Dandeettiin keessoo keenyaa sadarkaa dippilomaasii keenya guddisee, michootaa fi obbolummaa idil-addunyaa gidduutti wal amantaa guddaa uumeera - ENA Afaan Oromoo
Dandeettiin keessoo keenyaa sadarkaa dippilomaasii keenya guddisee, michootaa fi obbolummaa idil-addunyaa gidduutti wal amantaa guddaa uumeera
Caamsaa 5/2018 (ENA): Dandeettiin keessoo keenyaa sadarkaa dippilomaasii keenya guddisee, michootaa fi obbolummaa idil-addunyaa gidduutti wal amantaa guddaa uumeera jedhe Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa.
Ibsi tajaajilichi kenne akka armaan gadiitti dhiyaateera:
Milkaa’inoonni dippiloomaasii Itiyoophiyaa mirkaneessituu birmadummaa biyyaafi dursummaa naannawaa ta’eera.
Keessumaa faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuun milkaa’inoota seena qabeessa ta’an galmeessaa jirti.
Adeemsi tarsiimawaa dandeettii keessoo guddisuunii fi deeggartoota baay’isuu irratti hundaa’e dhagahamummaa biyyattiin waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti qabdu guddisuun sosochiiwwan Ji’oo-Polatiksii keessatti qooda olaanaa akka bahattu taasiseera.
Itiyoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uun ishee madaala biyyoota guddatan gidduutti qabdu eeguun maddeen faayinaansii ishee babal’isuunii fi sadarkaa idil-addunyaatti sagalee murtoo kennuu ishee cimsuun bu’aa argamedha.
Keessumaa biyyoonni gurguddoon Itiyoophiyaa akka biyya tarsiima’aa murteessaa taateetti filachuun, sadarkaa olaanaan dabalaa dhufuun bilchina dippiloomaasii mootummaa fi olaantummaa Ji’oopolatiksii biyyattiin qabdu guddachaa dhufuuf agarsiistuu ta’uudha.
Cichoominniifi dandeettiin marii mootummaa Hidha Guddicha Haaromsaa irratti agarsiise imala dippiloomaasii Itiyoophiyaa gara boqonnaa olaanuutti ceesisuurra darbee mirga uumamaa biyyattiin laga Abbayyaa irratti qabdu qabatamaan kan mirkaneessudha.
Itiyoophiyaan walitti bu’iinsoota Baha Afrikaatti mul’ataniif furmaata barbaaduunii fi walitti hidhamiinsa diinagdee naannawaa hogganuu danda’uun ishee utubaa nageenyaafi tasgabbii naannawichaa ta’uun ishee irra deebiin mirkaneesseera.
Gama biraan mootummaan guddina diinagdee Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf hulaa galaanaa argachuun murteessaadha. Fedhii kana karaa nagaan fi qajeeltoo “ kennuufi fudhachuun” milkeessuuf sosochiin eegalame tarkaanfii ija jabinaafi tooftaan deeggarame dha.
Dhimmi kun ajandaa biyyaalessaa waggootaaf ukkaamfamee ture gara dirreetti baasuun haala tumsa naannawaa cimsuu danda’uun akka hiikamuuf kaka’umsi mootummaan fudhate bilchina imaammataa carraa dhaloota egeree murteessuuti.
Kana cinaattis waltajjiiwwan dippiloomaasii diijitaalaa fayyadamuun odeeffannoowwan sobaa qolachuunii fi milkaa’inoota misoomaa biyya keessaa hawaasa idil-addunyaan gahuun hojiin maqaa gaarii Itiyoophiyaa irra deebiin ijaaruu karaa milkaa’ina qabuun hojjetamaa jira.
Akka waliigalaatti kallattii mootummaan Itiyoophiyaa hordofaa jiru mul’ata ifaa “ Itiyoophiyaa jabduu badhaadhina naannawaaf” jedhu kan qabudha.
Biyyoonni guddatan hariiroo Itiyoophiyaa waliin qaban cimsuuf kan eeyyaman mootummaan qormaatilee keessoofi alaa gahumsaan dandamachuunii fi gahumsi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf qabu deeggartoota idil-addunyaaf wal’amantaa cimaa waan uumeefi dha.
Hojiileen misoomaa riifoormii biyya keessaan hojjetamaa jiran jabina dippiloomaasii ishee waliin walitti ida’amuun Itiyoophiyaa biyya Afrikaa irraa dhageettii qabdu qabdu taasisuu; waltajjii idil-addunyaa irrattis guddummaa ishee mirkaneessuudha.
Itiyoophiyaan har’as biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya birmadummaafi jabinaa ta’uun imala ishee itti fufti.
Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA