Itiyoophiyaan teeknooloojiin adda duree gochuuf guddattoota beekumsa hubannoo namtolcheen qaroomsuu barbaachisa-Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa

Adoolessa 05/2017(TOI)- Itiyoophiyaan sadarkaa idil addunyaatti teeknooloojiin adda duree gochuuf guddattoota beekumsa hubannoo namtolcheen qaruunakka barbaachisudaarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam tolchee Itiyoophiyaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa ibsan.

Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa dameelee Saayinsii fi Teeknoloojii garagaraatiin leenjii guddattootaa 4ffaa golambaa saayinsiitti eegalchiiseera.

Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutichaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa guddattootaa fi dargaggoota ga’oomsuuf leenjii gannaa akkasumas dhaabbilee barnootaa waliin ta’uun beekumsaa fi ogummaa akka gabbifatan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hubannoon namtolchee yeroo dhihoo asitti meeshaa ijoo biyyoonni rakkoosaanii ittiin furatan ta’aa dhufuusaa kaasaniiru.

Itiyoophiyaattis hubannoo namtolcheetti gargaaramuun gama hundaan adda duree ta’uuf guddattootarratti hojjechuun nibarbaachisa jedhaniiru.

Damee Kanaan beekumsa bu’uraa horatanii addunyaarratti dorgomuu akka danda’an leenjiincimee akka ittifufu mirkaneessaniiru.

Hojiiwwan inistiitiyuutichi xiyyeeffannoo kennuuf keessaa damee Kanaan humna namaa cimsuu fi hubannoo uumuun isa tokko ta’uu ibsanii, leenjiin gannaa hubannoon namtolchee kennu waggaa 4ffaa qabate kan eeramu ta’uu kaasaniiru.

Waggaa sadii dura sagantaan leenjii kun barattoota  15niin akka jalqabame ibsanii, yeroo ammaa bu’aalee abdii namatti horan galmaa’aa akka jiran dubbataniiru.

Guddattoota marsaa 4ffaan leenjichaaf galmaa’an kuma 3 keessaa 300 ulaagaa guutanii leenjii galuusaanii ibsaniiru.

Leenjiin baatii lamaaf turu Kanaan guddattoonni bu’uraalee hubannoo namtolchee, Roobootiksii, Pirogiraamiingii fi barnoota biroo akka baratan dubbataniiru.

Leenjii teekniikaan alatti leenjii furtuu rakkinaa, hojii garee, kalaqaa fi komunikeeshinii fi ogummaawwan jireenyaa ogummaa gabbifachuu dandeessisan biroon akka kennamuuf eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015