Yuunversiitiiwwan Hojiiwwan Qorannoo Bu’aa Qabeessa Dhiheessuun Imala Badhaadhina biyyaa deeggaruun isaanirraa eegama-Pirofeesar Birhaanuu Naggaa - ENA Afaan Oromoo
Yuunversiitiiwwan Hojiiwwan Qorannoo Bu’aa Qabeessa Dhiheessuun Imala Badhaadhina biyyaa deeggaruun isaanirraa eegama-Pirofeesar Birhaanuu Naggaa

Waxabajjii 23/2017(TOI)-Ministirri Barnootaa pirofeesar Biraanuu Naggaa, Yuunvarsiitiiwwan qorannoo bu’aa qabeessa ta’ee fi galmoota misooma biyyoolessaa milkessuuf deeggaru dhiheessuun fi imala badhaadhinaaf gumaacha taassisuun akka irraa eegamu ibsan.
Ministirichi guyyaa hara’a kutaa hawaasaa Yuunvarsiitii Boongaa waliin dhimmoota adda addaa irraatii marii’ataniiru.
Yuunversiitiiwwan hojii baruu fi barsiisuu beekumsa irratti hundaa’e raawwachuurra darbee, wiirtuu qorannoo ta’uu qabu jedhaniiru ministirichi wayita kanatti.
Qorannoowwan Galmoota misooma biyyoolessaa milkeessanii fi bu’aa qabatamaan mirkanaa’an dhiheessuudhaan Imala Badhaadhinaa eegalame deeggaruun akka iraa eregamu hubachiisaniiru.
Yaadama naannoo keessa bahuun beekumsa Idil Addunyaa qabsiisuu fi Qorannoowwan Jireenya hawaasaa jijjiiran irratti xiyyeeffachuu akka qaban eeraniiru.
Yuunversiitonni lammii yaada qaban fi yaadota biyyaaf fayyadan maddisiisuun dhaabilee wiirtuu dhugaa fi beekumsaa gochuu qabdu jedhaniiru.
Barsiisonni yuunvarsiitii yeroo hunda of fooyyessuun fi Ilaalcha Idil Adduyaa qabaachuun akka isaan irraa eegamu eeruun, rakkoon barsiisotaa adeemsa keessa hiikamu jechuun ibsaniiru.
Rakkoolee Yuunvarsiitii Boongaa Mudatan furuun haala fuulduratti tarkaanfaturratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisuun, dhaabatichaaf deeggarsiii fi hordoffiin dhiheenyaan akka taassifamu himaniiru.
Eggataan Pirezidaantii Yuunvarsiitii Boongaa Dr. Degala Ergenoo gama isaaniin, kutaa Hawaasaa Yuunvarsiitii sadarkaa sadarkaan jiran waliin marii gaggeeffameen dhaabbaticha gara sadarkaa fooyya’aatti ceessisuuf galmi kaa’amee gara raawwiitti galameera jedhaniiru.
Kanaafis hojiiwwan adda addaa raawwatamuu fi kana cimsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuun kanaafis gaheen hawaasa Yuunvarsiitii olaanaadha jedhaniiru.
Saganticha irratti dub deebiin deeggarsaa fi hordoffii bara bajaataa 2017 dhihaatee irratti marii’atameera.
Hoggantoonni Hojii Yuunversiitichaa, Barsiisonni, Bulchiinsii fi Hojjettoonni Deeggaarsaa Maricha irratti Hirmaachuunsaanii Ibsameera.