Tamsaasa Kallatti:

Waltajjiin Foramii Raaga Haala Qilleensaa Riijinichaa Finfinneetti gaggeeffama

Caamsaa 10/2018(ENA)-Waltajjiin Foramiin Raaga Haala Qilleensaa Gaanfa Afriikaa Guddichaa 73ffaan (GHACOF 73) har'a Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegala.

Foramichi mata duree "Tajaajiloota haala qilleensaa, dandamannaa fi Guddina fulla’aaf" jedhuun gaggeeffama.

IGAD waltajjii Raagaa fi gidduugala hojirra oolmaa haala qilleensaa (ICPAC) tumsa michoota misoomaa waliin ta'uun qopheessuunsaa ibsameera.

Waltajjii kanaan, raaga haala qilleensaa kennuu qofa osoo hin taane, raagawwan kana gara hojiitti jijjiiruu fi dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf tarkaanfiiwwan akeekkachiisa dursaa fi qophii dursaa jabeessuu irratti xiyyeeffatama.


Odeeffannoo IGAD ENA’f erge akka mul’isutti, odeeffannoo haala qilleensaa Qonnaan bultoonni, ogeessota fayyaa fi hoggantoota ittisa balaa akka deeggaru gochuu danda'an irratti mariin ni taasifama.

Walta'iinsa dhaabbata raaga haala qilleensaa biyyaalessaa gidduu jiru cimsuun ajandaa marii isa tokkodha.

Waltajjii kanarratti raaga roobaa ji'oota dhufanii, jechuunis akka lakkoofsa Awurooppaatti Waxabajjii hanga Fulbaanaa 2026 jiru, kan misooma qonnaa fi qabeenya bishaanii Gaanfa Afrikaaf murteessaa ta'e ni dhiyaata.

Ministiroonni, dhaabbileen qorannoo, dhaabbileen namoomaa, dhaabbileen hawaasa siivilii fi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa ni hirmaatu.

Hirmaannaan gama kanaan jiru saayinsii fi imaammata walitti hidhuuf kan kaayyeffatedha.

IGAD akka jedhetti, jijjiiramni haala qilleensaa sodaa fagoo osoo hin taane balaa qabatamaa balbala keenya jirudha jechuun, fooramiin kunis hawaasni Gaanfa Afrikaa odeeffannoo gahaa akka argatanii fi dursanii akka qophaa'an dandeessisuu irratti Kan xiyyeeffate ta’uu hubachiiseera.

Xumura fooramichaa irrattis ibsi ejjennoo waliinii ni ba’a jedhameetu eeggama.

Ibsi waliinii kunis hojiiwwan akeekkachiisa dursaa fi ijaarsa dandeettii dandamannaa hawaasaa gara fuulduraatiif akka galtee ijoo ta'ee akka tajaajilu hubatameera.

Gara waltajjii isa guddaatti osoo hin seenamiin dura, qaama dhimmi ilaallatu waliin mariin toora intarneetii (online) fi workishoppiin misooma raaga haala qilleensaa taasifameera.

Fooramiin riijinii kun hanga boruutti kan turu ta'a.

Waltajjiin foramii Haala Qilleensaa Gaanfa Afriikaa Guddichaa 72ffaan (GHACOF 72) ji'a Amajjii 2018 keessa Keeniyaa, Naayiroobiitti gaggeeffamuun isaa ni yaadatama

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015