Bajanni Bulchiinsa magaalaa Finfinnii bara 2018 Birriin biiliyoona 350 tuqaa 13 ta’uun ragga’e - ENA Afaan Oromoo
Bajanni Bulchiinsa magaalaa Finfinnii bara 2018 Birriin biiliyoona 350 tuqaa 13 ta’uun ragga’e

Adoolessa 05/2017(TOI)-Manni marii bulchiinsa magaalaa Finfinnee bajata bara 2018 birrii biiliyoona 350 tuqaa13 gochuun mirkaneesse.
Manni marii naannichaa walgahii idilee 4ffaa bara hojii waggaa 4ffaa taa’eera.
Sadarkaa itti aanaa Kantiibaatti hoogganaan biiroo faayinaansii Abdulqaadir Reedwaan, wixinee bajataa 2018 bulchiinsa magaalichaa mana mareef bal’inaan dhiheessaniiru.
Birriin biiliyoona 350 tuqaa 13 bara bajataa 2018’f qabamuu kan bardheengaddaan walbira yoo qabamu caalmaa birrii biiliyoona108 ykn dhibbantaa 45 guddachuu ibsaniiru.
Bajata waliigalaarraa baasii idileef birriin biiliyoona 91 tuqaa 8, hojiilee kaappitaalaaf birriin biiliyoona 246 tuqaa 3 kan ramadame yoo ta’u, kan hafe birriin biiliyoona 12 ofeeggannoof qabamuu ibsaniiru.
Bajanni kaappitaalaa akka guddatu kan godhame hojiilee namarratti xiyyeeffatanif, misooma manaaf, misooma magariisaa fi pirejektoota ijoo bulchiinsa magaalichaaf xiyyeeffannoo kennuun waan barbaadameef ta’uu kaasaniiru.
Bajatichi mul’ata magaalattii, pirojektoota hojjetamaa jiranii fi fedhii misooma haaraa, riifoormiiwwan bulchiinsaa karoorfamaniif, hojii tajaajila fooyyessu, hojii tajaajiloota ammayyeessuu hatattamaa fi bu’a qabeessummaan hojjechuuf yaadamee qophaa’uu himaniiru.
Bajata waliigalaarraa birriin biiliyoona 238 ol kan ta’u taaksii, galii mana qopheessaarraa birriin biiliyoona 56 ol, galii taaksii hintaanerraa birriin biiliyoona 46 ol fandii daandiirraa birriin biiliyoon 1tuqaa 8, liqii fi gargaarsa biyya alaarraa birriin biiliyoona 6 tuqaa 98 akka walitti qabamu eeraniiru.
Manni marichaa wixinee bajataarratti mari’atanii sagalee guutuun mirkaneesseera.