Manni marichaa labsii Itiyoophiyaan namoota hojiif biyya alaatti ittiin ergitu mirkaneesse - ENA Afaan Oromoo
Manni marichaa labsii Itiyoophiyaan namoota hojiif biyya alaatti ittiin ergitu mirkaneesse

Waxabajjii 24/2017(TOI)- Manni marii bakka bu’oota ummataa labsii Itiyoophiyaan namoota hojiif biyya alaatti ittiin ergitu mirkaneesseera.
Manni marichaa guyyaa har’aa walgahii idilee 41ffaa taa’eera.
Haala Kanaan labsii Itiyoophiyaan namoota biyya alaatti ittiin ergitu ilaalee sagalee guutuun mirkaneesseera.
Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota misooma qabeenya namaa, hojiif erguu fi teeknooloojii Dr. Nagarii Leencoo, labsichi nageenya, ga’umsaa fi dandeettii dorgomuu gabbisuu kan dandeessisudha jedhaniiru.
Akkasumas namoota karaa seeraan alaa deddeebisuu ittisuun lammiileen karaa seera qabeessaan akka fayyadaman taasisa jechuun ibsaniiru.
Manni marichaa wixinee dhihaate labsii lakk.1389/2017 gochuun sagalee guutuun mirkaneesseera.