Angafoota Oduu
Walitti hidhamiinsa waliigaltee omisha qonnaan bu’aan argamaa jira-Ministeera Qonnaa
Sep 15, 2025 6
  Fulbaana 05/2018(TOI )-Waggootan sadan darban Walitti hidhamiinsa waliigaltee omisha qonnaatiin dameelee adda addaan karooraa ol raawwatamuu danda’uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Ministeerichatti Ittigaafatamaan deeskii Waliigaltee oomisha Qonnaa Sulxaan Mahaammad TOI’f akka ibsanitti, hojiiwwan karaa waliigaltee walitti Hidhaminsa waliigaltee oomisha Qonnaan hojjetamaa jiraniin raawwiinsaanii guddachaa dhufeera.   Bu’uurama Kanaan bara 2015 hanga bara 2017tti oomisheessitoonni walitti hidhaminsia walii galtee omisha Qonnaa kuma1 fi 268n ga’uuf karoorfamee,kuma 3 fi 490n gahuun akka danda’ame himaniiru. Akkasumsa baay’ina omishtootaa walitti hidhamiinsa waliigaltee oomisha Qonnaa raawwatan waggaa sadiitti kuma 9 fi 74 gahuuf karoorfamee kuma 18 fi 85n gahuun danda’amuu mirkaneessaniiru. Gama biraan lafa heektaara kuma 17 fi 79 tuqaa 59 walitti hidhamiinsa waliigaltee oomisha qonnaan uwwisuuf karoorfamee, lafa heektaara kuma 36 fi 74 tuqaa 92 uwwisuun akka danda’ame dubbataniiru. Waggoottan sadan darban baay’ina oomisha alergii walitti hidhamiinsa waliigaltee oomisha qonnaa kuntaala miiliyoona 21 tuqaa 8n gahuuf karoorfamee kuntaala miiliyoona 37 tuqaa 78erguun akka danda’ame kaasaniiru. Walitti hidhamiinsa Waliigaltee oomisha qonnaa agiroo industirii waliin uumame ilaalchisee oomisheessaa tokkoon heektaara kuma 7 oomisha Qobboon uwwisuun oomishtoonni kuma 1’n tooniin kuma 14 oomishameera jedhan. Oomisheessitoota Kaasaavaa irratti bobba’an 2’n lafti heektaara kuma dhibba 4 uwwifamuu eeranii, oomishtoonni 350 jiraachuu fi tooniin miiliyoona 3 tuqaa 4 oomishamuu eeraniiru. Akkasumas lafti heektaara kuma 2 mi’eessituun uwwifamee oomisheessitoota lamaan oomishtoota kuma 5n tooniin kuma 2 fi 600 oomishamuu eeraniiru. Midhaan zayitaa lafti heektaara kuma 6 uwwifamee oomisheessitoota 3 fi oomishtoota 200n tooniin kuma 18 oomishamuu ibsaniiru. Damee Avokaadoon oomisheessitoota afuriin waldaalee hojii gamtaa 62’n tooniin 848 oomishamuusaa dabalanii ibsaniiru. Sanyii filatamaa baayyisuu ilaalchisee oomisheessitoota 6’n lafa heektaara 715 uwwisuun oomishtoota 654’n tooniin kuma 2 fi 920 oomishameera jedhan. Damee Re’ee, hoolaa fi loon maalaan oomisheessitoonni sadii fi oomishtoonni 300 jiraachuu eeranii, walumaa gala beellada kuma 20 horsiisuun akka danda’ame ibsaniiru.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi bu’a dhamaatii fi cichooma Itiyoophiyaanota hundaati-Bulchaa Ashaadlii Hasan
Sep 15, 2025 15
Fulbaana 05/2018(TOI )-Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa guddichi bu’aa tattaafii fi Cichoomaa Guutuu Itiyoophiyaanotaati jechuun Pirezidaantiin Naannoo Beenishaangul Gumumz Ashaadilii Hassan dubbatan. Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa guddichi milkaa’inaan xumuramuu ilaalchisuun Naannoo Beeniishaangul Gumumz Magaalaa Asoosaatti hiriirrii deeggarsa uummataa gaggeeffameera.   Hiriira Deeggarsaa kanarratti kan argaman Pirezidaantiin Naannichaa Ashaadilii Hassan wayita kan akka dubbatanitti, Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi Ashaaraan Itiyoophiyaanota hundaa kan irra taa’e, bu’aa tattaaffii fi Cichoomaa ti jedhaniiru. Hidhichi Milkaa’inaaf kan ga’e qormaatilee hedduu keesa darbuun ta’uu ibsuun , kunis kan dhugoome deeggarsaHawaasaa fi kutannoo gaggeessummaa Mootummaan ta’uu dubbataniiru. Hidhichi Itiyoophiyaanonni dhimma Abbayirratti seenaa dhagahuurraa gara seenaa hojjechuutti kan ceenee fi Ashaaraa Dhalootaa Qormaata keessatti argame ta’uu ibsaniiru. Hawaasni Naannichaa bu’aa hidhichaarraa fayyadamaa dhufuu ibsuun, kun immoo agarsistuu imala Diinagdee fi Badhaadhina Itiyoophiyaa milkeessuu dandeessisu ta’uu eeraniiru. Hirmaattonni sagantichaa “Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi keenya dhaloonni bara Abbay yaada sirrii yeroo sirriitti kan ijaarre hambaa bara baratti darbudha” akkasumas “Hidhi Haaromsaa keenyi humna keenyaan kan ijaarre utubaa tokkummaa fi walooma keenyaati” kan jedhuu fi ergaawwan biroo dhageessisaniiru. saganticharratti jiraattonni Asoosaa fi nannooshee,hogantoota olaanoo fi qaamoleen nageenyaa hirmaataniiru.  
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Itiyoophiyaanonnii tokko taanee yoo kaane waanti nudhaabu hinjiru-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Sep 14, 2025 257
Fulbaana 04/2018(TOI)- Itiyoophiyaanonnii tokko taanee yoo kaane waanti nudhaabu hinjiru-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Hidhi haaromsaa guddichi eebbifamuu sababeeffachuun mata duree “Itiyoophiyaan dandeesseetti jedhuun hiriirri deeggarsa ummataa Finfinneetti gaggeeffameera. Pirezidaant Taayyeen wayita kana dubbii dubbatameen, hidhi haaromsaa hunda dura humni ummatummaa cimaa ta’uu eeranii, ergaansaas Itiyoophiyaanonni nidandeenya kan jedhu ta’uu ibsaniiru. Addunyaan rakkisaan kun isin hiyyummaa fi beelaan beekamtu yoo nuun jedhu,ilaalchi kun soba ta’uusaa fi hojjennee jijjiiramuu akka dandeenyu kan itti agarsiifnedha jedhaniiru. Ergaan hidha kanaa, Itiyophiyaanonni tokkummaan yoo qindaa’an,akeekaa fi galmasaanii yoo adda baasan nidanda’u, waanti dadhaban hinjiru jedhan dubbi dubbataniin. Olaantummaan yaadaas Itiyoophiyaan nidandeessi kan jedhu ta’uu, guddummaa hojii fi mo’attummaa ifatti agarsiisuu eeraniiru. Sammuuwwan yaadan, harki ogummaa hojiif dhama’an, hoogaantoonnii fi hojjettoonni jalqabuufis ta’e sirnaan xumuruuf hojjetan yemmuu jiran, guddinni yaannii fi gochi gaariin yoo walfudhatan jechuudha jechuun ibsaniiru. Yaada jallate soroorsuuf, raawwii jallate sirreessuuf kan hojjetan akkasumas hoggantoonni jeeja’uu jibban yemmuu jiraatan, hojii fi hojjechiisaan waliigalu, hojiinis niqajeela,aadaan hojiis nigabbata jedhan.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Itiyoophiyaanotaaf abdii ifaa , bu’ura bayyanachuuti-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Sep 14, 2025 178
Fulbaana 04/2018 (TOI)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Itiyoophiyaanotaaf abdii ifaa , bu’ura bayyanachuuti jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Jiraattonni magaalaa Finfinnee mata duree “Itiyoophiyaan dandeesseetti, walta’uu keenyaan dandeenyeerra” jedhuun xumuramuu hidha haaromsaa sababeeffachuun hiriira deeggarsa ummataa guddaa addababayii masqalaatti gaggeessaniiru. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, itti aanaan ministira muummee Tamsgeen Xurunaa, etaamaajoor shuumiin waliigalaa humnoota waraanaa fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa, kantiibaa Adaanech Abeebee, ministiroonnii fi hooggantoonni mootummaa olaanoon hiriira deeggarsaa kanaratti argamaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee watita kana hihdi haaromsaa Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaaotaaf ifa abdii, bu’ura bayyanachuuti jechuun dubbatan, Sagalee tokkoon kan barreeffamee fi yoomiyyuu kan hindimimmifne, seenessa keenya waloo bu’ura walooma keenyaa akkasumas dafqaa fi dhiiga keenyaan kan dhugoome hidhi haaromsaa xumuramuusaatti baga gammaddan jedhaniiru. Lammiilee gaara Gubaa jalatti beekumsasaanii, dafqasaanii, dhiigasaanii fi lubbuusaanii kutannoon kaffalaniif kajaja qabu jechuun galateeffataniiru. Shira, haleellaa fi weerara lafa jalaa diinonni keessaa fi alaa walta’uun yaadan aarsaa gootummaan kaffalameen darbuun dhugoomsuun akka danda’ame eeraniiru. Keessumaa waggoottan toorban darban hooggansa cimaa ministira muummee Dr, Abiyyi Ahimadiin rakkoo cimaa hidhichi keessa gale keessaa baasuun dhugoomsuun akka danda’ame dubbataniiru. Dhiibbaawwan garagaraa numudatan damdamachuuf gatii qaamoleen nageenyaa kaffalaniif galateeffataniiru. Manni maree tasgabbii mootummoota gamtoomanii dhiibbaa Itiyoophiyaarraan gahuuf haala hinbaramneen hidhicha ilaalchisee al 13 walgahii taa’uusaa yaadachiisaniiru. Yaaliin kunadeemsa dippilomaasii cimina qabuun fashalaa’uusaa eeranii, dippilomaatota gama Kanaan hirmaatanis galateeffataniiru. Qaamolee miidiyaa, hirmaannonni miidiyaa hawaasaa, Itiyoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itiyoophiyaa, akkasumas harki keessan kan hindachaane hundi galata qabdu jedhaniiru. Itiyoophiyaanonni dhiibbaa kallattii garagaraan itti aggaamaman walta’insaan qolachuun keenya, yoo wal taane waan yaanne milkeessuu akka dandeenyu kan agarsiisedha jedhaniiru. Dhiibbaan kamiyyuu kaayyoo keenyarraa duubatti akka nundeebifne xumuramuun hidha kanaa agarsiiftuu ta’uu dubbataniiru. Hidhi kun dhugoomuunsaa ji’oo siyaasaa kan jijjiiree fi Itiyoophiyaan akka dandeessu addunyaatti kan agarsiifte siidaa barabaraati jedhaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Qaammee 4 bara 2017 ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin eebbifamuunsaa nibeekama. Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo, Pirezidaantiin Jibutii Ismaa’el Omaar Geelee, pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad pirezidaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Keer fi hooggantoonni biyyoota Afriikaa fi Kaariibiyaan sirna eebba hidha haaromsaarratti argamuunsaanii niyaadatama.A2a
Nageenya Magaalichaa Cimsuun hojiin Misooma Saffisiisuun Cimee itti fufa- Dursaa Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Bahaar Daara Goshuu Indaalammaawu
Sep 12, 2025 413
Fulbaana 02/2018(TOI)-Nageenya Magaalaa Bahaar Daara cimsuunii fi Misoomaaf tattaafachun hojiin fayyadamummaa uummataa mirkaneessu cimee Akka Ittifufu Dursaan Itti Aantaa Kantiibaa Magaalichaa Goshuu Indaalammaawu Ibsan. Paartii Badhaadhinaatti Hoggantonni Magaalaa Bahaar Daara hojiiwwan Misoomaa fi Bulchiinsa gaarii waggoottan darban paartichaan galmaa’an akkasumas dhimmoota biroo ilaalchisee waltajjiin marii gaggeeffamaa jira. Saganticharratti Haasaa baninsaa kan taassisan dursaan Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Bahaar Daara Goshu Indalammaawu, waggoottan Jijiiramaa gama Hawaasummaan, Dinagdeenii fi Siyaasaan milkaa’inoonni fooya’oon galmaa’uusaanii kaasaniiru. Ta’us bu’aawwan kana caalaa itti fufusiisuuf keessumaa miseensi hoggansaa fakkeenya nageenyaa fi misoomaa ta’uun bu’aa caaluuf tattaafachuun akka irraa eeggamu dubbataniiru. Gaaffiiwwan Misoomaa fi Bulchiinsa gaarii deebisuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophaa’oo ta’uu hunda keenyarraa eegama jechuun kaasaniiru. Dandeettii humna raawwachiisummaa gaggeessa fi hirmaannaa ho’aa Hawaasaan dabalamee imala badhaadhinaa eegalame fi milkaa’ina galma karoorfameef qindoominaan hojjechuun nurraa eegama jedhaniiru. Gama Kanaan nageenya Magaalichaa cimsuun misoomaaf dhimmuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Waltajjiin marii gaggeessitoota paartii kun har’aa eegalee guyyoota sadan itti aanaaniif kan gaggeefamau ta’uun beekameera

Hawaasummaa
Diinagdee
Walitti hidhamiinsa waliigaltee omisha qonnaan bu’aan argamaa jira-Ministeera Qonnaa
Sep 15, 2025 6
  Fulbaana 05/2018(TOI )-Waggootan sadan darban Walitti hidhamiinsa waliigaltee omisha qonnaatiin dameelee adda addaan karooraa ol raawwatamuu danda’uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Ministeerichatti Ittigaafatamaan deeskii Waliigaltee oomisha Qonnaa Sulxaan Mahaammad TOI’f akka ibsanitti, hojiiwwan karaa waliigaltee walitti Hidhaminsa waliigaltee oomisha Qonnaan hojjetamaa jiraniin raawwiinsaanii guddachaa dhufeera.   Bu’uurama Kanaan bara 2015 hanga bara 2017tti oomisheessitoonni walitti hidhaminsia walii galtee omisha Qonnaa kuma1 fi 268n ga’uuf karoorfamee,kuma 3 fi 490n gahuun akka danda’ame himaniiru. Akkasumsa baay’ina omishtootaa walitti hidhamiinsa waliigaltee oomisha Qonnaa raawwatan waggaa sadiitti kuma 9 fi 74 gahuuf karoorfamee kuma 18 fi 85n gahuun danda’amuu mirkaneessaniiru. Gama biraan lafa heektaara kuma 17 fi 79 tuqaa 59 walitti hidhamiinsa waliigaltee oomisha qonnaan uwwisuuf karoorfamee, lafa heektaara kuma 36 fi 74 tuqaa 92 uwwisuun akka danda’ame dubbataniiru. Waggoottan sadan darban baay’ina oomisha alergii walitti hidhamiinsa waliigaltee oomisha qonnaa kuntaala miiliyoona 21 tuqaa 8n gahuuf karoorfamee kuntaala miiliyoona 37 tuqaa 78erguun akka danda’ame kaasaniiru. Walitti hidhamiinsa Waliigaltee oomisha qonnaa agiroo industirii waliin uumame ilaalchisee oomisheessaa tokkoon heektaara kuma 7 oomisha Qobboon uwwisuun oomishtoonni kuma 1’n tooniin kuma 14 oomishameera jedhan. Oomisheessitoota Kaasaavaa irratti bobba’an 2’n lafti heektaara kuma dhibba 4 uwwifamuu eeranii, oomishtoonni 350 jiraachuu fi tooniin miiliyoona 3 tuqaa 4 oomishamuu eeraniiru. Akkasumas lafti heektaara kuma 2 mi’eessituun uwwifamee oomisheessitoota lamaan oomishtoota kuma 5n tooniin kuma 2 fi 600 oomishamuu eeraniiru. Midhaan zayitaa lafti heektaara kuma 6 uwwifamee oomisheessitoota 3 fi oomishtoota 200n tooniin kuma 18 oomishamuu ibsaniiru. Damee Avokaadoon oomisheessitoota afuriin waldaalee hojii gamtaa 62’n tooniin 848 oomishamuusaa dabalanii ibsaniiru. Sanyii filatamaa baayyisuu ilaalchisee oomisheessitoota 6’n lafa heektaara 715 uwwisuun oomishtoota 654’n tooniin kuma 2 fi 920 oomishameera jedhan. Damee Re’ee, hoolaa fi loon maalaan oomisheessitoonni sadii fi oomishtoonni 300 jiraachuu eeranii, walumaa gala beellada kuma 20 horsiisuun akka danda’ame ibsaniiru.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi bu’a dhamaatii fi cichooma Itiyoophiyaanota hundaati-Bulchaa Ashaadlii Hasan
Sep 15, 2025 15
Fulbaana 05/2018(TOI )-Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa guddichi bu’aa tattaafii fi Cichoomaa Guutuu Itiyoophiyaanotaati jechuun Pirezidaantiin Naannoo Beenishaangul Gumumz Ashaadilii Hassan dubbatan. Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa guddichi milkaa’inaan xumuramuu ilaalchisuun Naannoo Beeniishaangul Gumumz Magaalaa Asoosaatti hiriirrii deeggarsa uummataa gaggeeffameera.   Hiriira Deeggarsaa kanarratti kan argaman Pirezidaantiin Naannichaa Ashaadilii Hassan wayita kan akka dubbatanitti, Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi Ashaaraan Itiyoophiyaanota hundaa kan irra taa’e, bu’aa tattaaffii fi Cichoomaa ti jedhaniiru. Hidhichi Milkaa’inaaf kan ga’e qormaatilee hedduu keesa darbuun ta’uu ibsuun , kunis kan dhugoome deeggarsaHawaasaa fi kutannoo gaggeessummaa Mootummaan ta’uu dubbataniiru. Hidhichi Itiyoophiyaanonni dhimma Abbayirratti seenaa dhagahuurraa gara seenaa hojjechuutti kan ceenee fi Ashaaraa Dhalootaa Qormaata keessatti argame ta’uu ibsaniiru. Hawaasni Naannichaa bu’aa hidhichaarraa fayyadamaa dhufuu ibsuun, kun immoo agarsistuu imala Diinagdee fi Badhaadhina Itiyoophiyaa milkeessuu dandeessisu ta’uu eeraniiru. Hirmaattonni sagantichaa “Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi keenya dhaloonni bara Abbay yaada sirrii yeroo sirriitti kan ijaarre hambaa bara baratti darbudha” akkasumas “Hidhi Haaromsaa keenyi humna keenyaan kan ijaarre utubaa tokkummaa fi walooma keenyaati” kan jedhuu fi ergaawwan biroo dhageessisaniiru. saganticharratti jiraattonni Asoosaa fi nannooshee,hogantoota olaanoo fi qaamoleen nageenyaa hirmaataniiru.  
Meeggaa pirojektoonni ifooman gaaffii misoomaa ummataa kan deebisanii fi carraa hojii guddaa kan uumanidha-jiraattota magaalaa Finfinnee
Sep 13, 2025 242
Fulbaana 03/2018(TOI)- Meeggaa pirojektoonni biyyaalessaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifooman gaaffii misoomaa ummataa kan deebisanii fi carraa hojii guddaa kan uuman ta’uu jiraattota magaalaa Finfinnee TOI’n dubbise ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa wayita ifatti eebbisanitti meeggaa pirojektoota Itiyoophiyaa itti aanan ifoomsaniiru. Pirojektoonni doolaarri biiliyoona 30 caalu itti bahu kan ilmaan Afriikaa mataa olqabachiisanii fi badhaadhina Itiyoophiyaa milkeessan akka eebbifamanii fi ijaaraman ibsuunsaanii nibeekama. Pirojektoonni ministirri muummee Dr. Abiyyi ifoomsanis Nuukileera kan itti hojjetamu, ijaarsa buufata xiyyaaraa,eebba warshaa gaazii, warshaa gaazii jalqabaa gaazii dacha 10 ta’u oomishu, calaltuu boba’aa, ijaarsa warshaa xaa’oo fi ijaarsa manneen jireenyaa miil. 1tuqaa 5ti. Dhimmicharratti TOI’f yaada kan kennan keessaa obbo Mollaa Yaalewu, pirojektoonni kunneen fayyadama waliigalaa ummataa kan mirkaneessanii fi gaaffii kan furan ta’uu dubbataniiru. Obbo Gannatuu Margaa gamasaaniin, pirojektoonni biyyaalessaa ifooman akkuma hidha haaromsaa guddina Itiyoophiyaa kan saffisiisan waan ta’eef milkaa’insasaaniif tumsuu barbaachisa jedhANIIRU. Obbo Ababawu Lammii pirojektoonni kunneen seenaa kan jijjiiran ta’uu kaasanii, akkuma hidha haaromsaa milkaa’inaan xumuramanii tajaajila akka eegalan qoodasaanii akka bahan eeraniiru. Pirojektoonni misoomaa ifooman fayyadama dargaggootaa caalaa kan guddisan ta’uu kan eeran ammoo obbo Abbaayineh Muluu jedhamu. Meegga pirojektoonni kunneen carraa hojii hedduu kan uuman waan ta’eef lammiileef carraa guddaadha jedhaniiru kanneen yaada kennan kunneen. Keessumaa waggoota shanan dhufan manneen miiliyoona 1 tuqaa 5 caalan ijaaruuf karoorfamuunsaa fedhii mana jireenyaa lammiilee guutuuf xiyyeeffannoo kenname kan agarsiise tarkaanfii guddaa ta’uu ibsaniiru.
Milkaa’ina namootnni magaalaa Gimbiitti qonnarratti hojjetan irra gahan
Sep 13, 2025 150
Fulbaana 03/2018 (TOI)-Misooma qoonna magaalaarratti hirmaachuun oomishni argatan sooratarra darbee gabaa baasuun bu’a qabeessa ta’uusaanii hirmaattoonni godina Wallagga Lixaa magaalaa Gimbii dubbatan. Kuduraa fi muduraan borootti misoomsan gabaa tasgabbeessuuf gumaacha taasisaa akka jiru bulchiinsi magaalichaa ibseera. Hirmaattota keessaa obbo Mitikkuu Yohaannis TOI’f yaada kennaniin, deeggarsaa fi hordoffii bulchiinsi magaalaa tasisuufiin misoomichaan bu’a qabeessa ta’uusaanii dubbataniiru. Oomishni kanarraa argatan sooratarra darbee gabaa baasanii galiinsaanii guddachaa jiraachuu ibsaniiru. Obbbo Baashuraa Guutaa, erga qonna magaalaa eegalanii asitti kuduraa fi muduraa gabaarraa bitaa turan boroosaaniitti oomishuun bu’a qabeessa ta’aa akka jiran eeraniiru. Soorataaf fayyadamuurra darbee gabaa baasanii faayidaan argata guddachaa dhufuu eeranii, fuulduras misooma kana akka cimsan dubbataniiru. Muuzii qorannoon argamee fi yeroo gabaabaatti oomisha kennu misoomsuun fayyadamaa jiraachuusaa kan dubbatu ammoo dargaggoo Cannaqaa olaanaati. Hojii dhabdummaa jalaa bahuun yeroo ammaa hawaasaaf Muuzii gatii madaalawaan dhiheessaa akka jiru dubbateera. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Gimbii Fayyeeraa Abboomaa akka jedhanitti, xiyyeeffannoo qonna magaalaaf kennameen jiraattonni kuduraa fi muduraa boroosaaniitti oomishuun bu’a qabeessa ta’aa jiru. Jiraattonni sirna soorataa madaalawaa akka qabaatan qonni magaalaa qooda guddaa bahaa jiraachuu kaasanii, qaala’insi gatii magaalichatti akka hinmudannee fi dhiheessiin gahaa gatii madaalawaan hawaasaaf akka dhihaatu gochuun gumaacha taasisaa akka jiru ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Hojiilee damee Innoveeshinii fi Teeknooloojiin hojjetamaniin bu’aaleen jajjabeessoon argamaniiru
Aug 28, 2025 740
Hagayya 22/2017(TOI)-Bu’aalee teeknooloojii guddina biyyaaf hojiirra oolchuun bu’aaleen jajjabeessoon argamuusaanii ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa dubbatan. Ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbileen itti waamamtootaa akkasumas dhaabbileen naannolee dmichaa raawwii hojii bara 2017 fi karoora bara 2018 irratti Dirreedawaatti mari’achaa jiru. Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa marii kanarratti akka jedhanitti, guddinaa fi guddummaa biyyaa mirkaneessuuf bu’aalee teeknooloojii baay’inaa fi qulqullinaan hojiirra oolchuun xiyyeeffannoo argateera. Bara bajataa xumurame bu’aalee teeknooloojii fi hojiilee kalaqaa hojiitti galchuun tajaajiloonni teeknooloojiin deeggaraman kennuun bu’aan argamuu ibsaniiru. Bu’uraalee misoomaa diriirsuun fi naannolee waliin qindaa’iin hojii hojjitameen hojiileen fakkeenya qaban hojjetamuu yaadahiisaniiru. Kana malees labsiin ‘staar aappii’ mirkanaa’ee hojiitti cehuusaa dubbataniiru. Misoomaa fi ogummaa humna namaan lammiilen leenjii Itiyoo-koodiing miiliyoona shanii fudhachuun beekumsa dijitaalaa akka guddifatan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Mariin Dirree Dawaatti eegalame akka biyyaattis ta’e akka Dirree Dawaatti bu’aalee argaman cimsuu fi jijjiirama fooyya’aa fiduuf haala mijataa uuma kan jedhan ammoo maricharratti kan hirmaatan itti aanaa kantiibaa bulchiinsa Dirree Dawaa Harbii Buh dha. Itti fufuun akka jedhanitti dhaabbileen bulchiinsa Dirree Dawaa teeknooloojii dijitaalaa fi bu’aalee kalaqaa haaraa fayyadamuun tajaajilli si’ataa fi hatattamaa ummata qaqqabaa jira. Hooggantoonni olaanoo ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbileen itti waamamtootaa akkasumas hooggantoonni naannolee damichaa waltajjii guyyoota lamaaf turu kanarratti nihirmaatu.
Itiyoo-teleekoom tarsiimoo waggaa sadii Addis Admaas namarratti xiyyeeffate kan Fayyadamummaa Lammiilee Bu’uura godhatee ifoomse
Aug 26, 2025 763
Hagayya 20/2017(TOI)-Itiyoo-teleekoom tarsiimoo waggaa sadii Addis Admaas namarratti xiyyeeffate kan Fayyadamummaa Lammiilee Bu’uura godhatee ifoomse Dhaabbatichi tarsiimoo Addis Admaas waggoota sadii itti aanu bara 2018 amma 2020tti hojiirra oolu ifoomseera. Hojii raawwachiistuu olaanaan Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu wayita kana akka ibsanitti, Addis Admaas tarsoomoo waggaa sadan dhufanii jalqabbii haaraa, abdii haaraa fi ilaalcha haaraa kan qabatedha. Tarsiimoon kun tarsiimoo biyyoolessaa fi karoora, taateewwan Idil Addunyaa akkasumas, hirmaachisummaa faayinaansii gidduugaleeffatee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Tarsiimoon Addis Adimaas Mul’ata nama irratti xiyyeefate qabatee karoora damee dameen qabaman akka milkaa’aniif kan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Tarsiimichi tumsaa fi tokkummaa, olaantummaa, wal-amantaa fi tumsa, kalaqaa fi Itti Gaafatamummaa Hawaasaa galmaan ga’uuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Cehumsa Dijiiaala Itiyophiyaa cimsuuf Teekinooloojii Dijiitaalaaf dursa kennuu fi fedhii maamiltootaa bu’uura godhachuun kallattii fuulduraati jedhaniiru. Humna namaa Teekinooloojiiwwa Beekumsa haaraa fi dandeettii gaafatu madaalu horachuu, kalaqa nam-tolcheen tajaajila saffisaa kennuu, dhaabbata namoonni itti amanuu danda’an ijaaruun xiyyeeffannoo tarsiimoo kanaa ta’uu ibsaniiru. Itti quufinsa maamilaa guddisuu, gahumsa hojii guddisuu, raawwii hojjettootaa Madaaluu, fi gaggeeessummaa gabaa mirkaneessuun safartuu milkaa’ina tarsiimoo kanaa ta’uu eeraniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuu barbaachisa
Sep 12, 2025 215
Fulbaana 02/2018(TOI)- Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuun akka barbaachisu hoggantoonni dhaabbilee Idil-Addunyaa ibsan. Hangi Faalama gaazii Afriikaan gallakkiftu dhibbentaa afur caaluu baatus dhiibbaa haala jijiirama qilleensaan baay’ee Miidhamtuu ta’uunshee hin oolle. Keessumaa Afriikaa dabalatee biyyoonni guddachaa jiran rakkoo dhiibbaa jijiirama Haala Qilleensaan isaanirra gahu gaaffii dhimma jiraachuu keessa kan galu ta’eera. Afriikaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf biyyoota gaazii qilleensa faalu guddaa dad-lakkisan eeggachuuurra , furmaata mataashee barbaaduu qabdi kan jedhu yaada dhaabbilee Idil-addunyaa hedduuti. Kanarra darbee biyyootaTeekinooloojiin badhaadhan kanneen akka Chaayinaa fi Jaappaan waliinTumsa waloo Kibba-kibbaa taassisuun humna Teekinooloojii guddifachuu akka qabdu ibsaniiru. Gargaaraan Barreessaa dhaabbata Meetiworooloojii Addunyaa Toomaas Asaaree TOI’f akka ibsanitti , Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha faayinaansii haala Qilleensaa maddisiisuu fi biyyoonni ollaa humna Haaromfamaan walitti hidhuun gumaacha guddaa qaba. Itiyoopiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan biiliyoonaan lakka’aman dhaabuun Dinagdee magariisaa Jijiirama Haala Qilleensaan hinraafamne ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Kanaafis Kutannoon gaggeessummaa Ministira Muummee Dr.Abiyi Ahimadii fi Hirmaannaan ummata Itiyoophiyaa qooda olaanaa qabachuu dubbataniiru. Ta’us Itiyoophiyaan Jijiirama Haala Qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taassistu tumsa kibba -kibbaan jabeessuutu barbaachisa jedhaniiru. Gargaaraa Daarekteer Jeneraalaa dhaabbata qonnaa fi nyaataa addunyaa fi itti waamamaan Afriikaa Dr. Abbabaa Hayilagabreel gamasaaniin, waliigalteewwan Paarisii fi idil addunyaa kanneen biroo biyyoonni gaazii qilleensa faalu guddaa gad-lakkisan faayinaansii jijjiirama qilleensaa akka danda’an taasisuuf bahan sirnaan hojiirra hin oolle jedhaniiru. Dhiibbaa jijiirama haala Qilleensaa dandamachuuf tumsa kibba-kibbaa cimsuun humna teekinooloojiisaanii guddisuu akka qaban ibsaniiru. Afriikaan ardii humna haaromfamaa, qabeenyota albuudaa fi dilbii uumamaa kanneen biroo qabdu ta’uushee eeruun, teeknooloojii dilbii kana ittiif fayyadamtu tumsa kibba-kibbaan madaqsuu qabdi jedhaniiru. Hammattoo waliigaltee Kibba -Kibbaan biyyoon akka chaayinaa waan hedduun qoramanii humna teekinooloojii bu’uura qabatan ijaaraniiru kan jedhan Dr.Abbabaan , Afriikaan turtee seenuushee, /latecomer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru. Biyyoonni akka Chaayinaa hammattoo tumsa tumsaan dandeettii teeknooloojii hedduu qoramanii bu’ura qabate ijaaraniiru kan jedhan Dr. Abbabaan, Afriikaan turtee itti seenuunshee /late comer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru.
Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf gargaarsa osoo hintaane Invastimantii waloo barbaaddi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 8, 2025 431
Qaammee 3/2017(TOI)- Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf gargaarsa osoo hintaane Invastimantii waloo barbaaddi jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan jiddugala konveenshinii idil addunyaa Addisitti eegalameera. Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalate hooggantoonni riijinichaa fi biyyoota Afriikaa garagaraa, hooggantoonni dhaabbilee idila addunyaa akkasumas qorattoonni jijjiirama haala qilleensaa yaa’icharratti hirmaataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbii baniinsa yaa’ichaarratti dubbataniin, qormaata jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf hir’uu keenyarraa osoo hinta’iin kan qabnurraa eegaluu qabna jedhaniiru. Haala Kanaan Afriikaan dargaggoota hedduu, lafa misoomuu danda’u akkasumas humna haaromfamaaf wantoota hedduu qabdi jedhaniiru. Waan ta’eef asitti kan argamne jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf furmaata kaa’uufi jechuun ibsan ministirri muummee. Kanaaf Afriikaan laftishee osoo hinmiidhamiin guddachuu akka dandeessu ibsaniiru. Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf kan barbaaddu gargaarsa osoo hintaane Invastimantii walooti kan jedhan ministirri muummee, invastimantiin jijjiirama haala qilleensaarratti taasifamu faayidaa guddaa akka qabu kaasaniiru. Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf furmaata ijoo ta’uu akka qabdus dubbataniiru.’ Afriikaan jijjiirama haala qilleensaarratti birmadummaa odeeffannoo mataashee qabaachuu akka qabdu kaasaniiru. Hammattoon Yuunivarsiitiiwwanii fi qorattoota Afriikaa akkasumas qooda fudhattoota biroo hirmaachisee fi jijjiirama haala qilleensaaf furmaata qindaa’e diheessu akka hindeeffamu yaada dhiheessaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan karaa ashaaraa magariisaa waggoottan toorba dura eegalameen biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuushee eeraniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa naannawa eeguurra darbee bakkeewwan miidhaman akka bayyanatan, wabii nyaataa fi carraa hojii uumuuf carraa guddaa uumuusaa eeraniiru. Itiyoophiyaan misooma jallisii rakkoo jjjiirama haala qilleensaan walsime hojjechuun oomisha Qamadiin jijjiirama olaanaa fiduushee ibsaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi tibbana eebbifamu anniisaa haaromfamu meegaa waattii kuma shan caalaa maddisiisuunItiyoophiyaa fi riijinicha fayyadamoo anniisaa akka taasisu ministirri muummee dubbataniiru. Itiyoophiyaan yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessummeessuu akka barbaaddus eeraniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 13612
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015