Itiyoophiyaa fi Qoophiroos Walta’iinsa daldalaa fi Invastimantii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf ni hojjetu - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Qoophiroos Walta’iinsa daldalaa fi Invastimantii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf ni hojjetu
Caamsaa 4/2018(ENA) - Itiyoophiyaa fi Qoophiroos walta’insa gama daldalaa fi invastimantiin qaban gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf akka hojjetan Itti aanaan Daayirektara Jeneraalaa Dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mulee Taarraqanyi ibsan.
Ambaasaaddar Mulee Taarraqanyii fi Hoogganaan Damee Afrikaa Ministeera Dhimma Alaa Rippaabiliika Qoophiroos Isteeliyoos Maakiriyaanis dameewwan walta’iinsa dippilomaasii biyyoota lamaanii irratti mari’ataniiru.
Yeroo sanatti Ministeera dhimma alaatti, Itti aanaan Daayirektara Jeneraalaa Dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa Ambaasaaddar Mulee Taarraqaanyi marii walta’iinsa biyyoota lamaanii cimsu gaggeessuu isaanii ibsaniiru.
Waltajjichi walta’iinsa dinagdee Itiyoophiyaa fi Qoophiroos gamaggamuun filannoowwan invastimantii haaraa caalaatti cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu dubbataniiru.
Kanaanis, Qoophiroos invastimantii damee Faarmasiyutikaalaa Itiyoophiyaa keessatti qabdu gara dameewwan Biizinasiitti ceessisuun faayidaa olaanaa akka qabu kaasaniiru.
Kunis abbootiin qabeenyaa Qoophiroos carraa filannoowwan Invastimantii misooma dinagdee Itiyoophiyaa bal’aa ta’anitti fayyadamuu isaanii akka babal’isu ibsaniiru.
Walta’iinsa daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaa fi Qoophiroos gidduu jiru caalaatti cimsuuf kutannoon akka hojjetamus mirkaneessaniiru.
Waltajjiin marii biyyoota lamaanii kun dhimmoota gama hedduun walta’insa cimsuu danda’an ajandaawwan kan qabate ta’uu addeessaniiru.
Qoophiroos dinagdee magariisa Itiyoophiyaa ijaaruun dhibbaa jijjiirama qilleensaa hir’isuu keessatti deeggaras akka taasisitu gaafataniiru.
Ministeera Dhimma Alaa Rippabiliika Qoophiroositti hogganaan qajeelcha Afriikaa Isteeliyoos Maakiriiyaniis gama isaaniin, waltajjiin kun walta’iinsa biyyoota lamaanii cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.
Fuuldurattis biyyi isaanii Itiyoophiyaa waliin hariiroo dippilomaasii qabdu guddisuun filannoowwan invastimantii garaagaraa irratti walta’iinsaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu isaanii