Yaa’iin Biyyaalessaa ‘‘Birmadummaa Odeeffannoo Bilisummaa Imaammataaf’’ mata duree jedhu gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin Biyyaalessaa ‘‘Birmadummaa Odeeffannoo Bilisummaa Imaammataaf’’ mata duree jedhu gaggeeffamaa jira
Caamsaa 10/2018 (ENA): Yaa’iin Biyyaalessaa ‘‘Birmadummaa Odeeffannoo Bilisummaa Imaammataaf’’ mata duree jedhu bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad fi hoggantoonni hojii olaanoo mootummaa argamanitti gaggeeffamaa jira.
Itiyoophiyaan galmoota misoomaa fi akkasumas milkaa’inoota ishee odeeffannoon galmeessuu fi ragaa istaatistiksiitiin galmeessuu erga eegalte kan bubbulte ta’uu Waajjirri Ministira Muummee beeksise.
Tarkaanfiin kun Itiyoophiyaan madda odeeffannoo qaama biroon deeggaramuu fi gargar ciccitaa irratti hirkattummaa duraan qabdu irra aanuuf kutannoo cimaa akka qabdu raga ta’uu ibseera.
Boqonnaan haaraan kun Itiyoophiyaan birmadumaa odeeffannoo biyyattii bu’a qabeessa ta’een mirkaneessuudhaan ragaa mataa ishee irratti hundaa’uun murtoo akka kennituu fi daandii misoomaa mataa ishee akka kaa’attu dandeessiseera.
Haaluma kanaan, Konfiransiin har'aa kun milkaa’inootaa fi misoomni istaatiksii bu’aa inni fidee fi kallattii gara fuula duraa Itiyoophiyaa imala birmadummaa istaatistiksii fi daataa gadi fageenyaan kan qoratamu ta'uu waajjirichi ibseera.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA