Tamsaasa Kallatti:

Omisha Qonna Gannaa bara kanaaf dhiheessiin xaa’oo yeroon qonnaan bultoota qaqqabaa jira

Caamsaa 7/2018(ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaaleetti omisha qonna Gannaa bara kanaaf xaa’oon ga’aan yeroon qonnaan bultootaaf raabsamaa jiraachuu waajjirri qonnaa aanichaa beeksise.

Omishaa fi omishtummaa dachaan dabaluuf dhiheessiin galtee qonnaa murteessa ta’uu itti aanaa bulchaa fi itti gaafatamaa waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Waacaalee obbo Darajjee Nugusuu ibsaniiru.


Kanaafis rakkoo dhiheessii xaa’oo mudatu furuuf xiyyeeffaannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Aanichatti omisha qonna Gannaa bara 2018/2019 milkeessuuf xaa'oo kuntaalli kuma 72 fi 402 dhiyeessuuf karoorfamee xiyyeeffannoo ol aanaan hojjatamaa ture keessaa xaa'oo kuntaalli kuma 32 ol kan dhihaate yoo ta'u, hanga ammaatti Qonnaan Bultoota gandoota Aanichaa hundaaf raabsamaa jiraachuu obbo Darajjeen eeraniiru.

Galteewwan qonnaaf barbaachisu hundi yeroon dhihaatee harka qonnaan bultootaa gahee omishaa fi omishtummaan akka dachaan dabaluuf qindoominaa fi xiyyeeffannoon hojjatamaa akka jirus ibsaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015