Tajaajilli tola ooltummaa gannaa akkaataa waldeeggarsaa fi walooma caalaatti cimsuun nihojjetama

Adoolessa 05/2017(TOI)- Tajaajilli tola ooltummaa gannaa akkaataa waldeeggarsaa fi walooma caalaatti cimsuun akka hojjetamu hooggantuun waajjira ministira muummee fi ministirri dhimmoota kaaninee Alamtsahaayi Phaawuloos ibsan.

Waajjirri ministira muummee fi dhaabbilee itiwaamamaasaa godina Guraagee aanaa Abashgeeti har’a sagantaa tola ooltummaa gannaa jalqabsiisaniiru.

Hooggantuun waajjira ministira muummee fi ministirri dhimmoota kaaninee Alamtsahaayi Phaawuloos tajaajilli tola ooltummaa gannaa karaa waldeeggarsaa fi walooma caalaatti cmimsuun nihojjetama jedhaniiru.

Tajaajiloonni tola ooltummaa baasii birrii miiliyoona 33 caaluun aanichatti akka hojjetamu dubbataniiru.

Manneen jireenyaa manguddootaa 15 fi  manneen barumsaa sadarkaa tokkoffaa akkasumas barattoota maatiinsaanii harka qalleeyyii kuma 2’f meeshaaleen Barnootaa akka kennamuun hojii tajaajila Kanaan hojjetaman keessaayyu.

Dabalataanis mandarri kooriidarii akka ijaaramuu fi kuduraa fi muduraa misoomsuu dabalatee hawaasa keessumaammoo dargaggoo hirmaachisuun hojiin babal’isaa akka hojjetamu ubsaniiru.

Sagantaa tajaajila tola ooltummaa gannaa godina Guraagee aanaa Abashgeetti eegalamerratti waajjirri ministira muummee fi dhaabbileen itti waamamaasaa akkasumas hooggantoonni olaanoo godina Guraagee fi jiraattonni naannawichaa hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015