Tamsaasa Kallatti:

Misooma itti fufiinsa qabu naannootiif odeeffannoon haala qilleensaa amanamaa fi si’ataa ta’e cimsuun barbaachisaadha

Caamsaa 10/2018 (ENA): Milkaa’ina misooma itti fufinsa naannawaatiif odeeffannoon haala qilleensaa amanamaa,qulqullina qabuufi si’ataa ta’e qindoominaan dhaqqabamaa ta’uu qaba jedhani Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa obbo Faxxanaa Tashoomaa.

Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa, Wiirtuu raaga Haala Qilleensaa Abbaa Taayitaa Mootummoota Giddu-galeessa Misooma Baha Afrikaa (EGAD) waliin ta’uun Fooramii Xiinxalaafi Raaga Haala Qilleensaa Baha Afrikaa 73ffaa Finfinneetti gaggeessaa jira.

Waltajjicharratti bakka bu’oonni biyyoota Afrikaa Bahaa, ogeeyyiin damee kanaa fi bakka bu’oonni dhaabbilee idil addunyaa hirmaataniiru.

Kanuma waliin Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa obbo Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti; Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa dandamachuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa jirti.

Naannoon Baha Afrikaa jijjiirama qilleensaa fi balaa uumamaa kanaan walqabatee dhufuuf saaxilamaadha waan ta’eef, dhiibbaa kana dandamachuuf odeeffannoo amanamaan waljijjiiruun murteessaadha jedhan.

Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama qilleensaa ittisuuf pirojektoota biyyaalessaa hedduu hojjechaa akka jirtus ibsaniiru.

Pirojektoota keessaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi itti fayyadama teeknooloojii ammayyaa tilmaama meetirooloojii keessatti eeraniiru.

Jijjiiramni qabatamaan galmaa’uu ibsaniiru.

Xiinxala raaga haala qilleensaa sirrii fi amanamaa taasisuuf teeknooloojii ammayyaa itti fayyadamuu eeraniiru.

Misooma itti fufiinsa qabuuf odeeffannoon haala qilleensaa amanamaa fi si’ataa ta’e cimsuu akka qabu dubbataniiru.

Waltajjiin kun naannoon Baha Afrikaa yeroo baayyee gogiinsa, lolaa hatattamaa fi rooba waqtii hin eegneef saaxilamuu isaa yaaddoo waloo ta’uu himaniiru.

Kanaafuu, biyyoonni carraaqqii dhuunfaa isaaniitiin alatti sadarkaa naannootti akeekkachiisa dursaa walsimaa fi saayinsii irratti hundaa’e hojiirra oolchuu qabu.

Odeeffannoo haala qilleensaa cimsuun qonnaan bultoonni, horsiisee bultoonni fi imaammata baastonni murtoo dafanii murteessuu fi karoora misoomaa keessatti itti fufiinsa mirkaneessuuf carraa guddaa akka uumuus ibsameera.

Waltajjiin kun guyyaa boruu itti fufuuf beellamameera.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015