Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Godina Wallaga lixaatti  Ruuzii  facaasaa Gannaa misoome irraa caallan  kuntaala  miiliyoona  5 tuqaa 7 ol  ni eegama
Nov 12, 2025 32
Sadaasa 3/2018(TOI)- Godina Wallaga Lixaatti ruuzii facaasaa gannaa misoomerraa callaan kuntaala miiliyoona 5 tuqaa 7 ol akka eegamu waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Itti gaafatamaan waajjjira Qonnaa Godina Wallagga Lixaa Fayyisaa Hambisaa akka ibsanitti, qonna Gannaan lafti hektaarri kuma 460 kan misoome yoo ta’uu kana keessaa hektaarri kuma 162 ol ruuziin misoomeera. Lafa ruuziin misoomerraa callaan kuntaala miiliyoona 5 fi kuma 740 ol walitti qabama jedhamee akka eegamu ibsaniiru. Mootummaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf innisheetivota qonnaa bocaman keessaa misoomni ruuziin tokko ta’uu kaasuun, misoomichi omishaa fi omishtummaa qonnaan bulaa guddisa jira jedhaniiru. Misooma ruuzii bu’aa qabeessa taassisuuf dhiheessii galtee fi deeggarsi ogeessa qonnaa cimee itti fufuu obbo Fayyisaan dabaluun ibsaniiru. Qonnaan bulaan hojii kunuunsa misooma ruuzii cinaatti qophii misooma jallisii qamadii boneef taassisuuf omisha gannaa dafee bilchaate haala qisaasama hir’isuun akka walitti qabuuf deeggarsa tassiaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru. Qonnaan bultoota misooma ruuziiratti hirmaatan keessaa Obbo Geetahuun Guutataa akka jedhanitti, hubannaa ogeessota Qonnaarraa arganneen hojii misooma ruuziiratti hirmaachuusaanii ibsaniiru. Midhaanicha kilaastaraan misoomsuurra darbee to’annoo Aramaa fi ilbiisotaa waliin gaggeessuun midhaan ruuziirraa callaa kuntaala 40 ol walitti qabuuf karoorsuusaanii ibsaniiru. Ammaan dura misooma bunaarratti qofa daanga’anii turuusaanii fi jireenyisaanii nyaatarra akka hin darbine yaadachuun, hubannaa amma argataniin misooma Ruuzii fi jallisi boneen midhaan adda addaa omishuun galiinsaanii guddachuu dubbataniiru. Qonnaan bulaa biroon Yooseef Mulunaa gamasaaniin, amman dura boqqolloo kan omishan dabalatee misooma ruuzii oomishuun fayyadamummaansaanii guddachaa dhufuu eeraniiru. Innisheetivonni Misooma qonnaa bocamanii hojjetamaa jiran fayyadamummaa dinagdee qonnaan bultootaa mirkaneessaa jiraachuu ibsaniiru. Hojii midhaan ruuzii gannaa cinaatti misooma jallisii boneef hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Malli qonnaa kilaastaraa oomisha keenya guddisaa jira-qonnaan bultoota aanaa Calliyaa
Nov 12, 2025 38
Sadaasa 3/2018 (TOI)-Malli qonnaa kilaastaraa oomisha isaanii dabaluun fayyadama dinagdee isaanii guddisaa akka jiru gqonnaan bultoonni aanaa Calliyaa dubbatan. Hooggantoonni, hojjettoonnii fi qonnaan bultoonni aanichaa Xaafii heektaara 73 irratti Kilaastaraan misoome har’a daawwataniiru. Qonnaan bultoonni TOI’f yaada kennan akka jedhanitti waggoottan darban Xaafii mala qonnaa kilaastaraan facaasuusaaniitiin oomishnisaanii dabaleera. Qonnaan bultoota misooma kanarratti hirmaatan keessaa Taarikuu Xannuu akka jedhanitti, qonni kilaastaraa aanichatti erga eegalamee asitti oomishnisaanii dabaleera. Yeroo ammaa mala qonnaa kilaastaraa fayyadamuun Xaafii misoomsuun oomishtummaasaanii guddisuusaanii eeraniiru. Qonnaan bulaan Girmaa Dichee yaada kennaniin, kilaastaraan gurmaa’anii Xaafii kilaastaraan oomishuu osoo hin eegaliin dura heektaara tokkorraa kuntala 10 qofa argachaa akka turan ibsaniiru. Yeroo ammaa garuu Xaa’oo fo sanyii filatamaatti fayyadamuun gara kuntaala 25tti guddifachuusaanii dubbataniiru. Muuxannoo kanatti gargaaramuun ganna darbe Xaafii kilaastaraan facaasuun oomisha fooyya’aa argachuuf kunuunsaa akka jiran dabalanii dubbataniiru. Bulchaan aanaa Calliyaa obbo Cimdii Raggaasaa akka jedhanitti, aanichatti qonna gannaatiin lafti heektaara kuma 26 fi 616 midhaan garagaraan kan misoome yoo ta’u kana keessaa heektaara kuma 9 fi 636 irra Xaafiin facaafameera. Qonnaan bulaan Xaafii dabalatee midhaan biroo kilaastaraan misoomsuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun faayidaa dinagdeesaanii mirkaneessuuf hojjetamuu dubbataniiru. Daawwannaan kunis misooma Xaafii kilaastaraa jajjabeessuu fi qonnaan bultoonni hojii kana keessa hingalle muuxannoo akka argatan gochuuf kan kaayyeffate ta’uu dubbataniiru.
Qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf Misooma Barsiisotaa fi dhiheessii galteef xiyyeefffanoon kennameera
Nov 12, 2025 69
Sadaasa 3/2018(TOI)-Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuuf Misooma barsiisotaa fi dhiheessii galteef xiyyeeffannoon kennamuu gaggeessitoonni damee Barnootaa ibsan. Yaa’iin Barnootaa biyyooleessaa 34ffaan mata duree “Barnoonni Haqaa qabeessii fi qulqullina qabu hundaaf” jedhuun Yunvarsiitii saayinsii fi teekinooloojii Adaamaatti gaggeeffameera.   Ministeera Barnootaatti hojii raawwachiisaan dhimma Imaammataa Isheetuu Galaayee TOI’f akka ibsanitti, damee Barnootaan hojii riifoormii misoomaa barsiisotaaf, ijaarsa dandeettii Gaggeessitoota barnootaa fi dhaqqabamummaa kitaabaaf xiyyeeffannoon kennameera.   Ministeerichi waggoottan lamaan darban qofa Kitaabota Barnootaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf kaayyeffatan maxxansuun naannooleef rabsuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Riifoormii Damee Barnootaan gaggeessitoonni Misooma Barsiisotaa fi Barnootaa galtee guutuurratti xiyyeeffannoonhojjetamuu eeraniiru. Haala Kanaan baatiiwwan gannaa lamaan darban sagantaa leenjii addaa kennamuu ibsuun kanaanis Barsiisotaa fi hoggantoota barnootaa kuma 1tti dhihaataniif leenjii kennuu hubachiisaniiru. Hirmaattota ya’ichaa kan ta’an keessaa itti aanaa Bulchaa Naannoo Sidaamaa fi itti gaafatmaa Biiroo Barnootaa Naannichaa Bayyanaa Barasaa riifoormii damee Barnootaa milkeessuuf riifoormii biyyoolessaa fi naannoo qindeessuun dhaqqabummaa fi qulqullina mirkaneessuun danda’ameera jedhaniiru. Sosochii Biyyoolessaa Barnootni dhalootaf jedhuun babal’ina barnoota idileen duraa sadarkaa tokkoffaa babal’isuun baadiyaatti mana barnootaa Modalaa Idileen duraa ijaaruu fi Mana Barnootaa idilee sadarkaa 1ffaa haaromsuun daa’immaniif haala mijataa uumuu ibsaniiru. Qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf manneen barnootaa baruu fi barsiisuuf mijataa taassisuurra darbee meeshaalee barnootaa guutuu fi dandeettii barsiisotaa dagaagsuurratti haala cimaan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.   Kana cinaatti sagantaa nyaata barattootaan naannichatti barattoota kuma 40 ol fayyadamoo taassisuu danda’uu dubbataniiru. Hirmaataan ya’ichaa Biroon Itti Aanaa Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawwaa Abbubakar Adosh akka jedhanitti, qulqullinaa fi dhaqqabamummaa Barnootaaf hojiiwwan jijiiramaa eegalaman milkeessuuf qaamolee qooda fudhattootaa hirmaachisuun hojiin fooya’aan hojjetameera.   Qulqullina Barnootaa Eegsisuuf dhiheessii galtee guutuurratti bal’inaan hojjetamuu kaasaniiru. Harcaatii barattootaa hir’isuuf hawaasa hirmaachisuun daa’imman kuma 30 oliif sagantaa nyaata Mana Barnootaa hojiirra ooleera.
Kan mul'ate

Magaalota jiraattotaaf mijataa fi agarsiiftuu badhaadhinaa gochuuf galmi qabame milkaa’aa jira
Nov 11, 2025 149
Sadaasa 2/2018(TOI)- Magaalota Itiyoophiyaa jiraattotaaf mijataa fi agarsiiftuu badhaadhinaa gochuuf galmi qabame milkaa’aa dhufuusaa ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii ibsan. Foramiin magaalotaa 10ffaan Sadaasa 6 amma 10 bara 2018tti naannoo Affaar magaalaa Samaraa Loogiyaatti ni kabajama. Ministirri magaalaa fi misooma bu’uraa Caaltuu Saanii kbaja ayyaanichaa ilaalchisuun gaazexeessotaaf ibsa kennaniiru. Ministirri kun ibsa kennniin foramii magaalotaa 10ffaa irratti magaalonni 150 caalanii fi magaalonni obbolaa biyyoota ollaarraa dhufan akka hirmaatan dubbataniiru. Foramichi mata duree “Guddinni magaalotaa ga’oomuu Itiyoophiyaaf” jedhuun akka kabajamuu fi hojiileen mootummaan magaalota ammayyeessuuf itti jiru irratti mariin fi muuxannoon akka qoodamu ibsaniiru. Magaalonni guddinoota hundaa fi agarsiiftuu badhaadhinaa ta’uusaanii kaasanii, magaalota agarsiiftuu badhaadhinaa gochuuf galmi qabame milkaa’aa dhufuusaa ibsaniiru. Bu’ura misoomaa magaalotaa guutuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu eeranii, kanaaf ammoo misooma kooriidaraa wabeeffataniiru. Misoomni Kooriidaraa magaalota 73 ol keessatti hojjetamaa jiraachuu eeranii, magaalonni jiraataaf mijataa fi galii dabalataa akka argamsiisan mootummaan hojjechaa jira jedhaniiru Karoora misoomaa waggaa kudhaniin wal qabatee hojiin magaalonni hojjechaa jiran ilaalchisee mariin akka gaggeeffamu eeraniiru.
Godina Baaleetti  Omishaa fi  Qulqullina Bunaaf Xiyyeeffannon kennameera
Nov 11, 2025 106
Sadaasa 2/2018(TOI)- Godina Baaleetti omishtummaa bunaa guddisuun Omisha qulqullina qabu gabaa gidu-galeessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse. Godinichi Buna Sanyii fooyya’aa qabu buna bosonaa dabalatee sanyiiwwan bunaa Qorannoo Qonnaraa argaman bal’inaan omishuun gabaa giddu-galeessaaf dhiheessuun ni beekama. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godinichaa obbo Geetaachoo Abbabaa TOI’f akka ibsanitti, godinichatti omishtummaa fi qulqullina bunaa eegsisuun callaa fooyya’aa gabaa giddu-galeessaaf erguuf hojjetamaa jira. Omishtummaa bunaa guddisuuf biqiltuuwwan buna dullooman hektaara kuma 2 fi 500 ol gamashuun biqiltuuwwan haaraan bakka buufamuu ibsaniiru. Qonnaan Bulaan qulqullina bunaa eegsisuuf Buna Diimate qofa akka funaanan, siree shiboorratti yookiin oobdii simmintoorratti akka gogsu hubannan kennamuu ibsaniiru. Godinichatti Aanaawwan Buna Omishanitti Qonnaan bultoonni kuma 26 caalaan Misooma Bunaarratti hirmaachuusaanii kan ibsan immoo waajjirichatti Dursaa Garee Misooma Bunaa fi kuduraalee obbo Wandasan Naggaa ti. Keessumaa omishtummaa dabaluuf hektarra irraa argamaa kan ture kuntaala 9 tuqaa 2 gara 10tti guddisuun bara omishichaatti buna kuntaala kuma 437 omishuun toonii kuma 15 gabaa giddu-galeessaaf dhiheessuuf gara hojii qabatamaatti seenuu dubbataniiru. Misoomicharratti kan bobba’an keessaa qonnaan bultota Aanaa Dalloo Mannaafi Harannaa keessaa Obbo Huseen Abdallaa fi obbo Mhimuud Bakkar yaada kennaniin, misooma bunaarratti leenjiin hojii qabatamaarratti hundaa’ee kenname adeemsa omishaarratti jijiirama gaarii fiduu dubbataniiru. Godina Baaleetti lafti hektaarri kuma 68 ol ta’u Biqiltuuwwan Bunaa kan dhaabbate ta’uu odeffannoon waajjira qonnaa godinichaarraa argame ni mul’isa.
Dhaabbanni bu’ura misoomaa waraanaa, ijaarsa humna namaa fi hidhannoo guuttachuun Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jira
Nov 11, 2025 224
Sadaasa 2/2018(TOI)-Dhaabbanni bu’ura misoomaa waraanaa, ijaarsa humna namaa fi hidhannoo guuttachuun Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jiraachuu ajajaan humna qilleensaa FDRI Itiyoophiyaa Letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan. Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ayyaana hundeeffama humna qilleensaa EDRI waggaa 90ffaa ilaalchisuun ibsa gaazexessummaa kennaniiru. Ayyaana hundeeffamaa kana sababeeffachuun fiigichi km. ilaalchisuunis kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Alamaayyoo Asaffaa, pirezidaantiin federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Komaandar Silashii Sihin fi hoogganaan waajjira federeeshinii atileetiksii Oromiyaa inistiraaktarri intarnaashinaalaa Shimallis Daawit ibsa kennaniiru. Ayyaanni hundeeffama waggaa 90ffaa humna qilleensaa FDRI mata duree “humni qilleensaa Itiyoophiyaa asxaa tokkummaa fi bilisummaa” jedhuun kabajama. Ajajaan olaanaa humna qilleensaa Letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsa kennaniin, humni qilleensaa seenaasaa waggaa 90 keessatti carraa ol ka’uu fi gadi bu’uu keessa darbuusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota addunyaa hunda dura tajaajiloota mootummaa ammayyaa kanneen akka humna qilleensaa, telekomunikeeshinii, baankii fi kkf kennuu kan eegalte biyya guddoo fi durii ta’uushee dubbataniiru. Itiyoophiyaan biyya guddoodha yoo jennu sababa qabna kan jedhan letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa, dhaabbilee maqaa olaanaa qaban Itiyoophiyaan ijaarte keesaa humni qilleensaa EDRI isa tokko ta’uu ibsaniiru. Humni qilleensaa FDRI waggoota 90 dabarse keessatti birmadummaa fi tokkummaa bulchiinsaa haala amansiisaan eegsisuuf hojjechaa turuu ibsaniiru. Daandiin qilleensaa birmadummaa Itiyoophiyaaf aarsaa lubbuu kaffaluun gootota biyya tursa horachuusaa ibsaniiru. Hojiileen birmadummaa biyyaa eeguuf raawwate kabaja ayyaana waggaa 90ffaa irratti agarsiisaaf ni dhihaata jedhaniiru. Humni qilleensaa Itiyoophiyaa humna namaa, bu’ura misoomaa waraanaa fi hidhannoon dandeettiisaa guuttachuun dhaabbanni Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Ayyaanni hundeeffamaa baranaa sadarkaa idil addunyaatti miidhagina akka qabaatu yaadamee akka kabajamu ibsanii, fiigichi km. 10 mata duree “Humna koo guutuun humna qilleensaa Itiyoophiyaaf nan fiiga” jedhuun akka gaggeeffamu dubbataniiru. Fiigichi kun waggaa waggaan dhaabbataa ta’ee akka itti fufu eeruun hundi hirmaachuu akka danda’u eeraniiru. Kana malees ayyaanni hundeeffamaa kun konfiraansii, Egzibiishinii, agarsiisa qilleensaan fi kanneen kana fakkaataniin dammaqee ni kabajama jedhaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Bishoooftuu Alamaayyoo Asaffaa, Itiyoohiyaa dachee lammiileen biyya isaanii gootummaan kabachiisan ta’uu ibsaniiru. Birmadummaa Itiyoophiyaa kabachiisuun immoo Humni qilleensaa FDRI qooda olaanaa fudhata. Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti fiigichi Humna qilleensaa FDRI km. 10 gaggeeffamu guddina Magaalichaaf qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru. Humna qilleensaa FDRI asitti argamuun barbaadamuu fi filatamuu magaalichaa guddiseera jedhaniiru. Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa komaandar Silashii Sihiin fiigichi Humna Qilleensaa km 10 dorgommii Idil-Addunyaa ta’uu ibsaniiru. Dorgommichaan biyyoota ollaa dabalatee Atileetonni idil-Addunyaa akka hirmaatan ibsuun, injifattoota dorgommichaaf birriin walakkaa miiliyoonaa qophaa’eera jedhaniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Guyyichi obbolummaa fi hedduummina haala cimsuun ni kabajama
Nov 10, 2025 307
Sadaasa 1/2018(TOI)- Guyyaan sabaa,sab-lammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa baranaa obbolummaa fi hedduumina caalaatti haala cimsuun akka kabajamu manni marichi beeksise. Guyyaan sabaa, ablammootaa fi uummattoota Itiyopophiyaa 20ffaan mata duree “Walii galtee Dimokiraatawaa Tokkummaa sab-daneesummaaf” jedhuun sadarkaa biyyoolessaatti Sadaasa 29 bara 2018 Qopheessummaa Naannoo Gidduugala Itiyoophiyaan ni kabajama. Itti gaafatamaan waajjira Mana Maree Sab-lammootaa Naannichaa Tashoomaa Lamjaaboo TOI’f akka ibsanitti, guyyichi naannoolee hundatti akka kabajamuu fi sadarka naannootti magaalaa Saajaatti sadaasa 22 bara 2018 sagantaan guduunfaa ni jiraata. Bu’uuruma Kanaan guyyicha sababeeffachuun har’aa eegalee guyyoota walitti fufaa 10’f Idileessuu Barsiisa Heera Mootummaa fi Federaalizimiirratti leenjiin sadarkaa sadarkaan akka kennamu eeraniiru. Dabalataanis arjooma dhiigaa, harka qal’eeyyii deeggaruu fi ijoollee harka qal’eeyyiif meeshaalee barnootaa walitti qabuu dabalatee hojiiwwan tola ooltummaa biroon akka raawwataman eeraniiru. Sadarkaa biyyoolessaatti immoo Magaalaa Walqixxeetti bazaarii fi simpooziyeemiin akka gaggeeffamu eeruun Sadaasa 29 bara 2018 Magaalaa Hosaa’inaatti akka kabajamu ibsaniiru. Keessummoota ayyanicharratti hirmaataniif qophiiwwan tajaajila mijataa kenuu dandeessisan xumaramaa jiraachuus beeksisaniiru. Guyyichi obbolummaa fi hedduummina caalaatti kan dagaagsudha jedhaniiru. Guyyichi kabajamuun Tuurizimii Naannichaa, aadaa, misooma beeksisuu fi hojiiwwan misoomaa caalaatti raawwachuuf kaka’umsa guddaa uumuusaa kaasaniiru.
Ergamaa fi dirqama nuuf kenname ga’umsa olaanaan raawwachuuf qophoofneerra-loltoota eebbifamtoota ajaja bahaa
Nov 10, 2025 265
Sadaasa 01/2018 (TOI)- Ergamaa fi dirqama kennameef ga’umsa olaanaan raawwachuun birmadummaa biyyaafi nageenya ummataa kabachiisuuf qophaa’uusaanii loltoonni ittisaa biyyaatti ajaja bahaa dubbatan. Jiddu galli leenjii ajaja bahaa loltoota ajajichaa koorii garagaraa leenjii gabbisa dandeettii leenji’an eebbisiisuunsaa niyaadatama. Loltoonni eebbifamtoonni TOI waliin gaaffii fi deebii taasisan, ergamaa fi dirqamasaanii kutannoo olaanaan raawwachuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru. Kanneen keessaa loltuu Tamasgeen Baqqalaa biyyaa fi ummata koof jaajala guddaan qaba, kanaaf amanamumaa fi kutannoon tajaajiluun qooda koo nan baha jechuun ibseera. Leenjii arganneen dandeettii cimaa arganneerra kan jedhu loltuu Tamasgeen, dirqama kennamu kamiyyuu amma aarsaa lubbuutti kaffaluuf kutataa fi qophii ta’uusaa beeksiseera. Leenjii Kanaan ga’umsa qaamaa fi tooftaawwan loltummaa dabalatee barumsa saayinsii loltuu garagaraan dandeettiisaa kan cimsee fi leenjii dirqama kennamu ga’umsaan bahachuuf dandeesisu argachuu isaa kan dubbate ammoo loltuu Kaasaayee Tigistuudha. Keessumaa baandaawwan nagaa fi tasgabbii biyyaa fi ummataa boressan, finxaaleyyii fi ergamtoota dhabamsiisuuf qophii ta’uu dubbateera. Leenjichaan dandeettii fi Xin-sammuun akkasumas tooftaa loltummaa Ammayyaa’aa sirnaan arganneerra kan jedhemmoo loltuu Oliyaada Baqqalaati. Gootummaa Abbootii keenyarraa dhaalle gonfachuun nageenyaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa hanga Aarsaa lubbuutti kaffaluun dirqama koo bahuuf qophaa’eera jechuun ibseera. Leenjiftoota giddu-galichaa keessaa Itti Aanaa Ajajaa Dhibbaa Jireenyaa Geetahuun gamasaaniin, loltoonni kun aggaammiiwwan Itiyoophiyaa fi ummatasheerratti aggaamaman kamiyyuu qolachuuf gahumsa agachuu isaanii dubbataniiru. Yeroo fi haala kamiyyuu keesatti dirqama biyyoolessaa kennamuuf gootummaa cimaa fi cichooma kaayyoon raawwachuuf kutannoo Qabaachuu Itti Aanaan Ajajaa dhibbaa Jireenyaan kan mirkaneessan. Itti Aanaan Ajaja, Ajaja Bahaa Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee, leenjitootni miseensota raayyaa yeroo fi bakka kamittuu dirqama itti kennamu deebii gitu kennuuf kandandeessisu qophii fi ejjennoo guutuu kan gabbifatan ta’uu yeroo eebbaa mirkaneessaniiru. Miseensonni raayyaas dandeettii gidduugalichatti argatan fayyadamun ergama Heera Mootummaa fi Dhaabbatummaa gootummaan gonfachuunii fi amala uummattummaa uffachuun bahuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.  
Leenjiin hooggantoota paartii badhaadhinaaf kennamaa ture qajeelfama hojii pirezidaantiin paartichaa fi ministirri muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin xumurame
Nov 9, 2025 446
Onkoloolessa 30/2018(TOI)- Leenjiin hooggantoota paartii badhaadhinaaf kennamaa ture qajeelfama hojii pirezidaantiin paartichaa fi ministirri muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin xumurameera. Itti aanaan pirezidaantii paartichaa fi hoogganaan waajjira muummee paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah akka beeksisanitti, leenjiin hooggantoota olaanoo paartii badhaadhinaaf mata duree”ilaalcha mootummaa ida’amuutiin, tarkaanfannaa sektarootaa” jedhuun mata dureewwan garagaraa irratti Onkoloolessa 19 amma 30tti magaalaa Adaamaa fi Finfinneetti kennamaa ture qajeelfama pirezidaantiin paartii badhaadhinaa Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin har’a milkaa’inaan xumurameera jedhan. Hooggantoonni paartii keenyaa guutuu Itiyoophiyaarraa walitti dhufan 2000 ta’an kan irratti hirmaatanii fi leenjii tokkummaa yaadaa uumuu fi raawwii qabatamaa guddisuuf faayidaa olaanaan irraa argame Kanaan paartiin keenya fakkeenya sab daneessummaa ta’uunsaas qabatamaatti lan iratti calaqqisedha jechuun ibsaniiru. Qindeessitoonni, leenjiftoonni, mariisiftoonni, dhaabbileen nageenyaa, mootummaan naannoo Oromiyaa fi dhaabbileewwan mootummichaa garagaraa, bulchiifni magaalaa Adaamaa, bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi hooggantoonni leenjicharratti hirmaattan hundi leenjichi jalqabamee amma xumuramutti gumaacha taasitaniif maqaa paartii badhaadhinaatiin galata onneerraa madden isiniif galcha jedhaniiru obbo Adam Faaraah ergaa dabarsaniin.  
Ajajni bahaa bakka dirqama itti bobba’etti  ergamasaa Kutannoo fi Gahumsa cimaan bahaa jiru cimsee itti fufeera- Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee
Nov 8, 2025 588
Onkoloolessa 29/2018(TOI)-Ajajni bahaa bakka dirqama itti bobba’etti ergamasaa Kutannoo fi Gahumsa cimaan bahaa jiru cimsee itt fufu Itti Aanaan Ajajaa Ajajichaa Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee ibsan. Ajajichi loltoota giddu-gala leenjiitti leenjii gahumsa ijaarsaa kenneef eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarrtti keessuuma kabajaa ta’uun kan argaman Itti Aanaan Ajaja bahaa Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee akka ibsanitti, ajajichi birmadummaa biyyaa fi nageenya ummataa gahumsaa fi gootummaa cimaan eegsisaa jira. Keessumaa Ajajichi ergamaa fi dirqama yeroo adda addaa itti kenname gahumsa guddaan milkaa’inaa gaarii galmeessisaa jiraachuu dubbataniiru. Finxaaleyyiin fi ergamtootasaanii nageenya hawaasaa booressan barbadeessuun injifannoo boonsaa galmeessuusaa kaasaniiru. Ajajni bahaa dirqamni kennameef gahumsaan, kutaanoo fi gootummaan bahuusaa caalaatti cimsee itti fufuusaa Meje Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee mirkaneessaniiru. Leenjichi miseensi loltuu yeroo fi bakka kamittuu sodaa nageenyaa uumamuuf deebii isa gitu kennuu kan danda’uu fi gahumsaa fi qophii guutuu ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Miseensonni raayyaas beekumsa giddu-galichatti argataniin ergama heera mootummaa fi dhaabbataa gootummaan hidhachuunii fi amala ummatummaa guutamuun bahuu akka qaban hubachiisaniiru. Ajajaan jiddu-gala leenjii ajaja bahaa koloneel Alii sa’iid gamasaaniin, eebbifamtoonni misensota raayyaa kooriiwwan ajajichaa adda addaa keessaa kan bahan ta’uu dubbataniiru. Miseensonni raayyichaa turtiisaanii giddu-galichaan beekumsa loltuu ammayyaa’aa fi ogummaa argataniin dirqama itti kennamu gahumsaan akka bahan kan deeggarudha jedhaniiru. Sirna eebbaa kanarratti Qondaaltonni olaanoon Ajajichaa, komishineeronni poolisii Hararii fi Somaalee fi qondaaltonni biroon akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef argamaniiru.

Hawaasummaa
Qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf Misooma Barsiisotaa fi dhiheessii galteef xiyyeefffanoon kennameera
Nov 12, 2025 69
Sadaasa 3/2018(TOI)-Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuuf Misooma barsiisotaa fi dhiheessii galteef xiyyeeffannoon kennamuu gaggeessitoonni damee Barnootaa ibsan. Yaa’iin Barnootaa biyyooleessaa 34ffaan mata duree “Barnoonni Haqaa qabeessii fi qulqullina qabu hundaaf” jedhuun Yunvarsiitii saayinsii fi teekinooloojii Adaamaatti gaggeeffameera.   Ministeera Barnootaatti hojii raawwachiisaan dhimma Imaammataa Isheetuu Galaayee TOI’f akka ibsanitti, damee Barnootaan hojii riifoormii misoomaa barsiisotaaf, ijaarsa dandeettii Gaggeessitoota barnootaa fi dhaqqabamummaa kitaabaaf xiyyeeffannoon kennameera.   Ministeerichi waggoottan lamaan darban qofa Kitaabota Barnootaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf kaayyeffatan maxxansuun naannooleef rabsuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Riifoormii Damee Barnootaan gaggeessitoonni Misooma Barsiisotaa fi Barnootaa galtee guutuurratti xiyyeeffannoonhojjetamuu eeraniiru. Haala Kanaan baatiiwwan gannaa lamaan darban sagantaa leenjii addaa kennamuu ibsuun kanaanis Barsiisotaa fi hoggantoota barnootaa kuma 1tti dhihaataniif leenjii kennuu hubachiisaniiru. Hirmaattota ya’ichaa kan ta’an keessaa itti aanaa Bulchaa Naannoo Sidaamaa fi itti gaafatmaa Biiroo Barnootaa Naannichaa Bayyanaa Barasaa riifoormii damee Barnootaa milkeessuuf riifoormii biyyoolessaa fi naannoo qindeessuun dhaqqabummaa fi qulqullina mirkaneessuun danda’ameera jedhaniiru. Sosochii Biyyoolessaa Barnootni dhalootaf jedhuun babal’ina barnoota idileen duraa sadarkaa tokkoffaa babal’isuun baadiyaatti mana barnootaa Modalaa Idileen duraa ijaaruu fi Mana Barnootaa idilee sadarkaa 1ffaa haaromsuun daa’immaniif haala mijataa uumuu ibsaniiru. Qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf manneen barnootaa baruu fi barsiisuuf mijataa taassisuurra darbee meeshaalee barnootaa guutuu fi dandeettii barsiisotaa dagaagsuurratti haala cimaan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.   Kana cinaatti sagantaa nyaata barattootaan naannichatti barattoota kuma 40 ol fayyadamoo taassisuu danda’uu dubbataniiru. Hirmaataan ya’ichaa Biroon Itti Aanaa Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawwaa Abbubakar Adosh akka jedhanitti, qulqullinaa fi dhaqqabamummaa Barnootaaf hojiiwwan jijiiramaa eegalaman milkeessuuf qaamolee qooda fudhattootaa hirmaachisuun hojiin fooya’aan hojjetameera.   Qulqullina Barnootaa Eegsisuuf dhiheessii galtee guutuurratti bal’inaan hojjetamuu kaasaniiru. Harcaatii barattootaa hir’isuuf hawaasa hirmaachisuun daa’imman kuma 30 oliif sagantaa nyaata Mana Barnootaa hojiirra ooleera.
Guyyaan nageenya Daandii Afriikaa Magaalaa Finfinneetti Kabajama 
Nov 12, 2025 38
Sadaasa 3/2018(TOI)-Guyyaan Nageenya Daandii Afriikaa sadaasa7 bara 2018 Magaalaa Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adawaatti Kabajama. Guyyaan taatee nageenya Daandii komishinii Gamtaa Afriikaa jalatti kan argaman Inisheetivii nageenya daandii Afriikaa, Ministeera Geejibaa fi loojistiksii FDRI, Nageenya daandii fi Tajaajila fandii daandii fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti komishinii Diinagdee Afriikaatu (ECA) waliin tumsuun qopheesse. Gamtaan Afriikaa A.L.A bara 2012 murtee dabarseen guyyichi waggaa waggaan kan kabajamu yoo ta’u, yaadannoo miidhamtoota balaa Tiraafika Addunyaa waliin kan wal-qabate ta’uusaa hubachiisaniiru. Guyyichi sababa Balaa tiraafikaan lubbuusaanii kan dhabanii fi namoota miidhaman kan yaadatamanii fi sadarkaa Afriikaatti nageenya daandii fi sochii geejibaa fulla’aa mirkaneessuuf biyyoonni kutannoo waloo isaanii kan itti ibsanidha. Afriikaan balaa tirafikaa ardiilee keessummeessan keessaa tokko ta’uushee Gamtaan Afriikaa ibseera. Konkolaachistoota Addunyaa keessaa dhibbantaa 4 gaditti kan argaman Afrikaan du’a dhibbenta 25 Addunyaa akka galmaa’u hubachiisaniiru. Daandiiwwan miidhaman keessaa, konkolaachiftoota saayikilii fi motoraa keessaa hedduunsaanii dargaggoota ta’uu ibsuun, biyyoonni gamtichaa sababa balaa tiraafikaan dhibbantaa lama kan ta’an omishasaanii waggaa (GDP) baasii akka godhan gamtichi beeksiseera. Guyyichi sagantaa nageenya daandii Afriikaa (A.L.A 2021 hanga 2030 kan turudha) hojii deebii qindaa’aa deebisuu fi obbolummaa cimsuuf galma qabachuu dubbataniiru. Guyyaan nageenya daandii miidhamtootni Balaa tiraafikaa kan itti yaadataman yoo ta’u biyyoonni akka A.L.A bara 2030tti du’a balaa tiraafikaa dhibbantaa 50n hir’isuuf waadaa galan haaressuuf kutannoo siyaasasaanii ni ibsu jedhammee eegama. Inisheetiviin Nageenya daandii Afriikaa sirna to’annoo Odeeffannoorratti hundaa’e cimsuu fi biyyoota gamtichaa “safe System” kan jedhame hammattoo nageenya daandii Ammayyaa hojiin beeksisuu akka hoojjetamu gamtichi beeksiseera.
Lammiileen miidhaa godaansaa al-idilee hubatanii gocha kanarraa irraa of qusachuu qabu
Nov 12, 2025 37
Sadaasa 3/2018(TOI)-Godaansa al-idilee ittisuu fi to’achuuf hojiin sadarkaa mootummaatti akkasumas qaamolee deeggartootaa waliin qindaa’uun raawwatu akkuma eegametti ta’ee lammiilee gocha kanarraa of qusachuu akka qaban ibsameera. Ministeera dubartootaa fi dhimma hawaasummaatti dursaan garee ittisa namoota seeraan ala deddeebisuu fi hordoffii fi deeggarsa lammiilee godaansaa deebi’anii Darajjee Taggibaluu, lammiileen godaansa al-idileen biyyoota garagaraa dhaqanii fi rakkoof saaxilaman deebifamaa jiru. Erga biyyatti deebi’anii booda deeggarsa xin-sammuu fi hawaasummaa barbaachisu akka argatan godhamee maatii fi hawaasatti makamuusaanii eeraniiru. Akka naannootti karaa biirolee dubartootaa fi dhimma hawaasummaa fi hojii fi ogummaa leenjii barbaachisu fudhatanii deebi’anii akka damdamatan godhamaa akka jiru mirkaneessaniiru. Gama mootummaatiin deeggarsii fi hordoffiin barbaachisu godhamaa akka jiru ibsanii,dhuunfaasaaniin hojjechuu kan barbaadaniifis maallaqa isaaniitiin hojii dhuunfaasaanii hojjechaa jiraachuu himaniiru. Filmaata hojii biyya keessa jiran ilaluu fi biyya alaa deemuun yoo barbaachises karaa seera qabeessa qofa akka ta’u gorsanii, godaansi seeraan alaa rakkoo hedduu akka geessisu hubachiisaniiru. Itiyoophiyaanota biyyoota addaddaa keessa haala rakkisaa keessa jiran karaa ministeera dhimma alaa biyyatti deebisuun cimee itti fufuu beeksiseera. Waggoota afran darban jiddugaleessa bahaa, Afriikaa fi biyyoota Isiyaa kanneen akka Maayinamaar keessa haala rakkisaa keessa turan namoota kuma 500 caalan biyyatti akka deebi’an gochuu beeksiseera.
Sirni Awwaalchaa Qorataa seenaa fi Barsiisaa Pirofeesar Laaphisoo Ge. Delleboo raawwatame
Nov 11, 2025 132
Sirni Awwaalchaa Qorataa seenaa fi Barsiisaa Pirofeesar Laaphisoo Ge. Delleboo raawwatame Sadaasa 2/2018(TOI)-Sirni Awwaalchaa Qorataa Seenaa beekamaa fi barsiisaa Pirofeesar Laaphisoo Ge.Deleboo Mana Amantaa Pheexiroos wa-phaawuloositti gaggeeffameera. Qondaaltonni Mootummaa olaanoon, Maatii Pirofeesar Laaphisoo Ge.Deleboo fi firootaa fi jallattotnisaanii sirna awwaalchaarratti argamaniiru. Pirofeesar Laaphisoo Ge.Deleboo Bulchiinsa kanbaataa fi Hadiyyaa durii kufaalaa Hafula Habaleetti Caamsaa 12 bara 1930 kandhalatan Barnoota sadarkaa 1ffaa Mana barumsaa mishinii bichoo Hosaa’inaatti, barnoota sadarkaa 2ffaa immoo Mana Barumsaa Atsegalaawudiwoos sadarkaa 2ffaa fi akkaadaamii Baayibiliitti hordofaniiru. Falaasamaa fi seenaan digirii jalqabaa hanga Digirii doktoreetiitti Amerikaatti barataniiru. Dhumarratti Pirofeesarummaaa argatanii, waggaa lamaaf Verjiiniyaatti Yuunvarsiittii yuuniyanitti barsiisaa turaniiru. Bara 1966 fincila Itiyoophiyaa hordofee gara biyyasaaniitti deebi’uun, qorataa seenaa fi barsiisuun biyyasaanii tajaajilaniiru. Qorannoo seenaa Itiyoophiyaa keessatti Ashaaraasaanii kan kaa’an Pirofeesarichi , guddina seenaa Itiyoophiyaatiif kitaaba gumaachan kaa’anii darbaniiru. Kitaabota Seenaa dheeraa ummata fi Mootummaa Itiyoophiyaa, Bu’uura Seenaa Itiyoophiyummaa, qooda galaana diimaa fi Abbay, seenaa gabaabaa ummata Geedi’oo dabalatee Seenaa Itiyoophiyaa hedduurratti kitaabota barreessaniiru. Qorannoowwan tokkummaan sab-damneessuumaa akka dagaaguu deegaran hedduu gaggeesaniiru. Qorataan seenaa Pirofeesar Laaphisoo Ge.Deleboo Maatii kan qabanii fi Abbaa ijoolee dubaraa sadii kan turan yoo ta’u, dhibee isaan mudateen yaalamaa turanii umriisaanii waggaa 87tti du’aan addunyaa kanarraa boqotaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Diinagdee
Godina Wallaga lixaatti  Ruuzii  facaasaa Gannaa misoome irraa caallan  kuntaala  miiliyoona  5 tuqaa 7 ol  ni eegama
Nov 12, 2025 32
Sadaasa 3/2018(TOI)- Godina Wallaga Lixaatti ruuzii facaasaa gannaa misoomerraa callaan kuntaala miiliyoona 5 tuqaa 7 ol akka eegamu waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Itti gaafatamaan waajjjira Qonnaa Godina Wallagga Lixaa Fayyisaa Hambisaa akka ibsanitti, qonna Gannaan lafti hektaarri kuma 460 kan misoome yoo ta’uu kana keessaa hektaarri kuma 162 ol ruuziin misoomeera. Lafa ruuziin misoomerraa callaan kuntaala miiliyoona 5 fi kuma 740 ol walitti qabama jedhamee akka eegamu ibsaniiru. Mootummaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf innisheetivota qonnaa bocaman keessaa misoomni ruuziin tokko ta’uu kaasuun, misoomichi omishaa fi omishtummaa qonnaan bulaa guddisa jira jedhaniiru. Misooma ruuzii bu’aa qabeessa taassisuuf dhiheessii galtee fi deeggarsi ogeessa qonnaa cimee itti fufuu obbo Fayyisaan dabaluun ibsaniiru. Qonnaan bulaan hojii kunuunsa misooma ruuzii cinaatti qophii misooma jallisii qamadii boneef taassisuuf omisha gannaa dafee bilchaate haala qisaasama hir’isuun akka walitti qabuuf deeggarsa tassiaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru. Qonnaan bultoota misooma ruuziiratti hirmaatan keessaa Obbo Geetahuun Guutataa akka jedhanitti, hubannaa ogeessota Qonnaarraa arganneen hojii misooma ruuziiratti hirmaachuusaanii ibsaniiru. Midhaanicha kilaastaraan misoomsuurra darbee to’annoo Aramaa fi ilbiisotaa waliin gaggeessuun midhaan ruuziirraa callaa kuntaala 40 ol walitti qabuuf karoorsuusaanii ibsaniiru. Ammaan dura misooma bunaarratti qofa daanga’anii turuusaanii fi jireenyisaanii nyaatarra akka hin darbine yaadachuun, hubannaa amma argataniin misooma Ruuzii fi jallisi boneen midhaan adda addaa omishuun galiinsaanii guddachuu dubbataniiru. Qonnaan bulaa biroon Yooseef Mulunaa gamasaaniin, amman dura boqqolloo kan omishan dabalatee misooma ruuzii oomishuun fayyadamummaansaanii guddachaa dhufuu eeraniiru. Innisheetivonni Misooma qonnaa bocamanii hojjetamaa jiran fayyadamummaa dinagdee qonnaan bultootaa mirkaneessaa jiraachuu ibsaniiru. Hojii midhaan ruuzii gannaa cinaatti misooma jallisii boneef hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Malli qonnaa kilaastaraa oomisha keenya guddisaa jira-qonnaan bultoota aanaa Calliyaa
Nov 12, 2025 38
Sadaasa 3/2018 (TOI)-Malli qonnaa kilaastaraa oomisha isaanii dabaluun fayyadama dinagdee isaanii guddisaa akka jiru gqonnaan bultoonni aanaa Calliyaa dubbatan. Hooggantoonni, hojjettoonnii fi qonnaan bultoonni aanichaa Xaafii heektaara 73 irratti Kilaastaraan misoome har’a daawwataniiru. Qonnaan bultoonni TOI’f yaada kennan akka jedhanitti waggoottan darban Xaafii mala qonnaa kilaastaraan facaasuusaaniitiin oomishnisaanii dabaleera. Qonnaan bultoota misooma kanarratti hirmaatan keessaa Taarikuu Xannuu akka jedhanitti, qonni kilaastaraa aanichatti erga eegalamee asitti oomishnisaanii dabaleera. Yeroo ammaa mala qonnaa kilaastaraa fayyadamuun Xaafii misoomsuun oomishtummaasaanii guddisuusaanii eeraniiru. Qonnaan bulaan Girmaa Dichee yaada kennaniin, kilaastaraan gurmaa’anii Xaafii kilaastaraan oomishuu osoo hin eegaliin dura heektaara tokkorraa kuntala 10 qofa argachaa akka turan ibsaniiru. Yeroo ammaa garuu Xaa’oo fo sanyii filatamaatti fayyadamuun gara kuntaala 25tti guddifachuusaanii dubbataniiru. Muuxannoo kanatti gargaaramuun ganna darbe Xaafii kilaastaraan facaasuun oomisha fooyya’aa argachuuf kunuunsaa akka jiran dabalanii dubbataniiru. Bulchaan aanaa Calliyaa obbo Cimdii Raggaasaa akka jedhanitti, aanichatti qonna gannaatiin lafti heektaara kuma 26 fi 616 midhaan garagaraan kan misoome yoo ta’u kana keessaa heektaara kuma 9 fi 636 irra Xaafiin facaafameera. Qonnaan bulaan Xaafii dabalatee midhaan biroo kilaastaraan misoomsuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun faayidaa dinagdeesaanii mirkaneessuuf hojjetamuu dubbataniiru. Daawwannaan kunis misooma Xaafii kilaastaraa jajjabeessuu fi qonnaan bultoonni hojii kana keessa hingalle muuxannoo akka argatan gochuuf kan kaayyeffate ta’uu dubbataniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Naannoo somaaleetti lammiileen kuma 340 ol waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa faayidaa  fudhachuuf galmaa’aniiru
Nov 12, 2025 32
Sadaasa 3/2018(TOI)-Naannoo Somaaleetti galmee waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa faayidaa dhaqqabamaa taassisuun lammiileen ijaarsa Dinagdee Dijiitaalaaf qooda mataasaanii akka bahan taassifamaa jiraachuu qindeessaan sagantaa waraqaa eenyummaa biyyoolessaa naannichaa beeksise. Qindeessaan Sagantaa waraqaa eenyummaa biyyoolessaan Riijinii Bahaa Naannoo Jigjigaa Geediyoon Geetachoo TOI’f akka ibsanitti, waraqaa eenyummaa dijiitaalaa faayidaa lammiileen tajaajila hedduu haala si’ateen akka aragatan isaan dandeessisa. Waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa Faayidaan ijaarsa Dinagdee dijiitaalaa Itiyoophiyaan qabatteef qooda murteessaa gumaacha jedhabniiru. Kanaanis naannichatti fayyadamummaa waraqaa eenyummaa dijiitaalaa hawaasa naannichaa mirkaneessuun ijaarsa Dinagdee dijiitaalaan hirmaannaasaanii mirkaneessuuf gurmaa’insootaa fayyadamuun hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru. Godinaalee naannichatti argamananittii fi Aanaalee 66tti manneen Barnootaatti, Yunvarsiitotatti, Baankiiwwanitti, giddu galawwan daldalaatti akkasumas dhaabbilee mootummaa birootti galmeen gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Naanichatti sagantichi erga eegalee Caamsaa bara 2017 irraa eegalee hanga ammaatti namoonni kuma 340 galma’uusaanii eeruun, kana keessaa kuma 180 kan ta’an Aanaalee fi godinaalee magaalaa Jijjigaa ala ta’anitti ta’uu eeraniiru. Naannichatti hanga waxabajjii 2018tti lammiilee miiliyoona 1 tuqaa 8 ol galmeessuuf karoorsuu ibsuun, bara baajatichaa baatii jalqabaa qofa namoonni kuma 160 ol galmaa’uusaanii dubbataniiru. Hawaasichi galmee booda Itiyoo tele koomii fi dhabbilee beekamtii qaban irraa Waraqaa eenyummaa dijiitaala fudhachuun of-eeggannoon fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru.
Teekinooloojiin deeggaramuun Hoj-maata badaa hanbisuuf tattaaffiin taassifamu cimee itti fufa – Ejensicha
Nov 8, 2025 288
Onkoloolessa 29/2018(TOI)-teekinoolojiiwwan haarawaan deeggaramuun hoj-maata badaa hanbisuuf tattaaffiin taassifamu cimee akka ittifufu Magaalaa Finfinneetti Ejensiin Galmeessa ragaalee bu’uura hawaasummaa fi civililii beeksise. Ejensichatti Daarektarri naamusaa fi farra malaammaltummaa Asnaaqechi Muhiyyee TOI’f akka ibsanitti, dhaabbatichi dhimmoota riifoormii guutuu gaggeesse keessaa hoj-maata teekinooloojii babal’isuudha. Bu’uuruma Kanaan tajaajilli kan kennamu siistamaan ta’uu eeruun kunis giddu galeessarra taa’uun tajaajiloota aanaatti kennamaa jiran ilaaluu kan dandeessisudha. Yeroo ammaa teekinooloojiiwwan adda addaa tajaajila kennaa jiran foyya’aa jiraachuu eeruun, yeroo dhihootti gara hojiitti galchuuf qophiin taassifamaa jirachuu beeksisaniiru. Hoj-maata badaa hanbisuuf hojmaanni teekinooloojiin deeggarame bu’a argamsiisaa jira kan jedhan daarektarri kun, fuuldurattis caasaalee hanga Aanaa jiran hojiiwwan teekinoloojii haarawaan deeggaraman itti fufu jedhaniiru. Hoj-maata badaa waliin wal-qabatee bara baajataa 2018 kurmaana jalqabaan ogeeyyii 17 fi abbaa dhimmaa tokkorratti tarkaanfiin adda addaa fudhatamuu fi dhimmisaanii seeraan qabamuu ibsaniiru. Bara baajataa 2015 hanga 2017tti ragaa sobaan tajaajilamuu kan yaalan tajaajilamtoonni 188 fi dursaawwan gareenii fi ogeeyyii hoj-maata cabsan immoo tarkaanfiin seera qabeessi irratti fudhatamuu ibsaniiru. Adeemsa Hoj-maata badaa ittisuu fi to’achuuf keessatti shoorri teekinooloojii olaanaa ta’uu eeruun, gochichi waggaa waggaan hir’achaa dhufuu dubbataniiru. Tajaajilamtoonni ragaa sirrii dhiheessanii tajaajila argachuu akka danda’ani hubachiisuun, Alseerummaan yeroo isaan mudatu bilbila bilisaa 7533n eeruu akka kennan waamicha dhiheessaniiru.
Diree Dawaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa akka argannu nu  taassiseera-  Tajaajilamtoota
Nov 7, 2025 256
Onkoloolessa 28/2018(TOI)-Tajaajilliwiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbisuun tajaajila si’ataa akka argannu nu dandeessiseera jechuun jiraattonni bulchiinsa Diree Dawaa TOI’n dubbise ibsan. Diree Dawaatti tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Ministirri tajaajila Koomunikeeshinii Mootummaa Innaatalam Mallasaa fi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Kadir Juhaar fi hoggantoonni biroon bakka argamanitti Fulbaana 15 bara 2018 ifatti hojii eegaluunsaa ni beekama. Tajaajilichaan boqonnaa jalqabaan dhaabbilee adda addaa kudhan teekinooloojiin deeggaramuun tajaajiloota 28 kan kenna nyoo ta’u, kanaanis maamiltoonni hedduun keessummeeffamaa jiru. Nammonni gidduu gala tajaajilichaatti argaman TOI’f akka ibsanitti, tajajilli wiirtuu tokkoo Masoob deeddeebbii hanbisuun tajaajila si’ataa akka argannu nu dandeessiseera jedhaniiru. Jiraattonni gidduugalichatti tajaajilaman akka ibsanitti, gidduugala hoj-maata dijitaalaan gurmaa’een tajaajila si’ataa fi haqa qabeessa argachuuf nu dandeessiseera jedhaniiru. Tajaajilamtoota keessaa obbo Abbabaa Asaffaa fi Aadde Biraanee waldasillaasee, tajajilichi maallaqaa fi yeroo, kan qusatu akkasumas, deddeebbii kan hanbisu waan ta’eef gammadneerra jedhaniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob hunda caalaa tajaajilamtootaaf hiika guddaa kan qabu waan ta’eef bakkeewwan hundatti otoo babal’ate gaariidha jechuun yaadasaanii kennaniiru. Obbo Adam Aliyyii fi Fandishee Taajuu yaada kennaniin dhaabbilee adda addaa bakkwwaan walirraa fagaatanitti tajaajilli kennamaa turan, wiirtuu tokkotti argachuu keenyaan hojimaata itti gammadnedha jedhaniiru. Hojmaatni akkasii jijjiiramni bu’uuraa kan itti argamu deddeebbii hanbisuun tajaajila si’ataa kennuuf kan dandeessisu waan ta’eef babal’achuu qaba jedhaniiru. Biiroon sivil sarviisii fi qabeenya nama Diree Dawaa gidduugalichatti dhaabbilee dabalataa biroo tajaajila eegalchiisuuf qophii taassisaa jiraachuu beeksiseera.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Gaaffiin Afriikaa Kadhaa miti kan nuyi barbaannu haqa haala qilleensaa fi dhiheessii Faayinaansii haqa qabeessa–Mahaamud Alii Yusuuf
Nov 8, 2025 271
Onkoloolessa 29/2018(TOI )-Afriikaan Kadhaa hin barbaaddu gaaffiin keenya haqa qabeessummaa haala qilleensaa fi dhiheessii faayinaansii haala qilleensaa jiraachuiuu qaba kan jedhudha jechuun Dura taa’aan Komishiniin Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf iGaaffiin Afriikaa Kadhaa miti kan nuyi barbaannu haqa haala qilleensaa fi dhiheessii Faayinaansii haqa qabeessa–Mahaamud Alii Yusuuf bsan. Jijiirama haala Qilleensaaf Qooda xiqqaa kan qaban biyyoonni Afriikaa harqoota miidhaa guddaa baachuu hin qaban jedhaniiru. Yaa’iin jijiirama haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 30ffaan (kop-30) Sadaasa 1 hanga 12 bara 2018tti Biraazil Beelemitti gaggeeffama . Mata dureen yaa’ichaa ijoon “tarkanfii fi hojiirra oolmaan haala qilleensaa” kan jedhudha. Yaa’ii Guddaa kana dura yaa’iin hoggantoota haala qilleensaa Beelem gaggeeffameera. Dura taa’aan Gataa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf yaa’icharratti haasaa taassisaniin Afriikaan gara yaa’ii kop30 tti ejjennoo cimaan dhufuushee ibsuun Ardiittiin bakka buutuu jijiiramaati jechuun dubbataniiru. Bakkeewwan madda Aannisaa aduu irraa hanga abbummaa iniveeshinii magariisaatti kan qabatte Afriikaan yeroon itti Aanu haqa qabeessa, hunda hammataa fi kaarboonii gad-lakkifamu xiqqaa akka ta’u qooda gaggeessummaashee bahaa jiraachuu ibsaniiru. Afriikaan Aannisaa haaromfamaa Addunyaa dhibbantaa 40 qabdu taatus faayinaansiin haala qilleensaa argattu dhibbantaa 12 gadi ta’uu hubachiisaniiru. Nuyi kan gaafanne tola ooltummaa miti kan jedhan dura ta’aan kun, nuyi kan gaafannu haqa qabeessummaa haala qilleensaa, faayinaansii haqa qabeessa, teekinooloojii fi dhaqqabamummaa carraawwanii ti jedhaniiru. Biyyoonni jijiirama haala qilleensaa keessatti qooda xiqqaa gumaachan harqoota guddaa baachuu hin qaban jedhaniiru. Waadaa walii galtee Addunyaa Kop-30 gara jijiiramaatti, saaxilamummaarraa gara ciminaatti cehuu akka qabu ibsuun hojiin jijiirama haala qilleensaa ittisuu yaadama michummaan, haqa qabeessummaanii fi badhaadhina waloon gaggeeffamuu akka qabu hubachiisaniiru. Yeroon Tarkaanfii Furmaata walakkaa qofa fidu fudhachuu dhumeera, amma kan barbaachisu ciminaan kan guutame fi deebii hojii waliiniiti jechuusaanii Oddeeffannoon TOI’n Gamtaa Afriikaarraa argate mul’isa.
Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa Lolaa Ittisuuf taasistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf murteessaadha
Oct 24, 2025 878
Onkoloolessa14/2018(TOI)-Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa qophii Lolaa Ittisuuf taassistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa qabaachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii balaa lolaa Oomoo Gibee fi Sululawwan qinxaamaatti uumamu bu’uurarraa ittisuuf kan dandeessisu qorannoo suluulaa gaggeessuuf (Basin Level Study) dhaabbata Idil-Addunyaa(SWS) waliin sanada walii galtee mallateessaniiru. Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa fi hojii gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo waliigalticha mallatteessaniiru. Ministirrichi Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa wayita kana akka jedhanitti, Lolaan Qonnaa fi midhaan, Bu’uuraalee misoomaa Murteessoorratti, qabeenyawwan biroo fi jireenya namaarratti miidhaa geessisuuf furmaata waaraa fi saayinsaawaa barbaaduu qabna jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuun kallattii xiiyyeeffannoo biyyoolessaa Mootumma ta’uu kaasuun, waggoottan sadan darban bakkeewwan biyyattii adda addaatti balaa lolaa uumaman itttisuuf hojiin bu’aa qabeessi hojjetameera jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuuf Baankii Addunyaa waliin hojiin bal’aan hojjetamuu ibsuun, waliigalteen har’aa qophii Itiyoophiyaan balaa lolaa ittisuu gara Boqonnaa olaanaatti kan ceessisu ta’uu ibsaniiru. Oomoo Gibee fi sulula Qinxaamaatti Sadarkaa Qorannoo suluulaa taassifamu balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa akka qabaatu dubbataniiru. Bal’inni Diizaayinii qorannichaa fi hojiiwwan ijaarsaaf galtee murteessaa kan ta’u yaadota furmaata gadi fagoo saayinsaawaa ta’e akka dhiheessus ibsaniiru. Hojii Gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo gamasaaniin, furmaata balaa lollaa hir’isuuf dandeessisan barbaaduuf cimanii akka hojjetan dubbataniiru. Gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Qorannicha turtii yeroo waggaa tokko keessatti akka xumuru ibsaniiru.
Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuu barbaachisa
Oct 18, 2025 821
Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuua akka barbaachisu ibsame. Torban Sosochii kunuunsa qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti har’a eegalameera. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan kunuunsa biyyoo fi bishaanii waggoottan jijjiiramaa darban naanichatti hojjetaman oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu, ongee fi balaa lolaa qolachuuf gargaaraniiru. Keessumaa hojiin kunuunsa biqiltoota ashaaraa magariisaan dhaabamaniif tasifamu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu fi lafti qullaatti hafe akka bayyanatu, haroowwan, lageen gogan deebi’anii jallisii fi misooma garagaraaf akka oolan haala mijataa uumuu ibsaniiru. Misooma sululaa baatii bonaa ijaaraman biqiltuu ashaaraa magariisaan haguuguun fi kunuunsuun bu’aan argamuus kaasaniiru. Hojii kana fullaasuuf turban sosochii kunuunsa biqiltuu labsuun guyyaa har’aa hooggantoonnii fi hojjettoonni damee qonnaa naannichaa godina Shawaa bahaatti eegalchiisuusaanii eeraniiru. Kunuunsa biqiltuu Kanaan aramuu, qofforuu fi bishaan obaasuun biqiltuuwwan baatii bonaa akka damdamatan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru. Sagantaa jalqabsiisa sosochii irratti kan hirmaatan Kadir Mahaammad yaada kennaniin, biqiltuuwwan waggoottan sadan dhaabaman kunuunsuun akka guddatan gochuusaanii ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun qofti galma waan hintaaneef yeroo yeroon kunuunsuun bu’aaf geessisuu qabna jedhaniiru. Zarfee Maammoo gamasheetiin, dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin adda durummaan kan miidhaman dubartoota waan ta’aniif furmaata kanaaf kan ta’u waggoottan toorba darban biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuurratti hirmaachuusaanii dubbataniru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 15299
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015