Ijaarsi dhaabbilee bu’ura misoomaa gaaffilee hawaasummaa fi dinagdee ummataa deebisan bal’inaan raawwatamaa jira

Waxabajjii 25/2017(TOI)-Ijaarsi dhaabbilee bu’ura misoomaa gaaffilee hawaasummaa fi dinagdee ummataa deebisan magaalaawwan naannoo Oromiyaatti bal’inaan raawwatamaa jiraachuu sadarkaa itti aanaa pirezidaantii naannichaatti qindeessaan misooma magaalaa Masfin Malaakuu ibsan.

Godina Wallagga Lixaa aanaa Yuubdootti dhaabbileen bu’ura misoomaa garagaraa ijaarsisaanii xumurame hooggantoonni olaanoo mootummaa naannichaa bakka argamanitti eebbifamanii eebbaaf gahaniiru.

Kanneen keessaa jiddugalli dargaggootaa, manni barumsaa ifa boruu Yuubdoo fi kanneen biroos keessatti argamu.

Sadarkaa itti aanaa pirezidaantii naannichaatti qindeessaan misooma magaalaa Masfin Malaakuu sirna eebbaarratti, ijaarsi dhaabbilee bu’ura misoomaa jiraattota fayyadamoo taasisan bal’inaan gaggeeffamaa jira jedhaniiru.

Pirojektoonni bu’ura misoomaa magaalota naannichaatti bara bajatichaa ijaaramaa turan tibbana eebbifamanii tajaajilaaf oolaa akka jiran himaniiru.
 

Fuulduras ijaarsi pirojektoota bu’ura misoomaa sochii hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa mijeessan cimee ittifufa jedhaniiru.

Keessumaa dhaabbileen bu’ura misoomaa Wallagga Lixaatti xumuraanii tajaajilaa qaqqaban misooma naanawichaa kan dadammaqasan ta’uu ibsaniiru.

Godinichatti sochiin misoomaa abdachiisaan dhufuusaa eeranii, yoomiyyuu caalaa ummanni nageenyasaa eeguu akka qabu hubachiisaniiru.

Bulchaan godina wallagga Lixaa Obbo Taliilaa Tarrafaa gamasaaniin, ngeenya naannichaa cimsuun cinaatti gaffilee misoomaa ummanni gaafatu deebisuuf karoorri yeroo dheeraa fi gabaabaa qophaa’ee hojeeffamaa jira jedhaniiru.

Guyyaa har’aas dhaabbileen bu’ura misoomaa birrii miiliyoona 249 caaluun ijaaraman tajaajila ummataaf banamuusaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015