ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Hindi Itoophiyaatti hojii dargaggootaaf carraa hojii uumuu kan deeggartu ta'uu beeksifte.
Jul 26, 2024 136
Adoolessa 19/2016(TOI) - Hindi Itoophiyaatti hojii dargaggootaaf carraa hojii uumuu kan deeggartu ta'uu Ministirri Dargaggoo fi Ispoortii biyyatti Shirmaatii Raakishaa beeksisan. Pirezidaantiin mana baree dargaggoota Itoophiyaa Fo'aad Gannaa ministira dargaggoo fi Ispoortii Hindii Shirmaatii Raakishaa waliin mari'ataniiru. Marii isaaniin biyyoonni lameen carraa hojii uumuu, Istaart aapp irratti, Aadaa, tajaajila tola oolumma dargaggootaa fi walitti dhufeenya dargaggoorratti qindoominaan hojjechuuf walii galaniiru. Yaa'iin carraa hojii uumuu dargaggoota kan waggaa qopheesummaa Hindiin karaa BRICS tiin geggeeffamu irratti dargaggoonni Itoophiyaa haala hirmaachuu danda'an irratti mari'achuun walii galuu Odeeffannoon Mana Maree Dargaggoota Itoophiyaa irraa argame ni muli'isa.
Itoophiyaatti Guyyaan Gaddaa biyyalessaa guyyoota sadiif turu labsame.
Jul 26, 2024 144
Adoolessa 19/2016(TOI) - Itoophiyaatti Guyyaan Gadda biyyalessaa guyyoota sadiif turu labsame. Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Goofaatti bala Sigiga lafaa mudate hordofee Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa borurraa eegalee guyyoota sadiif kan turu guyyaa gadda biyyaleessa labseera. Bu’uura Labsii Alaabaa lakkoofsa 654/2001 foyyeessuuf labsii ba’e lakkoofsa 863/2006 keeyyataa 22 keeyyata xiqqaa 2'n barbaachiisa ta’ee yoo argame, aangoon guyya gadda labsuu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kennameera. Bu’uura labsii Alaabaa lakkoofsa 863/2006 keeyyata 2 keeyyata xiqqaa 2 jalatti guyyaa gadda biyyalessaa fi Alabaan gadii siqee akka mirmirfamu Af - yaa’ii Mana Marichaan kan murtaa’u ta’uun raggaasifameera. Haaluma kanaan Adoolessa 20/2016 jalqabee guyyota sadiif Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Goofaa Aanaa Gazzee Goofaa Ganda Keenchoo Shaachaa Gozdiitti balaa sigiga lafaa mudateen lammiilee lubbuun isaanii darbe yaadachuuf guyyaa gaddaa akka ta’u labsameera. Guyyoota kanneenitti Alaabaan Itoophiyaa sadarkaa biyyalessaatti, Dooniiwwaan Itoophiyaatti, Embaasiiwwanii fi Waajjiraalee Qoonsilaa keessatti gadii siqee akka mirmirfamu murtaa’uu ragaan Mana maricharra argame ni mul’isa.
Chaayinaan damee teeknooloojii fi tajaajila tola ooltummaa dargaggootaan dargaggoota Itiyoophiyaa ga’oomsuuf deeggarsa barbaachisu akka taasiftu ibsiteetti
Jul 26, 2024 70
Adoolessa 19/2016(TOI)- Chaayinaan damee teeknooloojii fi tajaajila tola ooltummaa dargaggootaan dargaggoota Itiyoophiyaa ga’oomsuuf deeggarsa barbaachisu akka taasiftu ibsiteetti. Pirezidaantiin mana maree dargaggoota Itiyoophiyaa Fu’aad Gannaa yaa’ii dargaggootaa ‘BRICS’ cinaatti ittaanaa pirezidaantii federeeshinii dargaggoota Chaayinaa Goong Jiinloong waliin mari’ataniiru. Hooggantoonni kunneen hammattoo tumsa Chaayinaa Afriikaa kan ta’e gama barumsa, carraa hojii uumuu, tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa fi cehumsa teeknooloojiitiin waliin hojjechuuf waliigalaniiru. Dargaaggoonni Itiyoophiyaa fooramii develooppimantii dargaggootaa wagga waggaan Chaayinaatti gaggeeffamurratti akka hirmaatan carraa mijeessuu ilaalchisee mari’ataniiru. Hariiroo dargaggoota biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti ceesisuuf akka hojjetan gaggeessitoonni lamaan mirkaneessanii, Itiyoophiyaatti jiddugaleessa barumsa afaan Chaayinaa babal’isuuf waliigalaniiru. Itiyoophiyaan filmaata hammattoo inisheetiivii beelt fi rood jalatti fayyadamaa taatu bal’isuuf deeggarsa barbaachisu akka taasisan ittaanaan pirezidaantii kun ibsaniiru. Itiyoophiyaan bara 2025 yaa’ii dargaggoota Afriika-Chaayinaaakka qopheessitu manni maree dargaggootaa fuula marsariitiisaarratti beeksiseera.
Doktar Alamuu Simee carraalee invastimantii gama geejjibaa fi loojistiiksiin jiran ilaalchisuun dureeyyii biyyoota addaddaa waliin mari’atan
Jul 26, 2024 35
Adoolessa 19/2016(TOI)- Ministirri geejjibaa fi loojistiiksii doktar Alamuu Simee carraalee invastimantii gama geejjibaa fi loojistiiksiin jiran ilaalchisuun gaggeessitoota dhaabbata daldalaa fi faayinaansii idil addunyaa biyyoota garagaraarraa walitti dhufan waliin mari’ataniir. Damee geejjibaa fi lojistiiksiin dameeleen invastimantii 27 adda baafamanii qorannoon bu’aqabeessummaa fi tilmaamni gatii hojjetamuusaa doktar Alamuu Simee marii kananaan himaniiru. Itti fufuunis dameelee invastimantii kanneenii keesaa konkolaataan elektiriikii fi maashiniin anniisaan ittiin guutamu dursi kan kennamuu fi xiyyeeffannaa mootummaa ta’uu ibsaniiru. Carraalee invastimantii konkolaataa elektiriikii fi anniisaan ittiin guutamu, loojistiiksii, baaburaa fi bu’ura misoomaa akkasumas ijaarsa buufata doonii fe’isa meeshaalee jiranirratti dureeyyiif ibsi kennameera. Gareen dureeyyii carraa biizinasii mijataa fi bu’aqabeessa Itiyoophiyaa keessa jirutti hawatamuusaanii fi damee geejjibaa fi loojistiiksiirratti invast gochuuf fedhii akka qaban ibsuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.
Hooggansi naannoo Oromiyaa sadarkaan jiru milkaa’ina argameen osoo hindagatiin bu’aa caaluuf tumsuu qaba-Obbo Shimallis Abdiisaa
Jul 26, 2024 30
Adoolessa 19/2016(TOI)- Hooggansi naannoo Oromiyaa sadarkaan jiru milkaa’ina bara bajataa xumurame argameen osoo hindagatiin bu’aa caaluuf tumsuu akka qabu pirezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa hubachiisan. Mootummaan naannoo Oromiyaa marii raawwii hojii bara bajataa 2016 fi karoora bara bajataa 2017 adeemsisaa ture xumureera. Caasaalee bulchiinsaa Biiroo irraa amma gandaatti jiran kanneen nageenyaa fi tasgabbii, hojiilee misoomaa, tajaajila kennuun fi bulchiinsa gaariin raawwi gaarii galmeessisaniif xumura sagantichaarratti beekamtiin kennameera. Obbo Shimallis Abdiisaa wayita kana akka jedhanitti, bara bajatichaa karoora qabame milkeessuuf kenniinsa tajaajilaa fooyyessuurratti xiyyeeffatamuu qaba. Karoorri bara bajataa 2017 hiixataa waan ta’eef hooggansi bu’aa bara darbeen osoo hindagatiin karoora kana raawwachuuf ammumaa kaasee tumsuu qaba jedhaniiru. Hanqina bara darbee sirreessuun qaama cimaa akka galteetti fudhachuun hooggansi hundi hojiitti galuu qaba jechuun hubachiisaniiru. Gandoonni, aanaaleen, magaalonni, godinaalee fi dhaabbileen naannichaa hojiisaanii haala fooyya’aan raawwachuun fakkeenyummaasaanii cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Karoora bajata bara kana qabame raawwachuun bu’aa gaarii galmeessisuuf deeggarsaa fi hordoffiin akka taasifamu ibsaniiru. Sagantaa beekamtii Kanaan sadarkaa bulchiinsa magaalaatti Magaalaawwan Shaggar, Adaamaa fi Bishooftuu, godinaaleerraa ammaoo Arsii lixaa, Harargee Lixaa fi Harargee Bahaan sadarkaa 1ffaa irraa amma sadarkaa 3ffaatti argataniiru. Waajjiraalee mootummaa naannoorraa ammoo biiroon fayyaa, biiroon qonnaa fi inistiitiyuutiin qorannoo qonnaa naannichaa akkaataa tarreeffamasaaniin beekamtiin kennameeraaf. Dhaabbilee beekamtiin kennameef hundaaf konkolaataan, motor biskiliitii fi akkasumas waraqaan raga fi meedaaliyaan kennameeraaf.
Siyaasa
Dubartoonni marii biyyaalessaa keessatti hirmaannaa cimaa akka taasisan ni hojjetama.
Jul 25, 2024 441
Adoolessa 18/2016(TOI) - Dubartoonni ijaarsa biyyaa keessattis ta'ee marii biyyaalessaa keessatti hirmaanna cimaa akka taasisan kan hojjetamu ta'uu Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee beeksisan. Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee waggoota darban mootummaan kan irratti hojjechaa turee fi lammileenis gaafachaa kan turan mariin biyyaalessaa kan rakkoowwan bu'uuraa jiran mariin furuu boqonnaa baay'ee murteessarra gahuu beeksisaniiru. Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa ijaarsa biyyaa keessattis ta'ee marii biyyaalessaa keessaatti dubartoonni hirmaanna hiikka qabeessa akka qabatan qaamolee dhimmi ilaallatuu fi deeggartoota waliin ta'uun waltajjiiwwan adda addaa mijeesuun gahee isaa bahaa turuu eeraniiru. Hojii kana caalmaatti cimsuuf kan hojjetamu ta'uus eeraniiru. Akka biyyaatti waldhabdeewwanii uumamaan keessatti dursa kan miidhaman dubartoota ta'uu eeranii marii biyyaalessaa hunda hirmaachi taasisuun waliigaltee biyyaaleessaa uumuuf hojii Komishiiniin Marii Biyyaalessa hojjechaa dinqisifataniiru. Komishinarri olaanaa Komishiinii Marii Biyyaalessa pirofeessar Masfin Araayaa '' Injifataa taanee haa baanu yoo jedhame mari'achuu qabna, marichaafis dubartoota qabannee bahuu qabna'' jedhaniiru. Ajandaan dubartoota ajandaa Itoophiyaanoota hundaa ta'uus Komishiinarichi himaniiru. Pirezidaantiin 'Sagalee Qindoomina Dubartootaa' Saabaa G'madiin gama isaaniin Marii biyyaalessaa keessatti dubartoonni bakka bu'ummaa barbaachisu argachuun gahee isaanii akka bahanii taasisuun barbaachisaa ta'uu eeruu odeeffannoon Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarra argame ni mul'isa.
Manni Maree Naannoo Somaalee bajata naannichaa kan bara 2017 birrii biliyoona 40 tuqa 6 raggaase.
Jul 25, 2024 50
Adoolessa18/2016 (TOI) - Manni Maree Naannoo Somaalee bajata naannichaa kan bara 2017 birrii biliyoona 40 tuqa 6 raggaase. Manni Maree naannoo Somaalee 6ffaa walga'ii idilee 7ffaa geggeesseen bajata bara 2017 irratti marichuun bajata walii galaa naannichatti hojii misoomaaf oolu birrii 40,687,127,007 taasisuun sagalee guutuun raggaaseera. Hogganaan Biiroo faayinaansii naannichaa Abdirahmaan Ahmad tarree fi ramaddii baajata naannichaa kan bara 2017 yeroo dhiyeessan; Maddoonni baajata naannichaa ijoon galii gibiraa naannichaa fi galii gibiraan ala naannichaa akkasuma deeggarsa mootummaa federaalaa irraa argamu ta’uu ibsaniiru. Pirezidaantiin naannichaa obbo Musxafee Mahaammad bajatichi karaa iftoominaa fi itti gaafatamuummaa qabuun galma misooma kaa'ameef akka oolu kan hojjetamu ta'a jechuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharra argame ni muli'isa.
Manni Maree naannoo Beenishaangul Gumuz bor yaa'ii idilee isaa ni taa'a.
Jul 25, 2024 106
Adoolessa 18/2016(TOI) - Manni Maree naannoo Beenishaangul Gumuz bor yaa'ii idilee isaa kan taa'u ta'uu Af-yaa'iin mana maree naannichaa doktar Tamasgeen Disaasaa beeksisan. Doktar Tamsgeen Disaasaa TOI'tti akka himanitti manni marichaa yaa'ii idilee 18ffaa Adoolessa 19 hanga 22/2016 ni geggeessa. Yaa'ii isaa kanaanis gabaasa raawwii karoora hojii bara 2016, waajjira mana maree naannichaa, Mana Murtii waliigalaa, waajjira odiitara muummichaa dhihaatuuf irratti ni mari'ata jedhaniiru. Akkasumas waxineewwaan labsii adda addaa mana marichaaf dhihachuun manni marichaa irratti mari'atee ni raggaasisa jedhaniiru.
Manni Maree naannoo Gaambeellaa 6ffaa bara hojii 3ffaa Walgahii Idilee 6ffaa geggeessu jalqabe
Jul 25, 2024 52
Adoolessa 18/2016 (TOI) - Manni Maree naannoo Gaambeellaa 6ffaa bara hojii 3ffaa har’a magaalaa Gaambeellaatti walgahii idilee isaa 6ffaa gaggeessuu eegaleera. Yaa'ichi guyyaa har'aa irraa eegalee guyyoota sadiif kan taa'amu yoo ta'u, gabaasa raawwii karoora hojii misoomaa fi bulchiinsa gaarii, Mana Murtii Waliigalaa fi Waajjira Odiitara Muummichaa kan bara 2016 dhaggeeffatee ni raggaasisa jedhamee eegama. Akkasumas, karoora misoomaa fi bulchiinsa gaarii bara bajataa 2017, baajata hoji raachiiftuu fi dhimmoota biroo irratti mari'achuun murteewwan ni kennama jedhamee eeggama.
Itiyoophiyaa fi Kuubaan waliigaltee marii siyaasaa gamlamee mallatteessan
Jul 24, 2024 392
Adoolessa 17/2016(TOI)- Itiyoophiyaa fi Kuubaan waliigaltee marii siyaasaa gamamee mallatteessuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksise. De’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa, ittaanaa ministira dhimma alaa Kuubaa Iilyoo Edwaardoo Roodrigeez Pirdoom waliin mari’ataniiru. Hariiroo cimaa Kuubaan Itiyoophiyaa waliin qabdu marii kanarratti kan ibsan ambaasaaddar Misgaanuun, michooma biyyoota lamaanii dameelee addaddaatiin gbbisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Waliigalteen gamlamee kan itti taasifame dameelee bulchiinsa bishaanii, barmoota, geejjiba qilleensaa fi daldalaarratti cimsanii kan kaasan de’eetaan ministiraa kun, hariiroo cimina gama waldhaansaa fi misooma sukkaaraatiin jirus kaasaniiru. Ittaanaan ministira dhimma alaa Kuubaa Iilyoo Edwaardoo Roodrigeez Pirdoom gamasaaniin, embaasiin Itiyoophiyaa deebi’ee Itiyoophiyaatti banamuunsaa hariiroon biyyoota lamaanii akka cimu qooda qabaachuu himaniiru. Qaamoleen lamaan dhimmoota dhiibbaalee idil addunyaa damdamachuun badhaadhina waloo mirkaneessuu dandeessisanirratti xiyyeeffatanii hojjechuun akka barbaachisu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaa fi Kuubaan waliigaltee marii siyaasaa gamlamee mallatteessuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa nimul’isa.
Ministirri dhimma alaa ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee barreessaa dhimmoota alaa fi idil addunyaa waliin mari’atan
Jul 24, 2024 73
Adoolessa 17/2016 (TOI)- Ministirri dhimma alaa ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee barreessaa dhimmoota alaa fi idil addunyaa Diiyeegoo Maariineez waajjirasaaniitti simatanii haasofsiisan. Hariiroo gamlamee Itiyoophiyaa fi Ispeen waggoota dheeraaf ture cimsuun haala danda’amurratti mari’ataniiru. Kana malees Qaxaanaa gaanfa Afriikaa fi dhimmoota idil addunyaa biroorratti mari’achuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa arganne nimul’isa.
Manni maree naannoo Affaar Adoolessa 20 yaa’ii idilee nitaa’a
Jul 24, 2024 120
Adoolessa 17/2016(TOI)- Manni maree naannoo Affaar Adoolessa 20 irraa kaasee yaa’ii idilee 6ffaa waggaa 3ffaa marsaa 6ffaa akka taa’u af-yaa’iin mana marichaa adde Asiiyaa Kamaal beeksisan. Af-yaa’iin mana maree naannoo Affaar adde Asiiyaa Kamaal ibsa har’a kennaniin, yaa’ichi ajandaawwan addaddaarratti akka mari’atu dubbataniiru. Yaa’ichi gabaasa raawwii hojii qaamolee raawwachiiftotaa naannichaa erga dhaggeeffatee booda mari’atee akka raggaasisu ni’eegama jedhaniiru. Manni marichaa gabaasa waajjira odiitii muummee fi mana murtii waliigalaa naannichaa aka dhaggeeffatu beeksisaniiru. Gabaasni bara 2016 fi karoorri bara 2017 yaa’iif dhihaatee akka raggaafamu eeranii, labsiiwwan addaddaa akka raggaafaman ibsaniiru.
Nageenya waaraa Itiyoophiyaa keessatti buusuuf mariin dhimma filmaata hinqabnedha-Komishinar Zagayyee Asfaawu
Jul 24, 2024 80
Adoolessa 17/2016(TOI)- Nageenya waaraa Itiyoophiyaa keessatti buusuuf mariin dhimma filmaata hinqabne akka ta’e Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiya Zagayyee Asfaawu ibsan. Komishinichi naannoo Beeniishaangul Gumuzitti ajandaa marii biyyaalessaaf oolu walitti qabuu har’a ifatti eegaleera. Komishinar Zagayyee Asfaawu waltajjii marii kana wayita banan akka jedhanitti, dhimmoota biyyaa bu’ura ta’anirratti gagaagarummaan yaadaa nimul’ata. Komishinichi waltajjii marii garaagarummaa furuu dandeessisan mijeessuuf carraaqqii guddaa taasisaa akka jiru komishinarichi ibsanii, amma ammaatti hojiileen milkaa’oon raawwatamaa akka jiran eeraniiru. Nageenya biyyattii egeree taasisuuf garaagarummaa yaadaa furuuf mari’achuun dhimma filmaata hinqabnedha jedhan komishinar Zagayyeen. Garaagarummaan yaadaa namoonni bosona akka seenan kan taasisu osoo hinta’iin faaya sabdaneessummaa ta’uusaa hubachuu qabna kan jedhan ammoo komishinar doktar Yoonaas Adaayyeedha. Hojii ajandaa walitti qabuu milkaa’inaan hojjechuun marii walkabajaa fi waldhaggeeffannaarratti hundeeffame gochuu qabna jedhan. Bakka bu’oonni kutaa hawaasaa addaddaa naannichatti argaman hojii ajandaa walitti qabuu turban tokkoof turu Kanarratti hirmaachaa jiru.

Hawaasummaa
Itoophiyaatti Guyyaan Gaddaa biyyalessaa guyyoota sadiif turu labsame.
Jul 26, 2024 144
Adoolessa 19/2016(TOI) - Itoophiyaatti Guyyaan Gadda biyyalessaa guyyoota sadiif turu labsame. Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Goofaatti bala Sigiga lafaa mudate hordofee Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa borurraa eegalee guyyoota sadiif kan turu guyyaa gadda biyyaleessa labseera. Bu’uura Labsii Alaabaa lakkoofsa 654/2001 foyyeessuuf labsii ba’e lakkoofsa 863/2006 keeyyataa 22 keeyyata xiqqaa 2'n barbaachiisa ta’ee yoo argame, aangoon guyya gadda labsuu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kennameera. Bu’uura labsii Alaabaa lakkoofsa 863/2006 keeyyata 2 keeyyata xiqqaa 2 jalatti guyyaa gadda biyyalessaa fi Alabaan gadii siqee akka mirmirfamu Af - yaa’ii Mana Marichaan kan murtaa’u ta’uun raggaasifameera. Haaluma kanaan Adoolessa 20/2016 jalqabee guyyota sadiif Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Goofaa Aanaa Gazzee Goofaa Ganda Keenchoo Shaachaa Gozdiitti balaa sigiga lafaa mudateen lammiilee lubbuun isaanii darbe yaadachuuf guyyaa gaddaa akka ta’u labsameera. Guyyoota kanneenitti Alaabaan Itoophiyaa sadarkaa biyyalessaatti, Dooniiwwaan Itoophiyaatti, Embaasiiwwanii fi Waajjiraalee Qoonsilaa keessatti gadii siqee akka mirmirfamu murtaa’uu ragaan Mana maricharra argame ni mul’isa.
Chaayinaan damee teeknooloojii fi tajaajila tola ooltummaa dargaggootaan dargaggoota Itiyoophiyaa ga’oomsuuf deeggarsa barbaachisu akka taasiftu ibsiteetti
Jul 26, 2024 70
Adoolessa 19/2016(TOI)- Chaayinaan damee teeknooloojii fi tajaajila tola ooltummaa dargaggootaan dargaggoota Itiyoophiyaa ga’oomsuuf deeggarsa barbaachisu akka taasiftu ibsiteetti. Pirezidaantiin mana maree dargaggoota Itiyoophiyaa Fu’aad Gannaa yaa’ii dargaggootaa ‘BRICS’ cinaatti ittaanaa pirezidaantii federeeshinii dargaggoota Chaayinaa Goong Jiinloong waliin mari’ataniiru. Hooggantoonni kunneen hammattoo tumsa Chaayinaa Afriikaa kan ta’e gama barumsa, carraa hojii uumuu, tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa fi cehumsa teeknooloojiitiin waliin hojjechuuf waliigalaniiru. Dargaaggoonni Itiyoophiyaa fooramii develooppimantii dargaggootaa wagga waggaan Chaayinaatti gaggeeffamurratti akka hirmaatan carraa mijeessuu ilaalchisee mari’ataniiru. Hariiroo dargaggoota biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti ceesisuuf akka hojjetan gaggeessitoonni lamaan mirkaneessanii, Itiyoophiyaatti jiddugaleessa barumsa afaan Chaayinaa babal’isuuf waliigalaniiru. Itiyoophiyaan filmaata hammattoo inisheetiivii beelt fi rood jalatti fayyadamaa taatu bal’isuuf deeggarsa barbaachisu akka taasisan ittaanaan pirezidaantii kun ibsaniiru. Itiyoophiyaan bara 2025 yaa’ii dargaggoota Afriika-Chaayinaaakka qopheessitu manni maree dargaggootaa fuula marsariitiisaarratti beeksiseera.
Meejer Jeneraal Tasfaayee Ayyaaloo fi obbo Tasfaayee Niwaay mana kitaabaa Abrohootif kitaaba gumaachan
Jul 26, 2024 75
Adoolessa 19/2016(TOI)-Meejer Jeneraal Tasfaayee Ayyaaloo fi obbo Tasfaayee Niwaay mana kitaabaa Abrohootif kitaaba gumaachaniiru. Qajeelcha olaanaa gamtaa ittisaatti hoogganaan qajeelcha bobbaatii fi hordofii humnaa meejer jeneraal Tasfaayee Ayyaaloo, dhiheenya kitaaba mata duree ‘Yejagninnat Sinalibonaa’ jedhuun barreessanii afaan Amaaraa, Oromoo, Somaalee fi afaan Ingiliziin qophaa’an 200 gumaachaniiru. Ittaanaan pirezidaantii mana murtii jalqabaa federaalaa obbo Tasfaayee Niwaay gamasaaniin kitaaba haqaa, seera lafaa fi hojiirra oolmaa dabalatee mata duree ogummaa gaggeessummaa 150 ofiisaanii barreessan mana kitaabaa Abrihootiif gumaachaniiru.
Tajaajila tola ooltummaa waldhaansa gannaatiin namoonni miiliyoona 2 tolaa niwaldhaanamiu
Jul 26, 2024 34
Adoolessa 19/2016 (TOI)- Tajaajila tola ooltummaa waldhaansa gannaa baatii lamaaf kennamuun tajaajilli fayyaa namoota miiliyoona 2f akka kennamu ministirri fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa ibsan. Sagantaan qorannoo fayyaa, tajaajila gorsaa fi waldhaansaa tola ooltummaa akka biyyaatti tolaan kennamu har’a Kolleejii waldhaansaa Qiddus Phaawuloos miliniyeemiitii har’a jalqabameera. Doktar Maqdas Dhaabaa, de’eetaawwan ministiraa, daarektarri olaanaa inistiitiyuutii qorannoo Armaawer Hansan piroofeesar Afawarq Kaasuu, hooggantoota dhaabilee fayyaa dabalatee keessummoonni addaddaa saganticharratti argamaniiru. Waldhaansa tolaann alatti dhiiga arjoomuun, mana namoota harka qalleeyyii haaromsuu fi deeggarsa meeshaalee addaddaa taasisuun akkasumas sagantaan biqiltuu dhaabuu akka raawwatamu ibsameera. Ministirri fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa wayita kana akka jedhanitti, tajaajilli tola ooltummaa kun har’a Kolleejii waldhaansaa Qiddus Phaawuloos miliniyeemiitii Hoospitaala waliigalaa ekkaa Kotobeetti jalqabamuusaa dubbataniiru. Akka biyyaatti baatii lamaaf akka turu eeraniiru. Tajaajila tola ooltummaa waldhaansa tolaa baatii lamaaf kennamu Kanaan namoota miiliyoona 2f tajaajilli tolaa akka kennamu ministirri fayyaa ibsaniiru. Piroovoost olaanaan kolleejii waldhaansaa Hoospitaala Qiddus Phaawuloos miliniyeemii doktar Sisaay Sirguu gamasaaniin tajaajila tola ooltummaa waldhaansa tolaa torbee tokkoof turuun qorannoon duraa fi waldhaansi akaakuu 30 akka kennaman dubbataniiru. Tajaajila Kanaan guyyaatti namoota kuma 7 oliif waldhaansi akka taasifamuu fi walumaa gala namoonni kuma 50 tajaajila waldhaansaa ni’argatu jdhaniiru.
Diinagdee
Doktar Alamuu Simee carraalee invastimantii gama geejjibaa fi loojistiiksiin jiran ilaalchisuun dureeyyii biyyoota addaddaa waliin mari’atan
Jul 26, 2024 35
Adoolessa 19/2016(TOI)- Ministirri geejjibaa fi loojistiiksii doktar Alamuu Simee carraalee invastimantii gama geejjibaa fi loojistiiksiin jiran ilaalchisuun gaggeessitoota dhaabbata daldalaa fi faayinaansii idil addunyaa biyyoota garagaraarraa walitti dhufan waliin mari’ataniir. Damee geejjibaa fi lojistiiksiin dameeleen invastimantii 27 adda baafamanii qorannoon bu’aqabeessummaa fi tilmaamni gatii hojjetamuusaa doktar Alamuu Simee marii kananaan himaniiru. Itti fufuunis dameelee invastimantii kanneenii keesaa konkolaataan elektiriikii fi maashiniin anniisaan ittiin guutamu dursi kan kennamuu fi xiyyeeffannaa mootummaa ta’uu ibsaniiru. Carraalee invastimantii konkolaataa elektiriikii fi anniisaan ittiin guutamu, loojistiiksii, baaburaa fi bu’ura misoomaa akkasumas ijaarsa buufata doonii fe’isa meeshaalee jiranirratti dureeyyiif ibsi kennameera. Gareen dureeyyii carraa biizinasii mijataa fi bu’aqabeessa Itiyoophiyaa keessa jirutti hawatamuusaanii fi damee geejjibaa fi loojistiiksiirratti invast gochuuf fedhii akka qaban ibsuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.
Hooggansi naannoo Oromiyaa sadarkaan jiru milkaa’ina argameen osoo hindagatiin bu’aa caaluuf tumsuu qaba-Obbo Shimallis Abdiisaa
Jul 26, 2024 30
Adoolessa 19/2016(TOI)- Hooggansi naannoo Oromiyaa sadarkaan jiru milkaa’ina bara bajataa xumurame argameen osoo hindagatiin bu’aa caaluuf tumsuu akka qabu pirezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa hubachiisan. Mootummaan naannoo Oromiyaa marii raawwii hojii bara bajataa 2016 fi karoora bara bajataa 2017 adeemsisaa ture xumureera. Caasaalee bulchiinsaa Biiroo irraa amma gandaatti jiran kanneen nageenyaa fi tasgabbii, hojiilee misoomaa, tajaajila kennuun fi bulchiinsa gaariin raawwi gaarii galmeessisaniif xumura sagantichaarratti beekamtiin kennameera. Obbo Shimallis Abdiisaa wayita kana akka jedhanitti, bara bajatichaa karoora qabame milkeessuuf kenniinsa tajaajilaa fooyyessuurratti xiyyeeffatamuu qaba. Karoorri bara bajataa 2017 hiixataa waan ta’eef hooggansi bu’aa bara darbeen osoo hindagatiin karoora kana raawwachuuf ammumaa kaasee tumsuu qaba jedhaniiru. Hanqina bara darbee sirreessuun qaama cimaa akka galteetti fudhachuun hooggansi hundi hojiitti galuu qaba jechuun hubachiisaniiru. Gandoonni, aanaaleen, magaalonni, godinaalee fi dhaabbileen naannichaa hojiisaanii haala fooyya’aan raawwachuun fakkeenyummaasaanii cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Karoora bajata bara kana qabame raawwachuun bu’aa gaarii galmeessisuuf deeggarsaa fi hordoffiin akka taasifamu ibsaniiru. Sagantaa beekamtii Kanaan sadarkaa bulchiinsa magaalaatti Magaalaawwan Shaggar, Adaamaa fi Bishooftuu, godinaaleerraa ammaoo Arsii lixaa, Harargee Lixaa fi Harargee Bahaan sadarkaa 1ffaa irraa amma sadarkaa 3ffaatti argataniiru. Waajjiraalee mootummaa naannoorraa ammoo biiroon fayyaa, biiroon qonnaa fi inistiitiyuutiin qorannoo qonnaa naannichaa akkaataa tarreeffamasaaniin beekamtiin kennameeraaf. Dhaabbilee beekamtiin kennameef hundaaf konkolaataan, motor biskiliitii fi akkasumas waraqaan raga fi meedaaliyaan kennameeraaf.
Geejjibni Galaanaa fi Loojistiiksii Itiyoophiyaa bara bajataa 2016 birrii biiliyoona 8 caalu buufachuusaa beeksise
Jul 26, 2024 30
Adoolessa 19/2016(TOI)- Geejjibni Galaanaa fi Loojistiiksii Itiyoophiyaa bara bajataa 2016 birrii biiliyoona 8 caalu buufachuusaa beeksise. Kana malees bara bajatichaatti galii birrii biiliyoona 57 tuqaa 14 walitti qabuusaa ibseera. Hojii raawwachiisaan olaanaa Geejjiba Galaanaa fi Loojistiiksii Itiyoophiyaa doktar Bariisoo Amaloo, hojiilee ijoo bara bajataa 2016 dhaabbatichaan raawwataman ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Hojiileen bara bajatichaa xiyyeeffannoon hojjetaman galii guddisuu, dandeettii fe’umsaa dooniiwwanii dabaluu, tajaajila si’ataa fi qaqqabaa kennuu fi hojmaattota teeknooloojiin deeggaraman kennuu akka ta’e himaniiru. Haala Kanaan bara bajataa 2016 birrii biiliyoona 6 tuqaa 70 buufachuuf karoorfamee bu’aan birrii biiliyoona 8 caalu argamuu ibsaniiru. Haala walfakkaatuun dhaabbatichi birrii biiliyoona 57 tuqaa 6 walitti qabuuf karoorfatee birriin biiliyoona 57 tuqaa 14 walitti qabamuusaa ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti Xaafiin lafa heektaara kuma 207 irratti misoome walitti qabamaa jira
Jul 26, 2024 37
Adoolessa 19/2016(TOI)- Naannoo Oromiyaatti Xaafiin qonna Arfaasaatiin lafa heektaara kuma 207caalu irratti misoome kombaayinaraan walitti qabamaa akka jirubiiroon qonnaa naannichaa beeksise. Hooggantoonni biiroo qonnaa naannichaa godina Baaleetti argamuun Xaafii kombaayinaraan walitti qabamaa jiru daawwataniiru. Biiroo qonnaa naannichaatti daarektarri misooma midhaanii obbo Musxafaa Huseen TOItti akka himanitti, Xaafiin qonna Arfaasaatiin naannichatti lafa heektaara kuma 207 caalu irratti misoome kombaayinaraan walitti qabamaa jira. Xaafiin kun godinoota Baalee fi Baalee Bahaa akkasumas naannawoota naannichatti arfaasaa facaasanitti walitti qabamaa akka jiru eeraniiru. Keessumaa Godinni Baalee Bahaa naannawoota naannichatti Arfaasaa oomishan keessaa isa tokko yoo ta’u jalqaba baatii Caamsaatii amma xumura Adoolessaatti bakki kun wayitii Arfaasaa akka ta’e kaasaniiru. Qonnaan bultoonni godinichaa Xaafii rooba Afraasaan misoomsan yeroo jalqabaaf kombaayinaraan walitti qabaa kan jiran yoo ta’u, kun ammoo bakkeewwan biroof muuxannoo akka ta’e ibsaniiru. Hojii amma ammaatti naannichatti hojjetameen lafa heektaara 207 caalu naannichatti Arfaasaan misoome keessaa harka 70 irraa oomishni walittiqabameera jedhan obbo Musxafaan. Oomishi kun kombaayinaraan alattis maashinoota xixiqqaa fi humna namaan walitti qabamaa akka jiru ittaantuun biiroo qonnaa godinichaa adde Sabriyya Abduqqee ibsaniiru. Midhaan addaddaa qonna Arfaasaatiin godinichatti misoome lafa heektaara kuma 152 keessaa heektaarri kuma 18 ta’u xaafiin misoomuu dubbataniiru. Qonnaan bultoota godina baalee Bahaa aanaa Gindhiir kessaa Bakar Ahimad, Xaafii qonna Arfaasaatiin oomishan kombaayinaraan walitti qabaa akka jiran ibsaniiru. Kun ammoo qisaasa midhaanii akka oolchuu fi heektaara tokkorraa kuntaala 28 argachuusaanii dubbataniiru. Bara oomisha Arfaasaa kana naannoo Oromiyaatti lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 5 midhaan addaddaa faca’uusaa odeeffannoon biiroo qonnaa godinichaa ni’agarsiisa.
Saayinsii fi teeknooloojii
Artefishaal Intalajensiin dargaggoonni biyyatti maqaa waamsisan umamaa jiru
Jul 25, 2024 205
Adoolessa 18/2016(TOI) -Teeknooloojii Artefishaal Intalajensiin(hubannoo namtolcheen) sadarkaa Idil Addunyaatti dargaggoonni kennaa adda qaban kan biyyattii maqaa waamsisan uumamaa jiraachuu Daayrektrarri Olaanaa Inistiitiyuutii Artifiishaal Intalajensii Itoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa ibsan. Instiititiyutichi guddina damichaaf hojjechaa jirachuu himanii, dandeettii kalaqaa dargaggootaa cimsuuf barnoota idilee cinaatti leenjii Gannaa kennaa jira jedhaniiru. Leenjii marsaa tokkoffaa fi lammaffaa irratti aragtaniin dandeettii qaban gara bu’aatti jijjiiruun dhaabbilee dhuunfaa waliin ta’uun akka hojjechuu danda'an carraa uumamuufii himaniiru. Dargaggoonni beekumsaa fi yaada fooyya’aa akka qaban ibsanii, dandeettii isaaniitti akka fayyadaman haala mijeessuun gahee keenya jedhaniiru. Leenjichaaf, giddugaloota barsiisota damichaan beekumsa qaban, meeshaalee teeknooloojii mijatoo, mana yaalii fi galteewwan biroon guutaman ijaaramuu ibsaniiru
Jiraatota magaalichaa kuma 715 oliif waraqaan eenyummaa dijitaalaa kennameera
Jul 23, 2024 66
Adoolessa 16/2016(TOI) - Magaalaa Finfinneetti bara bajataa xumurametti jiraatota magaalichaa kuma 715 oliif waraqaan eenyummaa dijitaalaa kennamuu Ejeensiin Galmee siivilii fi Tajaajila jiraataa magaalaa Finfinnee beeksise. Daarektarri olaanaa Ejensichaa obbo Yohaannis Alamaayyoo hojiiwwan bara 2016 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin ejensichi bara bajata xumurame jiraatoota magaalichaa kuma 715 fi 138 waraqaan eenyummaa kennuun karoora isaa keessa dhibbeentaa 93 milkeesuu danda'uu eeraniiru. Magaalichatti tajaajilli dijitaalaa erga jalqabamee jiraatonni magaalichaa miliyoonni 1 tuqaa 67 waraqaa eenyummaa dijitaalaa fudhachuu beeksisaniiru. Magaalichatti kanaan booda waraqaan eenyummaa waraqaan kan hin kennamne ta'uu eeranii tajaajilli waraqaa eenyummaa dijitaalaa cimee itti fufa jedhaniiru. Tajaajila waraqaa eenyummaa dijitaala malees galmeewwaan gaa'ilaa, hiikkaa fi dhalootaa karaa si'ataa ta'een kennamuu ibsaniiru. Bara bajatichatti galmeen dhalootaa kuma 364 fi 894 hojjetamuu himanii kunis kan bara bajata achi aanuu dhibbentaa 32 caalmaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Waliigalaan galmeewwan adda addaa shaniin galmeen kuma 440 fi 138 geggeeffamu eeraniiru. Ejensichaan hojjetoota rakkoo naamusaa qaban 238 irratti tarkaanfiin naamusa fudhatamuu eeranii, ogeeyyii fi abbootiin dhimmaa 80 ta'an dhimmi isaanii mana murtiin ilaalama jira jedhaniiru.
Sagantaan Koodarsi Itiyoophiyaanota miiliyoona shan weeb pirogiraamiing, andirooyid uumuun, saayinsii daataa fi hubannoo namtolcheetiin ogummaa dijitaalaa bu’uraa nihubachiisa
Jul 23, 2024 65
Adoolessa 16/2016(TOI)- Sagantaan Koodarsi Itiyoophiyaanota miiliyoona shan weeb pirogiraamiing, andirooyid uumuu, saayinsii daataa fi hubannoo namtolcheetiin ogummaa dijitaalaa bu’uraa akka hubachiisu waajjirri ministira muummee beeksise. Sagantaan “Koodarsii Itiyoophiyaanota miiliyoona shanii” pirojektii tumsa ogummaa hojii dijitaalaa guddisu kan mootummoota Itiyoophiyaa fi Emereetota Araba gamtoomaniin jalqabame akka ta’e ibsameera. Dinagdee dijitaalaa guddachaa jiru keessatti dhaloota Itiyoophiyaa dhufu ga’oomsuuf akeekamee akka jalqabame himameera. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad har’a sagantaa haaraa hanqina beekumsaa dhiphisuu dandeessisu qaama dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 gochuun golambaa saayinsiitti jalqabsiisuusaanii odeeffannoon waajjira ministira muummee nimul’isa. Sagantaasaa akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2016tti Itiyoophiyaanota miiliyoona shan weeb pirogiraamiing, andirooyid uumuu, saayinsii daataa fi hubannoo namtolcheetiin ogummaa dijitaalaa bu’uraa kan hubachiisu ta’uu waajjirri ministira muummee beeksiseera.
Guyyoota dhufan haalli qilleensaa naannawoota qonna gannaaf mijataa ta’e nijiraata-Inistiitiyuutii mitiwoorooloojii Itiyoophiyaa
Jul 22, 2024 83
Adoolessa 15/2016 (TOI)- Guyyoota kurnan dhufan haalli qilleensaa naannawoota qonna gannaaf mijataa ta’e akka jiru Inistiitiyuutii mitiwoorooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa TOIf ergeen akka beeksisetti, haalli qilleensaa guyyoota dhufanii hojii qonnaaf qooda olaanaa qaba. Haalli qilleensaa kun guddina midhaan Kanaan dura facaafamanii sadarkaa biqilaa addaddaarra jiraniif murteessaadha jedheera. Naannawoota qonna gannaa turanii jalqabaniif lafti ciidhee yeroon sanyii facaasuuf haala mijataa akka uumu inistiitiyuutichi ibsasaatiin beeksiseera. Haalli qilleensaa kun biqiltuuwwan dhaabbataaf fedhii bishaanii guutuuf dhiheessiin bishaanii fi marga dheedichaaf akka fooyya’u qooda olaanaa akka qabaatu ibseera. Gama biraatiin naannawoota tokko tokkotti bokkaan cimaan waan mudatuuf lolaan battalaa fi sigiggoon lafaa mudachuu akka danda’u akeekkachiiseera. Qonnaan bultoonnii fi kutaaleen hawaasaa biroon iddoowwan walitti aanuun rooba argatan jiraatan midhsn, beelladaa fi qabeenyarra balaan akka hingeenyeofeeggannoo akka taasisan hubachiiseera.
Ispoortii
Olompiikii Paarisitti kophee malee kan fiigu Ermiyaas Yirgaaf gaggeessaan taasifame
Jul 26, 2024 20
Adoolessa 19/2016(TOI)- Ministeerri aadaa fi Ispoortii fakkeenya Shaambal Abbabaa Biqilaa hordofuun Olompiikii Paarisitti kophee malee kan fiigu Ermiyaas Yirgaaf gaggeessaan taasiseera. Ministirri aadaa fi Ispoortii adde Shawiit Shaankaa ergaa gaggeessaarratti dabarsaniin akka ibsanitti, Olompiikii Roomirratti gootota Olompiikii Itiyoophiyaa beeksisan keessaa Abbabaa Biqilaa adda dureedha. Fakkeenyummaasaa hordofuun kophee malee fiiguun maqaa biyyaa wamsisuu fi akkaataa shaambal Abbabaa Biqilaa yaadatamuun fiiguuf ilama gara Paarisitti taasifamuuf akka milkaa’uu fi injifannoon akka deebi’u hawwaniiruuf. Ijnifannoo gooticha Abbabaa Biqilaa dirree addunyaatti kophee malee fiiguun olompiikii kan mo’ate lammiin Afriikaa akkasumas Itiyoophiyaa shaambal Abbabaa Biqilaa yaadachuun ga’ee dhaloota hundaa kan ibsan ammoo de’eetaa ministiraa damee Ispoortii ambaasaaddar Masfin Charinnati. Wal harkaa fuudhiinsa dhalootaatiin har’a kophee malee fiiguun akka danda’amuu fi seenaa gootummaa duraanii ittifufsiisuuf Paaris dhaquun kophee malee kan fiigu Ermiyaas Yirgaaf kabajatu mala jedhaniiru. Pirezidaantiin waldaa Ispoortii motoraa duraanii fi hojii gaggeessaan olaanaa fiigicha guddicha Itiyoophiyaa obbo Ermiyaas Yirgaa gamasaatiin, Olompiikii Room, Ateensi, Kooriyaa Kibbaa fi Ingiliz irratti kophee malee fiiguun Shaambal Abbabaa Biqilaa yaadachuu akka danda’e ibsuusaa odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.
Taphoonni Olompiikii Paariis har’a eegalamu
Jul 26, 2024 36
Adoolessa 19/2016(TOI) - Taphoonni Olompiikii 33ffaa Paariis har’a kan eegalaman yoo ta’u dorgommichi seenaa keessatti yeroo jalaqabaatiif Istaadiyoomiin ala qarqara lagaatti dorgomama. Taphoota olompiikiin Atileetonni biyyoota 203 irraa walitti bahan kuma 10 fi 500 gosoota ispoortii 32’n waliin akka dorgoman ragaan Koree Olompiikii addunyaarraa argame ni ibsa. Itoophiyaan dorgommiiwwan Atileetiiksii garaa garaan ispoortessitoota 39’n ni hirmaatti.
Gareen Itoophiyaa Olompikii Paarisirratti hirmaatu marsan jalqabaa Paaris gale
Jul 25, 2024 58
Adoolessa 18/2016 (TOI)- Gareen Itoophiyaa Olompikii Paariis 33ffaarratti hirmaatu marsaan jalqabaa Faransaay Magaalaa Paariis galeera. Gareen Itoophiyaa miseensotaa 40 qabate kun har’a ganama wayita magaalattii ga’u Misiyoonni Itiyoophiyaa fi miseensonni diyaaspooraa simannaa taasisaniiruufi. Misiyoonni Itoophiyaa fi miseensonni diyaaspooraas garichaaf yeroo dorgommiitti deeggarsa haamilee akka taasisan ibsuu ragaan Faransaayitti Misiyoona Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Jilli Itoophiyaa olompitii Paaris irratti hirmaatu har'a gara Paarisitti ni geggeeffama
Jul 22, 2024 86
Adoolessa 15/2016(TOI) - Tapha olompiikii 33ffaa Faransaay Paarisitti geggeeffamurratti kan hirmaatu Jilli Itoophiyaa har'a masara mootummaa biyyaalessaatti geggeessaan ni taasifamaaf jedhame. Sagantaa geggeessa kanarratti hoggantoonni mootummaa olaanoo kan federaalaa fi naannolee akkasuma Ispoorteesitoonni fi keessummoonni waamichi taasifameef ni hirimaatu. Taphin Olompitii 33ffaan Adoolessa 19 hanga Hagayya 5/2016 Faransaay Paarisitti ni geggeeffama. Tapha Olompiikii kanarratti biyyoota 206 irraa fi Koree Olompikii addunyaa jalatti kan dargoman atileetoonni walabaa akkasuma garee olompitii godaantoota dabalatee Ispoortistoonnii kumni 10 fi 714 gosoota ispoortii 32'n ni hirmaatu. Itoophiyaan gosoota ispoortii Atileetiksii, Daakkii bishaanii fi tapha Buunyaan ni hirmaatti.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Magaalaawwan magariisa uwwisuun mijataa fi hawataa gochuu cimsuun nibarbaachisa-doktar Ahimaddiin Mahaammad
Jul 26, 2024 30
Adoolessa 19/2016(TOI)- Naannoo Amaaraatti biqiltuu dhaabuudhaan magaalaawwan magariisa uwwisuun, mijataa fi hawataa gochuu cimsuun cimee ittifufuu akka qabu sadarkaa ittaanaa bulchaatti qindeessaan kilaastara misooma magaalaawwanii fi hoogganaan biiroo magaalaawwanii fi bu’ura misoomaa doktar Ahimaddiin Mahaammad ibsan. Doktar Ahimaddiin Mahaammad dabalatee miseensonni hooggansaa naannoo godinaa fi bulchiinsa magaalaa godina Walloo Kibbaa magaalaa Hayiqitti argamuun biqiltuu dhaabaniiru. Doktar Ahimaddiin wayita kana akka jedhanitti, magaalaawwan naannichatti ashaaraa magariisaatiin biqiltuu misoomsuudhaan mijataa fi hawataa gochuun cimee ittifufuu qaba. Kanaaf ammoo magaalaa hundatti biqiltuu dhaabuun ashaaraa magariisaa kaa’uun akka barbaachisu ergaa dabarsaniiru. Miseensonni hooggansaa kunneen magaalaa Hayiqitti biqiltuu dhaabuudhaan ashaaraa magariisaa kaa’anii hojiilee misoomaa addaddaa daawwataniiru.
Koollejjiin Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabe.
Jul 24, 2024 54
Adoolessa 17/2016(TOI) - Koollejjiin Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabe. Koollejjichi eebbaa leenjitoota idilee fi leenjii gabaabaa bara 2016 kan marasaa lammaaffaa Sanbataa dhufu eebbifaman sababa godhachuun sagantaa adda addaa geggeessa jira. Haaluma kanaan har'a mooraa koollejjichaa keessa sagantaan biqiltuu dhaabuu kan geggeeffame yoo ta'u; Raayyaa lubbuu isaa kennuuf dhiiga koo arjoomuun cinaasaa nan dhaabbadha'' mata duree jedhuunis sagantaan dhiiga arjoomuu geggeeffamera. Ajajaan olaanaa Koollejjii Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaader Jeneraal Bultii Taaddasaa wayita kana akka himanitti; raayyichi dirqama akka biyyaatti qabu bahachuun cinaatti hojii ashaaraa magaarisaarrattis hirmaachuu cimsee itti fufeera. Sagantaan biqiltuu dhaabuu hari'a taasifames qaama kanaa ta'uu eeraniiru. Biqiltuun dhaabames akka qabatee galma barbaadameef ooluuf kununsi barbaachisaan taasisifamuu qaba jedhaniiru. Hojii kana cinaattis Koollejjiin Waaraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa garamii garamitti mata dureen jedhuun mariin paanaalii kan geggeeffamu ta'uunis himameera.
Ittaanaa pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah dabalatee hooggantoonnii fi hojjettoonni waajjira paartichaa biqiltuu dhaaban
Jul 24, 2024 310
Adoolessa 17/2016(TOI)- Ittaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah dabalatee hooggantoonnii fi hojjettoonni waajjira paartichaa biqiltuu dhaaban. Sadarkaa ittaanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugaleessa qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi ittaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah fi hooggantoonni olaanoo fi hojjettoonni waajjira muummee paartichaa kutaa magaalaa Lammii Kuraatti Biqiltuu dhaabaniiru. Obbo Adam Faaraah sagantaa kanarratti haasaa taasisaniin,sagantaan ashaaraa magariisaa dhaloota kaleessaa, har’aa fi boruu kan wal quunnamsiisuu fi Itiyoophiyaan lafa jireenyaaf mijattu taate uumuuf qoodashee bahaa akka jirtu kan agarsiisudha jedhaniiru. Seenaa kaleessa hojjetaman ittifufsiisuuf, balaawwan ittifufiinsaan qolachuuf, lafa keenya jijjiirama haala qilleensaarraa eeguuf nidandeessisa jedhaniiru. Dhaloota har’aaf carraa hojii uumuuf, oomishtummaa guddisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf qooda olaanaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Ijaarsa dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaaf hinsaaxilamnemilkeessuuf gumaacha gudda akka qabu kaasaniiru. Biyya dhaloota boruuf mijattuu fi lafa dhaloota addunyaa dhufuuf mijatu dabarsuuf dirqama keenya bahachaa akka jirru agarsiisa jedhaniiru. Carraaqqii biyyaa fi pilaanetii dhaloota boruuf dabarsuuf jalqabne kan milkeessuu fi qooda keenya idil addunyaa bahachaa akka jirri raga qabatamaa akka ta’e himaniiru. Kanaaf magaalaattis ta’e baadiyyaatti cimee ittifufuu akka qabu ibsaniiru. Sagantaan kun akka milkaa’u Paartiin badhaadhinaa qooda gaggeessummaa isaa akka ittifufu mirkaneessaniiru. Paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee Finfinnee obbo Mogos Baalchaa, Itiyoophiyaa lalistuu fi jiraattotaaf mijatte gochuuf hojiin seenaashee madaalu hedduun hojjetamaa jira jedhaniiru. Finfinneen jiddugaleessa dippilomaasii waan taateef biqiltuun ashaaraa magariisaa maqaashee madaalu dhaabamaa jira jedhan. Finfinneen miidhagduu fi jireenyaaf mijattuu akka taatu hojjetamaa akka jiruu fi kun akka dhugoomu paartiin badhaadhinaa kutannoo siyaasaa qabu qabatamaan mirkaneessaa akka jiru eeraniiru. Ministirri muummee dkotar Abiyyi Ahimad ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “ biyya biqiltuu dhaabdu dhaloota ittifufsiisu” jedhuun Waxabajjii 22/2016 godina Walloo Kibbaa magaalaa Hayiqitti jalqabsiisuunsanii niyaadatama. Barana biqiltii biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuun biqiltuu amma ammaatti dhaabame biiliyoona 40n gahuuf karoorfameera.
Gaggeessitoonnii fi hojjettoonni geejjiba galaanaa fi loojistiiksii biqiltuu dhaaban
Jul 23, 2024 64
Adoolessa 16/2016(TOI)- Gaggeessitoonnii fi hojjettoonni geejjiba galaanaa fi loojistiiksii qargara daandii si’aayinaa Mojoo-Hawaasaatti biqiltuu dhaaban. Sagantaan ashaaraa magariisaa biyyaalessaa baranaa mata duree “ biyya biqiltuu dhaabdu dhaloota ittifufsiisu” jedhuun gaggeeffamaa jira. Dhaabbileen addaddaa sagantaa Kanaan ashaaraasaanii kaa’aa kan jiran yoo ta’u, guyyaa har’aas gaggeessonnii fi hojjettoonni geejjiba galaanaa fi loojistiiksii dhaabbilee tumsitootaa biroo waliin ta’uun biqiltuu dhaabaniiru. Gaggeessitoonnii fi hojjettoonni kunneen qargara daandii si’aayinaa Moojii-Hawaasaa biqiltuu dhaabaniiru. Dhaabbatichi bara kana biqiltuu biyya keessaa kuma 30 caalu dabalatee biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban dhaabuuf karoorfatee hojeessaa akka jiru ibsameera. Sagantaa ashaaraa magariisaa biyyaalessaa baranaatiin biqiltuu biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuuf Karoorfamee hojjetamaa jira.
Gabaasa addaa
Miseensoonni Hoggansa Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa fi Mootummaa Federaalaa haala deeggarsa lammilee Godina Goofaatti sababa balaa sigiga lafaan miidhamaniiratti mari'ata jiru.
Jul 25, 2024 48
Adoolessa 18/2016(TOI) - Miseensoonni Hoggansa Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa fi Mootummaa Federaalaa haala deeggarsa lammilee Godina Goofaatti sababa balaa sigiga lafaan miidhamaniiratti mari'ata jiru. Mariin kunis taasifamaa kan jiru mana maree balaa sodaa naannoo Kibba Itoophiyaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliinidha jedhameera. Marii kanaan gamaggamni hojii erga balaan kun mudateen booda hojjetama jirus geggeeffama jira jedhameera. Akkasuma lammilee miidhaan irra gahee haala itti karaa waaraa ta'ee dhaabuun danda'muu fi balaa akka akka hin mudannee hojii ittisa gara fuula duraatti hojjetamu qaburrattis mari'achuun murtoo ni dabrsu jedhameera. Marii kanarratti Komishinarri olaanaa Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa ambaasaaddar doktar Shifarraw Takilamaaram fi Mana maree bakka bu'oota Uummataatti ministira Itti waamamaa Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigeen hirmaacha jiru. Dabalataan hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoon argamaniiru.
Af-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummata Obbo Taaggasee Caafoo maatii lammilee sababa sigiga lafaan miidhamanii jajjabeessan.
Jul 24, 2024 50
Adoolessa 17/2016(TOI) - Af-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummata FDRI Obbo Taaggasee Caafoo dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa federaalaa olaanoon biroon godina Goofaa aanaa Gazee Goofaatti maatii lammilee sababa sigiga lafaan miidhaman achitti argamuun jajjabeessan. Naannoo Kibbaa Itoophiyaa godina Goofaa aanaa Gaze Goofaa ganda Kenchoo Sachaa Gozidiitti rooba cimaa dheengadda roobeen lafti sigigaate lubbuu namaa fi qabeenyarratti miidhaa cimaa geesiseera. Af-yaa'ii mana maree bakka bu'oota uummata obbo Taggasee Caafoo dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa federalaa bakka balaan kun itti mudate dhaquun kanneen balaa kanaan miidhaan irra gahe jajjabeessaniiru. Mootummaan naannichaa fi jiraatoonni naannawwichaa yeroo ammaa hojii lubbuu baraaruu fi balaan dabalataa akka hin mudanneef hojii barbaachisaa ta'ee hojjechaa jiru. Akkasuma lammilee miidhaan irra gaheef deeggarsi namooma karaa qindaa'een taasifamaafi jira jedhameera.