Hojiileen oomishaa fi oomishtummaa bunaa godinichatti guddisuun oomishtoota fayyadamoo taasisan hojjetamaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen oomishaa fi oomishtummaa bunaa godinichatti guddisuun oomishtoota fayyadamoo taasisan hojjetamaa jiru

Waxabajjii 25/2017(TOI)- Godina wallagga bahaatti hojiileen oomishaa fi oomishtummaa bunaa guddisuun oomishtoota fayyadamoo taasisan xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiran waajjirri qonnaa godinichaa ibse.
Waajjirichatti dursaan garee misooma bunaa Asaffaa Mokonnon TOI’tti akka himanitti, bara bajataa xumuramaa jirutti oomishaa fi oomishtummaa bunaa guddisuuf hojjetamaa tureera.
Biqiltuu bunaa sanyii fooyya’aa biqilchuu, bakka bunni itti dhaabamu qopheessuu, buna dulloome gamashuu eeraniiru.
Haala Kanaan godinichatti lafti bunni irra dhaabamuu heektaarri kuma 43 qophaa’uu himanii, biqiltuun dhaabamus buufataalee biqiltuu mootummaa fi dhuunfaatti qophaa’uu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni misooma bunaa irratti hojjetan dhaabbii bunaa irratti hirmaachuuf oomishtummaasaanii akka guddisan ogeeyyonni deeggaraa akka jiran kaasaniiru.
Keessumaa qonnaan bultoonni adeemsa oomisha bunaarratti teeknooloojiiwwan haaraa akka fayyadaman jajjabeessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Godinichatti jiraataan aanaa Sibuu Siree qonnaan bulaa Duulaa Tasfaayee yaada kennaniin, qonnaan bultoota naannawaa waiin gurmaa’uun Buna kilaastaraan omishuu eegaluusaanii dubbataniiru.
Buna baay’inaa fi qulqullinaan oomishuun caalaatti fayyadamoo ta’uuf hojjechaa jiraachii ibsanii, ogeeyyonni qonnaa isaan deeggaraa akka jiran kaasaniiru.
Qonnaan bulaan Asfawu Gabbisaa, buna oomishuu erga eegalanii waggaa lama akka guute eeranii, bara kana qonnaan bultoota 40 waliin ta’uun biqiltuu bunaa kuma 64 caalu dhaabuusaanii dubbataniiru.