Waggoottan Jijjiiramaatti Haalli Mijataa fi Hojiin Boonsaan Itiyoophiyaa Badhaadhinatti Ceesisan Hojjetamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Waggoottan Jijjiiramaatti Haalli Mijataa fi Hojiin Boonsaan Itiyoophiyaa Badhaadhinatti Ceesisan Hojjetamaniiru

Waxabajjii 18/2017(TOI)- Waggoottan Jijjiiramaatti Haalli Mijataa fi Hojiin Boonsaan Itiyoophiyaa Badhaadhinatti Ceesisan Heddummina Keessatti Hojjetamuusaanii Hoogganaan Damee Hariiroo Idil Addunyaa fi Ummataa Paartii Badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa Ibsan.
Leenjiin Hooggantoota Miidiyaa fii Komunikeeshinii Mata Duree “Bara dhugaan Boodaa Beekumsaa fi Dhugaan” Jedhuun Magaalaa Bahaar Daaritti Kennamaa Jira.
Doktar Biqilaa Hurrisaa Leenjicharratti, Waggoottan Jijjiiramaa Toorba Darbanitti Hojiileen Bu’a Qabeessi Itiyoophiyaanota Walitti Fidan Hojjetamuusaaniiru.
Kunneenis Tokkummaa Sabdaneessummaa, Walkabajaa fi Walgargaarsa Aadeffachuun Heddummina Keessatti Hala Mijataa fi Hojii Boonsaa Itiyoophiyaa Badhaadhinatti Ceesisan Ta’uusaanii Ibsaniiru.
Aadaan Hojii Akka Guddatuu fi Biyyasaaniitti Hojjetanii Hortee Qabachuu Akka Danda’an Haalli Mijataa Uumamuusaa Himanii, Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa Milkaa’inaan Xumuramaa Jiruu fi Dhimmi Ulaa Galaanaa Ajandaa Taasifameera Jedhan.
Bu’aa Argameef Dameen Miidiyaa fi Komunikeeshinii Qooda Guddaa Bahuusaa Eeranii, Dameen Kun Ammallee Haqa Baasuun Seenessa Waloo Uumuu fi Faayidaa Biyyaalessaa Kabachiisuuf ciminaan qoodasaa Bahuu Qaba Jechuun Hubachiisaniiru.
Kaayyoon Leenjii Kanaas Injifannoo Argame Olaantummaa Yadaan Itti fufsiisuuf Hojiilee Beekumsa, Ogummaa fi Ilaalchaan Gabbatee fi Walsime hojjechuuf Kan Akka Ta’e Eeraniiru.
Gareen Finxaalessaa Naannoo Amaaraatti Misooma, Guddinaa fi Badhaadhina Ummata Naannichaaf Kan Dhiphatu Akka Hintaane Qabatamaan Mirkanaa’eera Kan Jedhan Ammoo Paartii Badhaadhinaatti Hoogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Obbo Yirgaa Sisaayi.
Tarkaanfii Seera Kabachiisuuf Fudhatameen Gocha Badii Garee Finxaaleyyii Maqsuun Nagaa Buusuun Hojiileen Misooma Ummata Fayyadan Raawwachuusaanii Ibsaniiru.
Akkaataa Inisheetiivota Paartii Keenyaatiin Misooma Kooriidarii agaalaa Dabalatee Riqicha Abbayyaa fi Pirojektoota Gurguddoo Ijaaree Xumuruun Qabatamaan Agarsiisuu danda’eera Jedhaniiru.
Pirojektiin Gorgoraa fi Bu’uraaleen Misoomaa Daandii Hojii Fayyadama Ummataa Guddisan Akka Ta’an Kaasaniiru.
Hooggantoonni Damee Miidiyaa fi Komunikeeshinii Naannichaarraa Walitti Dhufan Leenjii Har’aa Eegalee Guyyaa Sadiif Turu Kanarratti Hirmaachaa Akka Jiran Beekameera.