Tamsaasa Kallatti:

Pirezidaanti Imaanu’eel Maakiroon Finfinnee galan

Caamsaa 5/ 2018 (ENA): Pireezidaantiin Farasaay Imaanu’eel Maakiroon daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.
Pireezidaantichi wayita Buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad isaan simataniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Pirezidaantii Faransaay Imaanu’eel Maakirooniin gara Itiyoophiyaa baga nagaan dhuftan kanan jedhu gammachuu guddaani jedhan.
Daawwannaa sadaffaan Itiyoophiyaatti taasisan ‎michummaa jabaa biyyoota lameeniif agarsiistuu ta’uu isaas eeraniiru.
Mariiwwan murteessoofi bu’aa qabeesssa ta’an irratti kan xiyyeeffatan ta’uu eeranii, hariiroon Itiyoophiyaafi Faransaay cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015