Yuunivarsiitiin ittisaa raayyaa ga’oome ijaaruun cinaatti teeknooloojiiwwan loltuumaa uumaa jira-Birgaader jeneraal Kabbadaa Raggaasaa

Adoolessa 05/2017(TOI)- Yuunivarsiitiin ittisaa Itiyoophiyaa raayyaa ga’oome ijaaruun cinaatti teeknooloojiiwwan loltuumaa ammayyaa uumaa akka jiru pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa Birgaader jeneraal Kabbadaa Raggaasaa ibsan.

Yuunivarsiitichi maandisummaa, saayinsii fayyaa, biizinasii, bulchiinsa qabeenyaa fi sagantaalee barnootaa biroon digirii jalqabaa, lammaffaa fi sadaffaan leenjise har’a eebbisiiseera.

Ministirri ittisaa injiinar Ayishaa Mahaammad, ministirri jallisii fi naannawoota gammoojjii Dr. Abrahaam Balaayi, de’eetaan ministira fayyaa fi itti aanaan walitti qabaa boordii Yuunivarsiitichaa Dr. Darajjee Dhugumaa , qondaaltonni ittisaa olaanoon, attaasheewwan loltuu biyyoota garagaraa fi maatii eebbifamtootaa sirna eebbaarratti argamaniiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii ittisaa Itiyoophiyaa Birgaader jeneraal Kabbadaa Raggaasaa, Yuunivarsiitichi dameelee barnootaa garagaraan loltummaan, siviilii fi barattoota biyyoota ollaa leenjisaa jira jedhaniiru.

Yuunivarsiitichi hooggantoota loltuu fi siviilii raawwii ergama raayyaa ittisaa sadarkaa olaanaan gahan horachaa akka jiru ibsaniiru.

 Gama teeknooloojiitiin hojiilee biyya ceesisan hojjechaa akka jiru eeraniiru.

Yuunivarsiitichi karaa maqaa raayyaa madaaluun kan caaseffame yoo ta’u hojii baruu fi barsiisuu cinaatti hojiilee qorannoo fi qu’annoo garagaraa fihojiilee hawaasa fayyadan biroo hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Teeknooloojiiwwan Itiyoophiyaan raayyaa ammayyaa ijaaruuf alaa galchitu biyya keessatti bakka buusuuf hojiilee garagaraa hojjechaa akka jirtu dabalanii ibsaniiru.

Barattoonni beekumsaa fi ogummaa argataniin biyyasaanii ga’oomaan tajaajiluu akka qaban ergaa dabarsaniiru.

Yuunivarsiitiin ittisaa Itiyoophiyaa bara 2025 Afriikaarraa Yunivarsiitiiwwan shan keessaa tokko ta’uuf mul’ata qabatee hojjechaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015