Hojiin gaaffii hulaa galaanaa Itiyoophiyaa hawaasa idil-addunyaa fi diyaaspooraa hubachiisuu cimee itti fufeera. - ENA Afaan Oromoo
Hojiin gaaffii hulaa galaanaa Itiyoophiyaa hawaasa idil-addunyaa fi diyaaspooraa hubachiisuu cimee itti fufeera.
Caamsaa 7/2018 (ENA): Hojiin gaaffii abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa hawaasa idil-addunyaa fi diyaaspooraa hubachiisuu cimee itti akka itti fufe ibsani
Zimbaabuwee, Zaambiyaa fi Moorishiyaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa fi Gabaa Waloo biyyoota Afrikaa Bahaa fi Kibbaa(COMESA)tti Bakka Bu’aan Dhaabbataa Itiyoophiyaa Raashiid Mahaammad.
Itiyoophiyaan pirojektoota Ashaaraa magariisaa fi misooma koridaraa milkaa’aa ta’uun ishee dirree dippilomaasii irratti maqaa fi bifa biyyattii guddisaa jiraachuus hubachiisaniiru.
Ambaasaaddar Rashiid Mahaammad, turtii ENA waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan mirga abbummaa hula galaanaa seenaa, teessuma lafaa fi seera qabeessa ta’e haqa malee mulqamuu ishee yaadachiisaniiru.
Guddina diinagdee saffisaa fi baay’ina ummata Itiyoophiyaa ilaalcha keessa galchuun hulaa galaanaa nageenya qabu kan qabaattee bulchuu dandeessu kan ishee barbaachisu yoo ta’u, kunis daldala al-ergii fi galtee ishee gaggeessuuf kan dandeessisudha.
Teessuma lafaatiin Galaana Diimaatti dhihoo waan ta’eef buufata galaanaa malee jiraachuu akka hin dandeenyes hubachiisaniiru.
Waggoota kurnan sadii dura abbaa buufata galaanaa ta’uun ishee seera qabeessummaa fi sababa qabeessummaa abbummaa hulaa galaanaa kanaa akka guddisu ibsaniiru.
Ambaasaaddarichi itti dabaluudhaan hariiroo Itiyoophiyaan biyyoota waliin qabdu daran cimsuuf hojiin dippilomaasii hojjetamaa jira jedhan.
Fakkeenyaaf, Itiyoophiyaa fi Zimbaabuwee gidduutti walgahii Komishinii Ministiroota Waliinii gaggeessuun hariiroo biyyoota lamaanii daran cimsuuf qophiin taasifamaa akka jiru eeraniiru.
Itiyoophiyaan Zaambiyaa keessatti qoonsilaa kabajaatiin bakka bu’ummaan akka kennamuufii fi yeroo gabaabaa keessatti hojiitti galchuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA