Tamsaasa Kallatti:

Sirni awwaalcha Komishinara Zagayyee Asfaawu Kaatediraala Qulqulluu Sillaaseetti raawwatame

Caamsaa 6/2018(ENA) - Komishinara Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan turan Zagayyee Asfaawu sirni awwaalcha isaanii har’a Kaatidiraala Qulqulluu Sillaaseetti raawwatameera.


Sirna awwaalcha kana irratti Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasaa Caafoo, Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar, Gorsaan Ministira Muummee dhimmoota hawaasummaa Mu’aaza Xibabaat Diyaaqon Daani’eel Kibrat, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, komishinara ol’aanaa komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ar’ayaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaa fi Naannoo, maatii fi firoottan isaanii argamaniiru.


Seenaan jireenya isaanii akka ibsutti, Komishinar Zagayyee Asfaawu sadarkaa itti gaafatamummaa mootummaa adda addaa fi damee tajaajila namoomaa irratti biyya isaanii amanamummaan tajaajilaa turaniiru.


Keessattuu Komishinar Zagayyee Asfaawu seenaa Itiyoophiyaa keessatti bakka guddaa kan qabu labsii "Lafti Qonnaan Bulaaf" jedhu hojiirra akka ooluu fi mirgi qabiyyee lafa qonnaan bulaa akka kabajamu namoota murtessoo shoora dura bu’ummaa taphatan keessaa tokko turan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015