Bu’uuraaleen Misoomaa Magaalichatti Ijaaramanii Eebbifaman Dhiheenyatti Tajaajila akka argannu nudandeessisu-- Jiraattota - ENA Afaan Oromoo
Bu’uuraaleen Misoomaa Magaalichatti Ijaaramanii Eebbifaman Dhiheenyatti Tajaajila akka argannu nudandeessisu-- Jiraattota

Adoolessa 05/2017(TOI)- Bu’uuraaleen Misoomaa Magaalaa Adaamaatti Ijaaramanii Eebbifaman Dhiheenyatti Tajaajila Argachuu akka isaan dandeessisu Jiraattonni magaalichaa ibsan.
Naannoon Oromiyaa bara baajataa xumurametti bu’uuraaleen misoomaa ijaarsi isaanii xumurame tajaajilaaf banaa gochaa turuunsaa ni beekama.
Bulchiinsi Magaalaa Adaamaas Bu’uuraalee Misoomaa Fayyadama hunda galeessa jiraattotaa magaalichaa guddisan tajaajilaaf geessiseera.
Jiraattonni magaalichaa Yaadaa isaanii TOI’f kennan akka ibsanitti, bu’uuraaleen misoomaa gidduu kana eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’an, sochii Hawaas-Diinagdee isaanii saffisiisuun jireenya isaanii jijiiruuf kan isaan gargaaru ta’uu dubbataniiru.
Jiraataan Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Boolee Aanaa Gooroo Shariif Ibraahim akka ibsanitti, ammaan dura Manni Barumsaa Idileen Duraa Naannoo isaanii waan hin jirreef Daa’imman Umuriin Isaanii Mana Barumsaa Idileen Duraaf qaqqabe carraa barnootaa dhiheenyatti hin argatan ture.
Mana Barumsaa Idileen Duraa Naannoo isaaniirraa fagaate jiru geessanii barsiisuuf daandii konkolaataan itti baay’atu qaxxaamuruun dirqama waan ta’eef nageenya isaaniif waan sodaataniif mana isaan oolchina turre jedhaniiiru.
Yeroo ammaa Manni Barumsaa Idileen duraa ‘Bu’uura Boruu’’ naannoawa isaaniitti ijaarameefii ibsaniiru.
Manni Barumsaa Ijaaramuunsaa Baasii Geejibaafi rakkoo ture hanbisuurra darbee , mana barumsaa dhiheenyatti argachuu isaanniin carraa daa’immn isaani fuulduraaf haala gaarii kan uumedha jedhaniiru.
Gidduugalli Bashannanaa Bulchiinsa Magaalichaan IjaaramanSammuu keenya hojiin dadhabe bashannansiisuuf haala mijataa uumera ,jechuun jiraataa kutaa magaalaa Danbalaa dargaggoo Iyoob Kindee ibseera.
Bakkeewwan bashannanaa dargaggoonni magaalichaa bakka hin taane ooluurra yeroo isaanii bakka midhaa fi gaariitti dabarsuuf haalla mijataa uumuu ibseera.
Dabalataanis Jiraataan Aanichaa Biroon Obbo Lammii Baallammii gamasaaniin, bakki bashannanaa miidhagee naannoo isaaniitti amma ijaarame kanaan dura bakka balfi itti gatamu ijaaf hin tolle ture jedhaniiru.
Bakkichi Dargaaggootaa fi Manguddooota magaalichaa dabalatee, kan itti bashannanan, kan itti boqotanii fi tajaajiloota adda addaa bakka itti argatan ta’eera jedhaniiru.
Kutaa Magaalaa Danbalaatti Gidduugala Sa’a Aannaanii fi Furdisa Loonii Wanjiitti Fayyadamaa bakka hojii kan ta’an Qonnaan Bulaa Tasfaayee Kaasaa akka jedhanitti, ammaan dura loon ka furdisan mana jireenyaaasaanii keessatti ta’uu ibsaniiru.
Yeroo ammaa Bulchiinsa Magaalichaangidduu gala sa’a aanaanii fi sangaa furdisaa ammayyaa argachuu isaaniif Mootummaa galateeffataniiru.
Sa’a Aannan fooyya’aa kennan gara gidduu galichaatti galchuun haala ammayyaan horsiisuuf karoorfannee gara hojiitti galleera jedhaniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’an tajaajila bu’uuraa dhiheenyatti argachuuf kan isaan dandaeessisu ta’uu jiraattonni Yaada kennaniiru.