Tamsaasa Kallatti:

Sababa qabeessummaan adeemsa nageenya ijaaruu fi marii biyya tokko keessatti gaggeeffamuuf gahee olaanaa qaba

Caamsaa 10/2018 (ENA): Biyya tokko keessatti adeemsa nagaa ijaaruu fi marii keessatti sababa qabeessummaan gahee olaanaa akka qabu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise.

Adeemsa marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti sababa qabeessummaan akkamiin ilaalamaa jira?

Adeemsa nagaa ijaaruu fi marii biyya tokko keessatti gaggeeffamu keessatti sababa qabeessummaan gahee olaanaa qaba. Labsii hundeeffama Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti qajeeltoowwan marii biyyaalessaa keessaa tokko sababa qabeessummaa ta’uun isaa ni beekama.

Gama kanaan adeemsa marii keessatti yaad-rimeen kun akkamitti hojiirra oolaa akka jiru beekuun barbaachisaadha.

Haala marii biyyaalessaa keessatti, sababa qabeessummaan qajeelfama naamusaa ijoo ta’ee fi marii gaggeessuu fi murtii sababaa kennuu, ragaa irratti hundaa’uun, yaada miiraan hogganamu irraa bilisa ta’uu, loogii dhiisuu fi yaada jibbinsaa irraa bilisa ta’ee murteessuuf gargaarudha.

Kunis fedhii gaarii lammiileen rakkoo biyya isaaniitiif furmaata waloo akka argatan cimsa.

Kana yaada keessa galchuun yaadonni armaan gadii adeemsa marii biyyaalessaa keessatti akkamitti sababa qabeessummaa hojiirra oolchuun akka danda’amu ibsu.

1. Sababaa fi ragaa irratti hundaa’uun

Adeemsa kana keessatti lammiileen fi qooda fudhattoonni haala miiraa fi jibba irraa bilisa ta’een marii irratti hirmaatu. Kunis haala marii nagaa taasisuu danda’a.

2. Loogii fi haqummaa irratti kan hundaa’e

Adeemsi marii biyyaalessaa hubannoo qabu marii madaalawaa ta’eef haala mijeessuu qofa osoo hin taane qooda fudhattoonni hundi sagalee isaanii walqixa akka dhaga’amuuf balbala bana.

3. Walqixxummaa namoota hundaatti amanu jajjabeessuu

Ilmi namaa rakkoo waloo isaa irratti yeroo mari’atu adeemsi marii biyyaalessaa biyya keenya keessatti gaggeeffamaa jiru walqixxummaa fi eenyummaa uumamaan dhala namaa kabajuun gaggeeffamaa jira.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015