Tamsaasa Kallatti:

Faayidaan biyyaalessaa biyya keenyaa yeroo fi haala kamiyyuu keessatti mariif kan dhihaatu miti

Caamsaa 8/2018(ENA)- Faayidaan biyyaalessaa biyya keenyaa yeroo fi haala kamiyyuu keessatti mariif kan dhihaatu miti jechuun ibsan abbaan miidiyaa kiingi oof Abbaayi Ustaaz Jamaal Bashir.

Waltajjii marii dhaabbilee miidiyaa biyyaalessaa mata duree “tarkaanfiin miidiyaa ijaarsa seenessaaf” jedhuun gaggeeffamerratti ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad akka ibsanitti, miidiyaan maqaa gaarii biyyaa ijaaruu fi faayidaa biyyaalessaa gama kabachiisuutiin akka meeshaa ijootti tajaajila.

Gaazexessoonni Faayidaa biyyaalessaa fi dirqama lammummaa gama bahuutiin adda bahu akka hindandeenye hubachiisanii dhimmi faayidaa biyyaalessaa fedhii mootummaa osoo hin taane dhaloota dhufuuf kan cehu dhimma jiraachuu biyyaati.

Kanaaf dhaabbileen miidiyaa yeroo hunda faayidaa biyyaaf kan hinaafan ta’uu qabu.

Abbaan miidiyaa Kiingi oof Abbaayi Ustaaz Jamaal Bashir turtii ENA waliin taasisaniin, ijaarsi hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi haala olaanaan ajandaa ta’ee wayita ture A.L.A bara 2019 Itiyoophiyaanonni abbaa dhimmichaa ta’an hundi tumsa miidiyaa qindaa’aa gochuu akka qaban hubachuusaanii ni ibsu.

Keessumaa seenessi sobaa afaan Arabaatiin hidha haaromsaa ilaalchisuun odeeffamu baay’ee yaaddessaa akka ture yaadachiisaniiru.

Seenaadhaan diina Itiyoophiyaa kan ta’an biyyattii karaa garagaraa maqaa balleessii miidiyaan eegalan qolachuuf galma ijoo godhachuun hojjechaa turuusaanii dubbataniiru.

Faayidaan biyyaalessaa mariif kan hin dhihaannee fi waloomaan dhaabachuufii kan qaban dhimma biyyaa murteessaa ta’uu ibsanii, fedhii biyyaalessaa biyyaa dursuun fedhii fi faayidaa dhuunfaa aarsaa gochuu gaafata jedhan.

Faayidaalee biyyaalessaa ifatti adda baasuu, dhimmoota waloorratti ejjennoo cimaa qabachuu fi ofittummaarraa qulqulluu ta’ee biyyaaf waardiyyaa dhaabachuu gaafata jedhaniiru.

Yeroo ammaa ulaan galaanaa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa isa ijoo eeranii, lammiin Itiyoophiyaa barbaachisummaarratti gaaffii kaasu jiraachuu akka hin qabaanne dubbataniiru.

Gaazexessaan tokko dirqama ogummaasaa loogii biyyaaf waliin waliin qindeessee biyya kabachiisuuf itti gaafatama akka qabu dabalanii ibsaniiru.

Gaazexessoonni miidiyaa muummee fi dijitaalaarratti hojjetan faayidaa biyyaarratti quuqama agarsiisuu akka qaban gorsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015