Dhaabbieen amantaa dhimmoota ijoo Biyya Bu’ura cimaarra dhaaban irratti waliigaltee uumuuf ittigaafatama  oalaanaa qabu-Komishinicha

Waxabajjii 19/2017(TOI)- Dhaabbieen amantaa dhimmoota Baay’ee ijoo ta’an Biyya Bu’ura cimaarra dhaaban irratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf ittigaafatama oalaanaa akka qaban Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibse.

Komishinichi mata duree marii biyyaalessaa bu’uraaf qooda hayyoota amantaa” jedhuun Hayyoota amantaa garagaraa waliin Finfinneetti Mari’achaa jira.

Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Mahamud Diriir Baniisa Mariirratti Haasawa taasisaniin, dhaabbileen amantaa tokkummaa fi birmadummaan biyyaa akka kabajamu  gumaacha olaanaa qabu.

Komishinichi dhimmoota bu’uraarratti mari’atee waliigaltee uumuuf Ajandaa Marii hammataa ta’e adda bassee xumuraa akka jiru kaasaniiru.

Itiyoophiyaan mariirra jirti kan jedhan komishinarichi, dhaabbileen amantaa fi hayyoonni biyyi akka ittifuftuu fi nageenya fulla’aaf qoodasaanii olaanaa akka bahan mariin kun carraa seenaqabeessa uumeera jedhaniiru.

Abbootiin amantaa Garaagarummaa yaadaa fi waldhabdee mareen furuun murrteessaa ta’uu barsiisa guyyuu keessatti kaasaa jiraachuu eeraniiru.

Kun ammoo kaayyoo komishinichaa kan deeggaruu fi nageenya fulla’aa waan fiduuf komishinichi qooda dhaabbieen amantaa qaban hubachuun marii biyyaalessaarratti hirmaannaa ijoo akka taasisan taasifamuu ibsaniiru.

Abbootiin amantaa dhageettii fi fudhatama hordoftootasaaniirraa qaban fayyadamuun waldhabdeen marii qofaan akka furamuu fi nagaan fulla’aa biyyi akka ittifuftu mirkaneessu fiduurratti waliin nihojjenna jedhaniiru.

Dhaabbileen amantaa adeemsa ajandaa walitti qabuurratti hirmaachuusaanii yaadachiisaanii, sagantaa  hirmaattota fo’achuu fi ajandaa walitti qabuu naannoo Tigraayitti adeemsifamurratti hirmaannaa akka taasisan gaafataniiru.

Dhimmoota Biyyalessaa bu’uraarratti wliigaltee amma uumamuu fi furmaanni fulla’aan amma dhufutti dhaabbileen amantaa fi hayyoonni ittigfaatama dacha akka bahn waamicha dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015