Hojiiwwan guddina magaalotaa si’achiisuuf hojjetamaniin bu’aan argamera

Waxabajjii 25/2017(TOI)- Hojiiwwan bara bajatichaa hawaasaa fi qooda fudhattoota hrmaachisuun guddina magaalotaa si’achiisuuf hojjetamaniin bu’aan argamuusaa ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii beeksian.

Ministeerichi raawwii hojii karoora bara 2017 fi karoora bara 2018 irratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamaatti qorachaa jira.

Ministir Caaltuu saanii Waltajichi wayita banamu dubbii dubbatanii, waggoota muraasa dura magaalaawwan biyyattii guddachaa dhufaniiru jedhna.

Bara bajatichaa guddina magaalotaa si’achiisuu fi tajaajiloota mana qopheessaa hawaasaa kennan sadarkaa olaanaatti guddisuuf xiyyeefatamee hojjetamaa turuu yaadachiisaniiru.

Keessumaa bara bajatichaa guddina magaalotaa si’achiisuuf hawaasa hirmaachisuun hojjetamaa turuu eeranii, kanaanis tajaajiloota mana qopheessaa magaalotaa si’ataa taasisuun rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf hojiin hojjetaman jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

Hojiiwwan ijaarsa manneen jireenyaa, qonna magaalaa, miidhagina magaalaa fi misooma magariisaa akkasumas hojeeffama kaadaastara irratti qooda fudhattoota waliin hojjetaman bu’a qabeessa ta’uu himaniiru.

Magaalonni jireenyaaf mijataa fi hawataa gochuurra darbee galii magaalotaa guddisuuf tajaajila mana qopheessaa ammayyeessuuf, pirojektoota bu’ura misoomaa magaalotaa babal’isuun bu’aaleen hedduun argamuu himaniiru.

Sagantaan wabi nyaataa magaalotaa jireenya lammiilee hedduu jijjiiruun aadaa hojii fi qusannaa gabbisuusaa dubbataniiru.

Gorsaan ministira magaalaa fi bu’ura misoomaa Tasfaayee Hayila mikaa’el gabaasa waltajjicharratti dhiheessaniin akka jedhanitti, jireenya lammiilee magaalaa jireenya gad aanaarra jiranii fooyyessuuf sagantaa wabii nyaataa magaalaatiin birriin biiliyoona 15 hojiirra ooluu himaniiru.

Lammiileen kunneen sagantaa wabii nyaataa irratti bobba’aniin galii isaanii guyyaarraa birrii miiliyoona 770 qusachuun hojii misoomaa biraatti cehuusaanii eeraniiru.

Galii mana qopheessaa guddisuuf hojii hojjetameen galiin birrii biiliyoona 76 walitti qabamuu ibsanii, kan bardheengaddaan walbira yoo qabamu birrii biiliyoona 30’n akka caalu ibsaniiru.

Dhaabbileen ministeerichaaf itti waamaman akkasumas hooggantoonnii olaanoo fi ogeessonni naannolee hundarraa dhufan waltajjicharratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015