Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaa Guddichi Walta’insaan kan ijaarame Agarsiiftuu Bayyanachuu Itiyoophiyaa, fakkeenya ni danda’amaati-Obbo Jaanxiraar Abbay

Waxabajjii 25/2017(TOI)-Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaa Guddichi Walta’insaan kan ijaarame  agarsiiftuu Bayyanachuu Itiyoophiyaa fi fakkeenya ni danda’amaa ta’uu  Itti Aanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee, Itti Gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee fi Qindeessaa Mana Maree Hidha Haaromsaa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbay ibsan.

Qajeelchi poolisii walii galaa Magaalaa Finfinnee Waancaa Nageenyaa  Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichaa komishinii Poolisii Naannoo Oromiyaf kenneera.

Komishinarri Komishinii Poolisii Naanno Oromiyaa Leetenaal Jeneraal Dirribaa Mokonnin Ajajaa Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaw harkaa Waancicha fudhataniiru.

 Sirni walharkaa fudhiinsaa kun mata duree ‘’Pirojektiin Hidha Haaromsa Guddichi agarsiiftuu jalqabnee xumuruu keenyaa, hidhi haaromsaa guddichi Pirojektii Hidha haaromsaa mallattoo tokkummaa keenyaa” jedhuun gaggeeffameera.

Itti Aanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee, Itti Gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee fi Qindeessaa Mana Maree Hidha Haaromsaa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbay saganticha irratti, Hidhi haaromsaa akkuma Akaakileen keenya dhiiga isaaniitiin Itiyophiyaa tiksan, Pirojektii waloo dhaloonni Ammaa dafqa isaatiin biyya itti misoomsu ta’uu ibsaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa waajjira qindeessaa pirojektii hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa Dr. Aragaawii Barihee gamasaaniin, deeggarsi Itiyoophiyaanonni gama hundaan taasisan yaadatamaa dalootaa dhalootatti kan darbu mallattoo injifannoo seena qabeessa ta’uu dubbataniiru.

Ajajaan qajeelcha Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaw, Waanchaa Nagaa Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa harkaa fudhachuun Kutaa Magaalaa hundatti Sagantaan Galii walitti qabuu gaggeefamaa turuu beeksisaniiru.

Komishinarri Komishinii Poolisii Naanno Oromiyaa Leetenaal Jeneraal Dirribaa Mokonnin, Miseensonni Poolisii Naannichaa, Dhaabbilee Nageenyaa Federaalaa waliin qindoomuun nageenya naannichaa egsisuu dabalatee misoomarrattis dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Poolisiin Mgaala Finfinnee bara 2016 waancaa nagaa poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa irraa fudhatee milkaa’ina ijaarsa hidha haaromsa  Itiyoophiyaa guddichaaf deeggarsa maallaqaa taassisaa turera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015