Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen dhaqqabummaa dhaabbilee fayyaa fi dhiyeessii qabeenya mirkaneessuuf hojjetaman cimee itti fufa.

Caamsaa 4/2018 (ENA): Hojiileen dhaqqabummaa dhaabbilee fayyaa fi dhiyeessii qabeenya mirkaneessuuf hojjetaman cimee itti fufa jedhani ministirri ministeera fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa.

Walgahii idilee 20ffaa bara hojii shanaffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irratti Ministirri Ministeera Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa gaaffilee miseensota mana marichaarraa dhiyaateefiis deebii fi ibsa kennaniiru.


Deebii kennaniin, ministeerichi weerara vaayirasiif deebii ariifataa kennuun, keessumaa hojiin vaayirasii Marburgi yeroo gabaabaa keessatti to’achuuf hojjetame jajjabeessaadha jedhani.

Rakkoolee dhaqqabummaa dhaabbilee fayyaa fi harkifannaa ijaarsa dhaabbilee fayyaa naannoo tokko tokkotti jalqabame furuuf ministeerichi maal hojjechaa akka jiru gaafataniiru miseensonni mana marichaa.

Dhiyeessii qorichaafi raabsa odeeffannoo, kuusaa meeshaalee yaalaa fi dhaqqabummaa laabraatoorii ilaalchisees gaaffiin ka’eera.

Gaaffilee miseensonni mana marichaa gaafataniif deebii kennaniin Ministirri Ministeera Fayyaa Dootar Maqda Dhaabaan hojiiwwan damee fayyaatiin hojjetamaa jiran irratti jijjiiramni galmaa’aa jira jedhan.

Manni marichaa yeroo hojii isaa keessatti labsii lafee dugdaa damee fayyaa ta’an raggaasisuu isaa fi dambiiwwan hedduun Mana Maree Ministirootaatiin raggaasifamuu isaanii ibsaniiru.

Bu’uuraaleen misoomaa, ogeeyyiin fi qabeenyi damee fayyaatiif murteessaa ta’uu eeruun, qulqullina, dhaqqabummaa, fi walqixxummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

Jijjiirama waggoota darban keessatti ijaarsi hedduun hojjetamee hawaasni tajaajila fayyaa akka argatu eeruun, akkasumas lakkoofsi dhaabbilee fayyaa dhuunfaa kuma 7 irraa gara kuma 30tti ol guddachuu isaa eeraniiru.

Kunuunsa fayyaa sadarkaa duraa babal’isuu fi qabeenya dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru; Miseensonni mana marichaa qulqullina, walqixxummaa fi dhaqqabummaa tajaajila fayyaa naannoolee kaasanii mirkaneessuuf ciminaan akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa jalatti lammiileen miiliyoona 60 ol tajaajila fayyaa argachuuf galmaa’anii lammiileen miiliyoona 55 ol fayyadamoo ta’uu ibsaniiru.

Hospitaalota keessatti ijaarsa hedduu xumuruu fi bu’uuraalee misoomaa fi qabeenya dhiyeessuuf mootummaan hojjechaa akka ture eeruun, ciminaan hojjechuun itti fufa jedhani.

Kuusaa dawaa fi man kuusaa yaala fayyaa ilaalchisee Tajaajilli Dhiyeessii Qoricha Itiyoophiyaa dameelee 19 fi manneen kuusaa 50 ol keessatti sirna dijitaalaa hojiirra oolchuun hojii isaa dhaqqabamaa taasisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015