Ganna baranaa amma ammaatti lafti heektaarri miiliyoona 7 sanyiin facaafameera-Ministira qonnaa Dr. Girmaa Amantee

Adoolessa 06/2017(TO)- Bara oomishaa 2017/18 qonna gannaatiin amma ammaatti lafti heektaarri miiliyoona 7 sanyiin facaafamuu Ministirri qonnaa Dr.Girmaa Amantee ibsan.

Ministirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee TOI’f akka ibsanitti, birmadummaa nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira.

Waggoottan darban hojii damee qonnaatiin qonna gannaa, Arfaasaa fi akkasumas misooma jallisiitiin hojjetamaniin bu’aan quubsaan galmaa’uusaa yaadachiisaniiru.

Bara kana guutuu biyyaatti lafti heektaara miiliyoona 21 qonna gannaatiin midhaag garagaraa nifacaafamu.

Yeroo ammaa midhaan agadaa kan akka Boqqoolloo facaafamuu eeranii, Xaafii, Qamadii, Garbuu fi haala naannawaarratti hundaa’uun facaafamaa akka jiran dubbataniiru.

Teeknooloojii ammayyaa fayyadamuu fi qonnaan bulaaf hubannoon kennamee waan hojjetameef barana oomisha caalaatu eegama jedhaniiru.

Xaa’oon, sanyyiin filatamaa fi galteewwan garagaraa qonnaan bulaafyeroon akka  qaqqaban taasifamuus dubbataniiru.

Qonni gannaa Itiyoophiyaaf yeroo oomishaa isa guddaa ta’uu ibsanii, oomisha waliigalaa keessaa harki 70 yeroo kana kan oomishamu ta’uu dubbataniiru.

Akka ibsa ministirichaatti,barana lafti heektaara miiliyoona 13 kilaastaraan kan misoomu yoo ta’u, kan bardheengaddaa yeroo walfakkaataa waliin yoo madaalamu guddachuu ibsaniiru.

Qonnaan bulaan kilaastaraan wayita facaasu oomishtummaan caalaa akka dabalu yaadachiisanii, caalaa cimuu akka qabu beeksisaniiru.

Lafti heektaarri miiliyoona 6 mekaanaayizeeshiniin qotamuusaa ibsanii, lafa heektaara miiliyoona 1 kan bardheengaddaa akka caalu eeraniiru.

Damee qonnaa ammayyeessuu fi oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf jijjiiramni guddaan baay’inni qonnaan bulaa teeknooloojii fayyadamuu oolee bulee guddachaa waan dhufeef ta’uu dubbataniiru.

Qonna gannaatiin lafa heektaara miiliyoona 21 facaasuun calla kuntaala miiliyoona 659 caalaa galchuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015