gabaa Itiyoophiyaa hubachuun Inarjii, teeknooloojii odeeffannoo fi dameewwn qonnaarratti hojjechuuf fedhii akka qaban ibsaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Ruusiyaa Iivgenii Terekhiin TOI waliin gaaffii fi deebii taasisaniin,Itiyoophiyaan midensa BRICS ta’uunshee misooma dinagdee fi tumsa idil addunyaaf akka gargaaru ibsaniiru. Faayidaa dinagdee alattis shoora seena qabeessa Itiyoophiyaan hariiroo idil addunyaa keessatti qabdu caalaatti kan cimsu ta’uu dubbataniiru. Dureeyyiin Ruusiyaa dandeettii gabaa Itiyoophiyaan qabdu hubachuun Inarjii, teeknooloojii odeeffannoo fi dameewwn qonnaarratti hojjechuuf fedhii akka qaban ibsaniiru. Yeroo dhihootti akka dhugoomus mirkaneessaniiru. Hariiroon dinagdee Ruusiyaa fi Itiyoophiyaa jidduu jiru caalaatti cimaa dhufuu ambaasaaddarichi ibsaniiru. Tumsi dinagdee biyyoota lamaan jidduu jiru cimee itti fufuu ibsanii, baatii 10 jalqabaa bara 2024tti jijjiirraan daldalaa biyyoota lamaan jidduu jiru harka 40 dabaluu dubbataniiru. Ruusiyaa fi Itiyoophiyaan atomootivii oomishuu, misooma Inarjii meeshaalee elektirooniksii, oomishaalee keemikaalaa, nyaata qiqindeessuu, faarmaasiiyutikal fi dijitaal teeknooloojii dabalatee damee addaddaan waliin hojjechaa akka jiran eeraniiru.
Godinichatti beelladoonni kuma 90 caalan talaalamaniiru-waajjiricha
May 9, 2025 11
Caamsaa 01/2017(TOI)- Godina Boorana Bahaatti beelladoonni kuma 90 caalan talaalamuu waajjirri misooma horsiisee bulaa beeksise. Waajjirichatti ogeessi fayyaa beelladaa obbo Bonayyaa Areeroo TOI’tti akka himanitti, dhukkuba beelladaa sababa rooba arfaasaan mudachuu danda’u duruun qolachuuf talaalliin kennamaa jira. Talaalliin kennamu dhukkuba gogaaa fi qeensa beelladaa madeessu, abbaa Sangaa, abbaa Gorbaa, michii sombaa fi dhukkuboota beelladaa kan biroo dursuun qolachuuf akka gargaaru eeraniiru. Duula talaallii kanaan loon gaanfaa dabalatee hoolaa fi re’een kuma 400f akka talaalaman ibsaniiru. Talaallii kanaaf ogeeyyonni fayyaa fi deeggartoonni 600 caalan hojiirra jiraachuu dubbataniiru. Torbee lamaan dhufanitti talaallii kana waliin gahuuf hojjetamaa akka jiru odeeffannoon waajjiricharraa argme ni’eera.
Itiyoophiyaan waliigaltee riijinii daldala bilisaa Afriikaarraa akka fayyadamtu hirmaannaan damee dhuunfaa murteessaadha-Ministeericha
May 9, 2025 13
Caamsaa 01/2017(TOI)- Itiyoophiyaan waliigaltee riijinii daldala bilisaa Afriikaarraa akka fayyadamtu hirmaannaan damee dhuunfaa murteessaa ta’uu Ministeerri daldalaa fi walitti hidhata riijinii beeksise. Itiyoophiyaan waliii galtee riijinii daldla bilisaa Ardii Afriikaa dhihenyatti hojiirra oolchuuf qophii xumuruunshee ibsameera. De’eetaan ministira daldalaa fi walitti hidhata riijinii Yasmiin Wahabrabii TOI’tti akka himanitti, waliigaltichi walabummaa dinagdee Afriikaa si’achiisuun, badhaadhina waloo dhugoomsuu fi walitti makama dinagdee riijinii cimaa uumuuf nidandeessisa. Itiyoophiyaan waliigalticha erga mallatteessitee asitti hojiirra oolmaasaaf qophii ga’aa taasisuushee dubbataniiru. Manni maree ministirootaa fooyyessa taarifaa dhiheenya raggaase dabalatee koreen qindeessa biyyaalessaa hundaa’ee hojiitti galuusaa kaasaniiru. Oomishtummaan qonnaa fi Industirii oomishaan mul’achaa jiru caalaatti akka jabaatu hirmaannaan damee dhuunfaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. A.L.A bara 2010 biyyoonni Afriikaa yaa’ii hooggantoota gamtaa Afriikaa Ruwaandaa Kiigaaliitti taa’an irratti waliigaltee qaxanaa daldala bilisaa Afriikaa mallatteessaniiru. Itiyoophiyaan waliigalticha erga mallatteessitee eegalee qophii taasisaa turteetti.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoo-telekoom pilaatfoormii dijitaalaa bittaa fi gurgurtaa “Zaman Gabayaa” jedhamu ifoomse
May 8, 2025 98
Ebla 30/2017(TOI)-Itiyoo-telekoom pilaatfoormii dijitaalaa bittaa fi gurgurtaa akaakuu fi qaqqabamaa ta’uun adda ta’e “Zaman Gabayaa” jedhamu ifoomseera. Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo-telekoom Fireehiywoot Taammiruu, hooggantoonni olaanoo kaampaanichaa keessummoonni waamaman bakka argamanitti galambaa Saayinsiitti sagantaa sirni jalqabsiisaa adeemsifameera. Hojii raawwachiiftuun olaantuu kun wayita kana akka jedhanitti, gijitaal pilaatfoormiin “Zaman Gabayaa” har’a ifoome sirna bittaa fi gurgurtaa dijitaalaa ama ammaatti jiru gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisudha. Warri gabaa barbaadan qaamaan argamuun osoo hinbarbaachisiin karaa onlaayinii kan fayyadamanii fi baasii hinmalle kan hanbisu ta’uu dabaluun ibsaniiru.
Sagantaa tajaajila wiirtuu tokkoo agarsiistuu Milkaa’ina Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf hojjetamaniiti-Ministeericha
May 7, 2025 93
Ebla 29/2017(TOI)-Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo agarsiistuu milka’ina hojiiwwan dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf eegalamani ta’uu Ministeerri Innoveeshinii fi Teekinooloojii beeksise. Masoob tajaajilli wiirtuu yeroo Muummicha Ministiraa Dr, Abiy Ahmediin dhiheenya eebbifamee hojii eegaluunsaa ni yaadatama. Giddugalichi baaxii tokko jalatti tajaajila mootummaa walqabsiisuun teekinoloojii dijiitaalaa fayyadamuun tajaajila kennamudha. Gidugalichi lammiileen filannoowwan Teekinooloojii guutuu fayyadamuun dhaabbilee Federaalaa tajaajila adda addaa akka argatan kan dandeessisu yoo ta’u, dhaabbileen 12 qindoominaan tajaajila 41 ol kennaa jiru. De’eetaan Ministira Innoveeshinii fi Teekinooloojii Dr.Yishuruun Alemaayoo TOI’f akka ibsanitti, Giddugalichi tajaajila hedduu bakka tokkotti kennuun tajaajila si’ataa fi mijataa yeroo tokkotti argachuu kan dandeessisudha. Kunis aadaa tajajila kennuu kan guddisu ta’uus dubbataniiru. TarsiimooDijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025n tajaajila Mootummaa 800 ol Dijiitaalawaa gochuu ibsanii, kunis bu’aa qabeessummaa kenna tajaajilaa kan guddisu ta’uu ibsaniiru. Kanaanis Tajaajilli wiirtuu tokkoo Dijiitala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf hojiiwwan eegalaman agarsiisituu milkaa’inaa ta’uu ibsaniru. Hojiiwwan milkaa’ina tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025n dhugoomsuuf hojjetamuu eegalani , dhiheessii fi fayyadamummaa ibsaa fi intarneetii babal’isun, gudduugalli daataa ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Agarsiifni daldalaa fi Konfiraansiin dubartoota kalqxootaa 6ffaan Finfinneetti baname
May 7, 2025 98
Ebla 29/2017(TOI)-Biyyoonni Miseensa Gamtaa Daldalaa Bahaa fi kibba Afriikaa (COMESA) ta’an 21 konfiraansii daldalaa kalaqa dubartootaa 6ffaan Magaalaa finfinneetti baname. Afa-Yaa’iin mana maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo, Ministirri Daldalaa fi walitti hidhamiinsa Naannoo Dr.Kaasahuun Gofee, Itti Aanaa Komishinii Gamtaa Afriikaa Ambaaasaadder Saalimaa Maliikaa fi Qondaaltommi Gamtaa Afriikaa fi Komeessa(COMESA) Agarsiisa daldalaa kana eegalchiisaniiru. Agarsiisni Daldalaa Hoteela Iskaay laayititti eegalame kun guyyaa sadiif kan turu ta’uu ibsameera. Sagantichi dubartoota Itiyoophiyaa dandeettii kalaqa qabaniif kaka’umsa kan uumu ta’uu fi omisha isanii beeksisuuf kan isaan dandeessisu, akkasumas walitti hidhaminsa gabaa uumuuf kan deeggaru ta’uun ibsameera. Sagantaan Biyyoota Miseensa Gamtaa Daldalaa Bahaa fi Kibba Afriikaa (COMESA) 21 ta’an kan hirmaachise konfiraansii kalaqaa haaraa fi yaada guddaa beeksisuuf kan gargaaru ta’uu himamameera. Agarsiisni daldalaa kun dubartoonni 200 ol hojii uumtota, ta’an omisha isaanii akka dhiheessan ibsameera.
Kalaqawwan Ogummaa Kolleejjii Poolii Teeknikaa irraa bahan fayyadamtoota biraan gahuuf Tattaaffiin taassifamaa jira
May 6, 2025 119
Ebla28/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaatti Bu’aawwan Kalaqaa kolleejjii poolii teeknikaatii bahan fayyadamtootaan gahuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Hojii fi Ogummaa Naannichaa ibse. Biiroon Hojii fi Ogummaa Naanichaatti, Itti Gaafatamaan Damee Leenjii Obbo Nasraddiin Qaadii TOI’f yaada kennaniin, Kollejjichi Ekisteenshinii Industrii fi Misooma Ogummaa irratti hanqinoota jiran guutuuf leenjii gabaan barbaadu kennaa jiraachuu ibsaniiru. Koleejichi galteewwan Insdustirii alaa galanii fi omishawwan bakka bu’an irratti xiyyeefatee,Teekinooloojii Omisha guddisu irratti omishuu fi ceesisuu hojjechaa jiraachuu ibseera. Kanaanis maashinoota Omisha Qonnaa walitti qabuu, Nyaata Horii kan qindeessuu, cuucii lukkuu kan yaasu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru . Naannichatti hojiin Adaamaa, Bishooftuu, Shaashamannee, fi Kolleejjiiwwan poolii teeknikii birootti hojjetamaa jiru kan jajjabeffamu tahuu ibsaniiru. Kolleejonni bu’aawwan kalaqaa kana fayyadamtoota biraan gahuuf hojjechaa jirachuu ibsaniiru. Baatiiwwan saglan darbanitti galii keessoo miiliyeena 900 maddisiisuu danda’uu ibsaniiru. Kolleejjii Poolii Teeknikii Adamaatti Barataan sadrkaa 4ffaa kan tahe Musbahu Mammaa akka ibsetti omishaa fi Omishtummaa Qonnaa guddisuuf maashinii sanyii fachaasu hojjechuu dubbateera. Maashiichi humna ibsaa malee Qotiyyoo Fayyadamuun Sanyii Sararaan Facaasuu kan dandeessisu ta’uu himeera. Kolleejjii Poolii teeknikaa Shashamanneetti barataa Awwal Ahimad gama isaatiin, knkolaataa manaa kalaqaan hojjechuu ibsaniiru. Konkolaataan kalaqaan hojjete boba’aa kan qusatuu fi meeshaa naannawa argameen hojjechuu ibsuun boba’aa liitirii tokkoon k.m 30 deemuu kan danda’u ta’uu ibsaniiru. Deeggarsa Motummaa fi qooda fudhattoota irraa yoo argate omisha isaa babal’isuu fi gabaaf dhiheessuuf fedhii qabachuu ibsuun; konkolaatichi annisaa aduu fi elektiriikiin hojjechuu kan dandeessu ta’uu dubbataniiru.
Ispoortii
Bunni Sidaamaa fi Machaal walqixa bahan
May 8, 2025 61
Ebla 30/2017(TOI)- sagantaa piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 28ffaan Bunni Sidaamaa fi Machaal galchii lamaa fi lamaan walqixa bahan Akkataa qabxii Kanaan Bunni Sidaamaa qabxii 37’n sadarkaa 9ffaa yoo qabatu, Machaal qabxii 40’n sadarkaasaa jahaffaarraa 5ffaatti guddifateera. Kanumaan walqabatee tapha torbee 28ffaa har’a taphatameen magaalaan Hawaasaa magaalaa Dirree Dawaa galchii 1 fi 0’n mo’ateera.
PSG’n Xumura Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaaf darbe
May 8, 2025 61
Ebla 29/2017 (TOI)- PSG’n qabxii waliigalaan Arsenal Xumura Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaaf darbeera. Tapha deebii xumura walakkaa kaleessa galgalaa gareen lamaan Istaadiyeemii Paark De Piraansitti taphataniin PSG’n galchii 2 fi 1’n mo’ateera. PSG’n goolii lammiin IspeenFaabiyaan Ruwiiz daqiiqaa 27tti galcheen garichu dursuu eegale. Ashraaf Hakiimii daqiiqaa 72tti golii lammataa galcheera. Bukaayoo Saakaa daqiiqaa 72ffaatti Arsenaaliif goolii tokko galcheera. PSG’n rukuttaa adabbii argatus hinmilkoofne. Arsenaal carraa goolii argatus ittifayyadamuu hindandeenye. Akkaataa qabxii Kanaan kiabiin Faransaayi qabxii waliigalaan 3 fi 1’n mo’chuun xumuraaf darbeera. PSG’n Intar Miilaan waliin xumuraaf nitaphata. Taphni xumuraa Caamsaa 23 bara 2017 Istaadiyeemii Muniik Aliyaanz Areenaatti nitaphatama.
Waggoottan lamaan darbanitti sadarkaa biyyoolessatti lammiileen Miiliyeena 15 ol tahan waraqaa eenyummaa faayidaaf galmaa’aniiru.
May 6, 2025 127
Ebla 28/2017(TOI)-Waggoottan lamaa fi walakkaa darbanitti sadarkaa biyyoolessaatti lammiileen miiliyeena 15n ol ta’an waraqaa eenyummaa faayidaaf galma’uu Darekteerri Olaantuun waraqaa eenyummaa biyyoolessaa Yodahee Ar’ayasillaasee beeksisan. Faayidaan Itiyoophiyaaf kan jedhuun fiigichi daandiirraa km 5 Caamsaa 3/2017 Addababayii Masqalaatti gaggeeffama. Sagantaa fiigichichaa ilaachisuun Waajjirri sagantaa waraqaa Eenyummaa Biyyoolessa, Waajjirri Galmeessa Ragaalee Sivilii fi hawaasummaa Magaala Finfinnee, Biiroon dargaggoo fi Ispoortii Magaala Finfinnee waliin ibsa baasaniiru. Kaayyoonsaa guddaan dorgommiin Fiigicha Dilbata dhufu gaggeefamu Ispoortii fayyadamuun barbaachisummaa faayidaa irratti hubannaa hawaasaaf kennuuf ta’uu ibsaniiru. Daarekteerri olaanaan Ejensii Tajaajila Galmeessa Sivilii fi hawaasummaa Yoonas Alamayyoo gama isaaniin akka Jedhanitti, bara Baajatichaatti Jiraattonni Magaalichaa Miliyoona 2 tuqaa 3 ol faayidaaf galmaa’aniiru. Itti gaafatamaan Biiroo Dargaaggoo fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee Balay Dajanee gama isaaniin namoonni kuma 25 ol ta’an dorgommicha irratti ni hirmaatu jedhaniiru. Ka’umsii fi gahumsi Fiigichicha Addababayii Masqalaa ta’ee Dilbata ganama sa’aatii 12 eegalee akka gaggeeffamu beeksisaniiru
Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torban 28ffaa oolmaa guyyaa 2ffaa
May 6, 2025 98
Ebla 28/2017(TOI)-Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torban 28ffaa har’a taphni sadii nigaggeeffama . Tapha jalqabaatiin ganama sa’aatii 3 fi 30tti Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Hawaasaatti Humni Ibsaa Itiyoophiyaa fi Qiddus goorgis nitaphatu. Humni Ibsaa Itiyoophiyaa qabxii 32n sadarkaa 12ffaa irratti argama . Qiddus goorgis qabxii 37n sadarkaa 7ffaa irratti argama. Guyyaa sa’aatii 9tti Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Walwaaloo Addigiraat Yuunvarsiitii waliin taphata. Bardheengaddaa liigicha tapha liigichaan kan injifate Baankiin Daldala Itiyoophiyaa qabxii 36n sadarkaa 8ffaa yoo qabatu,walwaaloo Addigiraat Yuunivarsiitiin qabxii 12n gadiin sadarkaa 18ffaa irratti argama. Tapni Sihul Shireen Faasil kanamaa waliin galgala sa’aatii 12tti gaggeeffamu sagantaa dhumaa guyyaa sanaati. Sihul Shireen qabxii 19n sadarkaa 17ffaa qabatee sadarkaa gadii irrattia argama. Fasil kanamaan qabxii 34n sadarkaa 11ffaa qabateera. Sadarkaa gadii irratti kan argaman taphni sihul shiree fi Walwaaloo Addaigiraat Yuunversiitii Morkattoota isaanii waliin taassisan xiyyeeffannoon kennameeraaf.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin uwwisa Bosona Itiyoophiyaa irratti jijjiiramni Guddaan dhufaa jira
May 8, 2025 58
Ebla 30/2017(ToI)-Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin uwwisa Bosona Itiyoophiyaa irratti jijjiiramni guddaan dhufaa jiraachuu Daarektarri Olaanaan Misooma Bosonaa Obbo Kabbadaa Yimaam Ibsan. TOI Sagantaa Misooma Magariisaan Uwwisa Bosonaan faayidaa argisiisu irratti, Misooma Bosona Itiyoophiyaa fi Koree Olaanoo Ashaaraa Magariisaa waliin turtii taassisaniiru. Daarektarri Olaanaan Misooma Bosona Itiyoophiyaa Obbo Kabbadaa Yimaam akka jedhanitti, Itiyoophiyaan Dinagdee jijiirama qilleensaan hin miidhamne ijaaruuf karoora qabatte keessaa sagantaan Ashaaraa Magariisaa isa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Sagantichi ammaan dura miidhaa qabeenya uumamaa irra gahaa ture ittisuu irra darbee uwwisa bosonaa guddisaa dhufuu ibsaniiru. Ammaan dura miidhaan Qabeenya Uumamaa irra gahaa turuu ibsuun, sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiirra ooluu erga jalqabee fedhii qoraanii fi Ijaarsaa Guutuu irra darbee Miidhaan Misooma Bosonaa irra gahu akka hir’atuuf gumaacha guddaa gumaachuu ibsaniiru. Sagantichi dhiqama biyyee ittisuun hidhi haaromsaa dubbishiin akka hin guutamne gochuu irra darbee lageen waggaa guutuu yaa’insa madaalawaa akka qabaatan gochuuf faayidaa olaanaa argamsiisuu himaniiru. Waggaa waggaan bosona hektaara kuma 29 irratti Mancaatiin gahaa kan ture Qorannoo Waggaa darbe gaggeeffameen gara hektaara kuma 27tti gad hir’achuun milkaa’ina guddaa ta’uu obbo Kabbadeen beeksisaniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman xaawulaa fi omisha mukaa biroo sharafa Alaan argamu bakka bu’uuf abdiin kan ta’udha jedhaniiru. Walitti qabaan Koree Teeknikaa Ashaaraa MagariisaaDr.Adafris Warquu Biqiltuuwwan Sagantichaan Dhaabbaman uwwisa bosona biyyittii guddisuu kan danda’an gosa bosonaa dhibbentaa 40 hanga 48 ta’uu ibsaniiru. Kunis qabeenyi uumamaa akka hin badne uwwisa bosonaa guddisuun gosa sanyii Biqiltootaa eeguun dhalootaaf dabarsuuf fayidaa qabaachuu ibsaniiru. Bara kana Biqiltuuwwan dhaabbachuuf qophaa’an keessaa Biliyeena 2 tuqaa 3 kan ta’an gosa mandhaalee mukeen akka ta’an xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Kunis milkaa’ina guddaa ta’uu himuun, gosni mukeenii mandhaaleen baduuf turan oolchuun faayidaa nannoof, hawaasummaa fi Dinagdeef qabaachuu Dr. Adafris Ibsaniiru.
Pirojektoonni Invastimantii fi haalli itti oomishan naannoo faaluu hinqaban
May 5, 2025 147
Ebla 27/2017(TOI)-Pirojektoonni misoomaa fi Invastimantii haala oomishaa faalama naannoo hubannoo keessa galcheen ta’uu akka qabu to’annoo fi hordoffii taasisaa akka jiran hooggantoonni damee kanaa naannoo Amaaraa fi bulchhiinsa Dirree Dawaa TOI’n haasofsiise dubbatan. Abbaa taayitaa naannawaa fi eegumsa bosonaatti daarektarrai jijjiirama naannawaa fi jijjiirama haala qilleensa obbo Awwaqee Yittaay akka jedhanitti, faalamni geejjibni, hafteen industirii, sagalee fi kanneen biroo faalama naannawaaf sababa ta’uu dubbataniiru. Industiriiwwan hedduun naannicha keessatti akka argaman eeranii, Pirojektoonni Invastimantii fi misoomaa faalama naannoo hubannoo keessa galchuun oomishuu akka qaban to’annoo fi hordoffiin akka taasifamu himaniiru. Haala walfakkaatuun daarektarri abbaa taayitaa naannawaa, bosonaa fi eegumsa bineensa bosonaa naannawa bulchiinsa Dirree DawaaObbo Darajjee Abbittii, naannichatti faalama naannawaa, sagalee fi bishaaniif xiyyeeffannoon taasifamuu ibsaniiru. Industiriiwwan dabalatee pirojektoonni misoomaa fi dhaabbileen tajaajila kennan akkaataa seeraa fi danbiin akka hojjetan to’annaan taasifamaa akka jiru eeraniiru. Mariin dhiibbaa jijjiiramni haala qilleensaa geessisu bifa walsimee fi qindoominaan damdamachuun akka danda’amu tibbana mariin magaalaa Adaamaatti taa’amuun niyadatama.
Dargaggoonni Iluu Abbaa Booraa sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuu qopheessaa jiru
May 2, 2025 224
Ebla 24/2017 (TOI)- Dargaggoonni Iluu Abbaa Booraa waldaan gurmaa’anii sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuu qopheessaa akka jiran ibsan. Sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuuwwan garagaraa qophheeffamaa akka jiran waajjirri qonnaa godinichaa ibseera. Dargaggoonni aanaa Yaayyoo TOIn haasofsiise waldaan gurmaa’anii biqiltuu qophheessuun faayidaa argachuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Carraan kun kan uumameef keessaa jiraataan aanaa Yayyoo dargaggoo Yohaannis Warquu keessumaa biqiltuu muduraa baay’inaan qopheessaa akka jiru ibseera. Biqiltuu amma ammaatti qopheessanirraa birrii kuma 400 akka abdatan eereera. Dargaggoo Fadluu Shaafii gamasaatiin hiriyyootasaa waliin ta’uun sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuu qopheessaa akka jiru dubbatee, kanarraas birrii kuma 800 argachuuf karoorfateera. Dargaggoonni galii argataniin ala hojicharraa muuxannoo argachaa akka jiran dubbatee fuulduras caalaatti fayyadamuuf hojjechaa akka jiran eereera. Itti aanaan hoogganaa waajjira qonnaa godinichaa obbo Malkaamuu Caalii, biqiltuun mukaa, nyaata loonii, akkasumas muduraawwan nyaataaf oolanii fi kanneen biroo akka ta’an dubbataniiru. Keessumaa biqiltuuwwan kuduraa nyaataa fi faayidaa dinagdeef oolan qopheeffamaa akka jiran himaniieu. Erga sagantaan ashaaraa magariisaa eegalamee asitti namoota godinichaa hedduuf carraan hojii waan uumameef namoonni hojii kana hojjetan faayyadamoo dinagdee ta’uusaanii dubbataniiru. Biqiltuu ashaaraa magariisaa waggoottan darban dhaabamaniin bosonna naannichaa dhibbantaa 71tti guddisuun akka danda’ame himaniiru.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa faayidaa gurgurtaa Kaarbooniirraa argamu guddisuuf qooda olaanaa qaba-hayyoota
May 2, 2025 164
Ebla 24/2017(TOI)-Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan raawwachaa jirtu faayidaan gurgurtaa Kaarbooniirraa argamu akka dabalu gumaacha guddaa kan qabu ta’uu hayyoonni damee kanarratti hojjetan ibsan. Dhiibbaa jijjiiramni haala qilleensaa geessisu qolachuuf biyyoonni addattis ta’e waloomaan tarkaanfiiwwan garagaraa nifudhatu. Jijjiirama haala qilleensaaf sababadha jedhamuun kan eeraman biyyoota guddatan ta’us rakkoof kan saaxilaman garuu biyyoota guddachaa jiran ta’uu hayyoonni damee kanaa nidubbatu. Addunyaan hoo’ina olaanaa, lolaa fi ongeen qoramaa yoo jiraattu, bosonni manca’uun, lafti qullaatti hafuun, gaaziin Industiriiwwan keessaa bahan kanaaf ka’umsa ta’uu ni’ibsu. Sagantaan ashaaraa magariisaa dhiibbaa kana qolachuuf Itiyoophiyaan itti jirtu bosona dabaluu fi naannawa eeguuf qooda guddaa bahaa akka jiru hayyoonni TOI waliin gaaffii fi deebii taasisan ni’ibsu. Qindeessaan sagantaa ashaaraa magariisaa biyyaalessaa Dr.Adafris Warquu sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu bosona haphatee ture akka fooyya’u gumaachuusaa ibsaniiru. Uwwisi bosonaa yeroo ammaa dhibbantaa 23 ol qaqqabuusaa qorannoon bara darbe taasifame ifoomsuusaa eeraniiru. Kuusaan Kaarboonii guddaan Itiyoophiyaa keessa akka jiru fi kana keessaa irra caalaan bosona keessatti kan argamu ta’uu kaasaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa bosona dabaluun alatti galii gurgurtaarraa Itiyoophiyaan argattu akka dabalu qooda olaanaa akka bahu dubbataniiru. Itiyoophiyaan kuusaa kaarboonii guddaa akka qabdu ibsaniiru. Yuunivarsiitii Finfinneetti hoogganaan kutaa barnoota saayinsii uumamaa fi barsiisaa fi qorataan ikoo siistamaa Dr. Biqilaa Warqinaa gamasaaniin, Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa hinmalle qolachuuf hojiilee eegumsa qabeenya uumamaa hojjechaa jirti jedhan. Bosona guddisuun faayidaa gurgurtaa kaarbooniirraa argamu guddisuuf nigargaara jedhaniiru. Faayidaa bosona dabaluun Itiyoophiyaan argatte keessaa gurgurtaa faayinaansii kaarboonii raawwachuushee fi kun wayita hojiirra oolu ikoo siistama caalaatti eegsisuuf jireenya qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa jijjiiruuf nidandeessisa jedhaniiru. Waliigaltee gama Kanaan Itiyoophiyaan baankii addunyaa fi Noorweey waliin mallatteessite Waabeffataniiru. Dabalataanis Itiyoophiyaan deeggarsa maallaqaa pirojektoota eegumsa qabeenya uumamaa hojiirra oolchaa jirtuuf oolu argachaa akka jirtu ibsaniiru. Ashaaraa magariisaa dabalatee hojiileen Itiyoophiyaan eegumsa naannoo fulla’aa irratti hojjechaa jirtu sirriitti akka beekaman dippilomaasii jijjiirama haala qilleensaa cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 2494
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 2694
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.