Godina Booranaatti Lafa  Hektaara kuma135 sanyiin faca’e irraa omishni kuntaalli Miiliyona 1 Tuqaa 9  ni Eegama- Bulchaa Godonicha

Waxabajjii 25/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina  Boranaatti Baatii Gannaa lafa hektaara kuma 135n sanyiin faca’e irraa callaan Kuntaalli Miiliyoona 1 tuqaa 9  akka Eegamu  Bulchaan  Godinichaa Abdulsalaam Waariyoo ibsan. 

Pirizidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi  qondaaltonni olaanoo Naanichaa    Godina Booranaatti Hojiiwwan Misoomaa daawwachaa jiru.

Guyyaa hara’aa Godina Booranaa Aanaa Dirreetti Qamadii Kilaastaraan misoome daawwataniiru.

Bulchaa Godina Booranaa Abdulsalam Waariyoo Ibsa Qondaaltota olaanoof kennaniin, Godinichatti baatii lamaan duraa kaasee hanga dhuma Waxabajjiitti  hojiin Misooma Qonna Gannaa hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

 Kanaanis lafti hektaarri kuma135 sanyii gosa adda addaan facaafamuu ibsuun,  kanneen keesaa lafti hektaarri kuma 56 ol Kilaastaraan Misoomaa jiraachuu fi hektaarri kuma 5 Qamadiin misoomuu ibsaniiru.

Midhaan kanneen akka  Qamadii, Xaafii, Boloqqee, Maashoo, fi kanneen biroo Misoomuu  ibsuuun, kanneen irraa omishni Kuntaala Miiliyoona 1 tuqaa 9  akka abdatamu  dubbataniiru.

Godinni  Booranaa  yeroo ammaa omishtummaa fooyya’aa irratti akka argamtu ibsuun , Aadaan hojii horsiisee bulaa jijiiramaa jiraachuu eeraniiru.

 Omishtummaan akka guddatuuf Mootummaan deeggarsa adda addaa taassisaa jiraachuu ibsaniiru.

Daawwannaa Misoomaa Sanarratti Pirezidaabtii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimalis Abdiisaa Dabalatee Paartii Badhaadhinaatti Hoogganaan Waajjira Damee Naannoo  Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa fi Qondaaltonni olaanoon Naannichaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015