Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Imaanu’eel Maakroon waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Imaanu’eel Maakroon waliin mari’atan
Caamsaa 5/2018 (ENA) - Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Faransaayi Imaanu’eel Maakroon waliin dhimmoota waloorratti marii gamlamee gaggeessaniiru.
Dabalataanis waljijjiirraa walii galteewwan ijoo biyyoota lamaan jidduutti taasifaman waliin taanee Gaggeessineerra jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti dabarsaniin.
Haala Kanaan, anniisaa haaromfamu, qindaa’aa fi egeree akkasumas sagantaa diitaalaayizeeshinii hojiirra oolchuuf kan gargaaru walii gaaltee liqaa Yuuroo miiliyoona 54 tuqaa 6 fi wal jijjiirraan hammattoo haaraa fi rood maappii tumsa mootummaa fi dhuunfaa ji’ootarmaalii meeggaa waattii 150 akka keessatti argaman ibsaniiru.