Kantiibaa Adaanech Abeebee fi miseensonni mana maree magaalaa Finfinnee ashaaraa magariisaa kaa’an - ENA Afaan Oromoo
Kantiibaa Adaanech Abeebee fi miseensonni mana maree magaalaa Finfinnee ashaaraa magariisaa kaa’an

Adoolessa 05/2017(TOI)- Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnnee Adaanech Abeebee fi miseensonni mana maree magaalaa Finfinnee gaara Inxooxxoorra ashaaraa magariisaa kaa’aniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimab sagantaa ashaaraa magariisaa mata duree “Dhaabuun Bayyanachuu” jedhuun Waxabajjii 20/2017 ifatti jalqabsiisuunsaanii nyaadatama.
Barana sadarkaa biyyaalessaatti biqiltuu biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfamee bakka hundatti sagantaan biqiltuu dhaabuu gaggeeffamaa jira.