Godinichatti lafti heektaara kuma 800 caalu qonna gannaatiin misoomaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti lafti heektaara kuma 800 caalu qonna gannaatiin misoomaa jira

Adoolessa 05/2017(TOI)- Godina Shawaa Lixaatti lafti heektaara kuma 800 caalu qonna gannaatiin misoomaa akka jiru waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksise.
Sagantaan jalqabsiisa sanyii garbuu kilaastaraan misoomu qonna ganna misoomu godinicha aanaa Walmaraatti gaggeeffameera.
Hoogganaan waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa Tarrafaa Araarsaaakka ibsanitti, qonna gannaatiin lafti heektaara kuma 889 sanyiin facaafamaa jira.
Kanaanis Boqqooloon, Garbuun, Misingaa fi Qamadiin Kilaastaraan kan misoomu yoo ta’u kana keessaa lafti heektaara kuma 60 fi 425 ta’u garbuub akka facaafamu dubbataniiru.
Amma ammaattis lafa qotame keessaa heektaarri harki 50 facaafamuu ibsaniiru.
Itti aanaan bulchaa fi hoogganaann waajjira qonnaa fi bulchiinsa lafaa aanaa Walmaraa Dassaaleny Tashoomaa, qonnaan bultoonni aanichaa mala qonnaa kilaastaraatti madaqaa akka jiran ibsaniiru.
Qonna gannaatiin aanichatti lafa heektaara kuma 32 fi 760 midhaan garagaraa facaasuun kuntaala miiliyoona 2 fi tuqaa 7 galchuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kana keessaa gandoota afuritti lafa heektaara kuma 5 fi 700 kilaastaraan garbuu biiraa facaasuun eegalameera jedhaniiru.
Qonnaan bultoonni kuma 9 kilaastaraan gurmaa’anii lafa asiidiin miidhame nooraan waldhaanuun misooma qonnaa bu’a qabeessa gochuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni aanichaa gamasaaniin, kilaastaraan misoomsuun ammanatti akka hin baramne ta’uu ibsanii, deeggarsa waajjira qonnaan barana taasifameefiin garbuu kilaastaraan misoomsuun oomishasaanii warshaaf dhiheessuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.
Qonnaan bulaan Asaffaa Angaasuu, lafasaanii asiidiin miidhame ogeessota qonnaa waliin ta’uun Nooraan waldhaanuun oomishtummaa guddisuuf hojjechaa jiru.
Qonnaan bulaan Hundee Tolaa, lafasaanii asiidiin miidhame Nooraan waldhaananii oomishtummaa guddisuu erga eegalanii waggaa sadii akka guute yaadataniiru.
Laftisaanii gara du turetti waan deebi’eef oomishni wagga waggaan argatan guddachaa dhufuusaa ibsaniiru.