Kooriyaan Kibbaa michooma bara dheeraa Itiyoophiyaa waliin qabdu hariiroo dinagdee Olaanaatti Guddisuu feeti-Ittaanaa Af-yaa’ii mana maree Kooriyaa Kibbaa Joo Hoo Yaang

Waxabajjii 19/2017(TOI)- Kooriyaan Kibbaa michooma bara dheeraa Itiyoophiyaa waliin qabdu hariiroo Invastimantii fi dinagdee Olaanaatti Guddisuu akka feetu Ittaanaan Af-yaa’ii mana maree Kooriyaa Kibbaa Joo Hoo Yaang dubbatan.

Pireaidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee miseensota garee olaanaa Kooriyaa Kibbaa waajjirasaaniitti simatanii Haasofsiisaniiru.

Marii taasifame ilaalchisuun TOI waliin turtii kan taasisan Ittaanaan Af-yaa’ii mana maree Kooriyaa Kibbaa Joo Hoo Yaang, aarsaa Itiyoophiyaan nageenya Kooriyaaf kaffalteef kabaja qaban pirezidaant Taayyeef Ibsuusaanii dubbataniiru.
 

Itti dabaluunis, Kooriyaan Kibbaa Itiyoophiyaa waliin Dameelee Invastimantii fi misoomaatiin tumsaan hojjechuu akka barbaaddu dubbataniiru.

Kanaaf ammoo gama Itiyoophiyaatiin kutannoon akka jiru pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseerraa mirkaneeffachuusaanii dubbataniiru.

Garee Jilaa kana waajjirasaaniitti simatanii kan haasofsiisan pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen, Hariiroon biyyoota lamaanii  sadarkaa olaanaatti akka cehu Itiyoophiyaan fedhii akka qabdu dubbataniiru.​​​​​​​
 

Invastimantiin Dureeyyiin Kooriyaa Kibbaa Itiyoophiyaa Keessaa qaban akka cimu mootummaan deeggarsa barbaachisus nitaasisa.

Gareen jila olaanaa miseensota mana maree Kooriyaa Kibbaa ofkeessaa qabu Itiyoophiyaa daawwachaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015