Tamsaasa Kallatti:

Hambaalee biyyaa baafaman deebisiisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru ciminaan itti ni fufa

Caamsaa 7/2018(ENA)- Hambaalee yeroo garagaraa biyyaa baafaman deebisiisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru ciminaan akka itti fufu daarektarri olaanaa abbaa taayitaa hambaa Itiyoophiyaa gargaaraa piroofeesaraa Ababaawu Ayaalewu ibsan.

Daarektarri olaanaa kun kana kan ibsan hambaaleen seena qabeessi yeroo garagaraa biyyaa baafamanii turan deebifamanii walharkaa fuudhinsi wayita taasifamettidha.

Daarektarri olaanan, daarektarri bulchiinsa golambaa ittisaa fi qu’annoo hambaa Meejer Jeneraal Xiruyyee Aseffee, gootonni akkasumas keessummoonni kabajaa waamaman sagantaa wal harkaa fuudhinsa abbaa taayitaa hambaa Itiyoophiyaatti gaggeeffamerratti argamaniiru.

Itti gaafatamaan golambaa maatii mootii Ingiliz (King’s Own Royal Regiment Museum) Dr. Koloneel Roobiin Jaaksan fi Antirooppoolojistii hawaasummaa, qorataa fi miseensi koree hambaa Itiyoophiyaa deebisiisuu Dr. Aluulaa Paankiresti daarektara olaanaa abbaa taayitaa hambaa Itiyoophiyaa gargaaraa piroofeesaraa Ababawu Ayyaaloof kennaniiru.

Hambaalee keessaa faaya warqee harkaa mootii tewoodiroos, rifeensasaanii fi muraan shamishii isaanii keessatti argamu.

Akkasumas Faaya rifeensaa (Walabaa) haadha warraa mootii tewoodiroos kan turan giiftii Xuruuwarq Wubee, gaachana seena qabeessa,waancaa ittiin dhugamuu fi fakkiiwwan garagaraa keessatti argamu.

Gargaaraan Piroofeesaraa Ababaawu Ayyaaloo wayita sana akka jedhanitti, guyyaan kun guutuu lammiilee Itiyoophiyaatiif guyyaa guddaa ta'uu ibsuun, Mootii Teewoodiroos seenaa Itiyoophiyaa ammayyaa keessatti hogganaa iddoo ol’aanaa qaban ta'uu isaanii yaadachiisaniiru.

Maqdallaan bakka hambaaleen seenaa hedduun itti saamame ta'uu ibsuun, rifeensi mataa Mootii Teewoodiroosis bakka kanatti muramee fudhatamuu isaa dubbataniiru.

Hambaawwan kunniin deebisanii galchuuf mariiwwan walitti fufiinsaan taasisamaniinii fi waliigaltee irra ga’ame irratti hunda’uun Hambaawwan kanneen deebi'uu danda'uu isaanii fi hambaawwan har'a harkaan ga’anne kunniin fuulduratti agarsiisa uummataaf akka dhiyaatan eeraniiru.

Miseensi koree hambaa deebisanii galchuu fi Antirooppooloojistiin Hawaasummaa Dr.Aluulaa Paankirasti gama isaaniitiin, guyyaan kun Itiyoophiyaanotaaf guyyaa addaa ta'uu ibsuun, qabiyyee fi dhugaan seenaa hambaa deebi'an kanaa qorannoo gadi fageenyaan mirkanaa'uu isaa dubbataniiru.

Hambaaleen kunneen seenaa jiraataa kan taasisan ta'uu isaanii caqasuun, ammas fuulduratti hambaalee biroo akka deebi'aniif xiyyeeffannoon hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Gama biraatiin, Hoogganaan Golambaa Maatii Mootii Ingilaandi Koloneel Dr. Roobiin Jaakson Hambaan kunneen Itiyoophiyaanotaaf faayidaan isaanii baay'ee ol’aanaa ta'uu ibsaniiru.

Deebi'uun Hambaawwan kanaas hariiroo gaarii biyyoota lamaan gidduu jiru gochaan kan agarsiisu ta'uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015