Naannoo Oromiyaatti bara omishaa kanatti omishni shayii kuntaalli kuma 89 ol gabaaf dhihaateera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti bara omishaa kanatti omishni shayii kuntaalli kuma 89 ol gabaaf dhihaateera
Caamsaa 7/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti bara oomishaa kanatti shaayii lafa hektaara kuma1fi 280 irratti misoome irraa oomishni kuntaala kuma 89 ol gabaaf dhiyaachuusaa Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise.
Biirichatti Daayirektarri Misoomma Muduraa Obbo Chaalachoo Addunyaa ENA’f akka ibsanitti; naannichatti inisheetiiviin misooma shaayii bocamee gara hojiitti erga galamee asitti faayyadamni dinagdee qotee bulaa sadarkaa olaanaan dabalaa dhufeera.
Mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo addaa damichaaf kennuu isaatiin, sanyiiwwan Shaayii fooyya'an kanneen qulqullinaa fi baay'ina oomishaa dabalan qotee bulaaf akka dhiyaatan taasifamuu isaas dubbataniiru.
Misoomni Shaayii kun haala bal'aa ta'een hojjetamaa kan jiru haala teessuma lafaa fi qilleensa mijataa naannichaa bu'uura godhachuun akka ta'e ibsuun; keessattuu Godinawwan Jimma, Illuu Abbaa Boor fi Buunnoo Beddellee keessatti ta'uu eeraniiru.
Misoomicha caalaatti guddisuuf buufanni biqiltuu shaayii sanyiiwwan fooyya'an itti baay'ifaman sadarkaa mootummaa fi qotee bulaatti qophaa'anii gara hojiitti galamuu isaaniis dubbataniiru.
Ji'ootan 9’n darban keessatti oomishni kuuntaala kuma 89 ol gabaaf dhiyaachuun naannichi sekterichaan dandeettii guddaa qabu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni waggootan sadan darban gara investimantiitti akka ce'an carraaqqii taasifameen, amma yoonaatti qonnaan bultoonni10 gara invastimantiitti ce'uu isaanii beksisaniiru.
Fuuldurattis sektericha caalaatti ammayyeessuu fi faayida qotee bulaa mirkaneessuuf, ijaarsa warshaa oomisha shaayii qindeessuu ariifachiisuu fi oomishichaaf hidhata gabaa amansiisaa uumuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru.
Sochiin misooma shayii kun lammiilee hedduuf carraa hojii uumuun olitti, Dureeyyii fi qonnaan bulaa giduu qindoomina jiru cimsuun jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru.