Angafoota Oduu
Manneen barumsaa idileen duraa 46 baatii gannaa godina Baaleetti ijaaraman barsiisuu jalqabuuf qophii taasifaman
Sep 22, 2023 54
Fulbaana 11 /2016 (TOI) - Manneen barumsaa Bu’ura Boruu idileen duraa 46 baatii gannaa godina Baaleetti ijaaraman barsiisuu jalqabuuf qophii taasifamuusaanii waajjirri barnootaa godinichaa ibse. Itti aanaan ittigaafatamaa waajjira barnootaa godinichaa obbo Tsaggaa Alamaayyoo akka ibsanitti, waggaa darbee kaasee godinichatti sadarkaa manneen barumsaa fooyyessuu fi ijaarsi manneen barumsaa idileen duraa walcinaa hojjetamaa turaniiru. Godnincha naannawoota hundatti ganna dabalatee wagga darbe bajata mootummaa fi hirmaannaa ummataan manneen barumsaa idileen duraa Bu’ura Boruu 46 ijaaramaniiru. Manneen barumsaa kunneen bara barumsaa kana daa’imman simatanii barsiisuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru. Akkasumas hojii sadarkaa manneen barumsaa fooyyessuuf hojjetameen ijaarsii fi suphaan kutaaleen barnootaa haaraa 120 akkasumas manni jireenyaa barsiisotaa 97 ijaaramuu ibsaniiru. Dabalataanis teessoon barattootaa kuma 1 ta’anii fi kompiitaroonni 20 suphuun tajaajilaaf qophii taasifamuu dabalanii ibsaniiru. Kun raawwatamuusaatiin bara barumsaa kana daa’imman umuriinsaanii barumsaaf qaqqabe kuma 50 simachuuf nidanda’ama jedhameera. Galteewwan barnootaa guutuuf hirmaannaa ummataan hojiiwwan hedduun hojjetamuu eeraniiru. Tajaajila tola ooltummaa gannaatiin hojiiwwan barumsa ilaallatan hirmaannaa ummataa fi bajata mootummaa birrii miiliyoona 560tti tilaamamuun hojjetamuusaanii ibsaniiru. Jiraataa godinichaa aanaa Gobbaa keessaa obbo Hasan Abdallaa yaada kennaniin, manneen barumsaa idileen duraa naannawasaaniitti ijaaraman daa’imman qe’eesaaniirraa osoo hinfagaatiin akka baratan carraa uumeera. Miseensa Koree bu’uura misoomaa barnootaa hirmaannaa ummataan mijeessuuf hundeeffamee ta’uun hojjechaa akka turan eeranii, hawaasa hirmaachisuun kutaalee barnootaa miidhaman suphuusaanii kaasaniiru. Bara barumsaa 2016 godina Baaleetti amma ammaatti barattoonni kuma 290 fi 900 kan galmaa’an yemmuu ta’u, kana keessaa kuma 134 kan ta’an dubartoota ta’uusaanii odeeffannoon waajjira barnootaa godinicharraa argame nimul’isa.
Daandiin qilleensaa Aljeeriyaa Yeroo jalqabaaf Kallattiin Aljeers irraa Finfinneetti balal’ie
Sep 22, 2023 12
Fulbaana 11/2016(TOI)- Daandiin qilleensaa Aljeeriyaa Yeroo jalqabaaf Kallattiin Aljeers irraa Finfinneetti balal’ieera.. Gareen jila hooggantoota mootummaa olaanoo ministira geejjibaa Aljeeriyaa Yooseef Chaaroofiin durfamu Finfinnee dhufeera. Gareen jilaa kun buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee watita gahu daaroktoreet jeneraaliin dhimmoota Afriikaa ambaasaaddar Fissahaa Shaawul, hojii raawwachiisaan olaanaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo, Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Aljeeriyaa Mohaammad Laamnee Laabaas dabalatee hooggantoonni mootummaa biroon simataniiru. Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1985 waliigaltee tajaajila daandii qilleensaa walii mallatteessanis waggoota dheeraaf hojiirra hin’oolle. Haala Kanaan daandiin qilleensaa kallattii akka jiraatu waliigalteewwan Kanaan dura mallatteeffaman haala yeroo xiyyeeffannaa keessa galchuun haaromfamee hojii akka jalqabu hojjetamaa tureera. Walitti hidhamiinsa geejjibaa fi Aviyeeshinii Itiyoophiyaa fi Aljeers jidduutti cimsuuf dhihoo kana biyyoota lamaan jidduutti waliigalamuun niyaadatama. Daandiin qilleensaa har’a jalqabame waliigaltichi hojiirra ooluusaa agarsiisa jedhameera. Hariiroon Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaa kan hundeeffame akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1960 keessa yemmuu ta’u, Aljeeriyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1976 ture Finfinneetti embaasii kan banatte.
Biiroon dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa meeshaalee barnootaa tola ooltota addaddaarraa walitti qabe ijoollee maatiinsaanii dadhabaa ta’aniif qoodaa akka jiru ibse
Sep 22, 2023 25
  Fulbaana 11/2016(TOI) Biiroon dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa meeshaalee barnootaa tola ooltota addaddaarraa walitti qabe ijoollee maatiinsaanii dadhabaa ta’aniif qoodaa akka jiru ibse. Itti aantuu ittigaafatamtuun biiroo dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa adde Samiiraa Faariis TOI’f akka ibsanitti, naannichatti daa’imman umuriinsaanii barumsaaf qaqqabee fi barattoonni barachaa jiran hanqina meeshaa barnootaan barumsa akka addaan hinkunne hojjetamaa tureera. Mata duree “dabtara darzana tokko barataa tokkoof” jedhuun baatii gannaa waajjiraalee dameerraa naannichaarraa kaasee amma aanaa, magaalaalee fi godinaaleetti sosochii taasisuun hojjetamuusaa dubbataniiru. Caayaa dargaggootaa fi dubartootaa naannichaa, dureeyyii fi jiraataa naannichaa qindeessuun dabtara, qalamaa fi boorsaa, uffannaa fi kophee sassaabuusaa kaasaniiru. Meeshaaleen barnootaa qaamolee addaddaarraa sassaabamee qoodamaa jiru birrii biiliyoona 1 tuqaa 9 olitti tilmaamama jedhaniiru. Meeshaan barnootaa kun barattoota maatiinsaanii dadhabaa ta’an miiliyoon 2 oliif qoodamaa akka jiru ibsaniiru. Daa’imman hanqina nyaataan barumsarraa akka hinhafne sagantaa nyaataa baranaa milkeessuuf biiroon kun qooda fudhattoota biroo waliin qindeessaaa akka jiru eeraniiru. Dursaan mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Gadaa Roobalee magaalaa Adaamaa obbo Mindaa Raggaasaa gamasaaniin, barattoota maatiinsaanii harka qalleeyyii mana barumsichaa barataniif deeggarsi meeshaalee Barnootaa taasifameeraaf jedhan. Daa’imman umuriinsaanii barumsaaf gahee fi ijoolleen barataa jiran dabtara, borsaa fi qalama dabalatee deeggarsa meeshaalee barnootaa addaddaa argachuusaanii ibsaniiru. Barattoota mana barumsichaa duraanii fi dargaggoota tola ooltotarraa deeggarsi meeshaa barnootaa addaddaa taasifamuusaa dubbataniiru.
Kan mul'ate

Kooleejjoonni naannoo Oromiyaatti argama leenjii yeroo dheeraa caalaa leenjii ogummaafi daldalaa gaggabaaboo akka kennaniif deeggarsi taasifamaafi jira.
Sep 22, 2023 16
Fulbaana 11/2016(TOI):- Kooleejjoonni naannoo Oromiyaatti argama leenjii yeroo dheeraa caalaa leenjii ogummaafi daldalaa gaggabaaboo akka kennaniif deeggarsi taasifamaafi jiraachuu Biiroon Carraa Hojii uumuufi ogummaa naannichaa beeksise. Biirichi hojiiwwaan kalaqaafi ogummaa kolleejjetootatti hojjetamaa jiran bu'uura godhachuun leenjiftoota Interpirenershiippii 6800 gahoomsuu beeksiseera. Hoggantoonni biirichaa leenjiftoota Interpinaarishiippii fi ogeeyyii damee kanaa biroo waliin ta'uun koolleejjii Politekinikaa Bishooftuutti hojii oomishaa gootaafi bu'aalee goga akkasumas hucuu daawwataniiru. Itti aanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Habtaamuu Kaasaa akka ibsanitti, bara kana dargaggoota fi shamarran miiliyoona 1.6 ol ta'aniif leenjii Interpineerummaa kennameefiin qabatamaan gara hojiitti galanii jiru. Akkasumas biirichi biiroo qonna, daldalaa fi misooma gabaa, kolleejjiiwwaniifi qooda fudhattoota biroo waliin ta'uun filannoowwaan carraa hojii jiraniifi humna dandeetti naannichaarratti qorannoo geggeessera jedhaniiru. Carraan hojiifi filannoowwan bal’aan jiraatanis aadaan hojii dargaggootaafi hawaasaa jijjiiramuu akka qabu qorannoon taasifame mirkaneessuu eeraniiru. Haaluma kanaan rakkoolee jiran kana furuuf Kooleejjoonni naannoo Oromiyaatti argama leenjii yeroo dheeraa caalaa leenjii ogummaafi daldalaa gaggabaaboo akka kennaniif deeggarsi taasifamaafii jiraachuu himaniiru.
Beeksisa
ENA
Feb 7, 2023 2308
ENA
Siyaasa
Itiyoophiyaan sirna tumsa biyyoota hedduu keessatti biyya qooda murteessaa qabdudha- Antooniyoo Gutereez
Sep 22, 2023 75
Fulbaana 11/2016 (TOI)- Itiyoophiyaan sirna tumsa biyyoota hedduu keessatti biyya qooda murteessaa baatu ta’uushee barreessaan olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutereez ibsan. Yaa’iin waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaan mataduree “nageenya, badhaadhina, jijjiiramaa fi egeree” jedhuun Niw Yoorkitti Itti fufeera. Barreessaan olaanaa Dh M G Antooniyoo Gutareez yaa’ichaan cinaatti itti aanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin waajjirasaaniitti simatanii haasofsiisaniiru. Barreessaan olaanaa kun bara aangoo komishinii godaantotaa Dh M G tti ummata Itiyoophiyaa waliin miira tumsaa gadifageenyaa akka qaban yaadataniiru. Itiyoophiyaan qormaata hawaas dinagdee qabdu furuuf yaaliin taasisaa jirtu akka milkaa’u hawwaniiru. Gutareez bara aangoosaaniitti Dh M G hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabu akka cimu kutannoon akka hojjetan ibsaniiru. Itiyoophiyaan sirna tumsa biyyoota hedduu keessatti biyya qooda murteessaa qabdudha jedhan barreessaan olaanaa kun. Dhaabbanno mootummoota gamtoomanii fi barreessaan olaanaa kun yaalii dhuunfaasaaniitiin yeroo rakkinaatti deeggarsa Itiyoophiyaaf taasisan obbo Dammaqaan dinqisiifataniiru. Hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa ilaalchisuun obbo Dammaqaan Antooniyoo Gutareeziif ibsa taasisaniiru. Dh M G yaaliiwwan deebisanii ijaaruu fi deebisanii dhaabuu akkasumas deeggarsa namootaa kanneen biroo akka taasisu waamicha taasisuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.
Yuunaayitid Kiingiden tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu gara tumsa tarsiimawaatti guddisuu akka barbaaddu ibsite
Sep 21, 2023 292
Fulbaana 10/2016(TOI)- Yuunaayitid Kiingiden hariiroo dippilomaasii Itiyoophiyaa waliin qabdu gara tumsa tarsiimawaatti guddisuu akka barbaaddu ministirri misoomaa fi Afriikaa Yuunaayitid kiingidem Andriiw Miicheel ibsan. Yaa’iin waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaan mata duree “nageenya, badhaadhina, jijjiiramaa fi egeree” jedhuun Neyoorkitti taa’amaa jira. Iti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin yaa’icha cinaatti ministira misoomaa fi Afriikaa Yuunaayitid Kiingdem AndriiwuMiicheel waliin mari’ataniiru. Biyyisaanii walitti hidhamiinsa Itiyoophiyaa walii qabdu gara sadarkaa tumsa tarsiimawaatti guddisuu akka barbaaddu Andriiw Miicheel dubbataniiru. Tarkaanfiin kun tums agama daldalaa, Invastimantii, nageenyaa, godaantotaa fi dameelee addaddaan biyyoonni lamaan qaban caalaatti cimsuuf akka gargaaru himaniiru. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti baatii Eblaa bara 2024 yaa’ii invastimantii Afriikaa Yuunaayitid Kiingidamitti taa’amurratti akka hirmaattu afeeramuushee ministirichi eeraniiru. Itiyoophiyaan iddoo teessuma lafaa ijoo kan qabduu fiAfriikaatti biyya qooda olaanaa baatu akka taate kaasaniiru. Itiyoophiyaan gaaffii yaa’ii Invastimantii Afriikaarratti akka hirmaattu dhihaateef akka fudhattuu fi fedhii tumsa tarsiimawaaItiyoophiyaan ija gaariin akka ilaaltu obbo Dammaqaan dubbataniiru. Kana malees dhimmoota biyyaalessaa fi zoonichaarratti Andiriiw Michaaliif ibsa kennuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera. Akkasumas itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin yaa’icha cinaatti ministira dhimma alaa Ayerlaand Maayikil Maartiin waliin mari’ataniiru. Itiyoophiyaa fi Ayerlaand hariiroo biyyoota lamaanii yeroon deebisanii itti haaromsan amma jedhan obbo Dammaqaan. Boqonnaa kaleessaa cufuun fi tumsa Kanaan dura ture deebisuun tumsa biyyoonni lamaan damee addaddaan qaban deebisuun akka barbaachisu dubbataniiru. Waliigaltee nageenyaa ilaalchisuun ibsa kan taasisan obbo Dammaqaan waliigaltichi kallattii sirriirratti akka argamuu fi Ayerlaand hojii deebisanii ijaaruu fi dhaabuu akka deeggartu waamicha taasisaniiru. Ministirri dhimma alaa Ayerlaand Maayikil Maartiin Itiyoophiyaan tumsituu gaarii ta’uushee fi Ayerlaand fayyadamummaa ummattoota biyyoota lamaaniif akka hojjettu ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.
Itiyoophiyaan tumsa Kuubaa waliin qabdu bal’isuun hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf hoojechaa jirti- Ambaasaaddar Gannat Tashoomee
Sep 20, 2023 250
Fulbaana 09/2016 (TOI)- Itiyoophiyaan tumsa Kuubaa waliin qabdu bal’isuun hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf hoojechaa akka jirtu Kuubaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Gannat Tashoomee ibsan. Biyyoonni lamaanmichoomaa fi walta’iinsa bara dheeraa akka qaban ambaasaaddar Gannat ibsanii, Kuubaan keessumaa deeggarsa hedduu Itiyoophiyaaf taasisuushee eeraniiru. Birmadummaa fi tokkummaa bulchiinsa Itiyoophiyaaf loltoonni Kuubaa aarsaa kafaluusaanii kaasanii, Itiyoophiyaanonni oolmaa kana hinhirraanfan jedhaniiru. Kuubaan Itiyoophiyaanota kumaan lakkaa’amaniif carraa barnootaa kennuushee eeraniiru. Kana malees ogeeyyonni waldhaansaa Kuubaa ogeeyyota damee fayyaa Itiyoophiyaatti argamaniif deeggarsa barnootaa fi leenjii kennaa akka jiran dubbataniiru. Kuubaan muuxannoo gama qonnaa, misooma qabeenya bishaanii, jallisii, eegumsa naannoo fi dameewwan addaddaatiinqabdu Itiyoophiyaaf qooduuf akka barbaaddu ibsaniiru. Hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf Saayinsii fi Teeknooloojii dabalatee dameelee waldeeggarsaa birootiin tumsa bal’isuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Gareen jilaa Itiyoophiyaa itti aanaa ministira muummee fi ministira alaa Dammaqaa Mokonniniin durfamu yaa’ii garee 77 fi Chaayinaa dhiheenya Kuubaa magaalaa Havaanaatti taa’amerratti hirmaachuunsaa niyadatama. Obbo Dammaqaan yaa’ii Kana cinaatti pirezidaantii Kuubaa Miiguweel Beermuudeez Farnaandeez fi hooggantoota mootummaa biyyatti biroo waliin dhimmootawalta’iinsa biyyoota lamaanii cimsuuf dandeessisanirratti mari’ataniiru. Itiyoophiyaa fi Kuubaan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1975 ture hariiroo dippilomaasii kan jalqaban.

Hawaasummaa
Manneen barumsaa idileen duraa 46 baatii gannaa godina Baaleetti ijaaraman barsiisuu jalqabuuf qophii taasifaman
Sep 22, 2023 54
Fulbaana 11 /2016 (TOI) - Manneen barumsaa Bu’ura Boruu idileen duraa 46 baatii gannaa godina Baaleetti ijaaraman barsiisuu jalqabuuf qophii taasifamuusaanii waajjirri barnootaa godinichaa ibse. Itti aanaan ittigaafatamaa waajjira barnootaa godinichaa obbo Tsaggaa Alamaayyoo akka ibsanitti, waggaa darbee kaasee godinichatti sadarkaa manneen barumsaa fooyyessuu fi ijaarsi manneen barumsaa idileen duraa walcinaa hojjetamaa turaniiru. Godnincha naannawoota hundatti ganna dabalatee wagga darbe bajata mootummaa fi hirmaannaa ummataan manneen barumsaa idileen duraa Bu’ura Boruu 46 ijaaramaniiru. Manneen barumsaa kunneen bara barumsaa kana daa’imman simatanii barsiisuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru. Akkasumas hojii sadarkaa manneen barumsaa fooyyessuuf hojjetameen ijaarsii fi suphaan kutaaleen barnootaa haaraa 120 akkasumas manni jireenyaa barsiisotaa 97 ijaaramuu ibsaniiru. Dabalataanis teessoon barattootaa kuma 1 ta’anii fi kompiitaroonni 20 suphuun tajaajilaaf qophii taasifamuu dabalanii ibsaniiru. Kun raawwatamuusaatiin bara barumsaa kana daa’imman umuriinsaanii barumsaaf qaqqabe kuma 50 simachuuf nidanda’ama jedhameera. Galteewwan barnootaa guutuuf hirmaannaa ummataan hojiiwwan hedduun hojjetamuu eeraniiru. Tajaajila tola ooltummaa gannaatiin hojiiwwan barumsa ilaallatan hirmaannaa ummataa fi bajata mootummaa birrii miiliyoona 560tti tilaamamuun hojjetamuusaanii ibsaniiru. Jiraataa godinichaa aanaa Gobbaa keessaa obbo Hasan Abdallaa yaada kennaniin, manneen barumsaa idileen duraa naannawasaaniitti ijaaraman daa’imman qe’eesaaniirraa osoo hinfagaatiin akka baratan carraa uumeera. Miseensa Koree bu’uura misoomaa barnootaa hirmaannaa ummataan mijeessuuf hundeeffamee ta’uun hojjechaa akka turan eeranii, hawaasa hirmaachisuun kutaalee barnootaa miidhaman suphuusaanii kaasaniiru. Bara barumsaa 2016 godina Baaleetti amma ammaatti barattoonni kuma 290 fi 900 kan galmaa’an yemmuu ta’u, kana keessaa kuma 134 kan ta’an dubartoota ta’uusaanii odeeffannoon waajjira barnootaa godinicharraa argame nimul’isa.
Biiroon dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa meeshaalee barnootaa tola ooltota addaddaarraa walitti qabe ijoollee maatiinsaanii dadhabaa ta’aniif qoodaa akka jiru ibse
Sep 22, 2023 25
  Fulbaana 11/2016(TOI) Biiroon dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa meeshaalee barnootaa tola ooltota addaddaarraa walitti qabe ijoollee maatiinsaanii dadhabaa ta’aniif qoodaa akka jiru ibse. Itti aantuu ittigaafatamtuun biiroo dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa adde Samiiraa Faariis TOI’f akka ibsanitti, naannichatti daa’imman umuriinsaanii barumsaaf qaqqabee fi barattoonni barachaa jiran hanqina meeshaa barnootaan barumsa akka addaan hinkunne hojjetamaa tureera. Mata duree “dabtara darzana tokko barataa tokkoof” jedhuun baatii gannaa waajjiraalee dameerraa naannichaarraa kaasee amma aanaa, magaalaalee fi godinaaleetti sosochii taasisuun hojjetamuusaa dubbataniiru. Caayaa dargaggootaa fi dubartootaa naannichaa, dureeyyii fi jiraataa naannichaa qindeessuun dabtara, qalamaa fi boorsaa, uffannaa fi kophee sassaabuusaa kaasaniiru. Meeshaaleen barnootaa qaamolee addaddaarraa sassaabamee qoodamaa jiru birrii biiliyoona 1 tuqaa 9 olitti tilmaamama jedhaniiru. Meeshaan barnootaa kun barattoota maatiinsaanii dadhabaa ta’an miiliyoon 2 oliif qoodamaa akka jiru ibsaniiru. Daa’imman hanqina nyaataan barumsarraa akka hinhafne sagantaa nyaataa baranaa milkeessuuf biiroon kun qooda fudhattoota biroo waliin qindeessaaa akka jiru eeraniiru. Dursaan mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Gadaa Roobalee magaalaa Adaamaa obbo Mindaa Raggaasaa gamasaaniin, barattoota maatiinsaanii harka qalleeyyii mana barumsichaa barataniif deeggarsi meeshaalee Barnootaa taasifameeraaf jedhan. Daa’imman umuriinsaanii barumsaaf gahee fi ijoolleen barataa jiran dabtara, borsaa fi qalama dabalatee deeggarsa meeshaalee barnootaa addaddaa argachuusaanii ibsaniiru. Barattoota mana barumsichaa duraanii fi dargaggoota tola ooltotarraa deeggarsi meeshaa barnootaa addaddaa taasifamuusaa dubbataniiru.
Hambaaleen addaddaa Maqdalaarraa saamamanii fudhataman embaasii Itiyoophiyaa Landanitti argamuuf deebifaman
Sep 22, 2023 48
Fulbaana 11/2016 (TOI)- Bara 1868 jabana mootii Tewoodiroos Hambaaleen addaddaa Maqdalaarraa saamamanii fudhataman embaasii Itiyoophiyaa Landanitti argamuuf deebifamaniiru. Hambaalee deebifaman keessaa Taabota Madaanalam, rifeensaa lu’ul Aalamaayyoo, waancaawwan meetii fi naasarraa cuuphaman sadii akkasumas gaachana waraanaa bara sana waraanaaf oole keessatti argamu. Biriitaaniyaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Tafarii Mallasee, gareen jila bataskaana Ortodoksii Itiyoophiyaa, bakka bu’aan koree biyyaalessaa hambaa deebisiisuu, miseensota paarlaamaa Biriitaaniyaa, hambaalee deebisuuf kan tumsanii fi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru. Hambaaleen deebifaman guddina amantaa, seenaa fi aadaa Itiyoophiyaaf faayidaa olaanaa qabu jedhan ambaasaaddar Tafariin. Hambaaleen Itiyoophiyaa sababa waraana Maqdalaan saamaman amma ammaatti deebi’uu dhabuun laphee fi sammuu ummata Itiyoophiyaa keessatti gaaffii ta’ee turuusaa yaadataniiru. Hambaaleen kunneen ibsituuwwan seenaa, aadaa fi eenyummaa biyya durii tokkooti jedhan. Hambaaleen deebifaman bakka isaaniif malu akka kaa’aman gochuuf Itiyoophiyaatti akka ergaman mirkaneessaniiru. Miseensi koree biyyaalessaa hambaa deebisiisuu piroofeesar Aluulaa Paankirast gamasaaniin, haalli hambaaleen itti deebifaman caalaatti cimee itti fufuu qaba jedhan. Miseensi paarlaamaa Biriitaaniyaa Loord Pool Bootiing, hambaan ibsituu eenyummaa Itiyoophiyaa durii fi seenaqabeettii ta’an akka deebifaman yaaliin taasifamaa turuu kaasaniiru. Walharkaa fuudhuun har’aa kun sirrii ta’uu eeranii, fuuladura golahambaaleen Biriitaaniyaa hambaalee Itiyoophiyaarraa saamaman ummata Itiyoophiyaaf akka deebifaman waamicha taasisuusaanii odeeffannoon embaasichaa nimul’isa.
Diinagdee
Daandiin qilleensaa Aljeeriyaa Yeroo jalqabaaf Kallattiin Aljeers irraa Finfinneetti balal’ie
Sep 22, 2023 12
Fulbaana 11/2016(TOI)- Daandiin qilleensaa Aljeeriyaa Yeroo jalqabaaf Kallattiin Aljeers irraa Finfinneetti balal’ieera.. Gareen jila hooggantoota mootummaa olaanoo ministira geejjibaa Aljeeriyaa Yooseef Chaaroofiin durfamu Finfinnee dhufeera. Gareen jilaa kun buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee watita gahu daaroktoreet jeneraaliin dhimmoota Afriikaa ambaasaaddar Fissahaa Shaawul, hojii raawwachiisaan olaanaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo, Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Aljeeriyaa Mohaammad Laamnee Laabaas dabalatee hooggantoonni mootummaa biroon simataniiru. Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1985 waliigaltee tajaajila daandii qilleensaa walii mallatteessanis waggoota dheeraaf hojiirra hin’oolle. Haala Kanaan daandiin qilleensaa kallattii akka jiraatu waliigalteewwan Kanaan dura mallatteeffaman haala yeroo xiyyeeffannaa keessa galchuun haaromfamee hojii akka jalqabu hojjetamaa tureera. Walitti hidhamiinsa geejjibaa fi Aviyeeshinii Itiyoophiyaa fi Aljeers jidduutti cimsuuf dhihoo kana biyyoota lamaan jidduutti waliigalamuun niyaadatama. Daandiin qilleensaa har’a jalqabame waliigaltichi hojiirra ooluusaa agarsiisa jedhameera. Hariiroon Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaa kan hundeeffame akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1960 keessa yemmuu ta’u, Aljeeriyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1976 ture Finfinneetti embaasii kan banatte.
Kooleejjoonni naannoo Oromiyaatti argama leenjii yeroo dheeraa caalaa leenjii ogummaafi daldalaa gaggabaaboo akka kennaniif deeggarsi taasifamaafi jira.
Sep 22, 2023 16
Fulbaana 11/2016(TOI):- Kooleejjoonni naannoo Oromiyaatti argama leenjii yeroo dheeraa caalaa leenjii ogummaafi daldalaa gaggabaaboo akka kennaniif deeggarsi taasifamaafi jiraachuu Biiroon Carraa Hojii uumuufi ogummaa naannichaa beeksise. Biirichi hojiiwwaan kalaqaafi ogummaa kolleejjetootatti hojjetamaa jiran bu'uura godhachuun leenjiftoota Interpirenershiippii 6800 gahoomsuu beeksiseera. Hoggantoonni biirichaa leenjiftoota Interpinaarishiippii fi ogeeyyii damee kanaa biroo waliin ta'uun koolleejjii Politekinikaa Bishooftuutti hojii oomishaa gootaafi bu'aalee goga akkasumas hucuu daawwataniiru. Itti aanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Habtaamuu Kaasaa akka ibsanitti, bara kana dargaggoota fi shamarran miiliyoona 1.6 ol ta'aniif leenjii Interpineerummaa kennameefiin qabatamaan gara hojiitti galanii jiru. Akkasumas biirichi biiroo qonna, daldalaa fi misooma gabaa, kolleejjiiwwaniifi qooda fudhattoota biroo waliin ta'uun filannoowwaan carraa hojii jiraniifi humna dandeetti naannichaarratti qorannoo geggeessera jedhaniiru. Carraan hojiifi filannoowwan bal’aan jiraatanis aadaan hojii dargaggootaafi hawaasaa jijjiiramuu akka qabu qorannoon taasifame mirkaneessuu eeraniiru. Haaluma kanaan rakkoolee jiran kana furuuf Kooleejjoonni naannoo Oromiyaatti argama leenjii yeroo dheeraa caalaa leenjii ogummaafi daldalaa gaggabaaboo akka kennaniif deeggarsi taasifamaafii jiraachuu himaniiru.
Nezerlaandis tumsa misoomaa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee akka itti fuftu ibsite
Sep 22, 2023 35
Fulbaana 11/2016(TOI)- Nezerlaandis hojiiwwan misoomaa Itiyoophiyaan hojjettuuf deeggarsa taasiftu cimsitee akka itti fuftu ministirri dhimma alaa biyyattii Haank Bruuwiinsi ibsan. Yaa’iin waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaa Niw Yoorkitti taa’amaa jira. Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin yaa’ii Kanaan cinaatti aanga’oota olaanoo biyyoota addaddaa akkasumas dhaabbilee idil addunyaa fi hooggantoota qaamolee deeggarsaa waliin dhimmoota tumsa biyyota lamaa, zoonii fi biyyoota hedduu irratti marii taasisuurratti argamu. Haala Kanaan obbo Dammaqaan ministira dhima alaa Nezerlaandis Haank Bruuwiinsi waliin mari’ataniiru. Haank Bruuwiinsi deeggarsa yaalii misoomaa Itiyoophiyaan taasiftu deeggaruu akka itti fuftuu fi mootummaan biyyasaaniis tumsa dinagdee Itiyoophiyaa waliin qabu caalaatti gabbisuuf kutannoo akka qabu ibsaniiru. Dhimmoota daldalaa fi nageenyaarratti Itiyoophiyaan zoonichatti qooda murteessaa qabdi jedhaniiru. Mootummaan Nezerlaandis hirmaannaa damee dhuunfaa dabalatee deeggarsa gama hundaa Itiyoophiyaaf taasisaa jirtu obbo Dammaqaan dinqisiifataniiru. Adeemsi nageenyaa akka itti fufu mootummaan yaaliiwwan gama hundaa taasisaa akka jiruu fi mariin biyyaalessaas qooda fudhattoonni hundi akka hirmaatan hojjechaa akka jiruministira dhimma alaa Nezerlaandiif ibsaniiru. Akkasumas obbo Dammaqaan yaa’ii waliigalaa Dh M G cinaatti yaa’ii "Summit of the future" jedhamuun moggaafame irratti hirmaataniiru. Haasawa yaa’icharratti taasisaniin sirna tumsaa biyyoota hedduu bakka bu’ummaa walqixxee biyyootaa mirkaneessuu akka qabu ibsuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera. Obbo Dammaqaan marii taasisaniin alatti waltajjiiwwan maree hooggantoonni biyyoota addaddaa fi dhaabbileen idil addunyaa qopheessanirratti fedhii fi ejjennoo Itiyoophiyaa hubachiisuunsaanii ibsameera.
Fooramiin Biizinasii fi Invastimantii Itiyoo-Kaanaadaa Kaanaadaatti taa’ame
Sep 22, 2023 26
Fulbaana 11/2016(TOI)- Fooramiin Biizinasii fi Invastimantii Itiyoo-Kaanaadaa Kaanaad Tooroontootti taa’ameera. Dureeyyonni biyyoota lamaanii foormii kanarratti kan hirmaatan yemmuu ta’u haala waliin hojjechuun danda’amurratti mari’achuusaanii odeeffannoon TOI’n embaasii Itiyoophiyaa Kaanaadaarraa argate nimul’isa. Tumsa biyyoota lamaanii fi muuxannoo waliiqooduuf gumaacha akka qabu ibsameera. Dureeyyonni Itiyoophiyaa gabaa daldalaa Kaanaadaatti carraa fi walta’iinsa akka argatan ulaa kan banudha jedhameera. Dureeyyonni Kaanaadaa damee qonnaa, maanuufaakchariingii fi albuudaa Itiyoopiyaatti invast akka godhan fooramichi carraa akka uuma jedhe embaasichi odeeffannoo baaseen. Hooggantoota dhaabbilee daldalaa biyyoota lamaanii foramicharratti argaman keessaa kan murtaa’an fuula dura haalli caalaatti itti beeksifaman marii walitti fufaa fi waljijjiirraa odeeffannoo gochuuf waliigaluunsaanii eerameera. Fooramichi milkaa’inaan xumuramnuusaa kan hime embaasichi qaamota taateen kun akka milkaa’u taasisan galateeffateera. Waljijjiirraan daldalaa Itiyoophiyaa fi Kaanaadaa akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2021እ.አ.አ በ2021 doolaara miiliyoona 164 akka ture eerameera. Kana keessaa doolaarri miiliyoona 112 oomishoota Kaanaadaan Itiyoophiyaatti ergiterraa kan argatte yemmuu ta’u doolaarri muuliyoona 52 ammoo oomishoota Itiyoophiyaan Kaanaadaatti ergiterraa galii argame ta’uun ibsameera. Hariiroon dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Kaanaadaa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1965 akka jalqabame odeeffannoowwan nimul’isu.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii hooggantoota kaampaanii Maayikiroosooftii waliin mari’atan
Sep 21, 2023 35
Fulbaana 10/2016 (TOI) - Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa yaa’ii waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaa Niyoorkitti taa’amaa jiru cinaatti hooggantoota kaampaanii Maayikiroosooftii waliin mari’ataniiru. Mariin kun haala maayikiroosooftii fi Itiyoophiyaan waliin hojjchuu danda’anirratti kan xiyyeeffatedha. Ministirichi yaalii babal’ina teeknooloojii, tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa akkasumas dargaggoota beekumsa dijitaalaan cimsuuf Itiyoophiyaatti taasifamaa jiru hooggantootaaf ibsaniiru. Itiyoophiyaan hubannoowwan namtolchee guddisuuf hojii hojjechaa jirtu kan ibsan yemmuu ta’u, kun ammoo hojii kaampaanicha waliin tumsaan hojjetamu keessaa damee tokko akka ta’u dubbataniiru. Itiyoophiyaan bu’ura misoomaa dijitaalaa babal’isuuf keessumaa tajaajila kilaawudii, jiddugaleessa deetaa fi bu’aalee teeknooloojii dijitaalaa biroo maayikiroosooftii waliin hojjechuu akka barbaaddu ibsaniiru. Kaampaanichi alaqa hojii teeknooloojiirratti jalqabdoota jajjabeessuuf maallaqqan, leenjii fi galteewwan barbaachisan dhiheessuun haala Itiyoophiyaa itti gargaaruu danda’urratti ibsa kennaniiru. Hooggantoonni kaampaanii Maayikiroosooftii gamasaaniin, tajaajila teeknooloojiin dijitaalaa fayyaa, qonnaa fi akkasumas dameelee biroof kennu ammayyeessuuf yaalii taasifamu deeggaruuf fedhii akka qabu ibsaniiru. Kana malees sagantaa teeknooloojii dijitaalaa Afriikaatti babal’isuuf Itiyoophiyaa akka filmaataatti fayyadamuuf fedhii akka qabu hooggantoonni kunneen ibsaniiru.
Itoophiyaa waggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii taasisuuf hojjetamaa jira.
Sep 7, 2023 423
Qaammee 2/2015 (TOI) - Itoophiyaa waggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii taasisuuf hojjetamaa jiraachuu deetaan Ministira Geejibaafi Loojistikii obbo Dhengee Boruu beeksisan. Itoophiyaatti Agarsiifni jalqabaa Innooveeshinii Aviyeeshinii baatii Onkoloolessa dhufu gaafa guyyaa 13 -17/2016tti Finfinnee golambaa Saayinsiitti ni taasifama. Ministeerri Geejibaafi Lojiistikiifi Abbaan Taayitaa Sivilaaveeshinii Aveeshinii Itoophiyaa agarsiisa kana ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru. Agarsiifni kun ''Innoveeshinii Aviiyeshinii dorgomaa ta'e'' jedhuun kan geggeeffamu ta'uu ibsameera. Deetaan Ministira Geejibaafi Lojiistikii obbo Dhengee Boruu wayita ibsa kenneen akka himanitti Itoophiyaan damee Aviyeeshiniin milkaa'ina guddaa gonfachaa jirti. Mikaa'ina kana caalaatti guddisuun gara fooyya'insa olaanaatti ceesisuuf hojiin adda addaa hojjetamaa jiraachuus himaniiru. Haaluma kanaan Itoophiyaa waaggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii Afrikaa taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Daarekatarri olaanaa Aviyeeshinii Itoophiyaa obbo Geetaachoo Mangistuu gama isaaniin kaayyoon agarsiisa qophaa'uuf jiru ogeeyyii hojii kalaqaa Aviyeeshinii irratti bobba'aniifi qaamolee adda addaaf beekamtii kennuu, deeggaruufi jajjabeessuu tekinolojiin Aviyeeshiniifi Innoveeshinii akka babbal'atu taasisuudha jedhaniiru. Dameen Aviyeeshinii bala'aafi baay'ee ta'uu himanii, Itoophiyaan geejiba qilleensarraan milkaa'ina qabdu damee biroo irratti babal'isuufi sadarkaa idil addunyaatti dargamtuu akka taatu hojjetamaa jira jedhaniiru. Agarsiisa kanarratti Daandii Qileensaarraa, Oomishistoota Xiyyaaraafi tekinolojii Aviyeeshinii biroo, Dhaabbtilee tajaajila Aviyeeshiniirratti hirmaatan kan biyya keessaafi alaa, dhaabbilee mootummaafi motummaa qamni ilaallatu akka irratti hirmaatan himaniiru. Kanneen hojii kalaqaa adda addaa of harkaa qaban ogeeyyiin hedduus agarsiisa kanarratti kan hirmaatan ta'uun himameera. Agarsiifini kun qindoomina abbaa taayitaa Aviyeeshii Itoophiyaa, Ministeera Geejibaafi Loojistikii, Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, Hunda qilleensaa Itoophiyaa, Bulchiinsa nageenya odeeffannoo biyyaaleessaa, Instiitituyuutii Intalajensii Artifashaalii Biyyaaleessaafi Instiitiyutii Ji'oo ispeeshaalii Saayinsii Hawaan kan qopha'uu ta'uu himaniiru.
Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen mootummaa hundi ittigaafatamasaanii bahuu qabu-Ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojii
Sep 2, 2023 295
Hagayya 27/2015 (ኢዜአ) ፡- Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen mootummaa hundi ittigaafatamasaanii bahuu akka qaban Ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojiiibse. Waltajjiin xumuraa mirkaneessa raawwi hojii yeroo walakkaa tarsiimoo Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 adeemsifameera. Waltajjii dhaabbileen mootummaa dhimmi ilaalu itti hirmaatanirratti hojiileen akka hojjetaman tarsiimoon kaa’aman eessa akka gahan odeeffannoo sassaabuu fi hojiin mirkaneessuu hojjetamuunsaa ibsameera. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fiteeknooloojii Huuriyaa Alii akka ibsanitti, Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen mootummaa hundi fi dameen dhuunfaa tumsaa fi qindoominaan hojjechuutu irraa eegama. Hojii hunda keessatti odeeffannoon hatattamaan akka darbuu fi walhubachuun jiraachuu qaba kan jedhan de’eetaan ministiraa kun fuuldura odeeffannoon cuunfamee fi mirkanaa’e ummataaf akka ifoomu dubbachuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’iusa. Qonni, Tuurizimiin, industiriiwwan oomishaa idil addunyaa keessa galan tajaajiloonni infoormeeshinii fi komunikeeshinii keessa galan tarsiimoo Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025’n dameelee dursi kennameef ta’uun himameera. Bu’ura misoomaa ijaaruun, haalota dandeessisan, appilikeeshinii dijitaalaa fi dirree dijitaalaa uumuun utubaa tarsiimoo kanaa yemmuu ta’an, dhaabbileen kanneen diriirsuuf qabeenyaa qusachuun fi waliiqooduun hojjechuu akka qaban eerameera.
Addunyaan Hojmaata Dijitaalaatti Gala Waan Jiruuf Hooggantoonni Dubartoonni Qophii Kana Xieeffannaa Keessa Galche Gochuu Qabu-Ministeera Inniveeshinii fi Teeknooloojii
Aug 30, 2023 327
Hagayya 24/2015 (TOI)- Addunyaan Hojmaata Dijitaalaatti Gala Waan Jiruuf Hooggantoonni Dubartoonni Kana Xieeffannaa Keessa Galchuun ofis ta’e biyyasaanii fayyaduuf hojjechuu qabu jedhan De’eetaan Ministiraa Inniveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii. Mata duree “Itiyoophiyaa dijitaalaa fi qooda dubartootaa” jedhuun waltajjiin hooggantoota dubartootaa naannawa Itiyoophiyaa hindaarraa walitti babahan irratti hirmaatan magaalaa Bishooftuutti adeemsifamaa jira. Waltajjichi imala dijitaalaa Itiyoophiyaa fi qooda dubartootaa, addunyaa dijitaalaa keessatti fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuu, qoodama dijitaalaa (digital divide) saayibarii rakkisuu fi abbaa irrummaa (cyberbullying) ittisuu jedhanirratti kan xiyyeeffatedha. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Huuriyaa Alii waltajjicharratti akka jedhanitti addunyaan hojmaata dijitaalaatti gala waan jiruuf hooggantoonni dubartoonni qophii kanarratti xiyyeeffate gochuun ofis biyyasaaniis fayyadamaa taasisuuf hojjechuu qabu jedhan. Qoodmaa dijitaalaa dhiiraa fi dubartii jidduu jiru dhiphisuuf dubartoonni hooggantoonni qooda olaanaa akka qaban de’eetaan ministiraa kun dubbataniiru. Qoodmaan dijitaalaa saalaan, Umuriin, naannawaa fi meeshaalee itti fayyadamaniin akka mul’atu ibsanii, qoodmaa dijitaalaa dhiiraa fi dubartii jidduu jiru dhiphisuuf dubartoonni hooggantoonni qooda olaanaa qabu jedhaniiru. Itiyoophiyaan dinagdee dijitaalaa ijaaruuf hojjechaa kan jirtu yemmuu ta’u, qoodmaa dijitaalaa bifa addaddaan mul’atu dhiphisuun fayyadama walqixaa mirkaneessuuf hojjetamaa akka jiru himameera.
Ispoortii
Itiyoophiyaan injifannoo dinqisiisaa dorgommii fiigichaan qabdu dameelee atileetiksii birootiin dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba-ministira Aadaa fi Ispoortii Qajeelaa Mardaasaa
Sep 4, 2023 441
Hagayya 29/2015 (TOI)- Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa Itiyoophiyaan injifannoo dinqisiisaa dorgommii fiigichaan qabdu dameelee atileetiksii birootiin dabaluuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu ministirri Aadaa fi Ispoortii Qajeelaa Mardaasaa ibsan. Atileetota Itiyoophiyaa shampiyoonaa Atileetiksii addunyaa 19ffaa Haangaarii Buudapeestitti adeemsifamerratti hirmaataniif kaleessa sagantaa beekamtii fi badhaasaa taasifameera. Ministirri aadaa fi ispoortii obbo Qajeelaas Mardaasaa waltajjicharratti haasawa taasisaniin, namoota hojii irratti ramadamanirratti bu’aa buusan badhaasuu fi beekamtii kennuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru. Kaayyoon badhaasa atileetota shaampiyoonaa atileetiksiitiin Itiyoophiyaa waamsisaniif kenname fuuldura qabxii fooyya’aa akka fidanii fi dhalootaaf fakkeenya akka ta’anidha jedhaniiru. Qabxiin Buudapeestitti argame hojiin garee dorgommicharratti ture gumaacha olaanaa bahuusaa ibsanii fuuldura hanqinoota jiran sirreessuun qabxii fgooyya’aaf hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Itiyoophiyaan damee atileetiksiin injifannoo bara dheeraa akka qabdu ibsanii, dorgommiiwwan biroonis kana dabaluun akka barbaachisu kaasaniiru. Kanaafis federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa fuuldura dorgommii fiigichaan alatti dorgommiiwwan atileetiksii biroorratti xiyyeeffattee hojjechuu akka qabdu himaniiru. Pirezidaantiin federeeshinii atileetiksdii Itiyoophiyaa gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluu gamasheetiin, haala qilleensaa rakkisaa keessatti qabxiin Buudapeestitti argame amma eegame ta’uu baatus qabxii guddaadha jette. Qaama dadhaboo dorgommicharratti argfame sirreessuun taphoota Olompiikii fuuldura Paarisitti adeemsifamurratti qabxii fooyyee fiduuf akka hojjetamu mirkaneessiteetti.
Naannoo Oromiyaatti Industirii Ispoortii Caalaatti Ammayyeessuun Faayidaa Argamu Guddisuuf Hojjetamaa akka jiru ibsame
Sep 2, 2023 312
Hagayya 27/2015(TOI)- Naannoo Oromiyaatti bu'uuraalee ispoortii babal'isuu fi industirii ispoortii ammayyeessuun faayidaa hawaas-dinagdee damicha irraa argamu guddisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa akka jiru biiroon Daragggoofi Ispoortii Oromiyaa beeksise. Pirojektiin Inistiitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu Birrii Biliyoona 1 oliin Shaggar Kutaa Magaalaa Sulultaatti hojjetamaa ture bara haaraa kana irraa eegalee gosoota ispoortii garaagaraatiin leenjitoota 280 simachuun hojii jalqabuuf qophii xumuruu isaa biirichatti itti aanaa hoogganaa fi ittigaafatamaa Damee Ispoortii Obbo Dassaalenyi Xilaahun ibsaniiru. Ispoortii gara induustiriittti ceesisuun fayyaa hawaasaa eeguuf, madda galii ta'uun dinagdee biyyaa akka utubu gochuuf Akkaadaamiiwwanii fi giddugala leenjii babal'isuun hirmaannaa fi fayyadamummaa dargaggootaa guddisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiru jedhaniiru. Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu waggoota sadeen dhufanitti gosoota Ispoortii 17n leenjii kennuuf kan karoorfate yoo ta’u, bara haaraa kanatti gosoota Ispoortii shan (Atileetiksii, Kubbaa Miilaa, Kubbaa Saaphanaa, Kubbaa Kaachoo fi World Tekaandoon) hojii eegala jedhameera. Inistiitiyuutiin kun woorkishooppii fi kutaalee tajaajiloota adda addaaf oolan kan guutameef yoo ta’u, sadrkaa biyyaa fi Afrikaa bahaatti isa hangafaa fi guddaa ta’uun eerameera. Inistiitiyuutchi iddoo qorannoo fi qo’annoo industirii Ispoortii akkasumas Akkaadaamota naannoo fi biyya keenyaafis deeggarsa adda addaa kennuun alatti, ispoorteessitoota dorgomaa ta’uun naannoo fi biyya bakka bu’an qopheessuuf kan hojjetudha jedhameera. Dhaabbanni kun meeshaalee tajaajila adda addaatiif oolan dabalatee baasiin birrii biiliyoona 1 tuqaa 5 baasii taasifameeraaf.Biiroo komunikeeshinii Oromiyaarraa odeeffanne.  
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa har’a jalqabameera
Sep 4, 2023 263
Hagayya 29/2015 (tOI) - Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa har’a Naayiroobii magaalaa Keeniyaatti jalqabameera. Yaa’iin kun mata duree “guddina magariisaan durfamuu fi furmaata faayinaansii haala qilleemsaa Afriikaa fi Addunyaaf” jedhuun adeemsifamaa jira. Yaa’iin qopheessummaa mootummaa Keeniyaatiin adeemsifamaa jiru kun jijjiiramni haala qilleensaa fi miidhaaleen jijjiirama kana waliin dhufan Addunyaarratti keessumaa dhiibbaan Afriikaarratti geessisaa jiruuf furmaata hatattamaa barbaaduun jaala danda’amurratti akka mari’atu odeeffannoon TOI’n gamtaa Afriikaarraa argate nimul’isa. Yaa’iin ku filmaatota jijjiirama haala qilleensaa biyyoota Afriikaa ittisuu dandeessisan dhiheessuun karoorri kan itti qophaa’u, haala Kanaan “tumaa Naayiroobii” wixineessuuf haala mijeessuu akka dandeessisu ibseera. Yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa idil addunyaa 28ffaa (COP28) Sadaasa 20 amma Mudde 2/2016tti emereetota Araba gamtoomaniitti adeemsifamuun dura haala Afriikaan yaa’ii kanarratti sagaleeshee dhageessisuu dandeessurratti akka mari’atu ni’eegama. Galmoota yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa 21ffaa (COP21) akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2016 Paarisitti adeemsifamerratti kaa’aman gama milkeessuutiin sadarkaan irra jiru akka qoratamu beekameera. Yar’aa kaasee Yaa’ii Kanaan cinaatti guyyoota walitti aanan shaniin mata duree “Torbee jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa” jedhuun sagantaaleen addaddaa akka raawwataman Gamtichi ibseera.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 2635
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015