Tamsaasa Kallatti:

Aadaan Marii biyyoota akka Itiyoophiyaaf baay'ee barbaachisaa dha – Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad


Caamsaa 7/2018(ENA)-Biyyoota akka Itiyoophiyaaf aadaan marii baay'ee barbaachisaa ta'uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan.


Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin dabarsaniin, waggoottan darban keessa adeemsi Marii Biyyaalessaa gara fuulduraatti akka tarkaanfatuuf obsaa fi naamusaa ogummaa olaanaadhan raawwachuun, komishinaroota adeemsicha sadarkaa amma irra jiru kanaan gahan hunda galateeffataniiru.


 

Aadaan Maree Biyyoota akka Itiyoophiyaaf baay'ee barbaachisaa ta'uu kan ibsan Ministirri Muummeen, ijaarsi aadaa hawaasa siiviikii cimaa ta'e, shaakala haasaa walitti fufiinsa qabuu fi tas gabbiidhaan wal dhaggeeffachuu akka gaafatu hubachiisaniiru.

Adeemsi hanga amma itti dhufame kun hawaasa keenya keessatti sadarkaa sadarkaan faayidaa olaanaa wal dhaggeeffachuu kan argisiise ta'uun kan eeran ministirri Muummee, adeemsichi daangaa biyyattii hundatti ilaalchaa fi bu'aa maree lammiilee Itiyoophiyaa dhibbantaa 90 ol kan calaqqisiise ta'uus ibsaniiru.


Boqonnaan Marii biyyaaf faayidaa murteessaa qabu kun gara Boqonnaa itti aanu kan bu'aa qabatamaa fiduutti ce’aaa jiru kanatti, hirmaattonni dhimmi ilaallatu hundi nagaa, tokkummaa fi tasgabbii waaraa biyya keenyaa mirkaneessuuf ejjennoo jabaa waliinii fi karaa ijaaramaa ta'een gumaacha gochuu akka qaban dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015