Ashaaraan keenya Galaan guraatti kaa’ame Paarkii Idustiri qofaa osoo hin ta’iin Miidhagina naannawichaa fi jireenya jiraattotaa bu’uurarraa kan jijjiiredha - ENA Afaan Oromoo
Ashaaraan keenya Galaan guraatti kaa’ame Paarkii Idustiri qofaa osoo hin ta’iin Miidhagina naannawichaa fi jireenya jiraattotaa bu’uurarraa kan jijjiiredha
Caamsaa 10/2018(ENA)-Ashaaraan keenya Galaan Guraatti kaa’ame, paarkii industrii qofa osoo hin taane, miidhagina naannawichaa fi jireenya jiraattotaa guutummaatti bu’uurarraa kan jijjiiredha jechuun Kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.
Ergaan guutuun Kantiibaa Adaanech Abeebee dabarsan akkaataa armaan gadiitiin dhiyaateera:
Galaan Guraa Ashaaraa Badhaadhinaa!
Bal'innii fi gadi fageenyi Imala badhaadhina magaalaa keenyaa kan madaalamu, handhuura magaalaa qofa miidhagsuun osoo hin taane, qabeenya fi naannolee kaleessa haala gaariin hin fayyadamin ija keenya bannee ilaaluun, wiirtuu misoomaa fi guddinaa gochuus dabalateeti.
Waggaa 5 dura, Galaan Guraan bu'uuraalee misoomaa tokkollee kan keessatti hin argamne yoo ta'u, har'a garuu boqonnaan seenaa isaa jijjiiramee olka'insa misoomaa fi ce’umsa caasaa guutuu magaalaa keenyaa kan agarsiisu, wiirtuu walitti hidhaminsa dinagdee fi hawaasummaa ta'eera.
Ashaaraan keenya har'a iddoo kanatti taa’e parkii industrii qofa osoo hin taane, bifa naannawichaa fi jireenya jiraattotaa guutummaatti bu’urarraa kan jijjiiredha.
Akka fakkeenyaatti-
1/ Finfinneetti Riqicha ammayyaa jalqabaa fi isa guddaa ta'e, kan dheerina meetira 325 fi bal'ina meetira 60 qabu,
2/ Bu'uura misooma daandii ammayyaa kan koridarii daldala Itiyoophiyaa ariifachiisee fi kallattiin Kaargoo Daandii Xayyaaraa waliin walitti hidhu, kan dheerina kiilomeetira 21.73 qabu (daandii marfata Qallittii - Tulluu Diimtuu fi daandii marfata Qallittii - Addababayii Qilinxoo).
3/ Rakkoo dhiyeessii manneen jireenyaa magaalaa keenyaa furuu, ijaarsa manneen jireenyaa waliinii kuma 60 kan magaalaa haaraa ijaaruun wal qixxaatudha.
4/ Ijaarsi jiraattota keenyaa Kaazaanchisirraa sababa misoomaatiin ka’aniif, ganda jireenyaa ammayyaa, mijataa fi walitti qindaa'e ijaaramuun kan keessatti argamu,
5/ Fayyaa hawaasa keenyaa sadarkaa ol'aanaaniin eeguuf, ijaarsa Hospitaala Tiruwaamaa Galaan magaalattii keessatti guddinnaan isaa jalqabaa ta'e,
6/ Qonnaan bultoota bakka sanaa misooma kanaaf jecha lafa qonnaaf itti fayyadamaa turan nuuf gadhiisaniif, ijaarsa wiirtuu ga’ooma qonnaa ammayyaa fi qindeessaa,
7/ Iddoowwan magariisaa fi paarkota bal'oo miira haaromsan,
8/ Iddoowwan ispoortii fi tapha daa’immanii, ijaarsa Warshaa buddeenaa haadhotiif carraa hojii bal'aa uumuu fi kkf mallattoon ashaaraa badhaadhinaa calaqqisanii naannicha handhuura magaalaarra caalaa filatamaa taasisaniiru.