Tamsaasa Kallatti:

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa du’aan boqochuu Komishineera Zagayyee Asfaawutiin gadda itti dhaga’ame ibse

Caamsaa 4/2018(ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa du’aan boqochuu Komishineera Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Zagayyee Asfaawutiin gadda guddaa itti dhaga’ame ibseera.

Komishineer Zagayyee Asfaawu itti gaafatamummaa guddaa Komishinii Marii Biyyaalessaa keessatti kennameef ba’achaa kan turan goota biyyaa ta’uu kan ibse manni marichaa, kanaanis hojiin isaanii seenaa keessatti yaadatamaa akka jiraatu addeesseera.

Manni marichaa du’aan boqochuu Komishineer Zagayyee Asfaawutiin gadda itti dhaga’ame ibsuun, maatii, firoottan, michoota isaaniifi hawaasa komishinichaa hundaaf jajjabina hawweera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015