Naannoo Harariitti tajaajilli tola ooltummaa gannaa nammoonni kuma 40 caalan itti hirmaatan niraawwatama-biiricha

Adoolessa  05/2017(TOI)- Naannoo Harariitti tajaajilli tola ooltummaa gannaa nammoonni kuma 40 caalan itti hirmaatan akka raawwatamu biiroon dhimma dubartootaa, daa’immanii fi dargaggoo beeksise.

Hojiin tola ooltummaa gannaa mata duree “tola ooltummaan guddummaa Itiyoophiyaaf” jedhuun sadarkaa naannootto gaggeeffamu  kana bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii har’a ifatti jalqabsiisaniiru.

Itti aantuu bulchaa naannichaa Roozaa Umar, hoogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa dabalatee hooggantoonni naannichaa biroon saganticharratti argamaniiru.

Hooggantuun biiroo dubartoota, daa’mmanii fi dargaggootaa naannichaa adde Ramziyaa Abdulwahiib wayita kana akka ibsanitti, hojii tola ooltummaa waggaa waggaa hojjetamurratti dargaggoonni hirmaatan dabalaa dhufeera.

Baatii gannaa eegalametti naannicha bakkeewwan garagaraatti hojii tola ooltummaa raawwachuuf karoorfamee hojiitti galamuu dubbataniiru.

Tola ooltonni kuma 40 caalan hojii tola ooltummaa kanarratti akka hirmaatan eeranii, tajaajila Kanaan hojiileen akaakuu 14 adda baafamanii akka hojjetaman ibsaniiru.

Bardheengaddaa naannichatti hojiileen misoomaa birrii miiliyoona 190 olitti tilmaamaman tajaajila tola ooltummaan hojjetamuu adde Ramziyaan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015