Naannoo Oromiyaatti Qonna Ganna dhufuun lafti heektaara miiliyoona 1.5 ruuziidhaan misooma - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti Qonna Ganna dhufuun lafti heektaara miiliyoona 1.5 ruuziidhaan misooma
Caamsaa 10/2018 (ENA): Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qonna Ganna dhufuun lafti heektaara miiliyoona 1.5 ruuziidhaan akka misoomu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise.
Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Bariisoo Fayyisaa turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, naannichi haala mijaa’aa misooma ruuziitiif qabu fayyadamuun bu’aan qabatamaan mul’achaa jira jedhani.
Naannichatti bara omishaa 2014/15tti lafa heektaara kuma 100 irratti kan eegalame misoomni ruuzii amma guddinaan olaanaa irra jiraachuun, fayyadamummaa diinagdee ummataa mirkaneessaa jira jedhan.
Misoomni ruuzii kun keessumaa Godina Lixa Oromiyaa keessatti bal’inaan hojjetamaa akka jirus eeraniiru.
Bara darbe lafa heektaara miiliyoona 1.2 irraa ruuziin kuntaala miiliyoona 63 kan oomishame yoo ta’u, bara omishaa 2018/19tti lafa heektaara miiliyoona 1.5 misoomsuun kuntaala miiliyoona 100 oomishuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Naannichatti naannoowwan misooma ruuziitiif mijatoo ta’an qorannoodhaan adda baafamuu fi jalqabbiin kunis guutummaatti hojiirra oolaa jira jedhaniiru.
Xaa’oo fi sanyii fooyya’aa qonnaan bultootaaf barbaachisu yeroo ammaa baay’ina gahaa ta’een dhiyaachaa jiraachuu ibsuu,; deeggarsaafi hordoffiin ogummaas dhiyeenyaan taasifamaa jira jedhani.
Qonnaan bultoonni ruuzii oomishanis wabii nyaataa isaanii mirkaneessuu bira darbee oomisha isaanii gabaaf dhiyeessuun faayidaa olaanaa argataniiru jedhan.
Kaka’umsi qonnaan bultootaa naannoo misooma kanaa haalaan guddachaa dhufeera jedhan; ce’umsi teeknooloojii qonnaa ammayyaa babal’atee qonnaan bultoonnis misooma ruuzii irratti muuxannoo fooyya’aa horachaa jiraachuu ibsaniiru.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA