ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Naannoon Somaaleetti Balaa uumamaa fi Nam-tolcheef deebii ariifataa kennuuf humna horatamaa jira
Dec 4, 2025 5
Sadaasa 25/2018(TOI)-Naannoo somaaleetti Balaa uumamaa fi Nam-tolcheef deebii ariifataa kennuuf dandeettiin uumamaa jiraachuu Biiroon hoggansa hojii sodaa balaa Naannichaa ibse. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota Mootummaa olaanoof qajeelcha hojii kennaniin Omishtummaa guddisuun gargaaramuu hanbisuu jedhu milkeessuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu xiyyeeffannoo kennuunsaanii ni yaadatama. Bu’uuruma Kanaan naannooleen hundi balaaf deebii ariifataa kennuuf humna dandeessisu gabbifachuu fi hojii qophaa’ummaa raawwachuurratti argamu. Haaluma Kanaan qophaa’ummaa naannoo Somaalee jiru ilaalchisuun TOI’n Biiroo Hoggansa sodaa Balaa Naannichaa dubbiseera. Biirichatti Daarektarri Akeekkachiisa duraa fi Deebii Mahaammuud Abdinuur ibsa kennaniin, nannichatti hirkattummaarra gara omishtummaatti ce’uun rakkooleef dandeettii ofiin deebii kennuuf dandeettii gabbifachaa jiraachuu ibsaniiru. Naannichatti Qonnaa fi hojii Misooma kanneen biroon qabeenyi dilbiin hin tuqamne jiraachuu kaasuun, omishtummaa guddisuun gargaaramummaarra bahuuf tattaaffiin taassifamaa jira jedhaniiru. Kanaafis hojii misooma Bonee dabalatee misooma magaalotaa, Tuurizimii fi dameelee biroon hojiin hedduun raawwatamuu dubbataniiru. Naannichatti omishtummaa guddisuunii fi humna qindaa’e uumuun balaa uumamaa fi namtolcheef deebii si’ataa kennuuf qophiin jiraachuu hubachiisaniiru. Hojii kanaaf humna waloo Bulchaa Naannichaan gaggeeffamu hoggansa sodaa balaa fi deebii kennu hundaa’ee gara hojiitti galuu ibsaniiru. Sadarkaa hundatti humna waloo Bulchiinsa balaa fi deebii kennuu hundeessuun furmaata bal’aa qorannoorratti hundaa’e ni argamsiisa jedhaniiru. Bu’aa qabeessummaa Sodaa balaa fi deebiisaa sakatta’uuf balaawwan yeroo bonaas ta’e gannaa uumaman biirichi qorannoorratti hundaa’ee akka hojjetu eeraniiru. Qoranichi haala jireenya hawaasaa, wabii nyaataa mirkaneessuu, misooma beelladaa fi fayyummaasaanii, omishtummaa qonnaa fi dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa irratti xiyyeeffachuu dubbataniiru. Hanqina bokkaa gannaan rakkoo mudateen omisha hir’ate bakka buusuuf filannoowan bishaanii fayyadamuun misoomni jallisii cimee akka itti fufu ibsaniiru. Horsiisee bulaan wabii nyaataa Misooma Beelladaa waliin kallattiin kan wal qabatu ta’uu dhiheessii bishaan dhugaatii beelladaa fi nyaata beelladaa kuusuuf xiyyeeffannoon kennamaa jira. Akkasumas Horsiisee bulaan sababa hanqina bishaanii fi marga beelladasaaf barbaacha bakkaa bakkatti yeroo socho’u hawaasni aadaa waldeggarsaa akka cimsu xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota Mootummaa olaanoof kennaniin hojii misooma qonnaa babal’isuunii fi omisha fi omishtummaa guddisuun galma gargaaramuu keessaa bahuun, akkasumas, kallattii xiyyeeffannoo keessaa sadarkaa Aanaatti Man-kuusaa tokko Koriidara Aanaa baadiyaa tokko, Gidduugala eegumsa beelladaa tokko sadarkaa Godinaa fi Agiroo piroosasingii tokko sadarkaa naannootti akka hojjetamu keessatti argamu.
Godina Gujiitti Pirojektoonni misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan ariitiin hojjetamaa jiru
Dec 4, 2025 13
Sadaasa 25/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Pirojektoonni misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan ariitiin hojjetamaa jirachuu waajjirri Maallaqaa godinichaa beeksise. Akka itti gaafatamaan Waajjira Maallaqaa godina Gujii obbo Daadhii Kuraa jedhanitti, misoomni koriidaraa, jallisii, bishaan dhugaatii, dhaabbilee fayyaa fi ijaarsi daandii birrii biiliyoona 3 tuqaa 9 oliin godinicha keessatti hojjetamaa jira. Godinicha aanaalee 13 keessatti pirojektoonni 392 hirmaannaa hawaasaa fi bajata mootummaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Haalli raawwii pirojektootaa godinicha keessatti hojjetamaa jiran dhibbentaa 32 ol xumuramaa jiraachuu eeruun, kanneen hafanis ariitiin xumuruuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Pirojektoonni kunneen yeroo xumuraman ummata kuma 400 ol fayyadamoo taasisuu danda’a jedhaniiru. Godinichatti jiraataa aanaa Adoolaa Reeddee ganda Gunaacoo kan ta’an obbo Efireem Bayyanaa pirojektoonni misoomaa naannichatti hojjetamaa jiran gaaffii hawaasaa kan deebisan ta’uu eeruun, hojiin isaanii ariitiin akka xumuramuuf gama isaaniin tumsa barbaachisu akka taasisan himaniiru. Misooma naannoo isaaniitti hojjetamaa jiran mootummaa cinaa dhaabbachuun, ijaarsa manneen barnootaa fi ijaarsa dhaabbilee misoomaa biroo irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Ijaarsa pirojektoota misoomaa naannoo isaaniitti hojjetamaa jiran ariitiin akka xumuramaniif hundi isaanii gahee isaan irraa eegamu bahachuu akka qaban dhaamaniiru. Jiraataama ganda kanaa kan ta’an obbo Abbabaa Rattaa gama isaaniitiin, mootummaan rakkoolee hawaasummaa furuuf waadaa gale galmaan ga’uuf hojiileen ijaarsa misoomaa amma eegaalaman kunniin qabatamaan agarsiiftuudha jedhaniiru. Sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuun, daree barnootaa ijaaruun dhaqqabamummaa barnootaa babal’isuun, qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa akka qabu eeraniiru. Pirojektoonni mootummaan hojjechiisa jiru bishaan dhugaatii, buufataalee fayyaa, bu’uuraalee misooma daandii fi jallisiin pirojektoota rakkoo hawaasaa furan ta’uus eeraniiru.
Miidiyaalee Afrikaa keessatti hirmaannaa fi nageenya dubartootaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jira - Gamtaa Afrikaa
Dec 4, 2025 21
Sadaasa 25/2018 (TOI)- Miidiyaalee Afrikaa keessatti hirmaannaa fi nageenya dubartootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Gamtaan Afrikaa ibseera. Konfiraansiin dubartoota damee miidiyaa Afrikaa keessatti hojjetan ilaachisee har'a magaalaa Finfinneetti eegalameera. “Waadaa gara hojiitti jijjiiruu; imaammata nageenya miidiyaa fi walqixxummaa koorniyaa mirkaneessu bocuu fi hojiirra oolchuu” kan jedhu mata duree konfiraansichaati. Konfiraansii kana irratti kan hirmaatan, gaazexeessitoota biyyoota Afrikaa hunda irraa walitti dhufan, imaammata baastotaa fi to’attoota miidiyaa, dhaabbilee hawaasa siivilii, ogeeyyii teeknooloojii fi hayyoota dha. Imaammataa fi bu’uuraalee seeraa haala miidiyaa nageenya qabuu fi hunda hammate uumuuf dandeessisan cimsuun ajandaa ijoo walgahii kanaati. Odeeffannoon Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa Gamtaa Afrikaa irraa argate akka agarsiisutti, keessumaa dhaabbilee miidiyaa dubartoonni keessa hojjetan keessatti bakka bu’ummaa haqa qabeessa mirkaneessuuf haalonni dandeessisan akkamitti hojiirra oolchuu akka qaban irratti mariin akka gaggeeffamudha. Xiyyeeffannoon kan biroo gahee teeknooloojiin, hubannoon namtolchee fi filmaanniwwan dijitaalaa seenessa waloo walqixxummaa bocuun danda’amurratti kan jedhu dha. Akkasumas Ibsi Imaammata Miidiyaa Dubartoota Afrikaa haaraan akka bahuu fi gareen dhimmoota ejjennoo waloo irratti argaman hojiirra oolmaa isaanii hordofan akka hundeeffamu ibsameera. Konfiraansiin kun yaada imaammataa bu’uuraaf galtee kan ta’u, itti gaafatamummaa kan babal’isu, akkasumas qooda fudhattoota gidduutti tumsa hariiroo cimaa kan uumu ta’uu eerameera. Sagantaan kun hirmaannaa fi dhiibbaa uumuun dubartootaa fi dargaggootaa miidiyaalee Afrikaa keessatti qaban guddisuuf taasifamu ta’uu kan beeksise yoo ta’u, konfiraansichi hanga guyyaa boruutti kan itti fufu ta’uu Gamtichi ibseera.
Nageenyi fulla’aan akka bu’uuf hirmaannaa keenya cimsinee itti fufna – Jiraattotaa Magaalaa Gondor
Dec 4, 2025 22
Sadaasa25/2018(TOI)-Nageenya fulla’aan akka bu’uu deeggaruun hirmaannaasaanii cimsanii akka itti fufan jiraattonni Magaalaa Gondor ibsan. Hiriirri ummataa waamicha nagaa Bulchiimsa Magaalaa Gondorii fi yaa’ii dhaabbilee Amantaa Gidduugalaa Gondina Gondoriin qophaa’e magaala Gondoritti gaggeeffamaa jira. Jaarsolii biyyaa fi Abbootii Amantaa dabalatee jirattonni biroon hiriira deeggarsaarratti hirmaataniiru. Hirmaattonni Magaalichaa hiriira deeggarsaa irratti argaman ergaawwan adda addaa nageenyi fulla’aan akka bu’u dabarsuu fi deeggaruun hirmaannaasaanii akka cimsan, nageenya lallabuusaanii akka itti fufan dabarsaniiru. Ergaawwan dabarsa keessaas manneen Amantaa nageenya buusuun hojiisaanii isa jalqabaati, Nagaa fi Aadaa wal-kabajuu itti fufsiisuuf shoorri dhaabbilee amantaa olaanaadha, duudhaaleen Amantaa keenyaa bu’uura waloomaa fi cimina keenyaati kan jedhan keessatti argamu.
IGAD fi UN Nagaa fi Tasgabbii Riijiniif tumsa qaban cimsuuf ejjannoo waloo ibsan
Dec 4, 2025 33
Sadaasa 25/2018(TOI)-IGAD fi dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii (UN) riijinichatti nagaa fi tasgabbii fulla’aa mirkaneessuuf hojiisaanii daran qindeessuun akka hojjetan beeksisan. Barreessaa Olaanaan IGAD Dr.Warqinaa Gabayyoo Ergamaa addaa Gaanfa Afriikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Guwaang Koong waliin Finfinneetti Marii’ataniiru. Mariiin kun IGAD fi UN dhimma Nagaa fi tasgabbii fi Namoomaarratti tumsa isaanii cimsuu danda’anirratti kan xiyyeeffatedha. IGAD, Gamtaan Afriikaa fi UN riijinii tasgabbaa’eef sochii qindoominaa sadii hordofuuf ejjennoo waloo ibsaniiru. IGAD Dhaabbata Mootummoota Gamtoomani dabalatee Deeggartootasaa hunda waliin ta’uun Gaanfa Afriikaa Nagaa fi tasgabbiinshee mirkanaa’ee uumuuf kutannoon akka hojjetan ibsuusaanii TOI Odeeffannoo Sakretariyaatii IGAD irraa aragate ni mul’isa. IGAD fi UN tumsa waloo kan hundeessan A.L.A bara 2015 ta’uu odeffannon ni mul’isa.
Siyaasa

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad barreessaa olaanaa komishinii dinagdee Afriikaa mootummoota gamtoomanii Kilaaner Gateetee waliin mari’atan.
Dec 4, 2025 27
Sadaasa 25/2018(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad barreessaa olaanaa komishinii dinagdee Afriikaa mootummoota gamtoomanii Kilaaner Gateetee waliin mari’ataniiru. Ministirri muummee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin, A.L.A bara 2027 Afriikaa haalaa kan bakka bu’u COP 32 gama qopheessuutiin waloon hojjechuu haala dandeenyurratti mari’anneerra jedhaniiru. Komishiniin dinagdee Afriikaa mootummoota gamtoomanii akkasumas barreessaan olaanaa kun gareesaanii waliin ta’uun COP 32 akka milkaa’u gumaacha olaanaa akka gumaachan nan amana jedhaniiru.
Muudamni ministira qonnaa, ministira nageenyaa fi hojii raawwachiisaa olaanaa ‘EBC’ ragga’e
Dec 4, 2025 26
Sadaasa 25/2018(TOI)-Muudamni ministira qonnaa Addisuu Araggaa, ministira nageenyaa Mahaammad Idriis fi hojii raawwachiisaa olaanaa ‘EBC’ Biiniyaam Eeroo ragga’eera. Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii 5ffaa walgahii idilee 3ffaa gaggeessaa jira. Manni marichaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan muudaman muudama ministira qonnaa Addisuu Araggaa fi ministira nageenyaa Mahaammad Idriis raggaaseera. Dabalataanis hojii raawwachiisaa ‘EBC’ ta’uun ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan ramadaman muudama Biiniyaam Eeroo raggaaseera. Ministirri qonnaa Addisuu Araggaa, ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis hojii raawwachiisaan olaanaa ‘EBC’ Biiniyaam Eeroo mana maree duratti waadaa galaniiru. Manni marichaa walgahii idilee Kanaan Labsii labsii filannoo Itiyoophiyaa, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo lakk. Labsii 1162/2011 fooyyessuuf bahe sagalee guutuun raggaaseera.
Sochiin Marii dhiibuun ilaalcha koloneeffataa tarkaanfachiisuuf Gibxi itti jirtu haala yeroorraa kan fagaatedha-Ministeera dhimma alaa
Dec 3, 2025 128
Sadaasa 24/2018(TOI)- Sochiin anga’oota mootummaa Gibxi Marii hidha haaromsaa ilaalchisuun taasifaman dhiibuun ilaalcha koloneeffataa tarkaanfachiisuuf irra deddeebi’uun itti jirtu haqa jaarraa 21ffaa waliin kan hin deemnedha jechuun ministeerri dhimma alaa beeksise. Ministeerri dhimma alaa ibsa baaseen yaaliin mootummaan Gibxi laga Abbairratti olaantummaa bara koloneeffataa eegsisuuf irra deddeebi’ee taasisu yeroo kan hin madaalledha jechuun balaaleffateera. Itiyoophiyaan biyyoota yaa’a lagichaa waliin misoomuuf yoomiyyuu kutannoo akka qabdu ministeerichi ibsee, Ashaaraa fi seenaa Paan Afriikaa bara dheeraa kan qabdu itiyoophiyaan yaadamoota koloneeffataa durii gonkumaa hin fudhattu jedheera. Itti fayyadama bishaanii haqa qabeessa, sababa qabeessaa fi walqixxummaarratti bu’uureffate hundaa’e yaad rime seera idil addunyaa ta’uu himee, Itiyoophiyaanis qabeenyashee fayyadamuuf qama kamirraayyuu eyyama gaafachuun irraa hin eegamu jechuun ibseera. Gibxi marii gamlamee cinaatti dhiisuun karaa kallattiis ta’e alkallattii maqaa balleessiin Itiyoophiyaarratti tamsaastu fudhatama hin qabu jedheera. Hawaasni idil addunyaa tuttuqaa Gibxi akka balaaleffatu ministeerichi gaafateera. Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha dabalatee pirojektoonni misoomaa Itiyoophiyaa ofdanda’uu Afriikaa kan agarsiisan akka ta’e beeksiseera. Itiyoophiyaan yaadota furmaataa tumsaa fi hunda fayyadaniif kutannoon akka hojjettu ibsa Kanaan eerameera. Itiyoophiyaan mirga laga Abbaayi dhaloota amma jiruu fi dhaloota boruuf fayyadamuuf qabdutti fayyadamuu cimsitee akka itti fuftu ministeerichi hubachiiseera. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa#TOI
Guyyichi milkaa’inaan akka kabajamu qophiin taasifameera
Dec 3, 2025 81
Sadaasa 24/2018(TOI)-Milkaa’ina ayyaana guyyaa sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa naannoo jiddugaleessa Itiyoophiyaatti kabajamuuf hawaasaa fi dargaggoota tola ooltota qindeesuun qophiin taasifamuu biiroon nagaa fi tasgabbii naannichaa beeksise. Qophii milkaa’ina ayyaanichaaf taasifame ilaalchisuun biirichi har’a miidiyaaleef ibsa kenneera. Hoogganaan biirichaa obbo Tamasgeen Kaasaa ibsa kennanniin, ayyaanni sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa 20ffaan milkaa’inaan akka kabajamu nagaa fi tasgabbiin walqabatee qophiileen taasifamaniiru. Hawaasa, dargaggoota tola ooltotaa fi dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbiihirmaachisuun qophiin taasifamuu eeraniiru. Keessummoonni ayyaanicha kabajuuf dhufan naannicha dhufuu eegaluusaanii eeranii, bakki aara galfii fi tajaajiloonni biroo raawwatamaa jiraachuu dubbataniiru. Yakkoota kabaja ayyaanichaarratti mudatan battalatti furuuf dhaddachi yeroo hundaa’uusaa eeraniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hojiilee baatii Onkoloolessaa fi Sadaasaa bara 2018 raawwatan
Dec 2, 2025 275
Sadaasa 23/2018 (TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baatii Onkoloolessaa fi Sadaasaa bara 2018 hojiilee ijoo biyyaalessaa fi idil addunyaa raawwataniiru. Yaa’ii hooggantoota garee 20 jalqabaaf ardii Afriikaa keessatt qopheessummaa Afriikaa Kibbaatiin gaggeeffamerratti hirmaachuun milkaa’ina dippilomaasii olaanaa argamsiisaniiru. Pirojektii misooma jallisii fi misooma tuurizimii ilaalchisee Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad naannoo Amaaraa magaalaa Gondar wayita daawwatan pirojektii misooma jallisii Magac gamaaggamaniiru. Pirojektichi lafa heektaara 870 irratti kan argamu yoo ta’u, jallisiidhaan lafa heektaara 17000 nimisoomsa jehameetu eegama. Daawwannaa magaalaa Gondariin itti fufuun giifti duree Zinnaash Taayyaachoo fi hoggantoota mootummaa waliin ta’uun Mooraa Faasiil haaromfame eebbisaniiru. Kanneen daawwattootaaf mijatan baay’ee fooyya’aniiru. Wiirtuun tuuristii haaraanis banameera. Maneen qulqullinaa ammayyaa, sirnoonni ibsaa fi nageenyaa fooyya’aan qophaa’aniiru. Masaraan mootii Faasiil, mootii Yohaannis,mootii Iyyaasuu akkasumas riqichoonni, bakkeen dhiqannaa, ulaawwan seena qabeessikkf ofeeggannoon haaromfamaniiru. Dabalataanis naannawichatti Iskuweer Meetirii 40,000ol miidhagfameera.Hojiin haaromsaa kun wagga tokkoo gaditti kan xumuramedha. Kana malees ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad Doonii Xaanaanesh 2 kan al tokkotti namoota 180 imalchiisuu danda’u Gorgoraatti hojii eegalchiisaniiru. Daawwannaa magaalaa Bahaar Daaritti taasisaniin Istaadiyeemii idil addunyaa Bahaar Daarii fi magaalatti dame turizimii mijataa gochuu hojii hojjetamaa jiran ilaalaniiru. Istaadiyeemoon nama kuma 52 qabatu kun akkaataa ulaagaa Kaaf kaa’een fooyya’aa akka jiru fi teessoo maxxansuu fi marga uwwisuun xumuramuu ilaalaniiru. Dabalataanis Ikoo riizoortii Gorgoraa bu’uureffachuun Bahaar Daar qarqara haroo Xaanaatti ijaaramaa kan jiru Riizoortii Falaga Giyoon daawwataniiru. Gama biraatiin kabajamoo ministirri muummee mootummaa naannoo Amaaraatti teesssoo bulchiinsa godina sablammii Oromoo kan taate magaalaa Kamisee daawwataniiru. Hojiin misooma Kooriidarii jalqabbiirra jiraatus daandiin bishkileetii km. 1.3 fi daandiin lafoo gaarii ta’uu ulaalaniiru. Dabalataanis warshaa misooma qonnaa qindaa’aa agiroo industirii Elfooraa hojii maaddii guutuuf magaalattiitti gumaacha guddaa taasisa jiru daawwataniiru. Tarkaanfii Itiyoophiyaa gama hubannoo Namtolcheen(AI) Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad waajjira muummee hubannoo namtolchee bakka dyra turerraa jijjiirame daawwataniiru. Dhaabbatichi wagga shan keessatti gama fayyaa, qonnaa, damee tajaajilaan hojii adda durummaa bahachaa kan jiru yoo ta’u, Kilaawud kompiiyutingi, kuusaa odeeffannoo gurguddoo,odeeffannoo sakatta’uu, Roobootiiksii fi Immarsiiv teeknooloojiin dandeettiisaa gabbifachaa jira jedhaniiru. Wiirtuun Istaarti aappii hubannoo nam tolchee lammiileen yaada qofa qabatanii dhufuun Pirootoo taayippii uumuuf, baay’isuuf akkasumas invastaroota dame dhuunfaa waliin akka walitti dhufan carraa ni’uuma kan jedhan ministirri muummee, amma ammaatti kanneen yaada maddisiisan 200 carraa kanatti fayyadamuusaanii eeraniiru. Manni maree ministirootaa Baatiidhuma kana keessa walgahii idilee 50ffaa gaggeesseen tarsiimoo dijitaal Itiyoophiyaa 2030 irratti bal’inaan mari’atee guyyaa mana marichaan raggaafamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. Yaa’ii hooggantoota miseensota miseensota garee 20 irratti Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Yaa’ii hoggantoota biyyoota garee 20 qopheessummaa Afriikaa Kibbaan gaggeeffamerratti hojiiwwan dippilomaasii gamlamee fi gama hedduu faayidaa tarsiimawaa Itiyoophiyaa cimsan milkeessaniiru. Ministirri muummee jala bulti yaa’iitti pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa waliin mari’ataniiru. Akkasumas daarektara olaanaa IMF Kiriistaaliinaa Ji’oorjiyeevaa, Pirezidaandii baankii misooma Afriikaa haaraa Dr. Siidii Uldi waliin mari’ataniiru. Dabalataanis hoggantoota biyyoota garagaraa waliin dhimmoota gamlamee fi tumsa tarsiimawaarratti mari’ataniiru. Mootii Abuudaabii Pirezidaantii Turkiyyee, Pirezidaantii Fiinlaandi, Pirezidaantii Faransaayii fi Chaansilariin Jarman kan eeramanidha. Ministira muummee Noorweeyi akkasumas hoggantoota Hindi Veetinaam, Kooriyaa Kibbaa fi Awustiraliyaa waliin mari’ataniiru. Ministira muummee Yunayitid Kingidam,, pirezidaantii Biraazil, ministira muummee Nezerland, ministira muummee Xaaliyaanii fi itti aanaa pirezidaantii Indooneezhiyaa waliin mari’ataniiru. Yaa’ichaan cinaatti ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad barreessaa olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez mari’ataniiru. Itiyoophiyaan COP32 kan qopheessitu ta’uusaatiin deeggarsa godhamuu qaburratti mari’ataniiru. Pirezidaantii mana maree gamtaa Awurooppaa Antooniyoo Koostaa waliin marii gaggeessaniiru. Akkasumas pirezidaantii kaaf Dr. Oaatriis Motsiipii fi pirezidaantii baankii addunyaa Ajeeyi Baangaa waliin mari’ataniiru. Marii dippilomaasii hoggantoota Maaleezhiyaa fi Siingaapoor waliin taasifame Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baatii Sadaasaa keessa ministira muummee federeeshinii Maaleezyiyaa Daatoo Serii Anwaar Biin Ibraahim fi ministira muummee Siingaapoor Lawurensi Wongi Masaraa biyyaalessaatti simataniiru. Itiyoophiyaan GOP32 akka qopheessitu filatamuushee COP32 ministira dhimma alaa Itiyoophiyaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos pirezidaantii gochuun ramaduu hordofee bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi ahimad argamanitti walgahiin koree biyyaalessaa hojiilee qophii ijoo ta’an qindeessuu dandeessisan taasifameera. Walumaa gala Ministirri muummee Abiyyi Baatii Onkoloolessaa fi Sadaasaa bara 2018 pirojektoota misooma jallisii, hojiilee misooma Turizimii fi hojiilee hubannoo namtolchee si’achiisuuf akkasumas biyyattii gama dippilomaasiin olkaasuuf hooggansi kennan bu’aadhaan kan dabaalame ture. Xumura baatii Sadaasaa ajajaa IzziiAfriikaa Yuunaayitid Isteetis Jeneraal Dagviin Arri emmi(R.M) Andarsan waliin wal arguun dhimmoota nageenya Riijiniiratti mari’ataniiru. Top of Form
Ayyaanichi tokkummaa sab-daneessummaa cimsuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa gumaacheera - Af-yaa’ii Aganyoo Tashaagar
Dec 1, 2025 308
Sadaasa 22/2018(TOI)-Ayyaanni sabaa, Sab-lammootaa fi uummattootaa kabajamuun tokkummaa sab-danessummaa cimsuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa gumaacheera jechuun Af-yaa’iin Mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar dubbatan. Guyyaan Ayyaana sabaa, sab-lammootaa fi uummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaatti dammaqinaan kabajameera. Sirna kabaja ayyaanichaarratti kan argaman Af-yaa’iin Mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar akka dubbatanitti ayyaanichi Itiyoophiyaanonni waloon jiraachuuf kan waliif galanii fi waggaa waggaan duudhaa Aadaasaanii adda baabaayiitti kan ibsanidha. Kunis Sirni Federaalaa cimaan akka jiraatu gochuun tokkummaa sab-daneessummaa cimsaa ijaarsa biyyaaf qoda olaanaa gumaachuu dubbataniiru. Ayyaanichi waltti hidhaminsa waloo haala cimsuun sadarkaa sadarkaan kabajamee Sadaasa 29 bara 2018 sadarkaa biyyoolessaatti naannoo giddugala Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti akka kabajamu kaasaniiru. Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahimaan gamasaaniin, Ayyaanichi naannichatti tokkummaa sab-daneessummaa fi walitti hidhaminsa haala cimsuun kabajamaa turee har’a xumurmuu ibsaniiru. Ayyaanichi saboonni, sab-lammoonnii fi ummattoonni Aadaa fi duudhaasaanii beeksisuurra darbee tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti cimsuuf waadaasanii kan itti haaromsan ta’uu dubbataniiru. Keessumaa Ayyaanichi Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa xumuramee pirojektoonni gurguddoo hedduun yeroo eegalamanitti kabajamuun misooma biyyaaf waloon dhaabbachuun irra deebuun gamtooma keenya kan itti cimsinudha jedhaniiru. Bulchaa Godina Gujii Obbo Abdullaahii Hirbaayyee, Godinichatti Jijjiiramaa boodaa eegalee qabeenya jiran gara misoomaatti jijjiiruun fayyadamummaa hawaasaa guddisaa jira jedhaniiru. Keessumaa buna dabalatee midhaan zayitaa biroo akkasumas misooma horii gaafaan, hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an Godinichatti raawwatamuusaanii kaasaniiru. Ayyaanichi sadarkaa Naannootti Godinichatti kabajamuun qabeenya Naannichaa beeksisuurra darbee misooma eegalaman cimsuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ambaasaaddar Batree Mangistuu de'eetaa ministiraa hogganaa waajjira addaa ministira muummee gochuun muudan
Dec 1, 2025 254
Sadaasa 22/2018(TOI)-Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Sadaasa 23 bara 2018 irraakaasee ambaasaaddar Batiree Mangistuu de'eetaa ministiraa hogganaa waajjira addaa ministira muummee gochuun muudaniiru.

Hawaasummaa
Naannoon Somaaleetti Balaa uumamaa fi Nam-tolcheef deebii ariifataa kennuuf humna horatamaa jira
Dec 4, 2025 5
Sadaasa 25/2018(TOI)-Naannoo somaaleetti Balaa uumamaa fi Nam-tolcheef deebii ariifataa kennuuf dandeettiin uumamaa jiraachuu Biiroon hoggansa hojii sodaa balaa Naannichaa ibse. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota Mootummaa olaanoof qajeelcha hojii kennaniin Omishtummaa guddisuun gargaaramuu hanbisuu jedhu milkeessuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu xiyyeeffannoo kennuunsaanii ni yaadatama. Bu’uuruma Kanaan naannooleen hundi balaaf deebii ariifataa kennuuf humna dandeessisu gabbifachuu fi hojii qophaa’ummaa raawwachuurratti argamu. Haaluma Kanaan qophaa’ummaa naannoo Somaalee jiru ilaalchisuun TOI’n Biiroo Hoggansa sodaa Balaa Naannichaa dubbiseera. Biirichatti Daarektarri Akeekkachiisa duraa fi Deebii Mahaammuud Abdinuur ibsa kennaniin, nannichatti hirkattummaarra gara omishtummaatti ce’uun rakkooleef dandeettii ofiin deebii kennuuf dandeettii gabbifachaa jiraachuu ibsaniiru. Naannichatti Qonnaa fi hojii Misooma kanneen biroon qabeenyi dilbiin hin tuqamne jiraachuu kaasuun, omishtummaa guddisuun gargaaramummaarra bahuuf tattaaffiin taassifamaa jira jedhaniiru. Kanaafis hojii misooma Bonee dabalatee misooma magaalotaa, Tuurizimii fi dameelee biroon hojiin hedduun raawwatamuu dubbataniiru. Naannichatti omishtummaa guddisuunii fi humna qindaa’e uumuun balaa uumamaa fi namtolcheef deebii si’ataa kennuuf qophiin jiraachuu hubachiisaniiru. Hojii kanaaf humna waloo Bulchaa Naannichaan gaggeeffamu hoggansa sodaa balaa fi deebii kennu hundaa’ee gara hojiitti galuu ibsaniiru. Sadarkaa hundatti humna waloo Bulchiinsa balaa fi deebii kennuu hundeessuun furmaata bal’aa qorannoorratti hundaa’e ni argamsiisa jedhaniiru. Bu’aa qabeessummaa Sodaa balaa fi deebiisaa sakatta’uuf balaawwan yeroo bonaas ta’e gannaa uumaman biirichi qorannoorratti hundaa’ee akka hojjetu eeraniiru. Qoranichi haala jireenya hawaasaa, wabii nyaataa mirkaneessuu, misooma beelladaa fi fayyummaasaanii, omishtummaa qonnaa fi dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa irratti xiyyeeffachuu dubbataniiru. Hanqina bokkaa gannaan rakkoo mudateen omisha hir’ate bakka buusuuf filannoowan bishaanii fayyadamuun misoomni jallisii cimee akka itti fufu ibsaniiru. Horsiisee bulaan wabii nyaataa Misooma Beelladaa waliin kallattiin kan wal qabatu ta’uu dhiheessii bishaan dhugaatii beelladaa fi nyaata beelladaa kuusuuf xiyyeeffannoon kennamaa jira. Akkasumas Horsiisee bulaan sababa hanqina bishaanii fi marga beelladasaaf barbaacha bakkaa bakkatti yeroo socho’u hawaasni aadaa waldeggarsaa akka cimsu xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota Mootummaa olaanoof kennaniin hojii misooma qonnaa babal’isuunii fi omisha fi omishtummaa guddisuun galma gargaaramuu keessaa bahuun, akkasumas, kallattii xiyyeeffannoo keessaa sadarkaa Aanaatti Man-kuusaa tokko Koriidara Aanaa baadiyaa tokko, Gidduugala eegumsa beelladaa tokko sadarkaa Godinaa fi Agiroo piroosasingii tokko sadarkaa naannootti akka hojjetamu keessatti argamu.
Miidiyaalee Afrikaa keessatti hirmaannaa fi nageenya dubartootaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jira - Gamtaa Afrikaa
Dec 4, 2025 21
Sadaasa 25/2018 (TOI)- Miidiyaalee Afrikaa keessatti hirmaannaa fi nageenya dubartootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Gamtaan Afrikaa ibseera. Konfiraansiin dubartoota damee miidiyaa Afrikaa keessatti hojjetan ilaachisee har'a magaalaa Finfinneetti eegalameera. “Waadaa gara hojiitti jijjiiruu; imaammata nageenya miidiyaa fi walqixxummaa koorniyaa mirkaneessu bocuu fi hojiirra oolchuu” kan jedhu mata duree konfiraansichaati. Konfiraansii kana irratti kan hirmaatan, gaazexeessitoota biyyoota Afrikaa hunda irraa walitti dhufan, imaammata baastotaa fi to’attoota miidiyaa, dhaabbilee hawaasa siivilii, ogeeyyii teeknooloojii fi hayyoota dha. Imaammataa fi bu’uuraalee seeraa haala miidiyaa nageenya qabuu fi hunda hammate uumuuf dandeessisan cimsuun ajandaa ijoo walgahii kanaati. Odeeffannoon Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa Gamtaa Afrikaa irraa argate akka agarsiisutti, keessumaa dhaabbilee miidiyaa dubartoonni keessa hojjetan keessatti bakka bu’ummaa haqa qabeessa mirkaneessuuf haalonni dandeessisan akkamitti hojiirra oolchuu akka qaban irratti mariin akka gaggeeffamudha. Xiyyeeffannoon kan biroo gahee teeknooloojiin, hubannoon namtolchee fi filmaanniwwan dijitaalaa seenessa waloo walqixxummaa bocuun danda’amurratti kan jedhu dha. Akkasumas Ibsi Imaammata Miidiyaa Dubartoota Afrikaa haaraan akka bahuu fi gareen dhimmoota ejjennoo waloo irratti argaman hojiirra oolmaa isaanii hordofan akka hundeeffamu ibsameera. Konfiraansiin kun yaada imaammataa bu’uuraaf galtee kan ta’u, itti gaafatamummaa kan babal’isu, akkasumas qooda fudhattoota gidduutti tumsa hariiroo cimaa kan uumu ta’uu eerameera. Sagantaan kun hirmaannaa fi dhiibbaa uumuun dubartootaa fi dargaggootaa miidiyaalee Afrikaa keessatti qaban guddisuuf taasifamu ta’uu kan beeksise yoo ta’u, konfiraansichi hanga guyyaa boruutti kan itti fufu ta’uu Gamtichi ibseera.
Nageenyi fulla’aan akka bu’uuf hirmaannaa keenya cimsinee itti fufna – Jiraattotaa Magaalaa Gondor
Dec 4, 2025 22
Sadaasa25/2018(TOI)-Nageenya fulla’aan akka bu’uu deeggaruun hirmaannaasaanii cimsanii akka itti fufan jiraattonni Magaalaa Gondor ibsan. Hiriirri ummataa waamicha nagaa Bulchiimsa Magaalaa Gondorii fi yaa’ii dhaabbilee Amantaa Gidduugalaa Gondina Gondoriin qophaa’e magaala Gondoritti gaggeeffamaa jira. Jaarsolii biyyaa fi Abbootii Amantaa dabalatee jirattonni biroon hiriira deeggarsaarratti hirmaataniiru. Hirmaattonni Magaalichaa hiriira deeggarsaa irratti argaman ergaawwan adda addaa nageenyi fulla’aan akka bu’u dabarsuu fi deeggaruun hirmaannaasaanii akka cimsan, nageenya lallabuusaanii akka itti fufan dabarsaniiru. Ergaawwan dabarsa keessaas manneen Amantaa nageenya buusuun hojiisaanii isa jalqabaati, Nagaa fi Aadaa wal-kabajuu itti fufsiisuuf shoorri dhaabbilee amantaa olaanaadha, duudhaaleen Amantaa keenyaa bu’uura waloomaa fi cimina keenyaati kan jedhan keessatti argamu.
Naannichi dandeettii ofiitiin deeggarsa namoomaa taasisuuf gahumsa horachaa jira
Dec 4, 2025 24
Sadaasa 25/2018(TOI)- Naannoo Oromiyaatti hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti ce’uun dandeettii gargaarsa namoomaa ofumaan taasisuuf gahumsa dandeessisu horachaa jiraachuu Buusaan Gonofaa naannichaa ibseera. Naannoolee hundatti qabeenya uumamaa misoomsuun, oomishaafi oomishtummaa guddisuun hirkattummaa irra aanuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera. Dhimma kana irratti turtii TOI waliin kan taasisan itti aanaa Buusaa Gonofaa naannoo Oromiyaa obbo Tafarii Bayyanaa akka naannoo Oromiyaatti rakkoolee uumamaas ta’e nam-tolchee mudachuu malan damdamachuufis ta’e ariitiin furmaata kennuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Haaluma kanaan waggoota muraasa darbanitti Buusaa Gonofaan Oromiyaa miseensota miiliyoona 28tti guddachuun, miseensota isaa irraa buusii miseensummaa waggaa birrii biiliyoona 3 walitti qabuu dandaheera jedhan. Waggaatti hanga birrii biiliyoona 2 uummata irraa kan arjoomamu ta’uu eeruun, kanaanis nyaata barattootaa guutummaan guutuutti danda’uu, hanga ammaatti barattoota miliyoona 7 ol manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa naannichaa fayyadamoo taasisuu himaniiru. Buusaa Gonofaan rakkoolee mudatan dandamachuuf hojiilee misooma qonnaa adda addaa irratti bobba’aa jiraachuu eeruun, keessumaa mooraa manneen barnootaa keessatti misoomni qonnaa adda addaa bal’inaan oomishamaa jiraachuu dubbataniiru. Bara kana lafa qonnaa heektaara kuma 17 ol irraa oomishni kuntaala kuma 500 akka eegamu eeruun, Buusaa Gonofaan naannichaa godina Baalee, Baalee Bahaa, Wallaggaa Bahaa, Jimmaa fi Buunnoo Baddallee keessatti dandeettii mataa isaatiin boqqolloo, qamadii, ruuzii fi atoo boonsituu heektaara kuma 3 misoomsuu isaa ibsaniiru. Lafti godinootaafi aanaalee heektaara kuma 4 ol midhaan adda addaatiin kan uwwiffame ta’uu eeruun, tattaaffii naannichi gahumsa ofiin rakkoolee mudatan furuuf taasisaa jiru cimee itti fufaa akka jiru himaniiru. Muummeen Ministiraa doktar Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaatiif kennan irratti, hojii misooma qonnaa babal’isuun oomishtummaa guddisuun karoora hirkattummaa irra aanuu galmaan ga’uuf tattaaffiin taasifamuu akka qabu cimsanii ibsuun isaanii ni yaadatama.
Diinagdee
Godina Gujiitti Pirojektoonni misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan ariitiin hojjetamaa jiru
Dec 4, 2025 13
Sadaasa 25/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Pirojektoonni misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan ariitiin hojjetamaa jirachuu waajjirri Maallaqaa godinichaa beeksise. Akka itti gaafatamaan Waajjira Maallaqaa godina Gujii obbo Daadhii Kuraa jedhanitti, misoomni koriidaraa, jallisii, bishaan dhugaatii, dhaabbilee fayyaa fi ijaarsi daandii birrii biiliyoona 3 tuqaa 9 oliin godinicha keessatti hojjetamaa jira. Godinicha aanaalee 13 keessatti pirojektoonni 392 hirmaannaa hawaasaa fi bajata mootummaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Haalli raawwii pirojektootaa godinicha keessatti hojjetamaa jiran dhibbentaa 32 ol xumuramaa jiraachuu eeruun, kanneen hafanis ariitiin xumuruuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Pirojektoonni kunneen yeroo xumuraman ummata kuma 400 ol fayyadamoo taasisuu danda’a jedhaniiru. Godinichatti jiraataa aanaa Adoolaa Reeddee ganda Gunaacoo kan ta’an obbo Efireem Bayyanaa pirojektoonni misoomaa naannichatti hojjetamaa jiran gaaffii hawaasaa kan deebisan ta’uu eeruun, hojiin isaanii ariitiin akka xumuramuuf gama isaaniin tumsa barbaachisu akka taasisan himaniiru. Misooma naannoo isaaniitti hojjetamaa jiran mootummaa cinaa dhaabbachuun, ijaarsa manneen barnootaa fi ijaarsa dhaabbilee misoomaa biroo irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Ijaarsa pirojektoota misoomaa naannoo isaaniitti hojjetamaa jiran ariitiin akka xumuramaniif hundi isaanii gahee isaan irraa eegamu bahachuu akka qaban dhaamaniiru. Jiraataama ganda kanaa kan ta’an obbo Abbabaa Rattaa gama isaaniitiin, mootummaan rakkoolee hawaasummaa furuuf waadaa gale galmaan ga’uuf hojiileen ijaarsa misoomaa amma eegaalaman kunniin qabatamaan agarsiiftuudha jedhaniiru. Sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuun, daree barnootaa ijaaruun dhaqqabamummaa barnootaa babal’isuun, qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa akka qabu eeraniiru. Pirojektoonni mootummaan hojjechiisa jiru bishaan dhugaatii, buufataalee fayyaa, bu’uuraalee misooma daandii fi jallisiin pirojektoota rakkoo hawaasaa furan ta’uus eeraniiru.
Invastimantii qulqullina qabu hawachuuf hojii hojjetameen milkaa’inoonni hedduun galmaa’aniiru
Dec 4, 2025 22
Sadaasa 25/2018(TOI)-Bara Baajataa kana ji’oottan darban keessatti haala invastimantii iftoomina qabu umuun invastimantii qulqullina qabu hawwachuuf hojii hojjetame keessatti milkaa’inni hedduun galmaa’uun ibsameera. Komishinarri komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr.Zallaqaa Tamasgeen TOI’f akka ibsanitti, Bu’aa Fooyya’insi Diinagdee argamsiisee fi dhaabbanni keenya haala invastimantii mijataa uumeen invastimantii qulqullina qabu hawachuuf hojiiwwan hojjetamaniin milkaa’inoonni hedduun galmaa’aniiru jedhaniiru. Kanaanis bara baajataa 2018 kurmaana jalqabaan Invastimantii Alaa kallattiin doolaara Miiliyoona 961 ol hawwachuu danda’uu mirkaneessaniiru. Galiin Al-ergii doolaara miiliyoona 49 ol Invastimantoota Zoonii Diinagdee addaa keessatti argamuun akka argame eeraniiru. Komishinichi kurmana waggaatti eeyyama invastimantii 123 kennuusaa ibsuun, dureeyyii Alaa eeyyamni kennameef keessaa 34 daladala AL-ergii fi alaa galu yeroo dhihoo baname irratti kan bobba’an ta’uu dubbataniiru. Invataroota damee Qonnaa, Manufaakcharingii, Albuuda, Turiizimii fi TQO irratti onnachiiftuu Invastimantii kennamaa jiraachuu eeraniiru. Dabalataanis dureeyyiin Itiyoophiyaa keessatti Daldala Al-ergii fi Alaagalu dabalatee damee faayinaansii fi sektaroota adda addaan invasti akka godhan hojjetamaa jiraachuu komishinarichi hubachiisaniiru. Waliigala Invastimantii alaa kallattiin hawachuu, Oomisha Al-ergii, Carraa hojii uumuu , pirojektoota haayyama qaban gara omishaatti jijiiruu, kenninsa tajaajilaa gahumsa qabuun hojiiwwan hedduu hojiirra oolchuurratti milkaa’ina argachuu ibsaniiru. Komishinichi milkaa’inoota argaman itti fufsiisuu fi hanqinoota mudataniif furmaata kennuun guddinaa fi badhaadhina Itiyoophiyaatiif gumaacha isaarraa eegamu cimsee akka itti fufu mirkaneesseera.
Bulchiinsi Magaalichaa rakkoo mana jireenyaa furuuf teeknooloojiiwwan ijaarsaa ammayyaa fayyadamuun hojjechaa jira - Kantiibaa Adaanach Abeebee
Dec 4, 2025 19
Sadaasa 25/2018(TOI)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee rakkoo mana jireenyaa furuuf teeknooloojiiwwan ijaarsaa ammayyaa fayyadamuun hojjechaa jiraachuu himani kantiibaan magaalichaa aadde Adaanach Abeebeen. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanch Abeebee ijaarsa manneen waliin jireenyaa kuma 26 marsaa jalqabaa Laaftoo Saayitiitti walta’insa mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaan ijaaramuuf jedhu eegalchiisaniiru. Qondaaltonni olaanoo bulchiinsa magaalattiis saganticha irratti argamaniiru. Sagantaa jalqabsiisa manneen waliin jirreenyaa kana irratti haasaa taasisanin, aadde Adaanach Abeebeen bulchiinsi magaalichaa rakkoo mana jreenyaa hawaasa mudatu furuuf kutannoon hojjechaa jira. Rakkoo mana jireenyaa, jiraattotaaf dhimma ijoo ta’e furuuf sagantaalee misooma mana jireenyaa adda addaa hojiirra oolchaa akka jiran himaniiru. Ijaarsi manneen waliin jireenyaa har’a ifatti eegalame kun akka biyyaattis ta’e, akka magaalaattis teeknooloojii haaraa fi isa jalqabaa kan fayyadamu ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi kun yeroo gabaabaa keessatti sibiila gaalvaanaayizdii fayyadamuun, walitti qabsiisuun manneen waliin jireenyaa hanga abbaa darbii 12 kan gahu akka hojjetamu beeksisaniiru. Warshaan kun humna guutuun yeroo hojiitti galu, waggaatti manneen kuma 26 hojjechuu akka danda’u ibsaniiru. Manneen kunneen mana jireenyaa kanaan dura ijaaraman caalaa umurii baay’ee fooyya’aa akka qabaatan kan ibsan yoo ta’u, kunis fedhii mana jireenyaa jiraattota magaalattii guutuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Dabalataan, warshaan kun mana jireenyaa hawaasaaf akka humna isaaniitti mana qulqullina olaanaadhaanii fi saffisaan ijaaruun lammiileef kan dhiyeesssu ta’uu eeruun,yeroo ijaarsi isaa eegalamus carraa hojii lammiilee hedduuf kan banu ta’uu himaniiru.
Damee qonnaa Afriikaa fulla’insaan jijjiiruu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf tiraanisfoormeeshinii qonnaa dijitaalaarratti ni hojjetama
Dec 3, 2025 108
Sadaasa 24/2018(TOI)- Damee qonnaa Afriikaa fulla’insaan jijjiiruu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf tiraanisfoormeeshinii qonnaa dijitaalaarratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu komishiniin gamtaa Afriikaa beeksise. Yaa’iin qonna dijitaalaa gamtaan Afriikaa yeroo jalqabaaf qopheesse xumurameera. Yaa’ichi mata duree Inniveeshinii fi furmaattota dijitaalaa dame qonnaaf fayyadamuun egeree Afriikaa ifa gochuu” jedhuun guyyoota sadan darbaniif gaggeeffamaa tureera. Gamtaa Afriikaatti komishinariin qonnaa, misooma baadiyyaa, dinagdee Buluu fi naannawa fulla’aa Mosas Vilaakaatii wayita kana, dame qonnaa Afriikaa gara guddina, wabii nyaataa fi dandeettii damdamachuu barbaadamutti guddisuuf qonni dijitaalaa qooda murteessaa akka qabu yaa’ii Kanaan mirkaneessuusaa eeraniiru. Haala Kanaan dame qonnaa fulla’insaan jijjiiruu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf tiraanisfoormeeshinii qonna dijitaalaarratti xiyyeeffatamee ni hojjetama jedhaniiru. በጉባኤው Qonna keessatti shoorri dargaggootaa fi dubartootaa murteessaa ta’uusaa yaa’ii Kanaan mirkaneessuun akka danda’ame ibsaniiru. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Baay’isaa Badhaadhaa milkaa’ina qonna dijitaalaaf birmadummaa cimsuun sirrii ta’uu eeraniiru. Odeeffannoo qonnaa akka qabeenya tarsiimawaatti kunuunsuu, sirnoota Afriikaa keessaa dandeettii komunikeeshinii mirkaneessuu fi dargaggootaa fi dubartoota ga’oomsuudhaan qonna Afriikaa guddisuun ni danda’ama jedhaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan hojii jajjabeessaa raawwachaa akka jirtu dubbatan de’aataan ministiraa kun.
Saayinsii fi teeknooloojii
Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee hundagaleessa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaba
Dec 3, 2025 78
Sadaasa 24/2018(TOI)- Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee hundagaleessa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Innooveshinii fi Teekinooloojii doktar Ballaxaa Mollaa ibsan. Simpooziyeemiin Kilabii Daayimandii bara 2025 Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetiin qophaa'e mata duree " Egeree hammataa uumuuf hoggansa Dijitaalaa Addunyaa Cimsuu " jedhuun gaggeeffamaa jira. Haasaa baniinsaa simpooziyeemii kanarratti taasisaniin Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa rakkoolee addunyaa ulfaataa fi walxaxaa ta’an hiikuuf teeknooloojiin carraa fidee dhufuu ibsaniiru. Gama biraatiin teeknooloojii sirnaan fayyadamuu dhabuun qormaata haaraa uumuuf carraa akka qabu hubachiisaniiru. Qormaata kana furuuf biyyoonni tumsa isaanii daran cimsuu qabus jedhan. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 dhiheenya kana ragga’e guddina diinagdee hunda hammate mirkaneessuu fi nageenya lammiilee guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qabus cimsanii dubbataniiru. Guddinni dijitaalaa Itiyoophiyaa jajjabeessaa ta’uu eeruun; lammiileen miliyoonaan lakkaa’aman sirna adda baasuu dijitaalaa keessatti hammatamaa akka jiran himaniiru. Babal’inni bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa fi guddinni kenniinsa tajaajila mootummaa elektirooniksiin taasifamu dabalaa jiraachuu himaniiru. Qormaatni iccitii odeeffannoo qabachuu, nageenyi saayibarii, fi hubannoo namtolchee mudatu biyya tokko qofaan furmaata argachuu akka hin dandeenye ibsaniiru. Simpooziyeemiin har'aa kun yeroo marii qofa osoo hin taane gara hojiitti tarkaanfachiisu ta'uu qaba jedhaniiru.
Dhaabbilee fi seektaroonni, hubannoo namtolchee safartuu madaala isaanii gochuu qabu- Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Dec 2, 2025 105
Sadaasa 23/2018(T0I)- Ministirri Muummee doktar Abiyyii Ahimad dhaabbilee fi dameen kamuu akka safartuu raawwii hojii fi galmaatti hubannoo namtolchee fayyadamuu akka qaban cimsanii dubbataniiru. "ija mootummaa Ida’amuutiin, guddina dameelee" yaadota Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaa irratti kaasan keessaa tokko damee dijitaalaa kan ilaallatudha. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dameen dijitaalaa hojiilee hedduu walitti kan fidu ta’uu himuun, mootummaan waraqaa eenyummaa dijitaalaa(Faayidaa), baankii moobaayilaa, fi mala kaffaltii ammayyaa babal’isuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Akkasumas, hubannoon namtolchee fi saayinsiin kuwaantum haala jireenya dhala namaa, hojii fi yaada dhala namaa jijjiiraa akka jiran ibsaniiru. Teekinooloojii fudhachuu qabna kan jedhan Muummeen Ministiraa dooktar Abiyyi Ahimad, hubannoon namtolchee humna, oomishaa fi hirmaannaa seera uumamaa irra deebi’ee barreessaa akka jiru ibsaniiru. Dandeettiin biyya keessaa waraqaa eenymmaa biyyaoolessaa (Faayidaa), Paaspoortii, Mesob, Baankii Moobaayilaa, Mala Kaffaltii Ammayyaa, Tajaajila Dijitaalaa Gumurukaa fi Galii, fi Sirna Odeeffannoo Bulchiinsa Faayinaansii Walitti Hidhame (IFMIS) misoomuu fi babal’achuu akka qabus cimsanii dubbataniiru. Dameeleen adda addaa hagam hubannoo namtolcheetti fayyadamaniiru? Jennee madaaluu yoo hin jalqabne, yoo turrellee yoomiyyuu galmaan hin geenyu jedhan. Hojiima kamiifiyyuu teekinooloojii fayyadamuun akka barbaachisu eeruun, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf teekinooloojiiwwan adda addaa waliin walitti hidhuun dirqama akka ta’e ibsaniiru. Ministirri Muummee yaada galma tokkoo kan jedhuun ibsa kennaniin ,tokkoon tokkoon magaalaa tajaajila wiirtuu tokkoo(MESOB) banuu akka qabus eeraniiru. Imaammata waraqaa eenyummaa biyyoolessaa 100% guutummaan guutuutti galmaan ga’uuf qabame hojiirra oolchuun akka danda’amu ibsuun, kanaafis caasaan bulchiinsaa hundi cimanii hojjechuu akka qaban cimsanii dubbataniiru. Inishiyeetiiviin Koodaroota Miiliyoona Shan hojii baay’ee murteessaa ta’uu eeruun, jalqabbiin kun 100% milkaa’uu qaba jedhan. Dhaabbileeniifi dameeleen tokkoon tokkoon isaanii hubannoo namtolchee hangam fayyadameera? Kan jedhu galma kaa’uu akka qabanis ibsaniiru. Itti fayyadamni hubannoo namtolchee (artificial intelligence) yoo hin guddanne jijjiiramnii fi walitti hidhamiinsi yaadame dhufuu akka hin danda’amnes hubachiisaniiru. Kalaqaa fi saffisaan, qulqullinaa fi hedduummina galmaan ga’uuf carraaquun hojii ijoo mootummaa ida’amuu ta’uu ibsaniiru doktar Abiyyi Ahimad.
Inistiitiyuutiin saayinsii hawaa fi Ji’oospaashaalii buufataalee itti fufiinsaan odeeffannoo Saatalaayitiirraa fudhatan hojii eegalchiise
Dec 1, 2025 121
Sadaasa 22/2018(TOI)-Inistiitiyuutiin saayinsii hawaa fi Ji’oospaashaalii buufataalee itti fufiinsaan odeeffannoo Saatalaayitiirraa fudhatan kan Finfinnee fi naannoleerratti dhaabaman ifatti hojii eegalchiiseera. Ministeera Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaatti deetaa mistiraa kan ta’an Fantaa Dajan buufataaleen har’a hojii eegalan jijjiirama magaalota keessatti galmaa’aa jiru cimsuuf gumaacha olaanaa taasisuu isaaniis hubachiisaniiru. Keessattuu magaalota pilaaniin bulchuu fi lafa magaalota keessatti lakkaa’ee galmeessuu, haqaan bulchuu fi qorannoo sirrii ta’uu mirkaneessuu keessatti faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kenniinsa murtee ragaa irratti hundaa’e hojjechuunii fi fayyadamtoonni haala salphaa ta’een tajaajila akka argatan kan taasisu dha jedhaniiru. Gara fuula duraatti Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Buufataalee osoo adda hin kutiin odeeffannoo saatalayitii irraa kan fudhatan, ykn ‘’Continious Operating Reference Station (CORS)’’ 14 ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Deetaan Ministira Innooveeshinii fi Teekinooloojii Muluqan Qaree gama isaaniin akka jedhanitti, tarsiimoon dijitaal Itiyoophiyaa 2025 milkaa’ina misooma dijitaalaaf shoora olaanaa bahateera jedhan. Ijaarsa bu’uuraalee teekinooloojii irratti hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu hubachiisuudhaan, ministeerichi baay’ina buufataalee saatalaayitii irraa ragaa fudhatan babal’isuuf tumsaan hojjechuu akka itti fufan akeekaniiru. Buufataaleen odeeffannoo fudhatan har’a hojii kan eegalan kunniin teekinooloojii ammayyaatiin kan guutaman ta’uu daarektarri olaanaa Inistityuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashaalii doktar Abdiisaa Yilmaa ibsaniiru. Dabalataan buufataaleen kunniin, ogeessota pilaaniif, qorattootaaf, xiinxaltoota sodaa balaaf, ogeeyyii teessuma lafaaf fi tajaajila addaaf ogeessota kaartaa qopheessaniif odeeffannoo yeroo qabatamaa akka argatan kan dandeessisan ta’uu ibsaniiru. Dameewwan qonnaa, industirii, albuudaa fi dameewwan diinagdee biroo ammayyeessuun odeeffannoo gahaa kennuunis bu’aa guddaa akka qabaatan eeraniiru.
Konfiraansiin Qonna Dijitaalaa jalqabaa Gamtaan Afrikaa qophaasse har'a magaalaa Finfinneetti eegala
Dec 1, 2025 103
Sadaasa 22/2018(TOI)- Konfiraansiin Qonna Dijitaalaa jalqabaa Gamtaan Afrikaa qopheesse magaalaa Finfinnee waajjira muummee gamtichaatti har’aa eegalee akka gaggeeffamu himameera. “Innoveeshinii fi malawwan dijitaalaa fayyadamuun damee qonnaa fi magariisaa cimaa ijaaruun mul’ata egeree Afrikaa milkeessuu” mata duree jechuun gaggeeffama. Oomishtummaa qonnaa guddisuu, tajaajila eksiteenshinii qonnaa dijitaalaa, teekinooloojii fi innoveeshinii qonnaa, dhaqqabummaa gabaa, sonawwan dhaqqabamummaa gatii cimsuu, mala oomishtummaa qonnaa fi jijjiirama qilleensaa dandamachuu ijaaruu waliin walqabsiisu fudhachuu, imaammata qonnaa fi bu’uuraalee seeraa hojiirra oolchuun ajandaawwan konfiraansichaa irratti mari’atamudha. Konfiraansichi marii ce’umsa beekumsaa fi imaammataa irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, muuxannoon milkaa’ina eksiteenshinii qonnaa biyyoota hirmaattotaas ni dhiyaata. Afrikaa keessatti dhaqqabamummaa malawwan qonnaa dijitaalaa deeggaran, tarsiimoo adda baasuu fi tumsa cimsuun bu’aa guddaa konfiraansicha irraa eegamu ta’uu odeeffannoon Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa Gamtaa Afrikaa irraa argate ni mul’isa. Konfiransichi tarsiimoo qonna dijitaalaa biyyoota Gamtichaaf, Gamtaan Afrikaa akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2024 raggaassise hojiirra oolchu guddisuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessaa tokko ta’uu ibsameera. Gamtichi tarsiimoon qonnaa Ajandaa 2063 fi karoora misooma yeroo dheeraa Afrikaa waliin kan walsimu ta’uu ibseera. Tarsiimoon kun teeknooloojii odeeffannoo fi quunnamtii (ICT) fayyadamuun gabaa dijitaalaa biyyoota Afrikaa ijaaruu fi qonna galmoota misooma dijitaalaa fi itti fufiinsa qabu Afrikaa waliin walquunnamsiisuu kan jedhu mul’ata qabu dha. Waltajjiin kun hanga Sadaasa 24/ 2018tti kan turu yoo ta’u, qondaaltota mootummaa olaanoo fi imaammata baastonni biyyoota Afrikaa, qorattoonnii fi saayintistoonni qonnaa, ogeeyyii teeknooloojii, qonnaan bultoonnii fi dhaabbilee qonnaan bultootaa, dhaabbilee qo’annoo fi qorannoo, abbootii qabeenyaa, michoota misoomaa fi qooda fudhattoonni biroo ni hirmaatu.
Ispoortii
Piriimar Liigii dubartootaan magaalaan Shaggar Buna Sidaamaa mo’ate
Dec 3, 2025 75
Sadaasa 24/2018(TOI)- Piriimar Liigii dubartootaan turban 10ffaa tapha jalqabaatiin magaalaan Shaggar Buna Sidaamaa galchii 1 fi 0’n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti gaggeeffameen Sarkaalam Baasaa daqiiqaa 79ffaatti galchii garichi ittiin mo’ate galchiteetti. Magaalaan Shaggar bara dorgommii kana injifannoo jahaffaa galmessisee qabxii 18’n sadarkaa afraffaa qabateera. Bunni Sidaamaa yeroo afraffaa mo’amee qabxii sagaliin sadarkaa 10ffaarra jira. Sagantaan turban 10ffaa piriimar Liigii dubartootaa Itiyoophiyaa amma Sadaasa 26 bara 2018tti ni tura.
Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Bireentifoordi waliin nidorgoma
Dec 3, 2025 109
Sadaasa 24/2018 (TOI)-Piriimar Liigii Ingilizi turban 14ffaan Arsanaal Bireentifordi waliin nidorgoma. Dorgommiin garee lamaanii galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Emireetsitti gaggeeffama. Arsanaal qabxii 30’n liigicha yoo dursu Bireentifoordi qabxii 19’n sadarkaa 10ffaarra jira. Arsanaal yoo mo’ate sadarkaa lammaffaarra kan jiru garaagarummaa qabxii Maanchistar Siitii waliin qabu shanitti guddisa. Sagantaalee birootiin Liidsi Yuunaayitid Cheelsii fi Liivarpuul Sandarlaandi waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 11:15tti ni taphatu. Biraayitan Astonviilaa, Barnleyi Kiristaal Paalaas akkasumas Wolvarhampitan Wondirersi Notiingihaam waliin sa’aatii wal fakkaataa sa’aatii 4:30tti ni taphatu.
Tapha Xumuraa eegamuu Baarseloonaan Atiletiko Maadiriidiin Injifachuun dursummaa Liiigichaa cimsateera
Dec 3, 2025 91
Sadaasa24/2018(TOI ) – Tapha Ispeen laaliga torbee 15ffaa irratti Baarseloonaan Atileetikoo Maadiriidiin 3 fi 1 injifate. Tapha galgala Istaadiyeemii Kaampi nootti tapahatamerratti Raafiinhaa,Dani olmoo fi Feeraantoorees galchii injifannoo lakkoofsisaniiru. Aleksi Ba’eenaa Atileetikoo Maadiriidiif galchii murteessaa lakkoofsiiseera. Taphichaan Baarseloonaan rukkutaa adabbii argateen Rooberti Lewandoskiin osoo itti hin fayyadamiin hafeera. Liigichatti Injifannoo 12ffaa kan galmeessise Baarseloonaan qabxii 37n dursummaa liigichaa cimsateera. Riyaal Maadiriid caalmaa qabxiin sadarkaa 4ffaatti guddateera. Dorgaommii barichaan yeroo lammaffaa kan mo’ame Atileetikoo Maadiriid qabxii 31n sadarkaa 4ffaa qabateera. Liigichatti Qabxii 33 sadarkaa 2ffaa irratti kan argamu Riyaal maadiriid booru dirresaa alatti Atileetikoo Biilba’oo waliin taphata.
Maanchistar siitiin Fulhaamiin Mo’ate
Dec 3, 2025 68
Sadaasa 23/2018(TOI)-Sagantaa turban 14ffaa Piriimar Liigii Ingiliziin Maanchistar Siitiin galchii 5 fi 4’n Fulhaamiin mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Kiraavaan Koteejitti gaggeeffameen Maanchistar siitiin galchii 5 fi 4’n Fulhaamiin mo’ateera. Maanchistar Siitiin 5 fi 1’n dursaa osoo jiruu gara xumuraatti galchiin sadii itti galuunsaa muddama keessa isa galchee ture. Manchistar Siitiin tapha liigichaan si’a sagal mo’achuun qabxii 28’n sadarkaa lammaffaa qabateera. Fulhaam ammo liigichaan si’a torba mo’amuun qabxii 17’n sadarkaa 15ffaa irra jira. Arliingi Halaandi Liigichaan galchii 100ffaa galmeessiseera. Haalaandi Liigichaan taphataa si’annaan galchii 100ffaa lakkoofsise ta’uun seenaa haaraa hojjeteera. Taphataan kun taphoota 111 taphatee galchii 100 lakkoofsiseera. Kanaan dura Alan Shiirar taphoota 124 taphatee galchii 100 lakkoofsisuun waggoota 30’f riikardii qabatee tureera. Sagantaa birootiin Everten dirree isaatii ala Bornimaawuziin 1 fi 0’n mo’ateera.Niwukaastil Yunaayitid fi Totenihaam Hotisparsi galchii lamaan wal qixa bahaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii Koop32 ta’uun ramadaman
Nov 26, 2025 300
Sadaasa 17/2018(TOI) Mootummaan Ministira dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii Koop32 gochuun ramadeera. Waajjirri ministira muummee akka beeksisetti akkaataa konveenshinii hammattoo jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomaniitiin Itiyoophiyaan Koop32 waan qopheessituuf ministira dhimma alaa mootummaan Itiyoophiyaa kan ta’an Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii koop32 gochuun wayita ibsu gammachuutu itti dhagahama. Doktar Geediyoon hooggantoota biyya keessaa, qaamolee mootummoota gamtoomanii fitumsitoota idil addunyaa waliin tumsuun qophii Koop32 agga hoogganan beeksiseera. Biyyoonni miseensa konveenshinii hammatto jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomanii itti gaafatama qophheessummaa Itiyoophiyaaf kennuusaaniif mootummaan Itiyoophiyaa galateeffachaa qindeessummaa Dr. Geediyoon Ximootiwoosiin hawaasa eegumsa haala qilleensaa addunyaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf qophii ta’uu ni ibsa jedheera.
Misoomni qarqara lageenii magaalichaa nageenyi lageenii akka eegamu gahee olaanaa bahachaa jira
Nov 20, 2025 462
Sadaasa 11 /2018(TOI)-Misoomni qarqara lageenii magaalaa Finfinnee bakka aara galfii fi iddoo bashannnanaan dabalatatti, nageenyi lageenii akka eegamu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Magaalattii keessatti balfi dhangala’oowwaniin faalame lageenitti gadhiifamuun lageen faalaa turaniiru. Kunis lageen magaalattii jiraattotaaf, lubbu qabeeyyiif akkasumas biqilootaaf faayidaa kennuun ala, akka sodaatti ilaamaa turani. Miidhaawwan kunneen hambisuuf, magaalittiin misooma koriidaraa jalqabdeen, lageen kanaan dura akka sodaatti ilaalaman yeroo ammaa nageenyi isaanii eegamee bakka bashannaa ta’aniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hawaasa naannoo qarqara lageenii bashannanan dubbiseen, misoomni qarqara legeenii kanaan dura sodaa hawaasaa ture yeroo ammaa bakka aara galfii fi bakka bashannanaa ta’uun dabalatatti miidhagina magaalittiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Obbo Marsaa Baqqalaa fi obbo Girmaayee Fissahaa turtii TOI waliin taasisanin akka jedhanitti, misoomni qarqara lageenii kanaan dura lageen bakka itti balfi gatamu ta’uu fi karaa sana darbuunuu rakkisaa ture wayita ammaa garuu misoomee arguun hedduu kan isaan gammachiise ta’uu dubbataniiru. Misoomni koriidaraa qarqara lageenii kunniin magaalaa Finfinnee miidhagduu akkuma maqaashee taasisaa jiraachuu eeraniiru. Hojiin misooma koriidaraa, kun lageenii fi naannoo isaanii miidhagsuu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taanee, muuxannoo fi dandeettii Itiyoophiyaanonni kunuunsaa fi eegumsa naannoo irratti qaban kan mul’ise ta’uu kan ibsan immoo Gaaddisaa Waaqjiraadha. Misooma koriidaraa qarqara lageeniin, bakkeewwan bashannanaa mijatoo hedduun daa’immanii fi dargaggootaaf oolan ijaaramaniiru kan jedhan immoo dargaggoo Solomoon Daawitii fi Abdii Malkaamuudha. Bakki bashannanaa kun yeroo keenya bakka hin taanetti akka hin dabarsineef nu gargaaruun, qilleensa qulqulluu afuura baafachaa, gammachuu guddaa argachuuf carraa nuuf baneera jedhan.
Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaabne kunuunsaa jirra-Qonnaan bultoota
Nov 18, 2025 413
Sadaasa 9/2018(TOI)-Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaaban kunuunsaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Shawaa Lixaa himan. Qonnaan bultoonni kunniin biqiloota sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaaban irraa faayidaa hedduu argachaa jiraachuu himuun, kunuunsa isaa irrattis xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu dubbataniiru. Qonnan bultoonni aanaa Calliyaa obbo Asfawuu Dinquu fi obbo Fayisaa Qananii, waggoottan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloota dhaabuun isaanii lafa qullaa hafee ture damdamachiisuun dabalatatti, oomishaa fi oomishtummaa isaanii kan dabale ta’uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Kanaan dura lafti qonnaa isaanii biyyeen lolaan dhiqamee manca’aa ture, wayita ammaa garuu furmaata argachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kanattis midhaan dheedhii adda addaa oomishaa jiraachuu eeruun qonnaan bultoonni kunnin, biqiloonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman gabbina biyyee dabaluun, miidhagina naannoofis shoora olaanaa bahachuu dubbataniiru. Kanaan dura osoo sagantaan Ashaaraa Magariisaa hin eegalamiin dura, roobni waktiisaa eegee hin roobu ture; amma garuu roobni waqtiisaa eegee akka roobuu fi roobni waktii malee roobees balaa akka hin geessifne nu gargaaruun oomishaa fi oomishtummaa keenya dabaleera jedhan qonnaan bultoonni kunniin. Qonnaan bultoonni kunniin hawaasa naannoo isaanii hirmaachisuun, hojii kunuunsa biyyee, daagaa hidhuu hojjetaniinii fi kunuunsa biqiloota dhaabamaniif taasisaniin jijjiirama fidaa jiraachuu himaniiru. Itti aanaa bulchaa aanaa Calliyaa fi hogganaan Waajjira Qonnaa fi Bulchiinsa Lafaa aanichaa, obbo Hinnahuu Tashoomaa akka jedhanitti, hojii misooma magariisaa godinicha keessatti hojjetamaa jiru keessatti hirmaannaan hawaasaa guddachaa kan dhufe ta’uu ibsaniiru. Aanichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman, kunuunfamaa jiraachuu dubbataniiru. Aanichatti erga sagantaan dhaabbii biqilootaa Ashaaraa Magariisaan eegalamee as qabeenyi uumamaa naannoo sanaa miidhagee, haalli qillensaa toluun dabalatatti qonnaan bultoonnis oomishaa fi oomishtummaan isaanii dabaluu himaniiru. Sagantaa misooma Ashaaraa Magariisaa aanicha keessatti adeemsifameen, biqiltuuwwan biyya keessaa dhaabuun, dabalatatti biqiloota soorataaf oolan kanneen akka maangoo, muuzii, avokaadoo fi buna dhaabuun qonnaan bultoonni faayidaa olaanaa irraa argachaa jiraachuu eeraniiru obbo Hinnahuun.
Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessadha- Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa
Nov 15, 2025 405
Sadaasa 6/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa jechuun Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan. Durataa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuusheen ergaa baga Gammaddanii dabarsaniiru. Murtichi Ityoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa ta’uu dura taa’aan kun ibsuun, kunis kutannoo hin jijiiramne tarkaanfii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf qabdu argisiisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin qooda hoggansa haala jijiirama qilleensaa qabdu ajaa’ibsiifataniiru. Itiyoophiyaan bosona hedduu deebisanii misoomsuu fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee tarkaanfiiwwan eegumsa naannoo cimaa fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Taateewwan Idil-Addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun humna dilbii qabaachuushee kaasuun yaa’iiwwan Ardii fi Idil-Addunyaa gurguddoo keessummeessuuf dhaabbatummaa cimaa fi muuxannoo qabdi jedhaniiru. Teessoo Gamtaa Afriiklaa fi Gidduugala Dippiloomaatii Addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee yaa’icha akka keessummeessitu filatamuunshee qooda tumsa Gidduugala Idil-Addunyaatti Qabdu Caalaatti akka Guddisuus Ibsaniiru. Komishinichi Itiyoophiyaa, hammattoo jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii (UNFCCC) fi deeggartoota waliin ta’uun (Cop-32) hunda hirmaachisaa fi bu’aa qabeeessa gochuun xiyyeeffannoo duraa haala jijiirama qilleensa Afriikaa caalaatti tarkaanfachiisuu fi Tumsa Idil- Addunyaa cimsuuf dhiheenyatti akka hojjetu ibsuusaanii Gamtichi odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera. Yaa’iin haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaan (cop-3o) Biraazil Belemittigaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan A.L.A bara 2027 gaggeeffamu (cop-32) akka keessumeessitu filatamteetti. Biyyoonni Afriikaa (COP-32) Itiyoophiyaatiif feedhii keessummeessuuf deeggarsasaanii guutuu kennuunsaanii ni yaadatama.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 453
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9272
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.